Zacarias 2
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI
1 Ani ol nan milʼadhe; kunoo, namichi funyoo safaraa harkatti qabate tokko fuula koo dura ture!
1 Olhei em seguida, e vi um homem segurando uma corda de medir.
2 Anis, “Ati garam deemuutti jirta?” jedheen gaafadhe.
2 Eu lhe perguntei: "Aonde você vai? " Ele me respondeu: "Vou medir Jerusalém para saber o seu comprimento e a sua largura".
3 Ergasii ergamaan Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sun kaʼee deeme; ergamaan Waaqayyoo kan biraa isa arguu dhufee
3 Então o anjo que falava comigo retirou-se, e outro anjo foi ao seu encontro
4 akkana jedheen: “Dhaqiitii dargaggeessa sanatti akkana jedhii himi; ‘Yerusaalem sababii baayʼina namaa fi horii ishee keessa jiraataniitiif magaalaa dallaa hin qabne taati.
4 e lhe disse: "Corra e diga àquele jovem: ‘Jerusalém será habitada como uma cidade sem muros por causa dos seus muitos habitantes e rebanhos.
5 Ani mataan koo naannoo isheetti dallaa ibiddaa nan taʼa; ishee keessattis ulfina nan taʼa’ jedha Waaqayyo.
5 E eu mesmo serei para ela um muro de fogo ao seu redor’, declara o Senhor, ‘e dentro dela serei a sua glória’.
6 “Kottaa! Kottaa! Biyya kaabaa sana keessaa baqadhaa” jedha Waaqayyo; “Ani bubbee samii afranitti isin bittinneesseeraatii” jedha Waaqayyo.
6 "Atenção! Atenção! Fujam da terra do norte", declara o Senhor, "porque eu os espalhei aos quatro ventos da terra", diz o Senhor.
7 “Yaa Xiyoon kottu! Ati kan intala Baabilon keessa jiraattu baqadhu!”
7 "Atenção, ó Sião! Escapem, vocês que vivem na cidade da Babilônia!
8 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedhaatii: “Namni si tuqu kam iyyuu argituu ija isaa waan tuquuf, erga Inni Ulfina Qabeessi saboota si saaman sanatti na ergee booddee,
8 Porque assim diz o Senhor dos Exércitos: ‘Ele me enviou para buscar a sua glória entre as nações que saquearam vocês, porque todo o que neles tocar, toca na pupila dos olhos dele’.
9 akka garboonni isaanii isaan saamaniif ani dhugumaan harka koo isaanitti ol nan kaafadha. Ergasii isin akka Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu na erge ni beektu.
9 Certamente levantarei a minha mão contra elas de forma que serão um espólio para os seus servos. Então vocês saberão que foi o Senhor dos Exércitos que me enviou.
10 “Yaa Intala Xiyoon gammadii ililchi. Ani dhufee gidduu kee nan jiraadhaatii” jedha Waaqayyo.
10 "Cante e alegre-se, ó cidade de Sião! Porque venho fazer de você a minha habitação", declara o Senhor.
11 “Bara sana saboonni hedduun gara Waaqayyootti deebiʼanii saba koo taʼu. Ani immoo gidduu kee nan jiraadha; ati akka Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu sitti na erge ni beekta.
11 "Muitas nações se unirão ao Senhor naquele dia e se tornarão meu povo. Então você será a minha habitação e você reconhecerá que o Senhor dos Exércitos me enviou a você.
12 Waaqayyo akkuma qooda isaa kan biyya qulqulluu keessaatti Yihuudaa ni dhaala; Yerusaaleminis deebiʼee ni filata.
12 O Senhor herdará Judá como sua propriedade na terra santa e escolherá de novo Jerusalém.
13 Sababii inni iddoo jireenya isaa qulqulluu sanaa ol kaʼeef, sanyiin namaa hundi fuula Waaqayyoo duratti calʼisaa.”
13 Aquietem-se todos perante o Senhor, porque ele se levantou de sua santa habitação".
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Zacarias 2, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.