1 Iyyoobis akkana jedhee deebise:
2 “Ani waan akkanaa baayʼee dhagaʼeera;
3 Haasaan faayidaa hin qabne kun hin dhumuu?
4 Utuu isin iddoo koo jiraattanii
5 Ani afaan kootiin isin jajjabeessee
6 “Yoo ani dubbadhe dhukkubni koo natti hin wayyaaʼu;
7 Yaa Waaqi, ati dhugumaan na dadhabsiifteerta;
8 Ati na kokotteessite; kunis ragaa natti taʼe;
9 Waaqni dheekkamsa isaatiin rukutee na ciccire;
10 Namoonni natti qoosuuf afaan banatan;
11 Waaqnis dabarsee hamootatti na kenne;
12 Ani nagaan jiraachaan ture; inni garuu na burkuteesse;
13 loltoonni isaa warri xiyyaan lolan na marsu.
14 Inni ammumaa amma na caccabsa;
15 “Ani gogaa kootti uffata gaddaa hodhadheera;
16 Fuulli koo booʼichaan diimateera;
17 Taʼus harki koo yakka tokko illee hin hojjenne;
18 “Yaa lafa, ati dhiiga koo hin dhoksin;
19 Amma iyyuu dhuga baʼaan koo samii irra jira;
20 Michoonni koo na tuffatu;
21 akkuma namni michuu isaatiif kadhatu sana
22 “Waggoota xinnoo booddee,