Romanos 14

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARIB

Sair da comparação
ARIB Almeida Revisada Imprensa Bíblica
1 Nama amantiitti dadhabaa taʼe ofitti qabaa; waan wal nama falmisiisu irrattis itti hin murinaa.
1 Ora, ao que é fraco na fé, acolhei-o, mas não para condenar-lhe os escrúpulos.
2 Namni tokko akka waan hunda nyaachuu dandaʼu amana; namni amantiin isaa dadhabaa taʼe kaan garuu biqiltuu qofa nyaata.
2 Um crê que de tudo se pode comer, e outro, que é fraco, come só legumes.
3 Namni nyaatu kan hin nyaatin hin tuffatin; inni hin nyaatinis kan nyaatutti hin murin; Waaqni isa ofitti qabeeraatii.
3 Quem come não despreze a quem não come; e quem não come não julgue a quem come; pois Deus o acolheu.
4 Hojjetaa nama kaaniitti kan murtu ati eenyu? Inni yoo dhaabates yoo kufes gooftaa isaatiif. Waan Gooftaan isa dhaabachiisuu dandaʼuufis ni dhaabata.
4 Quem és tu, que julgas o servo alheio? Para seu próprio senhor ele está em pé ou cai; mas estará firme, porque poderoso é o Senhor para o firmar.
5 Namni tokko akka waan guyyaan tokko guyyaa kaan caaluutti yaada; namni kaan immoo guyyaan hundi tokkuma jedhee yaada. Namni kam iyyuu yaada ofii isaa guutummaatti amanee haa fudhatu.
5 Um faz diferença entre dia e dia, mas outro julga iguais todos os dias. Cada um esteja inteiramente convicto em sua própria mente.
6 Namni guyyicha kabaju Gooftaaf jedhee kabaja; kan guyyicha hin kabajnes Gooftaaf jedhee hin kabaju. Kan nyaatu Gooftaaf jedhee nyaata; inni Waaqa galateeffataatii; kan hin nyaannes Gooftaaf jedhee hin nyaatu; Waaqas ni galateeffata.
6 Aquele que faz caso do dia, para o Senhor o faz. E quem come, para o Senhor come, porque dá graças a Deus; e quem não come, para o Senhor não come, e dá graças a Deus.
7 Nu keessaa namni mataa isaatiif jiraatu, kan mataa isaatiif duʼus hin jiruutii.
7 Porque nenhum de nós vive para si, e nenhum morre para si.
8 Nu yoo jiraanne Gooftaaf jiraanna; yoo duunes Gooftaaf duuna. Kanaafuu yoo jiraannes yoo duunes nu kan Gooftaa ti.
8 Pois, se vivemos, para o Senhor vivemos; se morremos, para o Senhor morremos. De sorte que, quer vivamos quer morramos, somos do Senhor.
9 Sababii kanaaf Kiristoos Gooftaa duʼaaleyyiitii fi jiraatoo taʼuuf duʼe; deebiʼees jiraataa taʼe.
9 Porque foi para isto mesmo que Cristo morreu e tornou a viver, para ser Senhor tanto de mortos como de vivos.
10 Yoos ati maaliif obboleessa keetti murta ree? Yookaan maaliif obboleessa kee tuffatta ree? Nu hundi teessoo murtii Waaqaa dura ni dhaabannaatii.
10 Mas tu, por que julgas teu irmão? Ou tu, também, por que desprezas teu irmão? Pois todos havemos de comparecer ante o tribunal de Deus.
11 Kunis:
11 Porque está escrito: Por minha vida, diz o Senhor, diante de mim se dobrará todo joelho, e toda língua louvará a Deus.
12 Kanaafis tokkoon tokkoon keenya waaʼee mataa keenyaa fuula Waaqaa duratti deebii ni kennina.
12 Assim, pois, cada um de nós dará conta de si mesmo a Deus.
13 Kanaafuu nu walitti muruu haa dhiifnu. Qooda kanaa akka karaa obboleessa keessanii irra gufuu yookaan waan gufachiisu tokko illee hin keenye murteeffadhaa.
13 Portanto não nos julguemos mais uns aos outros; antes o seja o vosso propósito não pôr tropeço ou escândalo ao vosso irmão.
14 Akka wanni ofuma isaatiin xuraaʼaa taʼe tokko iyyuu hin jirre ani karaa Gooftaa Yesuus nan beeka; nan amanas. Nama wanni tokko xuraaʼaadha jedhee yaaduuf garuu wanni sun isaaf xuraaʼaa dha.
14 Eu sei, e estou certo no Senhor Jesus, que nada é de si mesmo imundo a não ser para aquele que assim o considera; para esse é imundo.
15 Yoo wanni ati nyaattu obboleessa kee miidhe, ati jaalalaan jiraachaa hin jirtu. Ati waan nyaattuun obboleessa kee isa Kiristoos isaaf duʼe hin balleessin.
15 Pois, se pela tua comida se entristece teu irmão, já não andas segundo o amor. Não faças perecer por causa da tua comida aquele por quem Cristo morreu.
16 Kanaafuu wanti isin gaariidha jettan akka arrabsamu hin godhinaa.
16 Não seja pois censurado o vosso bem;
17 Mootummaan Waaqaa qajeelummaa, nagaa fi gammachuu Hafuura Qulqulluun taʼeedha malee waaʼee nyaataa fi dhugaatii mitiitii.
17 porque o reino de Deus não consiste no comer e no beber, mas na justiça, na paz, e na alegria no Espírito Santo.
18 Namni haala kanaan Kiristoosin tajaajilu Waaqa gammachiisaatii; namoota birattis fudhatama argata.
18 Pois quem nisso serve a Cristo agradável é a Deus e aceito aos homens.
19 Kanaaf waan nagaa fidu gochuu fi wal ijaaruuf haa tattaaffannu.
19 Assim, pois, sigamos as coisas que servem para a paz e as que contribuem para a edificação mútua.
20 Nyaataaf jettee hojii Waaqaa hin balleessin. Nyaanni hundi qulqulluu dha; garuu waan nama biraa gufachiisu kam iyyuu nyaachuun nama tokkoof dogoggora.
20 Não destruas por causa da comida a obra de Deus. Na verdade tudo é limpo, mas é um mal para o homem dar motivo de tropeço pelo comer.
21 Akka obboleessi kee hin gufanneef, foon nyaachuu dhiisuun yookaan daadhii wayinii dhuguu dhiisuun yookaan waan biraa kam iyyuu gochuu dhiisuun gaarii dha.
21 Bom é não comer carne, nem beber vinho, nem fazer outra coisa em que teu irmão tropece.
22 Kanaafuu ati amantii waan kana irratti qabdu kam iyyuu fuula Waaqaa duratti ofumaa keetii qabaadhu. Namni waan amanee fudhate irratti ofitti hin murre eebbifamaa dha.
22 A fé que tens, guarda-a contigo mesmo diante de Deus. Bem-aventurado aquele que não se condena a si mesmo naquilo que aprova.
23 Namni shakkii qabu garuu nyaachuun isaa waan amantiin hin taʼiniif yoo nyaate isatti murama; wanni amantiin hin taʼin kam iyyuu cubbuudhaatii.
23 Mas aquele que tem dúvidas, se come está condenado, porque o que faz não provém da fé; e tudo o que não provém da fé é pecado.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Romanos 14, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.