Romanos 5
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARC
1 Kanaafuu amantiidhaan qajeeltota erga taasifamnee nu karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin Waaqa wajjin nagaa qabna.
1 Sendo, pois, justificados pela fé, temos paz com Deus por nosso Senhor Jesus Cristo;
2 Ayyaana amma jabaannee ittiin dhaabannu kanattis karaa isaatiin amantiin galuuf carraa arganneerra. Abdii ulfina Waaqaattis ni gammanna.
2 pelo qual também temos entrada pela fé a esta graça, na qual estamos firmes; e nos gloriamos na esperança da glória de Deus.
3 Kana qofa miti; nu dhiphina keenyattis ni gammanna; akka dhiphinni obsa fidu ni beeknaatii;
3 E não somente isto, mas também nos gloriamos nas tribulações, sabendo que a tribulação produz a paciência;
4 obsi jabaatanii dhaabachuu, jabaatanii dhaabachuun immoo abdii fida.
4 e a paciência, a experiência; e a experiência, a esperança.
5 Jaalalli Waaqaa karaa Hafuura Qulqulluu nuu kennamee sanaatiin garaa keenya keessatti waan dhangalaafameef abdiin nu hin qaanessu.
5 E a esperança não traz confusão, porquanto o amor de Deus está derramado em nosso coração pelo Espírito Santo que nos foi dado.
6 Utuu nu amma illee dadhabdoota taanee jirruu yeroo malutti Kiristoos cubbamootaaf jedhee duʼe.
6 Porque Cristo, estando nós ainda fracos, morreu a seu tempo pelos ímpios.
7 Yoo namni tokko nama gaariif duʼuuf ija jabaachuu dandaʼe iyyuu, namni nama qajeelaaf duʼu akka malee muraasa.
7 Porque apenas alguém morrerá por um justo; pois poderá ser que pelo bom alguém ouse morrer.
8 Garuu utuma nu cubbamoota taanee jirruu Kiristoos nuuf jedhee duʼe; kunis jaalala Waaqni nuuf qabu argisiisa.
8 Mas Deus prova o seu amor para conosco em que Cristo morreu por nós, sendo nós ainda pecadores.
9 Egaa nu amma erga dhiiga isaatiin qajeeltota taasifamnee, akkam karuma isaatiin dheekkamsa Waaqaa jalaa hin baane ree!
9 Logo, muito mais agora, sendo justificados pelo seu sangue, seremos por ele salvos da ira.
10 Nu utuu diinota Waaqaa taanee jirruu erga duʼa ilma isaatiin isatti araaramnee, erga isatti araaramnee booddee immoo hammam caalaa jireenya isaatiin hin fayyinu ree!
10 Porque, se nós, sendo inimigos, fomos reconciliados com Deus pela morte de seu Filho, muito mais, estando já reconciliados, seremos salvos pela sua vida.
11 Kana qofa miti; nu garuu Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isa ittiin amma araara arganne sanaan Waaqatti ni gammanna.
11 E não somente isto, mas também nos gloriamos em Deus por nosso Senhor Jesus Cristo, pelo qual agora alcançamos a reconciliação.
12 Kanaaf akkuma cubbuun karaa nama tokkootiin addunyaa seene, duuti immoo karaa cubbuutiin seene; sababii namni hundinuu cubbuu hojjeteefis duuti nama hundatti dhufe.
12 Pelo que, como por um homem entrou o pecado no mundo, e pelo pecado, a morte, assim também a morte passou a todos os homens, por isso que todos pecaram.
13 Utuu seerri hin kennaminiin dura iyyuu cubbuun addunyaa keessa tureetii; yeroo seerri hin jirretti garuu cubbuun hin lakkaaʼamu.
13 Porque até à lei estava o pecado no mundo, mas o pecado não é imputado não havendo lei.
14 Taʼus duuti bara Addaam irraa jalqabee hamma bara Museetti warra dogoggora akka Addaam hin hojjetin irratti illee moʼee ture; Addaamis Isa dhufuuf jiru sanaaf fakkeenya ture.
14 No entanto, a morte reinou desde Adão até Moisés, até sobre aqueles que não pecaram à semelhança da transgressão de Adão, o qual é a figura daquele que havia de vir.
15 Kennaan tolaa sun garuu akka balleessaa sanaa miti. Erga sababii balleessaa nama tokkootiin namoonni baayʼeen duʼanii, ayyaanni Waaqaatii fi kennaan karaa ayyaana nama tokkootiin jechuunis kennaan karaa Yesuus Kiristoosiitiin dhufe sun immoo hammam caalaa namootaaf haa baayʼatu ree!
15 Mas não é assim o dom gratuito como a ofensa; porque, se, pela ofensa de um, morreram muitos, muito mais a graça de Deus e o dom pela graça, que é de um só homem, Jesus Cristo, abundou sobre muitos.
16 Kennaan Waaqaa miidhaa cubbuun namni tokko hojjete fiduun tokko miti: Murtiin cubbuu tokkichaaf kenname yakkamtummaa fideera; kennaan tolaa kan balleessaa baayʼee irratti kenname garuu qajeelummaa fide.
16 E não foi assim o dom como a ofensa, por um só que pecou; porque o juízo veio de uma só ofensa, na verdade, para condenação, mas o dom gratuito veio de muitas ofensas para justificação.
17 Erga sababii balleessaa nama tokkootiin karaa namicha sanaatiin duuti moʼee, warri ayyaana baayʼatee irraa hafaa taʼee fi kennaa qajeeltota nama taasisu argatan immoo karaa nama tokkoo karaa Yesuus Kiristoosiitiin hammam caalaa jireenyaan hin moʼan ree!
17 Porque, se, pela ofensa de um só, a morte reinou por esse, muito mais os que recebem a abundância da graça e do dom da justiça reinarão em vida por um só, Jesus Cristo.
18 Kanaafuu akkuma balleessaan tokko nama hundatti yakka mursiise, akkasuma immoo hojiin qajeelummaa tokko nama hundaaf qajeelummaa jireenya fidu taʼe.
18 Pois assim como por uma só ofensa veio o juízo sobre todos os homens para condenação, assim também por um só ato de justiça veio a graça sobre todos os homens para justificação de vida.
19 Akkuma ajajamuu diduu nama tokkootiin namoonni baayʼeen cubbamoota taʼan, akkasuma immoo ajajamuu nama tokkootiin namoonni baayʼeen qajeeltota ni taasifamu.
19 Porque, como, pela desobediência de um só homem, muitos foram feitos pecadores, assim, pela obediência de um, muitos serão feitos justos.
20 Seerris akka cubbuun baayʼatuuf dhufe. Lafa cubbuun baayʼatetti garuu ayyaanni akka malee baayʼate;
20 Veio, porém, a lei para que a ofensa abundasse; mas, onde o pecado abundou, superabundou a graça;
21 kunis akkuma cubbuun karaa duʼaatiin moʼe sana ayyaannis karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiitiin akka jireenya bara baraa fiduuf karaa qajeelinaatiin akka moʼuuf.
21 para que, assim como o pecado reinou na morte, também a graça reinasse pela justiça para a vida eterna, por Jesus Cristo, nosso Senhor.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Romanos 5, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.