Gênesis 5
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI
1 Kun galmee sanyii Addaam.
1 Este é o registro da descendência de Adão: Quando Deus criou o homem, à semelhança de Deus o fez;
2 Innis dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume; isaan eebbises. Yeroo uumamanis “Nama” jedhee isaan waame.
2 homem e mulher os criou. Quando foram criados, ele os abençoou e os chamou Homem.
3 Addaam waggaa 130 jiraate; innis akka fakkaattii isaatti, akka bifa isaattis ilma dhalchee Seeti jedhee maqaa baaseef.
3 Aos 130 anos, Adão gerou um filho à sua semelhança, conforme a sua imagem; e deu-lhe o nome de Sete.
4 Addaam erga Seeti dhalatee booddee waggaa 800 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
4 Depois que gerou Sete, Adão viveu 800 anos e gerou outros filhos e filhas.
5 Walumatti Addaam waggaa 930 jiraatee duʼe.
5 Viveu ao todo 930 anos e morreu.
6 Seeti waggaa 105 jiraatee Enooshin dhalche.
6 Aos 105 anos, Sete gerou Enos.
7 Erga Enooshin dhalchee booddees Seeti waggaa 807 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
7 Depois que gerou Enos, Sete viveu 807 anos e gerou outros filhos e filhas.
8 Walumatti Seeti waggaa 912 jiraatee duʼe.
8 Viveu ao todo 912 anos e morreu.
9 Enoosh waggaa 90 jiraatee Qeenaanin dhalche.
9 Aos 90 anos, Enos gerou Cainã.
10 Erga Qeenaanin dhalchee booddees Enoosh waggaa 815 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
10 Depois que gerou Cainã, Enos viveu 815 anos e gerou outros filhos e filhas.
11 Walumatti Enoosh waggaa 905 jiraatee duʼe.
11 Viveu ao todo 905 anos e morreu.
12 Qeenaan waggaa 70 jiraatee Mahalaleelin dhalche.
12 Aos 70 anos, Cainã gerou Maalaleel.
13 Erga Mahalaleeliin dhalchee booddee Qeenaan waggaa 840 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
13 Depois que gerou Maalaleel, Cainã viveu 840 anos e gerou outros filhos e filhas.
14 Walumatti Qeenaan waggaa 910 jiraatee duʼe.
14 Viveu ao todo 910 anos e morreu.
15 Mahalaleel waggaa 65 jiraatee Yaaredin dhalche.
15 Aos 65 anos, Maalaleel gerou Jarede.
16 Erga Yaaredin dhalchee booddee Mahalaleel waggaa 830 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
16 Depois que gerou Jarede, Maalaleel viveu 830 anos e gerou outros filhos e filhas.
17 Walumatti Mahalaleel waggaa 895 jiraatee duʼe.
17 Viveu ao todo 895 anos e morreu.
18 Yaared waggaa 162 jiraatee Henookin dhalche.
18 Aos 162 anos, Jarede gerou Enoque.
19 Erga Henookin dhalchee booddee Yaared waggaa 800 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa qaba ture.
19 Depois que gerou Enoque, Jarede viveu 800 anos e gerou outros filhos e filhas.
20 Walumatti Yaared waggaa 962 jiraatee duʼe.
20 Viveu ao todo 962 anos e morreu.
21 Henook waggaa 65 jiraatee Matuuselaa dhalche.
21 Aos 65 anos, Enoque gerou Matusalém.
22 Henook erga Matuuselaa dhalchee booddee waggaa 300 Waaqa wajjin deddeebiʼe; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
22 Depois que gerou Matusalém, Enoque andou com Deus 300 anos e gerou outros filhos e filhas.
23 Walumatti Henook waggaa 365 jiraate.
23 Viveu ao todo 365 anos.
24 Henook Waaqa wajjin deddeebiʼe; waan Waaqni isa fudhateef inni deebiʼee hin argamne.
24 Enoque andou com Deus; e já não foi encontrado, pois Deus o havia arrebatado.
25 Matuuselaan waggaa 187 jiraatee Laamehin dhalche.
25 Aos 187 anos, Matusalém gerou Lameque.
26 Erga Laamehin dhalchee booddee Matuuselaan waggaa 782 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
26 Depois que gerou Lameque, Matusalém viveu 782 anos e gerou outros filhos e filhas.
27 Walumatti Matuuselaan waggaa 969 jiraatee duʼe.
27 Viveu ao todo 969 anos e morreu.
28 Laameh waggaa 182 jiraatee ilma dhalche.
28 Aos 182 anos, Lameque gerou um filho.
29 Innis, “Hojii nu lafa Waaqayyo abaare kana irratti hojjennuu fi dadhabbii harka keenyaa kana keessatti nu jajjabeessa” jechuudhaan maqaa isaa Nohi jedhee moggaase.
29 Deu-lhe o nome de Noé e disse: "Ele nos aliviará do nosso trabalho e do sofrimento de nossas mãos, causados pela terra que o SENHOR amaldiçoou".
30 Laameh erga Nohin dhalchee booddee waggaa 595 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
30 Depois que Noé nasceu, Lameque viveu 595 anos e gerou outros filhos e filhas.
31 Walumatti Laameh 777 jiraatee duʼe.
31 Viveu ao todo 777 anos e morreu.
32 Nohi erga waggaa 500 jiraatee booddee Seem, Haamii fi Yaafetin dhalche.
32 Aos 500 anos, Noé tinha gerado Sem, Cam e Jafé.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Gênesis 5, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.