Números 5

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
1 O Senhor disse a Moisés:
2 “Nama dhukkuba gogaa kan namatti darbu qabu yookaan nama dhangalaʼaa dhagnaa qabu yookaan nama sababii waan duʼe tokkootiin xuraaʼaa taʼe kam iyyuu akka qubata keessaa baasaniif saba Israaʼel ajaji.
2 "Ordena aos israelitas que expulsem do acampamento todo leproso, todo homem atacado de gonorréia, todo o que está imundo por ter tocado num cadáver.
3 Dhiiras dubartiis gad baasaa; akka isaan qubata isaanii iddoo ani gidduu isaanii jiraadhu sana hin xureessineef qubata keessaa isaan baasaa.”
3 Homens ou mulheres, lançai-os fora do acampamento no meio do qual habito, para que não o manchem."
4 Israaʼeloonnis akkanuma godhanii qubata keessaa isaan baasan. Isaanis akkuma Waaqayyo Museetti hime sana godhan.
4 Os filhos de Israel fizeram assim, e lançaram-nos fora do acampamento; como o Senhor tinha ordenado a Moisés assim o fizeram.
5 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
5 O Senhor disse a Moisés: "Dize aos israelitas:
6 “Warra Israaʼeliin akkana jedhi: ‘Yoo dhiirri yookaan dubartiin tokko karaa kamiin iyyuu nama kaanitti balleessa hojjechuudhaan Waaqayyo duratti amanamummaa dhabe, namni sun yakkamaa dha;
6 se um homem ou uma mulher causa um prejuízo qualquer ao seu próximo, tornando-se assim culpado de uma infidelidade para com o Senhor,
7 cubbuu hojjetes himachuu qaba. Yakka isaatiifis guutumaan guutuutti haa kiisu. Kiisii sana irrattis harka shan keessaa harka tokko dabalee namicha miidhame sanaaf haa kennu.
7 ele confessará a sua falta e restituirá integralmente o objeto do delito, ajuntando um quinto a mais àquele que foi lesado.
8 Namni yakki isa irratti hojjetame sun yoo fira aantee kan kiisii sana isaaf fuudhu qabaachuu baate garuu kiisiin sun kan Waaqayyoo ti; korbeessa hoolaa ittiin araarri isaaf buufamu wajjin lubaaf haa kennamu.
8 Se, porém, não houver quem o receba, esse objeto será dado ao Senhor, ao sacerdote, além do carneiro de expiação que se oferecerá pelo culpado.
9 Buusiiwwan qulqulluun Israaʼeloonni lubatti fidan hundi kan isaa ti.
9 Toda oferta tomada das coisas santas que os israelitas apresentam ao sacerdote lhe pertencerá;
10 Wantoonni qulqulluun kanuma abbootii isaanii ti; wanni isaan lubichaaf kennan garuu kanuma lubichaa ti.’ ”
10 as coisas consagradas lhe pertencerão; o que se entrega ao sacerdote será dele."
11 Ergasii Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
11 O Senhor disse a Moisés: "Dize aos israelitas o seguinte:
12 “Akkana jedhiitii saba Israaʼelitti dubbadhu: ‘Yoo niitiin nama kamii iyyuu karaa irraa baduudhaan isaaf amanamuu baattee
12 Se uma mulher desviar-se de seu marido e lhe for infiel,
13 dhiira biraa wajjin ciifte, yoo dhirsi ishees waan kana beekuu baate, yoo xuraaʼummaan ishee akkuma dhokatetti hafe, yoo namni ishee irratti dhugaa baʼu hin argamin, isheen yoo waan kana irratti hin qabamin,
13 dormindo com outro homem, e isso se passar às ocultas de seu marido, se essa mulher se tiver manchado em segredo, de modo que não haja testemunhas contra ela e ela não tenha sido surpreendida em flagrante delito;
14 yoo dhirsa ishee hafuurri hinaaffaa qabatee inni niitii isaa shakke, yoo isheen xurooftuu taate yookaan yoo inni hinaafee ishee shakkee isheen xurooftuu hin taʼin,
14 se o marido, tomado de um espírito de ciúmes, se abrasar de ciúmes por causa de sua mulher que se manchou, ou se ele for tomado de um espírito de ciúmes contra sua mulher que não se tiver manchado,
15 inni niitii isaa lubatti haa geessu. Akkasumas inni kennaa daakuu garbuu iifii harka kudhan keessaa harka tokko qooda ishee haa geessu. Kennaan midhaanii kan sababii hinaaffaatiif dhiʼeeffamu kun waan kennaa yaadannoo kan yakka yaadachiisu taʼeef, inni zayitii fi ixaana itti naquu hin qabu.
15 esse homem conduzirá sua mulher à presença do sacerdote e fará por ela a sua oferta: um décimo de efá de farinha de cevada; não derramará óleo sobre a oferta nem porá sobre ela incenso, porque é uma oblação de ciúme feita em recordação de uma iniqüidade.
16 “ ‘Lubichis ishee fidee fuula Waaqayyoo dura ishee haa dhaabu.
16 O sacerdote mandará a mulher aproximar-se do altar e a fará estar de pé diante do Senhor.
17 Ergasii inni bishaan qulqulluu okkotee supheetti haa naqu; lafa dunkaana qulqulluu irraa biyyoo fuudhee bishaan sana keessa haa buusu.
17 Tomará água santa num vaso de barro e, pegando um pouco de pó do pavimento do tabernáculo, o lançará na água.
18 Lubichis erga dubartii sana fuula Waaqayyoo dura dhaabee booddee rifeensa mataa ishee hiikee kennaa yaadannoo jechuunis kennaa midhaanii kan hinaaffaaf dhiʼeeffamu sana harka ishee keessa kaaʼa; bishaan hadhaaʼaa abaarsa fidu sanas harka ofiitti qabata.
18 Estando a mulher de pé diante do Senhor, o sacerdote lhe descobrirá a cabeça e porá em suas mãos a oblação de recordação, a oblação de ciúme. O sacerdote terá na mão as águas amargas que trazem a maldição.
19 Lubichis dubartii sana ni kakachiisa; akkanas jedhaan; “Yoo utuu ati dhirsa qabduu namni biraa si wajjin hin ciisinii fi yoo ati karaa irraa baddee hin xuraaʼin bishaan hadhaaʼaan abaarsa fidu kun si hin miidhin.
19 E esconjurará a mulher nestes termos: se nenhum homem dormiu contigo, e tu não te manchaste abandonando o leito de teu marido, não te façam mal estas águas que trazem maldição.
20 Garuu ati yoo karaa irraa baddee utuu dhirsa qabduu nama dhirsa kee hin taʼin wajjin ciiftee of xureessitee argamte;”
20 Mas se tu te apartaste de teu marido e te manchaste, dormindo com outro homem...
21 kana irratti lubichi kakaa abaarsaa ishee kakachiisa; akkanas jedhaan; “Waaqayyo gudeeda kee tortorsee garaa kee illee bokoksee saba kee gidduutti kakaa fi abaarsaaf si haa godhu.
21 O sacerdote fará então que a mulher preste o juramento de imprecação, dizendo: o Senhor te faça um objeto de maldição e de execração no meio de teu povo; faça emagrecer os teus flancos e inchar o teu ventre.
22 Akka garaan kee bokokuu fi akka gudeedni kee tortoruuf bishaan abaarsa fidu kun dhagna kee haa seenu.”
22 E estas águas, que trazem maldição, penetrem em tuas entranhas para te fazer inchar o ventre e emagrecer os flancos! Ao que a mulher responderá: Amém! Amém!
23 “ ‘Lubichis abaarsawwan sana kitaaba maramaa irratti haa barreessu; ergasiis bishaan hadhaaʼaa sanatti irraa haa dhiqu.
23 O sacerdote escreverá essas imprecações num rolo e as apagará em seguida com as águas amargas.
24 Innis akka dubartiin sun bishaan hadhaaʼaa abaarsa fidu sana dhugdu haa godhu; bishaan abaarsaa fi dhiphina hamaa fidu sunis ishee seena.
24 E fará com que a mulher beba as águas amargas que trazem maldição, e essas águas de maldição penetrarão nela com sua amargura.
25 Lubichis kennaa midhaanii kan hinaaffaa sana ishee harkaa fuudhee fuula Waaqayyoo duratti sochoosee gara iddoo aarsaa fida.
25 O sacerdote tomará das mãos da mulher a oblação de ciúme, agitá-la-á diante do Senhor e a aproximará do altar;
26 Lubni sunis kennaa midhaanii sana irraa konyee tokko kennaa yaadannootiif fuudhee iddoo aarsaa irratti haa gubu; ergasiis akka dubartiin sun bishaan sana dhugdu haa godhu.
26 tomará um punhado dessa oblação como memorial e o queimará sobre o altar; depois disso dará de beber à mulher as águas amargas.
27 Yoo isheen of xureessitee dhirsa isheetiif amanamuu baatte, yommuu isheen bishaan abaarsa fidu sana dhugdutti bishaan sun ishee seenee dhiphina hamaa isheetti fida; garaan ishee ni bokoka; gudeedni ishee ni tortora; isheenis saba ishee biratti abaaramtuu taati.
27 Depois que ela as tiver bebido, se estiver de fato manchada, tendo sido infiel ao seu marido, as águas que trazem maldição trar-lhe-ão sua amargura: seu ventre inchará, seus flancos emagrecerão, e essa mulher será uma maldição no meio de seu povo.
28 Garuu yoo dubartiin sun of xureessuu baattee fi yoo qulqulluu taate isheen yakka irraa bilisa taati; daʼuus ni dandeessi.
28 Mas, se ela não se tiver manchado, e for pura, ela será preservada e terá filhos.
29 “ ‘Yoo dubartiin utuma dhirsa qabduu karaa irraa gortee of xureessite
29 Tal é a lei sobre o ciúme quando uma mulher se desviar de seu marido e se manchar,
30 yookaan yoo dhiirri sababii niitii ofii shakkuuf hafuurri hinaaffaa isa qabate, seerri hinaaffaaf kenname kanaa dha. Lubichi dubartii sana fuula Waaqayyoo dura dhaabee seera kana hunda ishee irratti haa raawwatu.
30 ou quando o espírito de ciúme se apoderar de seu marido, de modo que ele se torne ciumento de sua mulher; ele a levará diante do Senhor e o sacerdote lhe aplicará integralmente essa lei.
31 Dhirsi sun balleessaa irraa bilisa taʼa; dubartiin sun garuu gatii cubbuu ishee argatti.’ ”
31 O marido ficará sem culpa, mas a mulher pagará a pena da sua iniqüidade."

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Números 5, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.