Tiago 3
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARIB
1 Yaa obboloota ko, baayʼeen keessan barsiistota hin taʼinaa; nu warra barsiisnutti murtii cimaan akka muramu ni beektuutii.
1 Meus irmãos, não sejais muitos de vós mestres, sabendo que receberemos um juízo mais severo.
2 Nu hundinuu karaa baayʼeedhaan gufanna. Namni waan dubbatu keessatti hin gufanne kam iyyuu nama hirʼina hin qabnee dha; dhagna isaas guutummaatti toʼachuu dandaʼa.
2 Todos tropeçamos em muitas coisas. Se alguém não tropeça em palavra, esse é homem perfeito, e capaz de refrear também todo o corpo.
3 Fardi akka nuuf ajajamuuf yoo afaan isaa luugamne dhagna isaa guutuu gara barbaanne geessuu dandeenya.
3 Ora, se pomos freios na boca dos cavalos, para que nos obedeçam, então conseguimos dirigir todo o seu corpo.
4 Mee doonii illee ilaalaa! Dooniin yoo akka malee guddaa taʼee bubbee jabaadhaan oofame illee namichi isa oofu batoo xinnoo isheetiin gara barbaadetti geessa.
4 Vede também os navios que, embora tão grandes e levados por impetuosos ventos, com um pequenino leme se voltam para onde quer o impulso do timoneiro.
5 Akkasuma immoo arrabni kutaa dhagnaa xinnoo dha; waan gurguddaadhaan of jaja. Bosonni hammam guddaa taʼu iyyuu qaanqee ibiddaa xinnaadhaan akka gubatu hubadhaa.
5 Assim também a língua é um pequeno membro, e se gaba de grandes coisas. Vede quão grande bosque um tão pequeno fogo incendeia.
6 Arrabni ibidda; kutaawwan dhagnaa keessattis addunyaa hamminaa ti. Inni dhagna guutuu xureessa; adeemsa uumamaattis ibidda qabsiisa; ofii isaatii immoo ibidda gahaannamiitiin gubama.
6 A língua também é um fogo; sim, a língua, qual mundo de iniqüidade, colocada entre os nossos membros, contamina todo o corpo, e inflama o curso da natureza, sendo por sua vez inflamada pelo inferno.
7 Bineensonni gosa hundaa, simbirroonni, uumamawwan lafa irra looʼanii fi galaana keessa jiraatan hundinuu namaan madaqfamu; madaqfamaniirus;
7 Pois toda espécie tanto de feras, como de aves, tanto de répteis como de animais do mar, se doma, e tem sido domada pelo gênero humano,
8 arraba garuu namni tokko iyyuu leenjisuu hin dandaʼu. Arrabni hamaa boqonnaa hin qabnee dha; summii nama ajjeesuunis kan guutamee dha.
8 mas a língua, nenhum homem a pode domar. É um mal irrefreável; está cheia de peçonha mortal.
9 Nu arrabaan Gooftaa fi Abbaa eebbifna; isumaan immoo nama bifa Waaqaatiin uumame abaarra.
9 Com ela bendizemos ao Senhor e Pai, e com ela amaldiçoamos os homens, feitos à semelhança de Deus.
10 Afaanuma tokko keessaa eebbii fi abaarsi baʼa. Yaa obboloota ko, wanni kun akkas taʼuu hin qabu.
10 Da mesma boca procede bênção e maldição. Não convém, meus irmãos, que se faça assim.
11 Bishaan miʼaawaa fi hadhaaʼaan burqaa tokko keessaa ni baʼaa?
11 Porventura a fonte deita da mesma abertura água doce e água amargosa?
12 Yaa obboloota ko, mukni harbuu ija ejersaa naqachuu yookaan wayiniin ija harbuu naqachuu dandaʼaa? Akkasuma immoo burqaan bishaan soogiddaa bishaan miʼaawaa kennuu hin dandaʼu.
12 Meus irmãos, pode acaso uma figueira produzir azeitonas, ou uma videira figos? Nem tampouco pode uma fonte de água salgada dar água doce.
13 Isin keessaa ogeessii fi hubataan eenyu? Kanas inni jireenya isaa gaariidhaan, hojii ogummaa kan gad of qabuudhaan hojjetamuun haa argisiisu.
13 Quem dentre vós é sábio e entendido? Mostre pelo seu bom procedimento as suas obras em mansidão de sabedoria.
14 Isin garuu yoo hinaaffaa hadhaaʼaa fi hawwii ofittummaa garaa keessan keessaa qabaattan of hin jajinaa; dhugaa irrattis soba hin dubbatinaa.
14 Mas, se tendes amargo ciúme e sentimento faccioso em vosso coração, não vos glorieis, nem mintais contra a verdade.
15 Ogummaan kun kan lafaa ti; kan foonii ti; kan hafuura hamaati malee kan samii irraa dhufu miti.
15 Essa não é a sabedoria que vem do alto, mas é terrena, animal e diabólica.
16 Iddoo hinaaffaa fi hawwiin ofittummaa jiru, jeequmsaa fi hojii hamminaa hundumatu jira.
16 Porque onde há ciúme e sentimento faccioso, aí há confusão e toda obra má.
17 Ogummaan samii irraa dhufu garuu duraan dursee qulqulluu dha; akkasumas nagaa qabeessa; garraamii dha; ajajamaa dha; kan araaraa fi ija gaariin guutamee dha; wal caalchisuu fi itti fakkeessuus of keessaa hin qabu.
17 Mas a sabedoria que vem do alto é, primeiramente, pura, depois pacífica, moderada, tratável, cheia de misericórdia e de bons frutos, sem parcialidade, e sem hipocrisia.
18 Iji qajeelummaa warra nagaa buusaniin nagaadhaan facaafama.
18 Ora, o fruto da justiça semeia-se em paz para aqueles que promovem a paz.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Tiago 3, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.