Números 16

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH

Sair da comparação
NTLH Nova Tradução na Linguagem de Hoje 2000
1 Qooraahi ilmi Yizihaar, ilmi Qohaati, ilmi Lewwii, gosa Ruubeen keessaa immoo ilmaan Eliiyaab, Daataanii fi Abiiraam akkasumas Ooni ilmi Phelet kaʼanii
1 — ausente —
2 Museedhaan morman. Isaan wajjinis namoota Israaʼel jechuunis hooggantoota waldaa bebeekamoo kanneen miseensa yaaʼii taʼanii muudamanii turan 250 gaʼantu ture.
2 — ausente —
3 Isaanis Musee fi Arooniin mormuuf jedhanii tokkummaadhaan walitti qabamanii dhufanii akkana isaaniin jedhan; “Isin dubbii baayʼiftaniirtu! Waldaan kun guutummaatti tokkoon tokkoon isaanii iyyuu qulqulluu dha; Waaqayyos isaan wajjin jira. Yoos isin maaliif waldaa Waaqayyoo irratti of tuultu ree?”
3 Eles foram juntos falar com Moisés e Arão e disseram: — Agora chega! Todo o povo pertence a Deus, o
4 Museen dubbii kana dhageenyaan addaan lafatti gombifame.
4 Quando Moisés ouviu isso, ajoelhou-se, encostou o rosto no chão
5 Ergasiis Qooraahii fi warra isa duukaa buʼan hundaan akkana jedhe: “Bori ganama Waaqayyo nama kan isaa taʼee fi nama qulqulluu taʼe ni argisiisa; akka namni sun gara isaatti dhiʼaatu illee ni godha. Inni nama filate sana akka inni itti dhiʼaatu godha.
5 e disse o seguinte a Corá e a todos os seus seguidores: — Amanhã cedo o
6 Qooraahi, atii fi warri si duukaa buʼan hundi waan kana godhaa: Girgiraawwan fudhadhaatii
6 — ausente —
7 bori fuula Waaqayyoo duratti ibiddaa fi ixaana itti naqaa. Namni Waaqayyo filatu inni nama qulqulluu taʼa. Isin Lewwonni dubbii baayʼiftaniirtu!”
7 — ausente —
8 Museenis Qooraahiidhaan akkana jedhe; “Isin Lewwonni mee dhagaʼaa!
8 Moisés disse também a Corá: — Agora escutem, levitas!
9 Waaqni Israaʼel waldaa Israaʼel kaan keessaa isin filatee akka isin hojii dunkaana qulqulluu Waaqayyoo hojjettanii fi akka isin fuula waldaa dura dhaabatanii isaan tajaajiltaniif jedhee ofitti isin dhiʼeessuun isaa isin hin gaʼuu?
9 O Deus de Israel os separou do resto do povo para poderem chegar perto dele, para fazerem o seu serviço na Tenda do Senhor e para realizarem as cerimônias em favor do povo. Será que isso não basta para vocês?
10 Inni siʼii fi Lewwota si wajjin jiran hunda ofitti dhiʼeesseera; isin garuu lubummaa illee fudhachuu barbaaddan.
10 Deus deu a você e a todos os outros levitas esse privilégio, e agora vocês estão querendo também ser sacerdotes?
11 Kanaafuu atii fi miiltonni kee hundinuu walitti qabamtanii Waaqayyoon mormitan. Aroon isin itti guungumtan kun eenyuu dha?”
11 Quando vocês reclamam contra Arão, na verdade é contra o Senhor que você e os seus seguidores estão se revoltando.
12 Museenis ergasii ilmaan Eliiyaab Daataanii fi Abiiraam waamsise. Isaan garuu akkana jedhan; “Nu hin dhufnu!
12 Então Moisés mandou chamar Datã e Abirão, filhos de Eliabe, mas eles responderam aos mensageiros: — Nós não vamos!
13 Ati gammoojjii keessatti nu fixuuf jettee biyya aannanii fi damma baasu keessaa nu baasuun kee si hin gaʼuu? Amma immoo gooftaa nutti taʼuu feetaa?
13 Será que não basta você nos ter tirado de uma terra boa e rica a fim de nos fazer morrer neste deserto? E além disso ainda quer mandar em nós?
14 Kana malee iyyuu ati biyya aannanii fi damma baasutti nu hin galchine yookaan dhaala lafa qotiisaatii fi iddoo dhaabaa wayinii nuu hin kennine. Ati ija namoota kanaa ni baaftaa? Lakkii, nu hin dhufnu!”
14 Na verdade você não nos trouxe para uma terra boa e rica, nem nos deu campos e plantações de uvas para serem nossa propriedade; e ainda por cima está querendo nos enganar. Nós não vamos!
15 Museen akka malee aaree Waaqayyoon, “Aarsaa isaanii hin fudhatin. Ani harree tokko illee isaan irraa hin fudhanne yookaan isaan keessaa nama tokko illee hin miine” jedhe.
15 Então Moisés ficou muito zangado e disse a Deus, o Senhor : — Não aceites as ofertas desses homens. Eu nunca prejudiquei a nenhum deles, nem tirei deles nem mesmo um jumento!
16 Museen Qooraahiidhaan akkana jedhe; “Atii fi miiltonni kee hundinuu akkasumas ati, isaanii fi Aroon bori fuula Waaqayyoo duratti argamaa.
16 Aí Moisés disse a Corá: — Amanhã você e os seus duzentos e cinquenta seguidores venham até a Tenda Sagrada. Arão também estará ali.
17 Tokkoon tokkoon namaa girgiraa isaa fudhatee, ixaana itti naqatee fuula Waaqayyoo duratti haa dhiʼeessu; girgiraawwan kunneenis walumaa galatti 250 taʼu. Akkasumas atii fi Aroon girgiraa keessan dhiʼeessuu qabdu.”
17 Cada um de vocês pegará o seu queimador de incenso, colocará incenso nele e o levará até o altar.
18 Tokkoon tokkoon namaa girgiraa isaa fudhatee, ibiddaa fi ixaana itti naqatee Musee fi Aroon wajjin balbala dunkaana wal gaʼii dura dhaabate.
18 Assim, cada homem pegou o seu queimador de incenso, pôs brasas e incenso nele, e todos ficaram na entrada da Tenda Sagrada com Moisés e Arão.
19 Yeroo Qooraahi isaaniin mormuuf jedhee duukaa buutota isaa hunda balbala dunkaana wal gaʼii duratti walitti qabetti, ulfinni Waaqayyoo waldaa guutuutti mulʼate.
19 Então Corá reuniu todo o povo, e eles ficaram diante de Moisés e Arão na entrada da Tenda. De repente, a glória do Senhor apareceu a todo o povo,
20 Waaqayyo Musee fi Arooniin akkana jedhe;
20 e o Senhor disse a Moisés e a Arão:
21 “Akka ani yeruma tokkoon isaan fixuuf waldaa kana irraa gargar baʼaa.”
21 — Saiam do meio dessa gente, pois eu vou acabar com eles agora mesmo.
22 Musee fi Aroon garuu addaan lafatti gombifamanii akkana jedhanii iyyan; “Yaa Waaqayyo Waaqa hafuurota sanyii nama hundaa, ati yoo namni tokko yakke waldaa guutuutti dheekkamtaa?”
22 Mas Moisés e Arão se ajoelharam, encostaram o rosto no chão e disseram: — Ó Deus, tu dás vida a todos. Será que por causa do pecado de uma só pessoa vais ficar
23 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
23 Então o Senhor respondeu a Moisés:
24 “Waldaa kanaan, ‘Dunkaanota Qooraahi, kan Daataaniitii fi Abiiraam irraa fagaadhaa’ jedhi.”
24 — Diga ao povo que saia de perto das barracas de Corá, Datã e Abirão.
25 Museenis kaʼee gara Daataanii fi Abiiraam dhaqe; maanguddoonni Israaʼelis isa duukaa buʼan.
25 Aí Moisés saiu e, junto com os líderes do povo, foi para onde estavam Datã e Abirão.
26 Innis waldaa sanaan, “Dunkaana namoota hamoo kanneenii irraa fagaadhaa! Isin akka sababii cubbuu isaanii hundaan hin barbadeeffamneef waan kan isaanii taʼe kam iyyuu hin tuqinaa” jedhe.
26 E Moisés disse ao povo: — Afastem-se das barracas desses homens maus e não toquem em nada que seja deles; se não, vocês também serão destruídos por causa dos pecados deles.
27 Isaan dunkaanota Qooraahi, kan Daataanii fi kan Abiiraamiis irraa fagaatan. Daataanii fi Abiiraamiis gad baʼanii niitota, ijoollee fi daaʼimman isaanii wajjin balbala dunkaanota isaanii dura dhadhaabachaa turan.
27 Aí o povo se afastou das barracas de Corá, Datã e Abirão. Datã e Abirão saíram e ficaram na entrada da sua barraca, com as suas mulheres e filhos.
28 Ergasii Museen akkana jedhe; “Ani wantoota kanneen hunda akkan hojjedhuuf Waaqayyo akka na erge, kunis yaada koo akka hin taʼin isin kanaan ni beektu:
28 Então Moisés disse ao povo: — Eu vou dizer como vocês vão ficar sabendo que não fui eu quem resolveu fazer tudo isso. Fiz todas essas coisas porque o
29 Yoo namoonni kunneen duʼuma uumamaan dhufu duʼanii fi wanni nama hundatti dhufu isaanitti dhufe Waaqayyo na hin ergine.
29 Se estes homens tiverem morte natural como todos os outros, sem nenhum castigo de Deus, então o Senhor não me enviou.
30 Garuu yoo Waaqayyo waan guutummaan guutuutti haaraa taʼe tokko isaanitti fidee lafti afaan bantee waan isaan qaban hunda wajjin isaan liqimsite, yoo isaanis utuma lubbuun jiranuu boolla buʼan, isin akka namoonni kunneen Waaqayyoon tuffatan ni beektan.”
30 Mas, se ele fizer acontecer alguma coisa fora do comum, e se a terra se abrir e engolir essa gente com tudo o que eles têm, e eles descerem vivos para o mundo dos mortos , vocês ficarão sabendo que estes homens rejeitaram o Senhor .
31 Akkuma inni waan kana hunda dubbatee fixateen lafti isaan jalaa baqaqxe;
31 E aconteceu que, assim que Moisés acabou de falar, a terra se abriu debaixo deles
32 lafti sunis afaan bantee warra mana isaanii, namoota Qooraahi hundaa fi qabeenya isaanii hunda wajjin isaan liqimsite.
32 e os engoliu com as suas famílias, junto com todos os seguidores de Corá e tudo o que eles tinham.
33 Isaanis waan qaban hunda wajjin jiraatti boolla buʼan; laftis isaan irratti afaan walitti deebifatte; isaanis akkasiin waldaa keessaa balleeffaman.
33 Assim, desceram vivos para o mundo dos mortos, eles e tudo o que possuíam. A terra os cobriu, e eles desapareceram.
34 Isaan iyyinaan Israaʼeloonni naannoo isaanii turan hundinuu, “Lafti kun nuunis ni liqimsiti!” jedhanii iyyaa baqatan.
34 Ao ouvirem os gritos deles, todos os israelitas que estavam ali saíram correndo e gritando: — A terra vai engolir a gente também!
35 Ibiddi Waaqayyo biraa gad buʼee namoota 250 kanneen aarsaa ixaanaa dhiʼeessaa turan sana fixe.
35 Então o Senhor enviou fogo e matou os duzentos e cinquenta homens que haviam oferecido incenso.
36 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
36 Aí o Senhor Deus disse a Moisés:
37 “Akka inni girgiraawwan sana lafa jarri itti gubamanii fuudhee cilee isaanii kan bobaʼu achi fageessee keessaa bittinneessuuf Eleʼaazaar ilma Aroon lubichaatti himi; girgiraawwan sun qulqulluudhaatii.
37 — Diga a Eleazar, filho do sacerdote Arão, que pegue os queimadores de incenso do meio dos restos do incêndio e espalhe para longe as brasas que ainda estiverem neles, pois os queimadores de incenso são sagrados.
38 Girgiraawwan kunneenis girgiraawwan namoota lubbuu isaaniitti muruudhaan cubbuu hojjetanii ti. Girgiraawwan sanas iddoo aarsaatti uffisuudhaaf tumii haphisi; isaan fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeeffamanii qulqulluu taʼaniiruutii. Isaanis Israaʼelootaaf mallattoo haa taʼan.”
38 Eles ficaram sagrados quando foram oferecidos no altar do Senhor . Portanto, pegue os queimadores de incenso desses homens que foram mortos por causa dos seus pecados e deles faça folhas finas de metal. E com essas folhas prepare uma cobertura para o altar. Isso será um aviso para o povo de Israel.
39 Eleʼaazaar lubichi girgiraawwan naasii kanneen namoonni gubaman sun dhiʼeessan sana iddoo aarsaatti uffisuudhaaf jedhee walitti qabee tume.
39 Então o sacerdote Eleazar pegou os queimadores de incenso de metal que os homens que tinham sido mortos haviam trazido e mandou que deles fossem feitas folhas de metal para cobrir o altar.
40 Kanas akkuma Waaqayyo karaa Museetiin isa ajajetti hojjete. Kunis akka sanyii Aroon malee namni tokko iyyuu ixaana aarsuuf fuula Waaqayyoo duratti hin dhiʼaanne, yoo kanaa achii akka inni akkuma Qooraahiitii fi miiltota isaa sanaa taʼu Israaʼeloota yaadataniif.
40 Conforme o Senhor tinha dito a Moisés, isso ficou sendo um aviso para os israelitas a fim de que nenhuma pessoa que não seja descendente de Arão venha a queimar incenso diante do Senhor e seja castigada, como aconteceu com Corá e com os seus seguidores.
41 Guyyaa itti aanutti waldaan Israaʼel hundi, “Isin saba Waaqayyoo fixxan” jedhanii Musee fi Aroonitti guunguman.
41 Mas no dia seguinte todos os israelitas começaram a reclamar contra Moisés e Arão, dizendo assim: — Vocês mataram o povo de Deus, o
42 Garuu yeroo waldaan sun Musee fi Arooniin mormuudhaaf walitti qabamee gara dunkaana wal gaʼii ilaaletti, kunoo duumessi dunkaana sana haguuge; ulfinni Waaqayyoos ni mulʼate.
42 Depois que todos se reuniram para protestar contra Moisés e Arão, eles se viraram para a Tenda Sagrada e viram que a nuvem a estava cobrindo. Então a glória do Senhor apareceu.
43 Musee fi Aroon gara fuuldura dunkaana wal gaʼii dhaqan;
43 Moisés e Arão foram até a frente da Tenda,
44 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe;
44 e o Senhor disse a Moisés:
45 “Akka ani yommusuma isaan balleessuuf, waldaa kana biraa fagaadhu.” Isaanis addaan lafatti gombifaman.
45 — Saiam do meio desse povo, pois vou destruí-lo agora mesmo! Aí Moisés e Arão se ajoelharam e encostaram o rosto no chão.
46 Ergasii Museen Arooniin akkana jedhe; “Girgiraa kee fudhadhuutii iddoo aarsaa irraa ixaana ibidda wajjin itti naqadhuutii araara isaaniif buusuudhaaf gara waldaatti fiigi. Dheekkamsi Waaqayyo biraa dhufeera; dhaʼichi jalqabeera.”
46 E Moisés disse a Arão: — Pegue o seu queimador de incenso, ponha nele algumas brasas do altar e jogue incenso em cima delas. E vá depressa até o lugar onde o povo está e ofereça o
47 Aroon akkuma Museen jedhe sana fiigee gidduu waldaa seene. Yeroo kanatti dhaʼichi gidduu waldaatti jalqabee ture. Aroon garuu ixaana dhiʼeessee araara isaaniif buuse.
47 Então Arão pegou o queimador de incenso, conforme Moisés havia mandado, e correu para o meio do povo. Quando viu que a epidemia já havia começado, Arão jogou o incenso nas brasas e ofereceu o sacrifício para conseguir o perdão dos pecados do povo.
48 Innis warra jiruu fi warra duʼe gidduu ijaajje; dhaʼichi sunis ni dhaabate.
48 Com isso a epidemia parou, e Arão ficou de pé entre os vivos e os mortos.
49 Garuu namoota sababii Qooraahiitiif dhuman malee namoota 14,700 gaʼantu dhaʼicha sanaan dhume.
49 Naquela epidemia morreram catorze mil e setecentas pessoas, fora as que morreram na revolta de Corá.
50 Aroon sababii dhaʼichi sun dhaabateef gara balbala dunkaana wal gaʼii gara Museetti deebiʼe.
50 Quando acabou a epidemia, Arão voltou para a entrada da Tenda, onde Moisés estava.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Números 16, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.