Números 33

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH

Sair da comparação
NTLH Nova Tradução na Linguagem de Hoje 2000
1 Sadarkaaleen adeemsa saba Israaʼel kan yeroo isaan kutaa kutaadhaan qajeelfama Museetii fi Aroon jalatti biyya Gibxii baʼanii kana.
1 São estas as caminhadas dos israelitas que saíram do Egito, grupo por grupo, debaixo das ordens de Moisés e Arão.
2 Museen ajaja Waaqayyootiin sadarkaalee adeemsa isaanii galmeesse. Adeemsi isaaniis sadarkaa sadarkaadhaan kunoo ti:
2 Moisés ia anotando os nomes dos lugares de onde partiam, de acordo com as ordens de Deus, o Senhor . E são estas as caminhadas conforme os lugares de partida:
3 Israaʼeloonni jiʼa jalqabaa keessa guyyaa kudha shanaffaatti guyyaa Faasiikaatti aanu Raamseedhaa kaʼanii qajeelan. Isaanis utuma warri Gibxii hundi isaan arganuu irree jabaadhaan deeman;
3 O povo de Israel saiu do Egito no dia quinze do primeiro mês do ano, um dia depois da primeira Páscoa . Eles saíram de Ramessés de maneira vitoriosa, e todos os egípcios os viram.
4 yeroo kana warri Gibxi ilmaan hangafa isaanii kanneen Waaqayyo isaan gidduudhaa fixe hunda awwaallachaa turan; waaqota warra Gibxitti Waaqayyo muree tureetii.
4 Os egípcios estavam sepultando os seus primeiros filhos que o Senhor havia matado. Assim, o Senhor mostrou que era mais poderoso do que os deuses do Egito.
5 Israaʼeloonnis Raamseedhaa kaʼanii Sukooti qubatan.
5 Depois de saírem de Ramessés, os israelitas acamparam em Sucote.
6 Sukootii kaʼanii Eetaam ishee qarqara gammoojjiitti argamtu keessa qubatan.
6 Saíram de Sucote e acamparam em Etã, que está na beira do deserto.
7 Eetaamii kaʼanii gara Phii Hahiiroti kan gama baʼa Baʼaal Zefooniitti argamtuutti garagalanii Migdool bira qubatan.
7 Saíram de Etã e voltaram a Pi-Hairote, que fica a leste de Baal-Zefom, e acamparam perto de Migdol.
8 Fiihahiirootii kaʼanii galaana keessa darbanii gammoojjii seenan; isaanis Gammoojjii Eetaamii keessa bultii sadii deemanii Maaraa qubatan.
8 Saíram de Pi-Hairote e passaram pelo meio do mar Vermelho e chegaram ao deserto de Sur. Caminharam três dias no deserto e acamparam em Mara.
9 Maaraadhaa kaʼanii Eelim lafa burqaa kudha lamaa fi muka meexxii torbaatama qabu sana dhaqanii achi qubatan.
9 Dali foram para Elim e acamparam ali. Em Elim havia doze fontes de água e setenta palmeiras.
10 Eelimii kaʼanii Galaana Diimaa cina qubatan.
10 Saíram de Elim e acamparam perto do golfo de Suez.
11 Galaana Diimaadhaa kaʼanii Gammoojjii Siin keessa qubatan.
11 Partiram dali e acamparam no deserto de Sim.
12 Gammoojjii Siiniitii kaʼanii Dofqaa qubatan.
12 Dali foram até Dofca, onde acamparam.
13 Dofqaadhaa kaʼanii Aaluush qubatan.
13 Partiram de Dofca e acamparam em Alus.
14 Aaluushii kaʼanii Refiidiim lafa bishaan namni dhugu hin jirre qubatan.
14 Depois de Alus, acamparam em Refidim. Porém ali não havia água para o povo beber.
15 Refiidiimii kaʼanii Gammoojjii Siinaa keessa qubatan.
15 — ausente —
16 Gammoojjii Siinaatii kaʼanii Qiibrooti Hataabaa qubatan.
16 — ausente —
17 Qiibrooti Hataabaadhaa kaʼanii Haxerooti qubatan.
17 — ausente —
18 Haxerootii kaʼanii Riitmaa qubatan.
18 — ausente —
19 Riitmaadhaa kaʼanii Rimoon Phereez qubatan.
19 — ausente —
20 Rimoon Phereezii kaʼanii Libnaa qubatan.
20 — ausente —
21 Libnaadhaa kaʼanii Riisaa qubatan.
21 — ausente —
22 Riisaadhaa kaʼanii Qehelaataa qubatan.
22 — ausente —
23 Qehelaataadhaa kaʼanii Gaara Shaafer bira qubatan.
23 — ausente —
24 Gaara Shaafer biraa kaʼanii Haraadaa qubatan.
24 — ausente —
25 Haraadaa kaʼanii Maqiheelooti qubatan.
25 — ausente —
26 Maqiheelootii kaʼanii Tahaati qubatan.
26 — ausente —
27 Tahaatii kaʼanii Taaraa qubatan.
27 — ausente —
28 Taaraadhaa kaʼanii Miitiqaa qubatan.
28 — ausente —
29 Miitiqaadhaa kaʼanii Hashmoonaa qubatan.
29 — ausente —
30 Hashmoonaadhaa kaʼanii Mooserooti qubatan.
30 — ausente —
31 Mooserootii kaʼanii Benee Yaaʼakaan qubatan.
31 — ausente —
32 Benee Yaaʼakaanii kaʼanii Hoori Hagidgaad qubatan.
32 — ausente —
33 Hoori Hagidgaadii kaʼanii Yoxbaataa qubatan.
33 — ausente —
34 Yoxbaataadhaa kaʼanii Abroonaa qubatan.
34 — ausente —
35 Abroonaadhaa kaʼanii Eziyoon Geber qubatan.
35 — ausente —
36 Eziyoon Geberii kaʼanii Gammoojjii Siin keessa Qaadesh qubatan.
36 — ausente —
37 Qaadeshii kaʼanii daarii biyya Edoom irra Tulluu Hoori bira qubatan.
37 — ausente —
38 Aroon lubichis ajaja Waaqayyootiin Tulluu Hooriitti ol baʼe; innis erga Israaʼeloonni biyya Gibxiitii baʼanii booddee waggaa afurtamaffaatti guyyaa jalqaba jiʼa shanaffaatti achitti duʼe.
38 Por ordem de Deus, o Senhor , o sacerdote Arão subiu o monte Hor. E morreu ali, no dia primeiro do quinto mês, quarenta anos depois que os israelitas tinham saído do Egito.
39 Aroon yommuu Tulluu Hoori irratti duʼe sana umuriin isaa waggaa dhibba tokkoo fi digdamii sadii ture.
39 Arão tinha cento e vinte e três anos de idade quando morreu.
40 Mootiin Aaraad namichi Kanaʼaan kan Negeeb keessa jiraachaa ture sun akka sabni Israaʼel dhufaa jiru dhagaʼe.
40 Então o rei cananeu de Arade, que morava na região sul da terra de Canaã, soube que os israelitas estavam chegando.
41 Isaanis Tulluu Hooriitii kaʼanii Zalmoonaa qubatan.
41 — ausente —
42 Zalmoonaadhaa kaʼanii Phuunon qubatan.
42 — ausente —
43 Phuunoniidhaa kaʼanii Oobooti qubatan.
43 — ausente —
44 Oobootii kaʼanii daarii Moʼaab irra Iyyee Abaariim qubatan.
44 — ausente —
45 Iyyiimii kaʼanii Diiboongaad qubatan.
45 — ausente —
46 Diiboongaadii kaʼanii Almoon Diiblaatayim qubatan.
46 — ausente —
47 Almoon Diiblaatayimii kaʼanii Neboo tulluuwwan Abaariim bira qubatan.
47 — ausente —
48 Tulluuwwan Abaariimiitii kaʼanii dirreewwan Moʼaab irra, Yordaanos bira, Yerikoo gama qubatan.
48 — ausente —
49 Isaanis dirreewwan Moʼaab kan Yordaanos cina Beet Yashiimootii jalqabee hamma Abeel Shixiimiitti jiru sana irra qubatan.
49 — ausente —
50 Waaqayyos dirreewwan Moʼaab irratti, Yordaanos biratti, Yerikoo gamatti Museedhaan akkana jedhe;
50 Nas planícies de Moabe, junto ao rio Jordão, na altura de Jericó, que ficava no outro lado do rio, o Senhor mandou que Moisés desse
51 “Akkana jedhii saba Israaʼelitti dubbadhu; ‘Isin yommuu Yordaanos ceetanii Kanaʼaanitti galtanitti,
51 aos israelitas as seguintes ordens: — Quando vocês atravessarem o rio Jordão e entrarem na terra de Canaã,
52 jiraattota biyya sanaa of duraa ariʼaa baasaa. Fakkiiwwan isaanii kanneen soofamanii hojjetamanii fi waaqota isaanii kanneen baqfamanii tolfaman hunda barbadeessaa; gaarran sagadaa isaanii hundas diigaa.
52 expulsem todos os moradores daquela terra. Destruam todos os seus ídolos de metal e de pedra e todos os seus lugares de adoração.
53 Sababii ani biyyattii handhuuraa godhee isinii kenneef, biyyattii dhuunfadhaa keessa jiraadhaa.
53 Tomem posse da terra e morem nela porque eu a estou dando a vocês.
54 Biyya sanas maatiiwwan keessaniif dhaala godhaatii ixaadhaan gargari qoodaa; maatii baayʼeedhaaf dhaala guddaa, maatii muraasaaf immoo dhaala xinnaa kennaa. Iddoon ixaadhaan isaanii baʼe kan isaanii taʼa. Isinis akkuma gosoota abbootii keessaniitti dhaalaa.
54 Repartam a terra, por sorteio , entre as tribos e os grupos de famílias. Aos grupos de famílias mais numerosos deem uma parte maior; e aos grupos menos numerosos deem uma parte menor.
55 “ ‘Garuu yoo isin warra biyya sana jiraatan achii baasuu baattan, warri isin akka isaan achi jiraataniif dhiiftan sun akka huuba ija keessaatii fi akka qoraattii cinaacha keessaa isinitti taʼu. Biyya isin keessa jiraattan keessattis isin rakkisu.
55 Porém, se vocês não expulsarem os moradores do país, os que ficarem serão para vocês como espinhos nos seus olhos e como ferrões nas suas costas e trarão problemas para vocês na terra em que vocês morarem.
56 Anis waanan isaan gochuu yaade sana isinitti nan fida.’ ”
56 E farei com vocês tudo o que eu havia pensado fazer com eles.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Números 33, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.