Romanos 3
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARIB
1 Egaa Yihuudii taʼuun faayidaa maalii qaba? Yookaan buʼaan dhagna qabaa maalii?
1 Que vantagem, pois, tem o judeu? ou qual a utilidade da circuncisão?
2 Karaa hundaanuu buʼaa guddaa qaba! Jalqabatti dubbiin Waaqaa Yihuudootatti imaanaa kenname.
2 Muita, em todo sentido; primeiramente, porque lhe foram confiados os oráculos de Deus.
3 Isaan keessaa tokko tokko yoo hin amanin maal ree? Amantii dhabuun isaanii amanamummaa Waaqaa ni balleessaa?
3 Pois quê? Se alguns foram infiéis, porventura a sua infidelidade anulará a fidelidade de Deus?
4 Gonkumaa hin taʼu! Namoonni hundinuu sobdoota, Waaqni immoo dhugaa qabeessa haa taʼu. Kunis akkuma,
4 De modo nenhum; antes seja Deus verdadeiro, e todo homem mentiroso; como está escrito: Para que sejas justificado em tuas palavras, e venças quando fores julgado.
5 Yoo jalʼinni keenya qajeelina Waaqaa ifa baase garuu maal jenna ree? Waaqni dheekkamsa isaa nutti fiduun isaa qajeelina dhabeetii? Kanas ani akka namaattin dubbadha.
5 E, se a nossa injustiça prova a justiça de Deus, que diremos? Acaso Deus, que castiga com ira, é injusto? {Falo como homem.}
6 Gonkumaa hin taʼu! Utuu akkas taʼee silaa Waaqni akkamitti addunyaatti muruu dandaʼa ree?
6 De modo nenhum; do contrário, como julgará Deus o mundo?
7 Namni tokko, “Yoo soba kootiin dhuga qabeessummaan Waaqaa guddatee ulfinni isaas baayʼate maaliif hamma ammaatti akka cubbamaa tokkootti natti murama ree?” jedhee falma taʼa.
7 Mas, se pela minha mentira abundou mais a verdade de Deus para sua glória, por que sou eu ainda julgado como pecador?
8 Kunis isa namoonni tokko tokko, “Isaan, ‘Akka wanni gaariin dhufuuf hammina haa hojjennu?’ jedhu” jedhanii nurratti odeessisanii dha. Murtiin isaanitti muramus waanuma maluu dha!
8 E por que não dizemos: Façamos o mal para que venha o bem?-como alguns caluniosamente afirmam que dizemos; a condenação dos quais é justa.
9 Egaa maal jenna ree? Nu Yihuudoonni warra kaan caallaa? Gonkumaa akkas miti! Akka Yihuudoonnii fi Giriikonni hundinuu cubbuu jala jiran duraan dursinee mirkaneessineerraatii.
9 Pois quê? Somos melhores do que eles? De maneira nenhuma, pois já demonstramos que, tanto judeus como gregos, todos estão debaixo do pecado;
10 Kunis kan akkana jedhamee barreeffamee dha:
10 como está escrito: Não há justo, nem sequer um.
11 namni hubannaa qabu,
11 Não há quem entenda; não há quem busque a Deus.
12 Hundinuu dogoggoraniiru;
12 Todos se extraviaram; juntamente se fizeram inúteis. Não há quem faça o bem, não há nem um só.
13 “Laagaan isaanii awwaala banamaa dha;
13 A sua garganta é um sepulcro aberto; com as suas línguas tratam enganosamente; peçonha de áspides está debaixo dos seus lábios;
14 “Afaan isaanii abaarsaa fi hadhaaʼummaan guutame.”
14 a sua boca está cheia de maldição e amargura.
15 “Miilli isaanii dhiiga dhangalaasuutti ariifata;
15 Os seus pés são ligeiros para derramar sangue.
16 badiisaa fi gadadootu karaa isaanii irra jira;
16 Nos seus caminhos há destruição e miséria;
17 karaa nagaas hin beekan.”
17 e não conheceram o caminho da paz.
18 “Waaqa sodaachuun ija isaanii dura hin jiru.”
18 Não há temor de Deus diante dos seus olhos.
19 Akka afaan hundi cufamuu fi akka addunyaan hundinuu murtii Waaqaa jala galuuf, wanni seerri jedhu hundinuu akka warra seera jala jiraniif dubbatu ni beekna.
19 Ora, nós sabemos que tudo o que a lei diz, aos que estão debaixo da lei o diz, para que se cale toda boca e todo o mundo fique sujeito ao juízo de Deus;
20 Kanaafis eenyu iyyuu seera eeguudhaan fuula Waaqaa duratti qajeelaa hin taʼu; seeratu cubbuu nu hubachiisaatii.
20 porquanto pelas obras da lei nenhum homem será justificado diante dele; pois o que vem pela lei é o pleno conhecimento do pecado.
21 Amma garuu qajeelummaan Waaqaan kennamu kan seeraan adda taʼe, kan Seerrii fi Raajonni dhugaa baʼaniif mulʼateera.
21 Mas agora, sem lei, tem-se manifestado a justiça de Deus, que é atestada pela lei e pelos profetas;
22 Qajeelummaan Waaqaa kun amantiidhaan warra Yesuus Kiristoositti amanan hundaaf kennama; nama wal caalchisuun hin jiru;
22 isto é, a justiça de Deus pela fé em Jesus Cristo para todos os que crêem; pois não há distinção.
23 sababii hundi isaanii iyyuu cubbuu hojjetaniif isaan ulfina Waaqaa irraa citaniiruutii;
23 Porque todos pecaram e destituídos estão da glória de Deus;
24 isaanis ayyaana Waaqaa isa furama karaa Kiristoos Yesuusiin toluma kennameefiin qajeeltota taasifamaniiru.
24 sendo justificados gratuitamente pela sua graça, mediante a redenção que há em Cristo Jesus,
25 Dhiiga isaatti amantii qabaachuudhaanis akka inni aarsaa araaraa taʼuuf Waaqni isa dhiʼeesse. Waan kana gochuun isaas cubbuu kanaan dura hojjetame utuu hin adabin waan obsaan bira darbeef qajeelina isaa argisiisuuf jedhee ti;
25 ao qual Deus propôs como propiciação, pela fé, no seu sangue, para demonstração da sua justiça por ter ele na sua paciência, deixado de lado os delitos outrora cometidos;
26 Waaqni yeroo ammaa qajeelummaa isaa argisiisuu fi akka nama Yesuusitti amanus qajeelaa taʼuu isaa labsuuf waan kana godhe.
26 para demonstração da sua justiça neste tempo presente, para que ele seja justo e também justificador daquele que tem fé em Jesus.
27 Yoos of tuuluun eessa jira ree? Inni hafeera. Seera kamiin? Seera eeguudhaan moo? Miti; seera amantiitiin malee.
27 Onde está logo a jactância? Foi excluída. Por que lei? Das obras? Não; mas pela lei da fé.
28 Nu akka namni seera eeguudhaan utuu hin taʼin amantiidhaan qajeelaa taasifamu ni amannaatii.
28 concluímos pois que o homem é justificado pela fé sem as obras da lei.
29 Waaqni Waaqa Yihuudootaa qofa moo? Inni Waaqa Namoota Ormaas mitii? Eeyyee, inni Waaqa Namoota Ormaatis;
29 É porventura Deus somente dos judeus? Não é também dos gentios? Também dos gentios, certamente,
30 egaa kan dhagna qabates amantiin, kan dhagna hin qabatinis amantiidhuma sanaan qajeelaa kan taasisu Waaquma tokkicha.
30 se é que Deus é um só, que pela fé há de justificar a circuncisão, e também por meio da fé a incircuncisão.
31 Yoos nu amantii kanaan seera sana cabsinaa ree? Gonkumaa akkas miti! Seericha ni cimsina malee.
31 Anulamos, pois, a lei pela fé? De modo nenhum; antes estabelecemos a lei.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Romanos 3, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.