Neemias 5
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARC
1 Yeroo kanatti namoonnii fi niitonni isaanii obboloota isaanii Yihuudootatti guddisanii iyyan.
1 Foi, porém, grande o clamor do povo e de suas mulheres contra os judeus, seus irmãos.
2 Isaan keessaa namoonni tokko tokko, “Nu, ilmaan keenyaa fi intallan keenya baayʼee hedduu dha; nu akka nyaannee jiraannuuf midhaan argachuu qabna” jechaa turan.
2 Porque havia quem dizia: Com nossos filhos e nossas filhas, nós somos muitos; pelo que tomemos trigo, para que comamos e vivamos.
3 Warri kaan immoo, “Nu yeroo beelaatti midhaan argachuudhaaf jennee lafa qotiisaa keenya, iddoo dhaabaa wayinii keenyaa fi manneen keenya qabsiisaa jirra” jechaa turan.
3 Também havia quem dizia: As nossas terras, as nossas vinhas e as nossas casas empenhamos, para tomarmos trigo nesta fome.
4 Ammas namoonni biraa akkana jedhan; “Nu lafa qotiisaa keenyaa fi iddoo dhaabaa wayinii keenyaatiif gibira mootichaa baasuudhaaf maallaqa liqeeffachuu qabna turre.
4 Também havia quem dizia: Tomamos dinheiro emprestado até para o tributo do rei, sobre as nossas terras e as nossas vinhas.
5 Nu namoota biyya keenyaatiin foonii fi dhiiga tokko taanee ilmaan keenyas akkuma ilmaan isaanii gaarii taʼan illee, nu ilmaan keenyaa fi intallan keenya dabarsinee garbummaaf kennineerra. Intallan keenya keessaa tokko tokko amma iyyuu garboomfamanii jiru; garuu lafti qotiisaa keenyaa fi iddoon dhaabaa wayinii keenyaa kan namoota biraa waan taʼaniif nu humna hin qabnu.”
5 Agora, pois, a nossa carne é como a carne de nossos irmãos, e nossos filhos, como seus filhos; e eis que sujeitamos nossos filhos e nossas filhas para serem servos, e até algumas de nossas filhas são tão sujeitas, que já não estão no poder de nossas mãos; e outros têm as nossas terras e as nossas vinhas.
6 Anis yommuun iyya isaaniitii fi dubbii kana dhagaʼetti baayʼee nan aare.
6 Ouvindo eu, pois, o seu clamor e essas palavras, muito me enfadei.
7 Anis ofiin mariʼadhee namoota bebeekamoo fi qondaaltota sana nan ifadhe; akkanas nan jedheen; “Isin hiiqiidhaan liqeessuudhaan namootuma biyya keessanii saamaa jirtu!” Kanaafuu ani yaaʼii guddaa isaanitti waameen
7 E considerei comigo mesmo no meu coração; depois, pelejei com os nobres e com os magistrados e disse-lhes: Usura tomais cada um de seu irmão. E ajuntei contra eles um grande ajuntamento.
8 akkana isaaniin jedhe; “Nu hamma nuu dandaʼametti obboloota keenya Yihuudoota saba ormaatti gurguramanii turan sana deebifnee bitanneerra. Isin amma illee akka isaan deebifamanii nutti gurguramaniif jettanii obboloota keessaan gurguraa jirtu!” Isaan immoo waan jedhan dhabanii calʼisan.
8 E disse-lhes: Nós resgatamos os judeus, nossos irmãos, que foram vendidos às gentes, segundo nossas posses; e vós outra vez venderíeis vossos irmãos ou vender-se-iam a nós? Então, se calaram e não acharam que responder.
9 Kanaafuu ani ittuma fufeen akkana jedheen; “Wanni isin hojjechuutti jirtan kun sirrii miti. Isin tuffii diinota keenya Namoota Ormaa jalaa baʼuuf, Waaqa keenya sodaachuudhaan jiraachuu hin qabdanii?
9 Disse mais: Não é bom o que fazeis: Porventura, não devíeis andar no temor do nosso Deus, por causa do opróbrio dos gentios, os nossos inimigos?
10 Ani, obboloota koo fi namoonni koos maallaqaa fi midhaan saba kanaaf liqeessaa jirra. Garuu hiiqiidhaan liqeessuudhaan nama saamuu dhiisaa!
10 Também eu, meus irmãos e meus moços, a juro, lhes temos dado dinheiro e trigo. Deixemos este ganho.
11 Amma dafaatii lafa qotiisaa isaanii, iddoo dhaabaa wayinii isaanii, mukkeen ejersaatii fi manneen isaanii akkasumas waan hiiqiidhaan liqeessitanii dhibbantaan saamtan kanneen akka maallaqaa, midhaanii, daadhii wayinii haaraatii fi zayitii sana deebisaafii.”
11 Restituí-lhes hoje, vos peço, as suas terras, as suas vinhas, os seus olivais e as suas casas, como também o centésimo do dinheiro, do trigo, do mosto e do azeite, que vós exigis deles.
12 Isaanis, “Nu waan sana deebifnee ni kennina; deebinee waan tokko illee isaan irraa hin barbaannu. Akkuma ati jette goona” jedhan.
12 Então, disseram: Restituir- lho- emos e nada procuraremos deles; faremos assim como dizes. Então, chamei os sacerdotes e os fiz jurar que fariam conforme esta palavra.
13 Ammas ani dachaa uffata koo hurgufeen akkana jedhe; “Waaqayyo nama waadaa kana hin eegne kamiin iyyuu mana isaatii fi qabeenya isaa irraa akkana haa hurgufu. Namni akkanaa kun akkasuma hurgufamee harka duwwaa haa hafu!”
13 Também o meu regaço sacudi e disse: Assim sacuda Deus a todo homem da sua casa e do seu trabalho que não cumprir esta palavra; e assim seja sacudido e vazio. E toda a congregação disse: Amém! E louvaram o Senhor ; e o povo fez conforme esta palavra.
14 Kana caalaas yeroo ani bara Arxeksis mootichaa keessa waggaa digdammaffaatti bulchaa biyya Yihuudaa taʼee muudamee jalqabee hamma waggaa soddomii lammaffaa mootummaa isaatti jechuunis waggaa kudha lamaaf, anis obboloonni koos nyaata bulchaaf ramadame hin nyaanne.
14 Também desde o dia em que fui nomeado seu governador na terra de Judá, desde o ano vinte até ao ano trinta e dois do rei Artaxerxes, doze anos, nem eu nem meus irmãos comemos o pão do governador.
15 Garuu bulchitoonni durii kanneen anaan dura turan baʼaa guddaa saba baachisanii nyaataa fi daadhii wayinii malee iyyuu meetii saqilii afurtama isaan irraa fudhachaa turan. Gargaartonni isaaniis akkasuma saba cunqursan. Ani garuu waanan Waaqa sodaadhuuf akkas hin goone.
15 Mas os primeiros governadores, que foram antes de mim, oprimiram o povo e tomaram-lhe pão e vinho e, além disso, quarenta siclos de prata; ainda também os seus moços dominavam sobre o povo; porém eu assim não fiz, por causa do temor de Deus.
16 Qooda kanaa ani hojii dallaa ijaaruu kanaaf of nan kenne. Namoonni koo hundinuu achitti hojiidhaaf walitti qabaman; nu lafa tokko illee hin arganne.
16 Antes, também na obra deste muro fiz reparação, e terra nenhuma compramos; e todos os meus moços se ajuntaram ali para a obra.
17 Amma illee namoota saba naannoo keenya jiraatan keessaa dhufan malee Yihuudoonni dhibba tokkoo shantamnii fi qondaaltonni maaddii koo irraa nyaachaa turan.
17 Também cento e cinquenta homens dos judeus e dos magistrados e os que vinham a nós, dentre as gentes que estão à roda de nós, se punham à minha mesa.
18 Guyyaa guyyaadhaan sangaan tokko, hoolonni gagabbatoon jaʼaa fi indaanqoowwan muraasni, guyyaa kudhan kudhaniin immoo daadhiin wayinii kan gosa hundaa baayʼinaan naa qopheeffama ture. Kana hunda malees ani takkumaa nyaata bulchaaf ramadamuu qabu hin gaafanne; gaaffiin kun saboota kanneenitti baʼaa guddaa tureetii.
18 E o que se preparava para cada dia era um boi e seis ovelhas escolhidas; também aves se me preparavam e, de dez em dez dias, de todo o vinho muitíssimo; e nem por isso exigi o pão do governador, porquanto a servidão deste povo era grande.
19 Yaa Waaqa koo waan ani saba kanaaf godhe hunda tolaatti naa lakkaaʼi.
19 Lembra-te de mim para bem, ó meu Deus, e de tudo quanto fiz a este povo.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Neemias 5, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.