Números 22

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Israaʼeloonni gara dirree Moʼaabitti qajeelanii Yerikoon gama qarqara Yordaanos qubatan.
1 Partiram os filhos de Israel e acamparam nas planícies de Moab, além do Jordão, defronte de Jericó.
2 Baalaaq ilmi Ziphoori waan Israaʼel Amoorotatti hojjete hunda arge;
2 Balac, filho de Sefor, tinha visto tudo o que Israel fizera aos amorreus.
3 Moʼaabis waan sabni sun akka malee baayʼee taʼeef ni sodaate. Moʼaabis sababii Israaʼelootaatiif raafame.
3 Moab teve um grande medo desse povo, porque era muito numeroso, e ficou aterrorizado diante dos israelitas.
4 Warri Moʼaabis maanguddoota Midiyaaniin, “Namoonni baayʼeen kunneen akkuma qotiyyoon marga bakkee dheedee fixu sana waan naannoo keenya jiru dheedee fixa” jedhan.
4 E disseram aos anciãos de Madiã: "Essa multidão vai devorar todos os nossos arredores como os bois devoram a erva do campo." Balac, filho de Sefor, reinava então em Moab.
5 akka isaan Balaʼaam ilma Beʼoor kan biyyuma itti dhalate keessa laga Efraaxiis bira Phetoori keessa jiraachaa ture sana waamaniif ergamoota erge. Baalaaqis akkana jedhe:
5 Mandou, pois, mensageiros a Balaão, filho de Beor, em Petor, sobre o rio, na terra dos filhos de Amon, para que o chamassem e lhe dissessem: "Há aqui um povo que saiu do Egito, o qual cobre a face da terra, e estabeleceu-se diante de mim.
6 Sababii isaan na caalaa humna qabaniif amma kottuutii isaan abaari. Yoos ani isaan moʼadhee biyya keessaa ariʼee isaan baasuu nan dandaʼa taʼa. Ani akka warri ati eebbiftu eebbifaman, warri ati abaartus abaaraman nan beekaatii.”
6 Rogo-te que venhas e amaldiçoes esse povo, pois é muito mais poderoso do que eu. Talvez assim eu possa batê-lo e expulsá-lo de minha terra. Eu sei que será bendito o que abençoares e maldito o que amaldiçoares."
7 Maanguddoonni Moʼaabii fi Midiyaan sun kaʼanii kaffaltii mortuu sanaa fudhatanii deeman. Isaanis yommuu Balaʼaam bira gaʼanitti waan Baalaaq jedheen sana itti himan.
7 Os anciãos de Moab e de Madiã partiram levando consigo o preço da adivinhação. Chegando junto de Balaão, referiram-lhe as palavras de Balac.
8 Balaʼaamis, “Halkan kana asuma bulaa; anis deebii Waaqayyo naaf kennu isinitti nan hima” jedheen. Qondaaltonni Moʼaab sun isuma bira turan.
8 Balaão respondeu: "Passai a noite aqui, e dar-vos-ei a resposta que o Senhor me indicar." Ficaram, pois, os chefes de Moab em casa de Balaão.
9 Waaqni gara Balaʼaam dhufee, “Namoonni si wajjin jiran kunneen eenyu?” jedhee gaafate.
9 Deus veio a Balaão e disse-lhe: "Quem é essa gente que tens em tua casa?"
10 Balaʼaamis akkana jedhee Waaqaaf deebii kenne; “Baalaaq ilmi Ziphoori, mootichi Moʼaab akkana jedhee ergaa kana natti erge:
10 Balaão respondeu a Deus: "É Balac, filho de Sefor, rei de Moab, que me manda dizer:
11 ‘Kunoo, sabni biyya Gibxii baʼee dhufe tokko lafa guuteera; ati amma kottuutii isaan naaf abaari. Yoos ani isaan lolee ariʼee biyyaa baasuu nan dandaʼa taʼaatii.’ ”
11 há aqui um povo que saiu do Egito, o qual cobre a superfície da terra. Vem, pois, e amaldiçoa-o. Talvez assim possa eu batê-lo e expulsá-lo da terra."
12 Waaqayyo garuu Balaʼaamiin, “Isaan wajjin hin deemin. Sababii isaan eebbifamoo taʼaniif ati saba sana hin abaarin” jedhe.
12 Disse Deus a Balaão: "Não irás com eles, e não amaldiçoarás esse povo, porque é bendito."
13 Balaʼaam ganama itti aanu kaʼee qondaaltota Baalaaqiin, “Sababii Waaqayyo isin wajjin deemuu na dhowweef, isin amma kaʼaa biyya keessanitti deebiʼaa” jedhe.
13 Levantando-se Balaão pela manhã, disse aos chefes enviados por Balac: "Voltai para a vossa terra, pois o Senhor me proibiu de ir convosco."
14 Qondaaltonni Moʼaab gara Baalaaqitti deebiʼanii, “Balaʼaam nu wajjin dhufuu dide” jedhaniin.
14 Os chefes de Moab retomaram o caminho e voltaram para junto de Balac: "Balaão, disseram-lhe eles, recusou vir conosco."
15 Baalaaqis qondaaltota warra duraa sana caalaa baayʼee fi caalaa bebeekamoo kan biraa erge.
15 Balac mandou-lhe de novo outros chefes, mais numerosos e mais importantes que os primeiros.
16 Isaanis dhufanii Balaʼaamiin akkana jedhan:
16 Chegados junto a Balaão, disseram-lhe: "Eis a mensagem de Balac, filho de Sefor: rogo-te que não recuses vir ter comigo.
17 ani ulfina guddaa siif nan kennaatii; waan ati jettu hundas nan guuta. Kottuu saba kana naa abaari.’ ”
17 Cumular-te-ei de honras e farei tudo o que me disseres. Vem amaldiçoar esse povo."
18 Balaʼaam garuu akkana jedhee deebiseef; “Utuu Baalaaq masaraa isaa kan meetii fi warqeen guutame sana naaf kenne illee, ani ajaja Waaqayyo Waaqa kootiin alatti waan xinnaa yookaan guddaa tokko illee hojjechuu hin dandaʼu.
18 "Ainda que o vosso senhor me desse a sua casa cheia de prata e de ouro, respondeu Balaão aos servos de Balac, eu não poderia transgredir a ordem do Senhor meu Deus, nem pouco nem muito, no que quer que seja.
19 Akka ani waan Waaqayyo natti himu kan biraa beekuu dandaʼuuf isinis akkuma warra kaanii as bulaa.”
19 Todavia, passai ainda esta noite aqui, para que eu saiba o que o Senhor me responderá ainda desta vez."
20 Halkan sana Waaqayyo gara Balaʼaam dhufee, “Sababii namoonni kunneen si waamuu dhufaniif, isaan wajjin deemi; garuu waanuma ani sitti himu qofa hojjedhu” jedheen.
20 Deus veio a Balaão durante a noite e disse-lhe: "Já que essa gente te veio chamar, levanta-te e vai com eles. Mas só farás o que eu te disser."
21 Balaʼaam ganamaan kaʼee harree isaa irra kooraa kaaʼatee qondaaltota Moʼaab sana wajjin deeme.
21 Balaão levantou-se de manhã, selou sua jumenta, e partiu com os chefes de Moab.
22 Waaqni garuu inni deemnaan itti aare; ergamaan Waaqayyoo tokkos isaan mormuuf jedhee karaa irra dhaabate. Balaʼaamis harree isaa yaabbatee deemaa ture; tajaajiltoonni isaa lamaan isa wajjin turan.
22 O Senhor irritou-se com sua partida, e o anjo do Senhor pôs-se-lhe no caminho como obstáculo. Balaão cavalgava em sua jumenta, acompanhado de seus dois servos.
23 Harreen sun immoo ergamaa Waaqayyoo kan goraadee luqqifatee harkatti qabatee karaa irra dhaabatu arginaan of irra gara galtee karaa irraa gortee lafa qotiisaa seente. Balaʼaamis karaatti ishee deebisuudhaaf harree sana rukute.
23 A jumenta, vendo o anjo do Senhor postado no caminho, com uma espada desembainhada na mão, desviou-se e seguiu pelo campo; o adivinho a fustigava para fazê-la voltar ao caminho.
24 Ergamaan Waaqayyoo sun garuu daandii dhiphoo, iddoo dhaabaa wayinii lama kanneen gama lamaan dallaa qaban gidduu baatu irra dhaabate.
24 Então o anjo do Senhor pôs-se num caminho estreito que passava por entre as vinhas, com um muro de cada lado.
25 Harreen sun ergamaa Waaqayyoo arginaan, dallaatti maxxantee miilla Balaʼaam dallaatti buufte. Inni ammas harree sana rukute.
25 Vendo-o, a jumenta coseu-se com o muro, ferindo contra ele o pé de Balaão, que a fustigou de novo.
26 Ergamaan Waaqayyoos fuula duratti hiiqee daandii dhiphaa iddoo ittiin mirgatti yookaan bitaatti goran hin qabne tokko irra dhaabate.
26 O anjo do Senhor deteve-se de novo mais adiante em uma passagem estreita, onde não havia espaço para se desviar nem para a direita nem para a esquerda.
27 Harreen sun ergamaa Waaqayyoo arginaan Balaʼaam jalaa gad ciifte; innis aaree ulee ofiitiin harree sana rukute.
27 A jumenta, ao vê-lo, deitou-se debaixo de Balaão, o qual, encolerizado, a fustigava mais fortemente com seu bastão.
28 Kana irratti Waaqayyo afaan harree sanaa banee harreen sun Balaʼaamiin, “Ani maal si yakkinaan ati akkas yeroo sadii na rukutte?” jette.
28 Então o Senhor abriu a boca da jumenta, que disse a Balaão: "Que te fiz eu? Por que me bateste já três vezes?"
29 Balaʼaamis harree sanaan, “Ati na gowwoomsite; ani utuu goraadee of harkaa qabaadhee silaa ammuman si ajjeesa” jedhe.
29 Porque zombaste de mim, respondeu ele. Ah, se eu tivesse uma espada na mão! Ter-te-ia já matado!"
30 Harreen sun amma illee Balaʼaamiin akkana jette; “Ani harree kee kan ati hamma harʼaatti guyyaa hunda yaabbattu mitii? Ani takkumaa waan akkasii sitti hojjedhee beekaa?”
30 A jumenta replicou: "Acaso não sou eu a tua jumenta, a qual montaste até o dia de hoje? Tenho eu porventura o costume de proceder assim contigo?" "Não", respondeu ele.
31 Yommus Waaqayyo ija Balaʼaam bane; Balaʼaamis ergamaa Waaqayyoo kan goraadee luqqifatee karaa irra dhaabatu arge. Kana irratti inni addaan lafatti gombifamee sagade.
31 Então o Senhor abriu os olhos de Balaão, e ele viu o anjo do Senhor que estava no caminho com a espada desembainhada na mão. Inclinou-se e prostrou-se com a face por terra.
32 Ergamaan Waaqayyoo sun akkana jedhee isa gaafate; “Ati maaliif yeroo sadan kana harree kee rukutte? Kunoo ani waan karaan kee fuula koo duratti jalʼaa taʼeef siin mormuudhaafan dhufe.
32 "Por que, disse-lhe o anjo do Senhor, feriste três vezes a tua jumenta? Eu vim opor-me a ti, porque segues um caminho que te leva ao precipício.
33 Harreen kun na argitee yeroo kana sadanuu narraa gorte. Utuu isheen narraa goruu baattee silaa ani yoona si ajjeesee ishee immoo hambisa ture.”
33 Vendo-me, a tua jumenta desviou-se por três vezes diante de mim. Se ela não o tivesse feito, ter-te-ia já matado, e ela ficaria viva."
34 Balaʼaamis ergamaa Waaqayyootiin, “Ani cubbuu hojjedheera. Ani akka ati naan mormuuf jettee karaa irra dhaabatte hin hubanne. Ammas yoo sitti hin tolin ani nan deebiʼa” jedhe.
34 Balaão disse ao anjo do Senhor: "Pequei. Eu não sabia que estavas postado no caminho para deter-me. Se minha viagem te desagrada, voltarei."
35 Ergamaan Waaqayyoo sunis Balaʼaamiin, “Namoota kana wajjin deemi; garuu waanuma ani sitti himu qofa dubbadhu” jedhe. Akkasiin Balaʼaam qondaaltota Baalaaq sana wajjin deeme.
35 "Segue esses homens, respondeu-lhe o anjo do Senhor, mas cuida de só proferir as palavras que eu te disser." E Balaão partiu com os chefes de Balac.
36 Baalaaqis akka Balaʼaam dhufaa jiru dhageenyaan, magaalaa Moʼaab kan daarii Arnoon irratti argamtutti isa simachuudhaaf kaʼee deeme.
36 Quando Balac soube de sua chegada, subiu-lhe ao encontro até a cidade de Moab, na fronteira do Arnon, na extremidade daquela terra,
37 Baalaaqis Balaʼaamiin akkana jedhe; “Ani dhaamsa ariifachiisaa sitti hin erginee? Ati maaliif na bira hin dhufne? Ani dhugumaan ulfina siif kennuu hin dandaʼuu?”
37 e disse-lhe: "Mandei mensageiros chamar-te. Por que não vieste logo? Não posso eu tratar-te com honras?"
38 Balaʼaamis, “Kunoo ani si bira dhufeera. Garuu ani waanuman arge dubbachuu nan dandaʼaa? Ani waanuma Waaqni afaan koo keessa kaaʼu qofan dubbachuu qaba” jedhee deebise.
38 "Eis-me aqui, respondeu Balaão; mas agora ser-me-á possível dizer algo de mim mesmo? Só direi o que Deus me puser na boca, nada mais."
39 Balaʼaamis kaʼee Baalaaq wajjin Qiiriyaati Haxoti dhaqe.
39 E partiram os dois para Quiriat-Chutsot.
40 Baalaaq loonii fi hoolaa aarsaa dhiʼeessee gara tokko Balaʼaamii fi qondaaltota isa wajjin turaniif kenne.
40 Balac imolou em sacrifício bois e ovelhas, dos quais mandou algumas porções a Balaão e aos chefes que o acompanhavam.
41 Ganama itti aanus Baalaaq, Balaʼaamin Baamooti Baʼaalitti ol baase; innis achi dhaabatee saba Israaʼel warra daangaa gamaa irra jiran arge.
41 No dia seguinte pela manhã, Balac tomou consigo o adivinho e levou-o a Bamot-Baal, de onde se podiam ver as últimas linhas do acampamento de Israel.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Números 22, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.