Números 28
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC
1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
1 O Senhor disse a Moisés:
2 “Ajaja kana Israaʼelootaaf kenni; akkanas jedhiin: ‘Aarsaa nyaataa kan ibiddaan anaaf dhiʼeeffamu kan fooliin isaa natti tolu sana yeroo murtaaʼetti naa dhiʼeessuu keessan mirkaneeffadhaa.’
2 Ordena o seguinte aos israelitas: cuidareis de apresentar no devido tempo a minha oblação, o meu alimento, em sacrifícios de agradável odor consumidos pelo fogo.
3 Akkana isaaniin jedhi; ‘Aarsaan isin ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeessitan isa kana: xobbaallaawwan hoolaa lama kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkootii fi kanneen hirʼina hin qabne aarsaa gubamu kan yeroo hunda guyyuma guyyaan dhiʼeeffamu godhaa dhiʼeessaa.
3 Dir-lhes-ás: eis o sacrifício pelo fogo que oferecereis ao Senhor: um holocausto quotidiano e perpétuo de dois cordeiros de um ano, sem defeito.
4 Xobbaallaa hoolaa tokko ganama, kaan immoo galgala dhiʼeessi.
4 Oferecerás um pela manhã e outro entre as duas tardes,
5 Kana wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harki tokko zayitii ejersaa kan cuunfamee iinii tokko harka afur keessaa harka tokkoon sukkuumame dhiʼeessi.
5 juntando, à guisa de oblação, um décimo de efá de flor de farinha amassada com um quarto de hin de óleo de olivas esmagadas.
6 Kunis aarsaa yeroo hunda gubamu kan fooliin isaa toluu fi kan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu kan Tulluu Siinaa irratti ajajamee dha.
6 Este é o holocausto perpétuo tal como foi feito no monte Sinai, um sacrifício pelo fogo de suave odor para o Senhor.
7 Dhibaayyuun tokkoo tokkoo xobbaallaa hoolaa wajjin dhiʼeeffamus dhugaatii cimaa iinii tokko irraa harka afur keessaa harka tokko haa taʼu; dhibaayyuu sanas iddoo qulqulluu keessatti Waaqayyoof dhangalaasi.
7 A libação será de um quarto de hin para cada cordeiro; é no santuário que farás ao Senhor a libação de vinho fermentado.
8 Xobbaallaa hoolaa kaan immoo akkuma kennaa midhaaniitii fi kan dhibaayyuu wajjin ganama dhiʼeessite sanaa galgalas dhiʼeessi. Kunis aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan fooliin isaa Waaqayyotti toluu dha.
8 Oferecerás, entre as duas tardes, o segundo cordeiro; e farás a mesma oblação e a mesma libação como de manhã: este é um sacrifício pelo fogo, de suave odor para o Senhor.
9 “ ‘Guyyaa Sanbataa xobbaallaawwan hoolaa lama kanneen umuriin isaanii waggaa tokko taʼee fi hirʼina hin qabne aarsaa dhibaayyuutii fi kennaa midhaanii akkasumas kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harki lama zayitiidhaan sukkuumame wajjin dhiʼeessi.
9 No dia de sábado oferecereis dois cordeiros de um ano sem defeito, com dois décimos de flor de farinha amassada com óleo à guisa de oblação e a libação.
10 Kunis aarsaa gubamu kan aarsaa yeroo hunda gubamuu fi dhibaayyuu isaatti dabalamee Sanbata Sanbataan dhiʼeeffamuu dha.
10 Este é o holocausto de cada sábado, além do holocausto perpétuo com a sua libação.
11 “ ‘Jalqaba jiʼoota keessanii hundatti jiboota loonii lama, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko taʼee fi kanneen hirʼina hin qabne aarsaa gubamu godhaatii Waaqayyoof dhiʼeessaa.
11 Nas neomênias oferecereis, em holocausto ao Senhor, dois novilhos, um carneiro, sete cordeiros de um ano sem defeito,
12 Tokkoo tokkoo jiboota loonii wajjin kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki sadii zayitiidhaan sukkuumame, korbeessa hoolaa sana wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki lama zayitiidhaan sukkuumame dhiʼeeffamuu qaba;
12 bem como, com cada touro, três décimos de flor de farinha amassada com óleo, à guisa de oblação; com o carneiro, uma oblação de dois décimos de flor de farinha amassada com óleo,
13 tokkoo tokkoo xobbaallaa hoolaa wajjinis kennaan midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki tokko zayitiidhaan sukkuumame dhiʼeeffamuu qaba. Kunis aarsaa gubamu kan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu fi fooliin isaa toluu dha.
13 e com cada cordeiro, um décimo de flor de farinha amassada com óleo. Este é um holocausto de suave odor consumido pelo fogo para o Senhor.
14 Tokkoo tokkoo dibicha loonii wajjin dhibaayyuu daadhii wayinii iinii tokkoo irraa walakkaa isaa, tokkoo tokkoo xobbaallaa hoolaa wajjin iinii tokko irraa harka sadii keessaa harka tokko, korbeessa hoolaa sana wajjinis iinii tokko irraa harka afur keessaa harki tokko haa dhiʼeeffamu. Kunis aarsaa gubamu kan waggaa keessatti baatii haaraatti dhiʼeeffamuu dha.
14 As respectivas libações serão de meio hin de vinho por touro, um terço de hin por carneiro, e um quarto de hin pelo cordeiro. Este será o holocausto da neomênia para cada mês do ano.
15 Akkasumas aarsaa cubbuutiif korbeessa reʼee tokko Waaqayyoof dhiʼeessaa; innis aarsaa yeroo hunda gubamuu fi dhibaayyuu isaatti dabalamee dhiʼeeffama.
15 Além do holocausto perpétuo e sua libação, oferecer-se-á ao Senhor um bode em sacrifício pelo pecado.
16 “ ‘Bultii kudha afuraffaa jiʼa jalqabaatti Faasiikaan Waaqayyoo ayyaaneffamuu qaba.
16 No décimo quarto dia do primeiro mês será a Páscoa do Senhor.
17 Bultii kudha shanaffaa jiʼa kanaatti ayyaanatu jira; isinis guyyaa torba Maxinoo nyaattu.
17 No décimo quinto desse mês começará a festa: durante sete dias só comerão pães sem fermento.
18 Guyyaa jalqabaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa.
18 No primeiro dia haverá uma santa assembléia: não fareis nele obra alguma servil.
19 Jiboota loonii lama, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne aarsaa gubamu godhaatii ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeessaa.
19 Oferecereis em holocausto pelo fogo, ao Senhor, dois novilhos, um carneiro e sete cordeiros de um ano sem defeito,
20 Tokkoo tokkoo dibicha loonii wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki sadii zayitiidhaan sukkuumame, korbeessa hoolaa wajjin iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka lama,
20 com flor de farinha amassada com óleo à guisa de oblação: três décimos por touro, dois décimos para o carneiro,
21 xobbaallaawwan hoolaa torban wajjin tokkoo tokkoo xobbaallaa hoolaatiif iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka tokko dhiʼeessi.
21 e um décimo para cada um dos sete cordeiros;
22 Akkasumas akka araarri isinii buʼuuf korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessi.
22 além disso, um bode, em sacrifício pelo pecado, para fazer expiação por vós.
23 Kanas aarsaa gubamu kan yeroo hunda ganama ganama dhiʼeeffamutti dabalaatii dhiʼeessaa.
23 Tudo isso, vós o fareis sem prejuízo do holocausto da manhã, que é perpétuo.
24 Haaluma kanaan nyaata aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamuu kan fooliin isaa Waaqayyotti tolu sana bultii torbaaf guyyuma guyyaan dhiʼeessaa; innis aarsaa gubamuu fi dhibaayyuu isaa kan yeroo hunda dhiʼeeffamutti dabalamee haa dhiʼeeffamu.
24 Assim fareis cada dia, durante sete dias: este é o alimento consumido pelo fogo, de suave odor para o Senhor. Isso se fará além do holocausto perpétuo e sua libação.
25 Bultii torbaffaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa.
25 No sétimo dia haverá de novo uma santa assembléia e a cessação de toda obra servil.
26 “ ‘Ayyaana Torbanootaa keessa guyyaa ayyaana mataa midhaaniitti yeroo kennaa midhaan haaraa Waaqayyoof dhiʼeessitan sana wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa.
26 No dia das Primícias, quando apresentardes ao Senhor uma oblação de grão novo na vossa festa das Semanas, tereis uma santa assembléia e a suspensão de todo o trabalho servil.
27 Jiboota loonii lama, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼe aarsaa gubamu kan fooliin isaa Waaqayyotti tolu dhiʼeessaa.
27 Oferecereis em holocausto de suave odor ao Senhor, dois novilhos, um carneiro e sete cordeiros de um ano,
28 Tokkoo tokkoo dibicha loonii wajjinis kennaan midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki sadii zayitiidhaan sukkuumame haa dhiʼeeffamu. Korbeessa hoolaa wajjin iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harki lama,
28 com flor de farinha amassada com óleo, à guisa de oblação: três décimos por touro, dois décimos para o carneiro,
29 Xobbaallaawwan hoolaa torban sana wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harki tokko haa dhiʼeeffamu.
29 e um décimo para cada um dos sete cordeiros;
30 Akkasumas akka araarri isinii buʼuuf korbeessa reʼee tokko itti dabalaa dhiʼeessaa.
30 além disso, um bode, para a expiação de vossos pecados.
31 Aarsaawwan kanneen dhibaayyuu isaanii wajjin, aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamuu fi kennaa midhaan isaatti dabalaatii dhiʼeessaa; horiin sunis kan hirʼina hin qabne taʼuu isaanii mirkaneeffadhaa.
31 Isso, sem prejuízo do holocausto perpétuo e de sua oblação. Os animais serão sem defeito e acompanhados de suas libações.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Números 28, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.