Romanos 16

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Obboleettii keenya Feebeen tajaajiltuu waldaa kiristaanaa ishee Kanchireʼaa imaanaa isinitti nan kennadha.
1 Recomendo-vos a nossa irmã Febe, que é diaconisa da igreja de Cêncris,
2 Isheen namoota baayʼeef, anaafis gargaarsa guddaa waan taateef akka isin simannaa qulqullootaaf maluun Gooftaadhaan ishee simattanii fi akka gargaarsa isheen isin irraa barbaaddu kam iyyuu isheef gootan isinin kadhadhaa.
2 para que a recebais no Senhor, dum modo digno dos santos, e a ajudeis em qualquer coisa que de vós venha a precisar; porque ela tem ajudado a muitos e também a mim.
3 Phirisqilaa fi Aqiilaa, warra Kiristoos Yesuusiin na wajjin tajaajilanitti nagaa naa himaa.
3 Saudai Prisca e Áquila, meus cooperadores em Cristo Jesus;
4 Isaan naa jedhanii lubbuu isaanii balaaf saaxilan. Utuu ana qofa hin taʼin Waldaaleen Kiristaanaa Namoota Ormaa hundinuus isaan galateeffatu.
4 pela minha vida eles expuseram as suas cabeças. E isso lhes agradeço, não só eu, mas também todas as igrejas dos gentios.
5 Waldaa Kiristaanaa kan mana isaaniitti walitti qabamtuttis nagaa naa himaa.
5 Saudai também a comunidade que se reúne em sua casa. Saudai o meu querido Epêneto, que foi as primícias da Ásia para Cristo.
6 Maariyaam ishee baayʼee isinii dhamaatettis nagaa naa himaa.
6 Saudai Maria, que muito trabalhou por vós.
7 Firoota koo warra na wajjin hidhaman Androoniqoosii fi Yuuniyaanittis nagaa naa himaa. Isaan warra ergamoota keessaa maqaa gaarii qaban kanneen na dura Kiristoositti amananii dha.
7 Saudai Andrônico e Júnias, meus parentes e companheiros de prisão, os quais são muito estimados entre os apóstolos e se tornaram discípulos de Cristo antes de mim.
8 Amphiliyaaxos isa ani Gooftaadhaan jaalladhutti nagaa naa himaa.
8 Saudai Ampliato, amicíssimo meu no Senhor.
9 Urbaanos isa Kiristoosin nu wajjin tajaajiluu fi michuu koo jaallatamaa Isxaakisittis nagaa naa himaa.
9 Saudai Urbano, nosso colaborador em Cristo Jesus, e o meu amigo Estáquis.
10 Apheelees isa Kiristoositti amanamuun isaa qoramee mirkaneeffametti nagaa naa himaa.
10 Saudai Apeles, provado em Cristo. Saudai aqueles que são da casa de Aristóbulo.
11 Fira koo Heroodiyoonaatti, nagaa naa himaa.
11 Saudai Herodião, meu parente. Saudai os que são da família de Narciso, que estão no Senhor.
12 Warra Gooftaatti amananii dhamaʼan Tiriifeenaa fi Tiriifoosaatti nagaa naa himaa.
12 Saudai Trifena e Trifosa, que trabalham para o Senhor. Saudai a estimada Pérside, que muito trabalhou para o Senhor.
13 Ruufoos isa Gooftaadhaan filatamee fi haadha isaa ishee anaafis haadha taatetti nagaa naa himaa.
13 Saudai Rufo, escolhido no Senhor, e sua mãe, que considero como minha.
14 Asinqiriixoositti, Fileegoonitti, Hermeesitti, Phaaxroobaasitti, Hermaasittii fi obboloota isaan wajjin jiranitti nagaa naa himaa.
14 Saudai Asíncrito, Flegonte, Hermes, Pátrobas, Hermas e os irmãos que estão com eles.
15 Filologoonitti, Yuuliyaatti, Neeriyoosittii fi obboleettii isaatti, Olimphaasittii fi qulqulloota isaan wajjin jiran hundattis nagaa naa himaa.
15 Saudai Filólogo e Júlia, Nereu e sua irmã, Olímpio e todos os irmãos que estão com eles.
16 Dhungoo qulqulluudhaan nagaa wal gaafadhaa.
16 Saudai-vos uns aos outros com ósculo santo. Todas as igrejas de Cristo vos saúdam.
17 Yaa obboloota, ani akka isin warra gargar baʼuu uumanii barumsa isin barattaniinis mormuudhaan karaa keessan irra gufuu kaaʼan irraa of eeggattan isin kadhadha. Isaan irraa fagaadhaa.
17 Rogo-vos, irmãos, que desconfieis daqueles que causam divisões e escândalos, apartando-se da doutrina que recebestes. Evitai-os!
18 Namoonni akkasii garaa ofii malee Gooftaa keenya Kiristoosin hin tajaajilaniitii. Isaan afaan toluu fi saaduudhaan qalbii namoota garraamii ni hatu.
18 Esses tais não servem a Cristo nosso Senhor, mas ao próprio ventre. E com palavras adocicadas e linguagem lisonjeira enganam os corações simples.
19 Waaʼeen ajajamuu keessanii nama hundumaa biratti dhagaʼameera; anis isinitti nan gammada; garuu akka isin waan gaariif ogeeyyii, waan hamaaf immoo garraamota taatan nan barbaada.
19 A vossa obediência se tornou notória em toda parte, razão por que eu me alegro a vosso respeito. Mas quero que sejais prudentes no tocante ao bem, e simples no tocante ao mal.
20 Waaqni nagaa dafee Seexana miilla keessan jalatti ni burkuteessa.
20 O Deus da paz em breve não tardará a esmagar Satanás debaixo dos vossos pés. A graça de nosso Senhor Jesus Cristo esteja convosco!
21 Xiimotewos inni na wajjin tajaajilu, akkasumas firoonni koo Luukiyoos, Yaasonii fi Soosiiphaaxroos nagaa isinii dhaamu.
21 Saúdam-vos Timóteo, meu cooperador, Lúcio, Jasão e Sosípatro, meus parentes.
22 Ani Xerxiwoos barreessaan xalayaa kanaa Gooftaadhaan nagaa isinii dhaama.
22 Eu, Tércio, que escrevi esta carta, vos saúdo no Senhor.
23 Gaayoos inni anaa fi waldaa Kiristaanaa guutuu keessumsiisus nagaa isinii dhaama.
23 Saúda-vos Gaio, meu hospedeiro, e de toda a Igreja.
24 Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isin hunda wajjin haa taʼu.]
24 Saúda-vos Erasto, tesoureiro da cidade, e Quarto, nosso irmão.
25 Egaa Waaqni akka wangeela koottii fi lallaba waaʼee Yesuus Kiristoositti, akka mulʼata icciitii bara dheeraaf dhokfamee tureettis jabeessee isin dhaabuu ni dandaʼa;
25 Àquele que é poderoso para vos confirmar, segundo o meu Evangelho, na pregação de Jesus Cristo - conforme a revelação do mistério, guardado em segredo durante séculos,
26 amma garuu akka saboonni hundinuu Waaqatti amananii fi isaaf ajajamaniif icciitiin sun ajaja Waaqa bara baraatiin katabbiiwwan raajotaatiin ifatti baafameera; beeksifameeras.
26 mas agora manifestado por ordem do eterno Deus e, por meio das Escrituras proféticas, dado a conhecer a todas as nações, a fim de levá-las à obediência da fé - ,
27 Waaqa kophaa isaa ogeessa taʼe sanaaf karaa Yesuus Kiristoosiin ulfinni bara baraan haa taʼu! Ameen.
27 a Deus, único, sábio, por Jesus Cristo, glória por toda a eternidade! Amém.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Romanos 16, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.