Romanos 15

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs BKJ

Sair da comparação
1 Nu warri jajjaboo taane, dadhabbii warra dadhaboo baachuu qabna malee ofuma gammachiisuu hin qabnu.
1 Assim que nós, os fortes, devemos suportar as fraquezas dos fracos e não agradar a nós mesmos.
2 Tokkoon tokkoon keenya ollaa keenya ijaaruuf, akka isatti toluuf waan isa gammachiisu gochuu qabna.
2 Cada um de nós agrade ao seu próximo para o seu bem e edificação.
3 Kiristoos iyyuu ofii isaa hin gammachiifneetii; kun garuu akkuma, “Arrabsoon warra si arrabsanii narra gaʼeera” jedhamee barreeffamee dha.
3 Porque também Cristo não agradou a si mesmo, mas, como está escrito: Os insultos dos que te insultavam caíram sobre mim.
4 Nu akka obsaa fi jajjabina Katabbiiwwan Qulqulluun kennaniin abdii qabaannuuf wanti duraan barreeffame hundi barumsa keenyaaf barreeffameetii.
4 Porque todas as coisas que foram escritas anteriormente, para nosso ensino foram escritas, para que, pela paciência e consolação das escrituras, tenhamos esperança.
5 Waaqni obsaa fi jajjabina namaa kennu sun akka isin yaaduma Kiristoos Yesuus qabaate sana walii qabaattan isin haa gargaaru.
5 Ora, o Deus da paciência e da consolação vos conceda o mesmo sentimento uns para com os outros, segundo Jesus Cristo.
6 Kunis akka isin yaada tokkoo fi afaan tokkoon Waaqaaf, Abbaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiif ulfina kennitaniif.
6 Para que, com uma só mente e uma só boca, glorifiqueis ao Deus e Pai de nosso Senhor Jesus Cristo.
7 Kanaaf akkuma Kiristoos ulfina Waaqaatiif jedhee isin simatetti isinis wal simadhaa.
7 Portanto, recebei-vos uns aos outros, como também Cristo nos recebeu para glória de Deus.
8 Kiristoos dhugaa Waaqaatiif jedhee waadaa abbootiif kenname mirkaneessuuf akka tajaajilaa warra dhagna qabatanii taʼe ani isinittin himaatii;
8 Porque eu vos digo que Jesus Cristo foi ministro da circuncisão, por causa da verdade de Deus, para que confirmasse as promessas feitas aos pais.
9 kunis akka Namoonni Ormaa sababii araara isaatiif Waaqa ulfeessaniif. Innis akkuma,
9 E para que os gentios glorifiquem a Deus por sua misericórdia, como está escrito: Por isto, eu te confessarei entre os gentios e cantarei ao teu nome.
10 Amma illee,
10 E outra vez ele diz: Alegrai-vos, gentios, com seu povo.
11 Amma illee,
11 E outra vez: Louvai ao Senhor, todos os gentios, e exaltai-o todos os povos.
12 Akkasumas Isaayyaas,
12 E outra vez diz Isaías: Haverá uma raiz em Jessé, e aquele que se levantar para reger os gentios; nele os gentios confiarão.
13 Isinis akka humna Hafuura Qulqulluutiin abdiitti akka malee guddattaniif, Waaqni abdii sun isa amanachuu keessaniin gammachuu fi nagaa hundumaan isin haa guutu.
13 Ora, o Deus de esperança vos encha de toda a alegria e paz em crer, para que abundeis em esperança por meio do poder do Espírito Santo.
14 Yaa obboloota ko, isin ofii keessanii akka gaarummaadhaan guutuu taatan, akka beekumsaan guutamtanii fi akka wal gorsuu dandeessan ani iyyuu hubadheera.
14 E eu mesmo, meus irmãos, tenho sido convencido a respeito de vós, de que também vós estais cheios de bondade, cheios de todo o conhecimento, capazes também para admoestar-vos uns aos outros.
15 Ani sababii ayyaana Waaqni naaf kenneetiif waan tokko tokko isin yaadachiisuuf jedhee ija jabinaan isinii barreesseera;
15 Porém, irmãos, eu vos escrevi em alguns pontos ousadamente, para lembrá-los, por meio da graça que me foi dada por Deus,
16 kunis akka Namoonni Ormaa Hafuura Qulqulluun Qulqulleeffamanii fuula Waaqaa duratti aarsaa fudhatama qabu taʼanii fi akka ani lubummaa wangeela Waaqaa lallabuutiin Namoota Ormaatiif tajaajilaa Kiristoos Yesuus taʼuuf.
16 que eu seja ministro de Jesus Cristo aos gentios, ministrando o evangelho de Deus, para que a oferta dos gentios seja aceitável, santificada pelo Espírito Santo.
17 Kanaafuu ani Waaqa tajaajiluu kootiin Kiristoos Yesuusiin nan boona.
17 Por isso, eu tenho que me gloriar em Jesus Cristo, nas coisas pertencentes a Deus.
18 Ani waan Kiristoos waan ani jedhee fi hojjedheen akka Namoonni Ormaa Waaqaaf ajajaman gochuudhaan karaa kootiin raawwateen alatti homaa dubbachuuf ija hin jabaadhu;
18 Porque eu não ousaria falar alguma coisa que Cristo não tenha feito por mim, para fazer dos gentios obedientes, por palavras e por obras,
19 kunis humna mallattoo fi dinqiitiin, humna Hafuura Qulqulluutiinis raawwatame. Kanaafuu ani Yerusaalemii jalqabee naannaʼuun hamma Ilwaariqoonitti guutummaatti wangeela Kiristoos lallabeera.
19 pelo poder dos sinais e maravilhas, através do poder do Espírito de Deus; de maneira que, desde Jerusalém e arredores até o Ilírico, eu tenho pregado plenamente o evangelho de Cristo.
20 Ani akka hundee namni biraa buuse irratti hin ijaarreef lafa Kiristoos itti hin beekaminitti wangeela lallabuuf yeroo hunda tattaaffadheera.
20 E desta maneira me esforcei para pregar o evangelho, não onde Cristo houvera sido nomeado, para não edificar sobre fundamento de outro homem,
21 Kunis isa,
21 antes, como está escrito: Aqueles a quem ele não foi anunciado o verão, e os que não ouviram o entenderão.
22 Anis kan yeroo baayʼee gara keessan dhufuu dhowwameef kanuma.
22 Razão pela qual também muitas vezes tenho sido impedido de ir até vós.
23 Amma garuu naannoowwan kanneenitti iddoon itti hojjedhu waan hin jirree fi anis waan isin arguuf waggaa baayʼee hawwaa tureef,
23 Mas agora, não tendo mais lugar nestas regiões, e tendo um grande desejo, há muitos anos, de chegar até vós,
24 yeroo Isphaaniyaa dhaqu isinitti goruu nan yaada. Anis yeroo achi irra darbu erga isin argee xinnoo isin wajjin gammadee booddee akka imala koo irratti na gargaartan nan abdadha.
24 quando eu viajar para a Espanha, irei até vós. Porque eu espero ver-vos na minha viagem, e para lá ser conduzido por vós pelo caminho, após ter primeiro desfrutado um pouco da vossa companhia.
25 Amma garuu ani qulqulloota tajaajiluuf Yerusaalem dhaquuttin jira.
25 Mas agora eu vou para Jerusalém para ministrar aos santos.
26 Warri Maqedooniyaatii fi Akaayaa qulqulloota Yerusaalem jiraatan keessaa kanneen hiyyeeyyii taʼaniif buusii gochuutti gammadaniiruutii.
26 Porque agradou aos da Macedônia e Acaia fazerem uma certa contribuição para os pobres dentre os santos que estão em Jerusalém.
27 Isaan waan kana gochuuf ni gammadan; dhugumaanuu waan kana isaaniif gochuun dirqama isaanii ti. Namoonni Ormaa erga eebba hafuuraa Yihuudoota irraa qooddatanii, eebba isaanii kan foonii immoo Yihuudootaaf qooduun dirqama isaanii ti.
27 Isto lhes agradou de fato, e eles são seus devedores. Porque, se os gentios foram feitos participantes das suas coisas espirituais, também é seu dever ministrar-lhes as coisas carnais.
28 Kanaaf ani ergan waan kana raawwadhee, akka isaan buusii kana fudhatan mirkaneeffadhee booddee goree isin ilaalee Isphaaniyaa nan dhaqa.
28 Portanto, quando eu tiver completado isto, e lhes tiver selado este fruto, passando por vós, irei para a Espanha.
29 Ani yommuu gara keessan dhufu akka eebba Kiristoosiin guutamee dhufu nan beeka.
29 E sei que quando eu for até vós, chegarei com a plenitude da bênção do evangelho de Cristo.
30 Yaa obboloota, akka isin kadhannaa Waaqa kadhattan keessatti naaf kadhachuudhaan na wajjin dhamaatan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin, jaalala Hafuura Qulqulluutiinis isinin kadhadha.
30 E agora eu suplico-vos, irmãos, por nosso Senhor Jesus Cristo e pelo amor do Espírito, que luteis juntos comigo nas vossas orações a Deus por mim,
31 Akka ani namoota Yihuudaa keessa jiraatan kanneen hin amanin jalaa baʼuu fi akka tajaajilli koos Yerusaalem keessatti qulqulloota achi jiraatan biratti fudhatama argatu naaf kadhadhaa;
31 para que eu seja livrado dos incrédulos que estão na Judeia, e que meu serviço em Jerusalém seja aceito pelos santos,
32 kunis akka ani fedhii Waaqaatiin, gammachuudhaan isin bira dhufee isin wajjin boqodhuuf.
32 para que eu chegue até vós com alegria pela vontade de Deus, e possa revigorar-me convosco.
33 Waaqni nagaa hunduma keessan wajjin haa taʼu. Ameen.
33 E o Deus da paz seja com todos vós. Amém!

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Romanos 15, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.