Neemias 6

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARIB

Sair da comparação
ARIB Almeida Revisada Imprensa Bíblica
1 Ani hamma yeroo sanaatti cuftuu balbalaa itti galchuu baadhu illee Sanbalaax, Xoobbiyaan, Gesheem namicha Arabaa sanaa fi diinonni keenya biraan akka ani dallaa sana deebisee ijaaree iddoon hin ijaaramin tokko iyyuu hin hafin dhageenyaan
1 Quando Sambalate, Tobias e Gesem, o arábio, e o resto dos nossos inimigos souberam que eu já tinha edificado o muro e que nele já não havia brecha alguma, ainda que até este tempo não tinha posto as portas nos portais,
2 Sanbalaaxii fi Gesheem, “Kottu mee gandoota dirree Oonoo irra jiran keessaa isa tokko keessatti wal arginaa” jedhanii ergaa kana natti ergan.
2 Sambalate e Gesem mandaram dizer-me: Vem, encontremo-nos numa das aldeias da planície de Ono. Eles, porém, intentavam fazer-me mal.
3 kanaafuu ani akkana jedhee ergamoota isaanittin erge; “Ani waan hojii guddaa hojjechaa jiruuf gad buʼuu hin dandaʼu. Yeroo ani hojii dhiisee gara keessanitti gad buʼuutti hojiin maaliif dhaabata?”
3 E enviei-lhes mensageiros a dizer: Estou fazendo uma grande obra, de modo que não poderei descer. Por que cessaria esta obra, enquanto eu a deixasse e fosse ter convosco?
4 Isaan ergaadhuma tokko siʼa afur natti ergan; anis siʼa afranuu deebiidhuma tokkon kenneef.
4 Do mesmo modo mandaram dizer-se quatro vezes; e do mesmo modo lhes respondi.
5 Sanbalaaxis ergaadhuma sana garbicha isaa tokkoon yeroo shanaffaa natti erge; garbichi sunis xalayaa hin cufamin tokko harkaa qaba ture.
5 Então Sambalate, ainda pela quinta vez, me enviou o seu moço com uma carta aberta na mão,
6 Xalayichis akkana jedha:
6 na qual estava escrito: Entre as nações se ouviu, e Gesem o diz, que tu e os judeus intentais revoltar-vos, e por isso tu estás edificando o muro, e segundo se diz, queres fazer-te rei deles;
7 ati akka isaan, ‘Yihuudaa keessa mootii tokkotu jira!’ jedhanii waaʼee kee Yerusaalem keessatti labsaniif raajota muudatteerta. Oduun kun gara mootichaatti ni deebiʼa; kanaafuu kottu wajjin ni mariʼannaa.”
7 e que constituíste profetas para proclamarem a respeito de ti em Jerusalém: Há rei em Judá. Ora, estas coisas chegarão aos ouvidos do rei; vem pois, agora e consultemos juntamente.
8 Kana irratti ani, “Wanni akka waan ati dubbattu kanaa tokko illee hin hojjetamne; ati matuma kee keessaa fuutee dubbattaa” jedheen deebiseef.
8 Então mandei dizer-lhe: De tudo o que dizes, coisa nenhuma sucedeu, mas tu mesmo o inventas.
9 Isaan hundi, “Harki jara kanaa hojii hojjechuu ni dadhaba; hojiin kunis hin dhumu” jedhanii yaaduudhaan nu sodaachisuu yaalaa turan.
9 Pois todos eles nos procuravam atemorizar, dizendo: As suas mãos hão de largar a obra, e não se efetuará. Mas agora, ó Deus, fortalece as minhas mãos.
10 Anis gaaf tokko mana Shemaaʼiyaa ilma Delaayaa, ilma Maheexabiʼeel kan manuma ofii isaa keessatti itti cufame sanaa nan dhaqe. Innis akkana jedhe; “Sababii namoonni si ajjeesuuf dhufaa jiraniif, sababii isaan si ajjeesuuf halkaniin dhufaa jiraniif kottu mana Waaqaatti, mana qulqullummaa keessatti wal arginee balbalawwan mana qulqullummaa haa cufannu.”
10 Fui à casa de Semaías, filho de Delaías, filho de Meetabel, que estava em recolhimento; e disse ele: Ajuntemo-nos na casa de Deus, dentro do templo, e fechemos as suas portas, pois virão matar-te; sim, de noite virão matar-te.
11 Ani immoo, “Namni akka kootii kun baqachuu qabaa? Yookaan namni na fakkaatu tokko lubbuu ofii isaa oolfachuudhaaf jedhee mana qulqullummaa seenuu qabaa? Ani hin deemu!” jedheen.
11 Eu, porém, respondi: Um homem como eu fugiria? e quem há que, sendo tal como eu, possa entrar no templo e viver? De maneira nenhuma entrarei.
12 Ani akka Waaqni isa natti hin ergin beekkadheera; inni garuu sababii Xoobbiyaa fi Sanbalaaxi isa bitataniif waaʼee koo waan hamaa raaje.
12 E percebi que não era Deus que o enviara; mas ele pronunciou essa profecia contra mim, porquanto Tobias e Sambalate o haviam subornado.
13 Inni na sodaachisee akka ani waan kana hojjechuudhaan cubbuu hojjedhuuf, akka isaanis akkasiin maqaa hamaa naa kennanii maqaa na balleessaniif bitame.
13 Eles o subornaram para me atemorizar, a fim de que eu assim fizesse, e pecasse, para que tivessem de que me infamar, e assim vituperassem.
14 Yaa Waaqa ko, sababii waan isaan hojjetan sanaaf jedhiitii Xoobbiyaa fi Sanbalaaxin yaadadhu; raajjuu Nooʼadiyaa jedhamtuu fi raajota na sodaachisuu yaalan kaanis yaadadhu.
14 Lembra-te, meu Deus, de Tobias e de Sambalate, conforme estas suas obras, e também da profetisa Noadias, e dos demais profetas que procuravam atemorizar-me.
15 Akkasiinis dallaan sun bultii shantamii lamatti, jiʼa Eeluuli jedhamu keessa bultii digdamii shanaffaatti ijaaramee dhume.
15 Acabou-se, pois, o muro aos vinte e cinco do mês de elul, em cinqüenta e dois dias.
16 Yommuu diinonni keenya hundi oduu kana dhagaʼanitti, saboonni naannoo keenyaa hundi sodaatanii abdii kutatan; isaan akka hojiin kun gargaarsa Waaqa keenyaan hojjetame hubataniiruutii.
16 Quando todos os nosso inimigos souberam disso, todos os povos que havia em redor de nós temeram, e abateram-se muito em seu próprio conceito; pois perceberam que fizemos esta obra com o auxílio do nosso Deus.
17 Bara sana keessa namoonni Yihuudaa bebeekamoon xalayoota hedduu gara Xoobbiyaatti ergaa turan; Xoobbiyaanis deebii isaaniif ni erga ture.
17 Além disso, naqueles dias o nobres de Judá enviaram muitas cartas a Tobias, e as cartas de Tobias vinham para eles.
18 Sababii inni soddaa Shekaaniyaa ilma Aaraa tureef namoonni Yihuudaa keessa jiraatan hedduun isaaf kakatan; akkasumas ilmi isaa Yehohaanaan intala Meshulaam ilma Berekiyaa fuudhee ture.
18 Pois muitos em Judá estavam ligados a ele por juramento, por ser ele genro de Secanias, filho de Ará, e por haver seu filho Joanã casado com a filha de Mesulão, filho de Berequias.
19 Kana malees isaan hojii isaa gaarii natti odeessaa, waan ani jedhe illee isatti himaa turan. Xoobbiyaan immoo na sodaachisuuf jedhee xalayoota natti ergaa ture.
19 Também as boas ações dele contavam perante mim, e as minhas palavras transmitiam a ele. Tobias, pois, escrevia cartas para me atemorizar.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Neemias 6, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.