Números 9
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH
1 Waaqayyo erga isaan Gibxii baʼanii booddee jiʼa jalqabaa kan waggaa lammaffaatti Gammoojjii Siinaa keessatti akkana jedhee Museetti dubbate;
1 No primeiro mês do segundo ano depois da saída do povo de Israel do Egito, o Senhor falou com Moisés no deserto do Sinai. Ele disse:
2 “Israaʼeloonni yeroo murtaaʼetti Faasiikaa haa ayyaaneffatan.
2 — ausente —
3 Isin akkuma seeraa fi dambii ayyaana kanaa hundaatti yeroo murtaaʼetti jiʼa sana keessa, dimimmisa galgala guyyaa kudha afuraffaatti ayyaaneffadhaa.”
3 — ausente —
4 Museen akka isaan Faasiikaa ayyaaneffatan Israaʼelootatti hime;
4 Portanto, Moisés mandou que os israelitas comemorassem a Páscoa.
5 isaanis jiʼa jalqabaa keessa dimimmisa galgala guyyaa kudha afuraffaatti Gammoojjii Siinaa keessatti ayyaaneffatan. Sabni Israaʼel akkuma Waaqayyo Musee ajajetti waan hunda godhe.
5 Eles a comemoraram no dia catorze do primeiro mês, ao pôr do sol, no deserto do Sinai. Os israelitas fizeram tudo o que o Senhor havia ordenado a Moisés.
6 Isaan keessaa namoonni tokko tokko sababii reeffa tuqanii xuraaʼaniif guyyaa sana Faasiikaa ayyaaneffachuu hin dandeenye. Isaan guyyuma sana gara Musee fi Aroonii dhufanii,
6 Porém alguns homens se tornaram impuros porque tocaram num morto e por isso não puderam comemorar a Páscoa naquele dia. Eles foram falar com Moisés e Arão
7 Museedhaan akkana jedhan; “Nu sababii reeffa namaa tuqneef xuroofneerra; garuu maaliif yeroo murtaaʼe sanatti Israaʼeloota kaan wajjin aarsaa Waaqayyoo dhiʼeessuu dhowwamne?”
7 e disseram: — Estamos impuros porque tocamos num morto. Será que não vamos poder apresentar a nossa oferta ao
8 Museenis, “Hamma ani waan Waaqayyo waaʼee keessan ajaju dhagaʼutti turaa” jedheen.
8 Então Moisés respondeu: — Esperem, que eu vou falar com o
9 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe;
9 Aí o Senhor disse a Moisés:
10 “Israaʼelootaan akkana jedhi: ‘Isin keessaa yookaan ilmaan keessan keessaa namni tokko yoo reeffa tuqee xuraaʼe yookaan karaa fagoo deeme, inni amma iyyuu Faasiikaa Waaqayyoo ayyaaneffachuu ni dandaʼa.
10 — Diga aos israelitas o seguinte: se algum de vocês ou dos seus descendentes estiver impuro por haver tocado num morto ou se estiver longe, viajando, mesmo assim poderá comemorar a Páscoa em honra de Deus, o Senhor .
11 Isaanis jiʼa lammaffaa keessa guyyaa kudha afuraffaa dimimmisa galgala Faasiikaa haa ayyaaneffatan. Faasiikaa sanas Maxinoo fi baala hadhaaʼaa wajjin haa nyaatan.
11 Vocês a comemorarão um mês depois, no dia catorze do segundo mês, quando anoitecer. Nessa ocasião vocês comerão o animal com pães sem fermento e com ervas amargas.
12 Isaanis wantoota kanneen keessaa tokko iyyuu hamma ganamaatti hambisuu yookaan lafee isaa keessaa tokko iyyuu cabsuu hin qaban. Isaan yommuu Faasiikaa ayyaaneffatanitti dambiiwwan hunda duukaa buʼuu qabu.
12 Não deixem sobrar nada da comida para o dia seguinte e não quebrem nenhum osso do animal. Façam a comemoração de acordo com todas as leis da Páscoa.
13 Garuu namni qulqulluu taʼee karaa hin deemin yoo Faasiikaa ayyaaneffachuu baate inni sababii yeroo murtaaʼetti aarsaa Waaqayyoo hin dhiʼeessiniif saba isaa keessaa haa balleeffamu. Namichi sun gatii cubbuu isaa ni argata.
13 Mas pode acontecer que alguém esteja puro e não esteja viajando; se essa pessoa não comemorar a Páscoa, será expulsa do meio do povo, pois não me apresentou a oferta no tempo certo. E será castigada por causa do seu pecado.
14 “ ‘Alagaan isin gidduu jiraatu kan Faasiikaa Waaqayyoo ayyaaneffachuu fedhu tokko akkuma seeraa fi dambii Faasiikaatti haa ayyaaneffatu. Isinis alagaa fi dhalataa biyyaatiif seeruma tokkicha qabaadhaa.’ ”
14 — Se algum estrangeiro que mora no meio de vocês quiser comemorar a Páscoa, terá de obedecer às leis e às ordens a respeito dessa festa. A mesma lei será para todos, tanto para os nascidos no país como para os estrangeiros.
15 Gaafa dunkaanni qulqulluun dhaabame sana duumessi dunkaana sana jechuunis dunkaana dhuga baʼumsaa haguuge. Duumessi dunkaana qulqulluudhaan olii sunis galgalaa hamma ganamaatti ibidda fakkaata ture.
15 No dia em que foi armada a Tenda Sagrada , veio uma nuvem e a cobriu. De noite a nuvem parecia fogo.
16 Wanni kunis yeroo hunda akkanuma ture; guyyaa duumessi isa haguuga ture; halkan immoo duumessi sun ibidda fakkaata ture.
16 Era sempre assim: de dia a nuvem cobria a Tenda e de noite parecia fogo.
17 Yeroo duumessi sun dunkaana irraa kaʼu Israaʼeloonni kaʼanii deemu turan; lafa duumessi buʼu immoo Israaʼeloonni ni qubatu.
17 Quando a nuvem se levantava de cima da Tenda, os israelitas começavam a caminhar. No lugar onde a nuvem parava, aí eles acampavam.
18 Israaʼeloonni ajaja Waaqayyootiin kaʼanii deemu; ajajuma isaatiinis qubatu. Yeroo duumessi dunkaana qulqulluun ol jiru isaanis qubata keessa turan.
18 Eles começavam a caminhar ou acampavam de acordo com a ordem de Deus, o Senhor . E ficavam acampados ali durante o tempo em que a nuvem estava parada sobre a Tenda.
19 Yoo duumessi sun guyyaa hedduu dunkaana gubbaa tures Israaʼeloonni seera Waaqayyootiif waan ajajamaniif iddoo sanaa kaʼanii hin deeman ture.
19 Quando ela ficava muito tempo sobre a Tenda, os israelitas obedeciam à ordem do Senhor e não saíam dali.
20 Yeroo tokko tokko duumessi sun guyyaa xinnaadhaaf dunkaana qulqulluu gubbaa oolee bula ture; isaanis ajaja Waaqayyootiin qubatu; ajajuma isaatiinis kaʼanii deemu.
20 Às vezes a nuvem ficava poucos dias sobre a Tenda; assim, conforme a ordem do Senhor , eles continuavam acampados ou começavam a caminhar.
21 Yeroo tokko tokko duumessi sun galgalaa hamma ganamaatti jiraata ture; yommuu duumessi ganamaan kaʼu isaanis kaʼanii deemu. Guyyaas taʼu halkan, yeroo duumessi kaʼu isaanis kaʼanii deemu.
21 Às vezes a nuvem ficava parada somente desde a tarde até a manhã do dia seguinte; quando ela se levantava de manhã, eles começavam a caminhar. Sempre que a nuvem se levantava, fosse de dia ou fosse de noite, os israelitas começavam a caminhar.
22 Yeroo duumessi sun guyyaa lamas taʼu jiʼa tokko yookaan waggaa tokko dunkaana qulqulluu irra turutti Israaʼeloonni qubatuma keessa turu malee kaʼanii hin deeman ture; yeroo duumessichi kaʼutti garuu kaʼanii deemu.
22 Mas, se ela ficava sobre a Tenda dois dias, ou um mês, ou mesmo um ano, enquanto estivesse parada, os israelitas continuavam acampados e não começavam a caminhar. Porém, quando ela se levantava, eles partiam.
23 Isaan ajaja Waaqayyootiin qubatu; ajajuma Waaqayyootiinis kaʼanii deemu. Akkuma ajaja Waaqayyo karaa Museetiin kenne sanaattis seera isaatiif ajajamu.
23 De acordo com a ordem do Senhor , eles acampavam ou começavam a caminhar. Os israelitas faziam isso obedecendo ao que o Senhor ordenava por meio de Moisés.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Números 9, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.