Zacarias 1

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI

Sair da comparação
NVI Nova Versão Internacional
1 Bara Daariyoos keessa, jiʼa saddeettaffaa waggaa lammaffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Zakkaariyaas raajicha ilma Berekiyaa, ilma Iddoo dhufe:
1 No oitavo mês do segundo ano do reinado de Dario, a palavra do Senhor veio ao profeta Zacarias, filho de Berequias e neto de Ido:
2 “Waaqayyo akka malee abbootii keessanitti aaree ture.
2 "O Senhor muito se irou contra os seus antepassados.
3 Kanaafuu akkana jedhii sabatti himi; Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Gara kootti deebiʼaa’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu; ‘Anis gara keessanitti nan deebiʼaa’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
3 Por isso diga ao povo: Assim diz o Senhor dos Exércitos: ‘Voltem para mim, e eu me voltarei para vocês’, diz o Senhor dos Exércitos.
4 Isin akka abbootii keessan kanneen raajonni durii, Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, ‘Karaa keessan hamaa fi gochawwan keessan hamaa sana irraa deebiʼaa’ jedha, jedhanii itti lallaban sanaa hin taʼinaa. Isaan garuu hin dhaggeeffatan yookaan na hin qalbeeffatan, jedha Waaqayyo.
4 Não sejam como os seus antepassados aos quais os antigos profetas proclamaram: Assim diz o Senhor dos Exércitos: ‘Deixem os seus caminhos e as suas más obras. Mas eles não me ouviram nem me deram atenção’, declara o Senhor.
5 Abbootiin keessan amma eessa jiru? Raajonnis bara baraan jiraatuu?
5 Onde estão agora os seus antepassados? E os profetas, acaso vivem eles para sempre?
6 Garuu dubbiin koo fi seerri koo kan ani tajaajiltoota koo raajota ajaje sun abbootii keessan irra hin geenyee?
6 Mas as minhas palavras e os meus decretos, que ordenei aos meus servos, os profetas, alcançaram os seus antepassados e os levaram a converter-se e a dizer: ‘O Senhor dos Exércitos fez conosco o que os nossos caminhos e práticas mereciam, conforme prometeu’ ".
7 Bara Daariyoos keessa, waggaa lammaffaatti, bultii afuraffaa jiʼa kudha tokkoffaa, jiʼa Shebaaxi jedhamu keessa dubbiin Waaqayyoo gara Zakkaariyaas raajichaa ilma Berekiyaa, ilma Iddoo dhufe.
7 No dia vigésimo quarto do décimo primeiro mês, o mês de sebate, no segundo ano do reinado de Dario, a palavra do Senhor veio ao profeta Zacarias, filho de Berequias e neto de Ido:
8 Ani halkan keessa mulʼataan namicha farda diimaa yaabbatu tokko fuula koo duratti nan arge! Innis mukkeen kusaayee kanneen laga keessaa gidduu dhaabatee ture. Dugda isaa duubaan fardeen diddiimoo, mammagaallanii fi adaadiitu ture.
8 Durante a noite tive uma visão; apareceu na minha frente um homem montado num cavalo vermelho. Ele estava parado entre as murtas num desfiladeiro. Atrás dele havia cavalos vermelhos, marrons e brancos.
9 Anis, “Yaa gooftaa ko, wantoonni kunneen maali!” jedheen gaafadhe.
9 Então perguntei: Quem são estes, meu senhor? O anjo que estava falando comigo respondeu: "Eu lhe mostrarei quem são".
10 Kana irratti namichi mukkeen kusaayee gidduu dhaabatee jiru sun, “Kunneen warra akka isaan guutummaa lafaa keessa deemaniif Waaqayyo ergee dha” jedhee naa ibse.
10 Então o homem que estava entre as murtas explicou: "São aqueles que o Senhor enviou por toda a terra".
11 Isaanis, “Nu lafa guutuu irra naannofnee akka lafti guutuun boqonnaa fi nagaa qabdu argine” jedhanii ergamaa Waaqayyoo kan mukkeen kusaayee gidduu dhaabate sanatti himan.
11 E eles relataram ao anjo do Senhor que estava entre as murtas: "Percorremos toda a terra e a encontramos em paz e tranqüila".
12 Ergamaan Waaqayyoos, “Yaa Waaqayyo Waan Hunda Dandeessu, ati Yerusaalemii fi magaalaawwan Yihuudaa kanneen waggoota torbaatama itti aarteef hamma yoomiitti hin araaramtu?” jedhe.
12 Então o anjo do Senhor respondeu: "Senhor dos Exércitos, até quando deixarás de ter misericórdia de Jerusalém e das cidades de Judá, com as quais estás indignado há setenta anos? "
13 Waaqayyos dubbii gaarii fi dubbii jajjabeessuun ergamaa Waaqayyoo kan na wajjin dubbachaa ture sanatti dubbate.
13 Então o Senhor respondeu palavras boas e confortadoras ao anjo que falava comigo.
14 Ergasii ergamaan Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sun akkana jedhe; “Dubbii kana labsi: Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Ani Yerusaalemii fi Xiyooniif akka malee nan hinaafa;
14 E o anjo me disse: "Proclame: Assim diz o Senhor dos Exércitos: ‘Eu tenho sido muito zeloso com Jerusalém e Sião,
15 ani garuu saboota waan nagaa qaban of seʼanitti akka malee aareera. Ani xinnuma aareen ture; isaan garuu ittuma fufanii hamaa hojjetan.’
15 mas estou muito irado contra as nações que se sentem seguras. Porque eu estava apenas um pouco irado com meu povo, mas elas aumentaram a dor que ele sofria! ’
16 “Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: ‘Ani araaraan Yerusaalemitti nan deebiʼa; manni koos deebifamee ni ijaarama. Funyoon ittiin safaranis Yerusaalem irra ni diriirfama’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
16 "Por isso, assim diz o Senhor: ‘Estou voltando-me para Jerusalém com misericórdia, e ali o meu templo será reconstruído. A corda de medir será esticada sobre Jerusalém’, declara o Senhor dos Exércitos.
17 “Ammas ittuma fufiitii Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha, jedhii labsi: ‘Magaalaawwan koo deebiʼanii badhaadhummaadhaan ni guutamu; Waaqayyos Xiyoonin ni jajjabeessa; Yerusaalemis ni filata.’ ”
17 "Diga mais: Assim diz o Senhor dos Exércitos: ‘As minhas cidades transbordarão de prosperidade novamente, e o Senhor consolará novamente a Sião e escolherá Jerusalém’ ".
18 Ammas ol nan milʼadhe; kunoo, fuula koo dura gaanfa afurtu ture!
18 Depois eu olhei para o alto, e vi quatro chifres.
19 Anis, “Kun maali?” jedheen ergamaa Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sana gaafadhe.
19 Então perguntei ao anjo que falava comigo: "O que são estes? " Ele me respondeu: "Estes são os chifres que dispersaram Judá, Israel e Jerusalém".
20 Waaqayyos ergasii ogeeyyii hojii harkaa afur na argisiise.
20 Depois o Senhor mostrou-me quatro artesãos.
21 Anis, “Isaan kunneen maal hojjechuuf dhufan?” jedheen gaafadhe.
21 Eu perguntei: "O que eles vêm fazer? " Ele respondeu: "Estes são os chifres que dispersaram Judá a ponto de ninguém sequer conseguir levantar a cabeça, mas os artesãos vieram aterrorizar e quebrar esses chifres das nações que se levantaram contra o povo de Judá para dispersá-lo".

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Zacarias 1, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.