Neemias 3

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ACF

Sair da comparação
ACF Almeida Corrigida Fiel
1 Eliyaashiib lubichi ol aanaanii fi luboonni akka isaa kaʼanii Karra Hoolotaa ijaaran. Isaan karra sana qulqulleessanii cufaawwan isaa iddootti deebisan; dallaa sanas hamma Gamoo Dhibbaa kan isaan qulqulleessan sanaattii fi hamma Gamoo Hanaaniʼeelitti ijaaran.
1 E levantou-se Eliasibe, o sumo sacerdote, com os seus irmãos, os sacerdotes, e reedificaram a porta do gado, a qual consagraram; e levantaram as suas portas, e até à torre de Meá consagraram, e até à torre de Hananel.
2 Namoonni Yerikoo kutaa itti aanu ijaaran; Zakuur ilmi Imrii immoo isaanitti aansee ijaare.
2 E junto a ele edificaram os homens de Jericó; também ao seu lado edificou Zacur, filho de Imri.
3 Ilmaan Hasenaaʼaa Karra Qurxummii deebisanii ijaaran. Isaan demdemoo kaaʼanii cufaawwan, loosaa fi danqaraawwan isaa iddootti deebisan.
3 E à porta do peixe edificaram os filhos de Hassenaá; a qual emadeiraram, e levantaram as suas portas com as suas fechaduras e os seus ferrolhos.
4 Mereemooti ilmi Uuriyaa, ilmi Haqoosi kutaa itti aanu haaromse. Isatti aanee Meshulaam ilma Berekiyaa ilma Meseezebeelitu haaromse; isaanitti aanee immoo Zaadoq ilma Baʼanaatu haaromse.
4 E ao seu lado reparou Meremote, filho de Urias, o filho de Coz; e ao seu lado reparou Mesulão, filho de Berequias, o filho de Mesezabeel; e ao seu lado reparou Zadoque, filho de Baana.
5 Kutaa itti aanu namoota Teqooʼaatu haaromse; namoonni isaanii bebeekamoon garuu hojii Gooftaa isaaniitiif boquu gad hin qabanne.
5 E ao seu lado repararam os tecoítas; porém os seus nobres não submeteram a cerviz ao serviço de seu Senhor.
6 Yooyaadaan ilmi Faasehaatii fi Meshulaam ilmi Besoodeyaa Karra Moofaa haaromsan. Isaanis demdemoo kaaʼanii cufaawwan, loosaa fi danqaraawwan isaa iddootti deebisan.
6 E a porta velha repararam-na Joiada, filho de Paséia, e Mesulão, filho de Besodias; estes a emadeiraram, e levantaram as suas portas com as suas fechaduras e os seus ferrolhos.
7 Isaanitti aansee immoo Melaaxiyaan namichi Gibeʼoon, Yaadoon namichi Meeroonot akkasumas namoonni Gibeʼooniitii fi Miisphaa kutaawwan bulchiinsa bulchaa Gama Laga Efraaxiis jala jiran sana haaromsan.
7 E ao seu lado repararam Melatias, o gibeonita, e Jadom, meronotita, homens de Gibeom e Mizpá, que pertenciam ao domínio do governador dalém do rio.
8 Tumtuu warqee keessaa Uziiʼeel ilmi Harhayaa kutaa itti aanu haaromse. Warra Shittoo hojjetan keessaa Hanaaniyaan kutaa kutaa sanatti aanu haaromse. Isaanis hamma Dallaa Balʼaatti Yerusaalemin akka duriitti deebisanii ijaaran.
8 Ao seu lado reparou Uziel, filho de Haraías, um dos ourives; e ao seu lado reparou Hananias, filho de um dos boticários; e fortificaram a Jerusalém até ao muro largo.
9 Refaayaan ilmi Huuri, bulchaan gartokkee aanaa Yerusaalem kutaa itti aanu haaromse.
9 E ao seu lado reparou Refaías, filho de Hur, líder da metade de Jerusalém.
10 Isaanitti aansee Yedaayaa ilmi Haruumaaf kutaa fuullee mana ofii isaa haaromse; Haxuush ilmi Hashabniyaa isatti aansee haaromse.
10 E ao seu lado reparou Jedaías, filho de Harumafe, e defronte de sua casa e ao seu lado reparou Hatus, filho de Hasabnéias.
11 Malkiyaan ilmi Haariimiitii fi Hashuub ilmi Fahat Moʼaab kutaa biraatii fi Gamoo Badaa Ibiddaa haaromsan.
11 A outra porção reparou Malquias, filho de Harim, e Hasube, filho de Paate-Moabe; como também a torre dos fornos.
12 Shaluum ilmi Haloheesh bulchaan gartokkee aanaa Yerusaalemiitii fi intallan isaa kutaa itti aanu haaromsan.
12 E ao seu lado reparou Salum, filho de Haloés, líder da outra meia parte de Jerusalém, ele e suas filhas.
13 Haanuunii fi jiraattonni Zaanoʼaa Karra Sululaa haaromsan. Isaanis karra sana deebisanii ijaaranii cufaawwan, loosaa fi danqaraawwan isaa iddootti deebisan. Akkasumas hamma Karra Dikeetti dallaa dhundhuma kuma tokko lafa irra dheeratu haaromsan.
13 A porta do vale reparou-a Hanum e os moradores de Zanoa; estes a edificaram, e lhe levantaram as portas com as suas fechaduras e os seus ferrolhos, como também mil côvados do muro, até a porta do monturo.
14 Malkiyaan ilmi Rekaab bulchaan aanaa Beet Hakerem Karra Dikee haaromse. Innis karra sana deebisee ijaaree cufaawwan, loosaa fi danqaraawwan isaa iddootti deebise.
14 E a porta do monturo reparou-a Malquias, filho de Recabe, líder do distrito de Bete-Haquerém; este a edificou, e lhe levantou as portas com as suas fechaduras e os seus ferrolhos.
15 Shelaa ilmi Kol-Hoozee bulchaan aanaa Miisphaa sun Karra Burqaa haaromse. Innis karra sana haaromsee gubbaa isaa haguugee cufaawwan isaa, loosaa fi danqaraawwan isaa iddootti deebise. Dallaa Haroo Sheelaanii kan Iddoo Biqiltuu Mootichaa biraa sanas hamma waltajjii Magaalaa Daawit irraa gad buʼuutti haaromse.
15 E a porta da fonte reparou-a Salum, filho de Col-Hoze, líder do distrito de Mizpá; este a edificou, e a cobriu, e lhe levantou as portas com as suas fechaduras e os seus ferrolhos, como também o muro do tanque de Hasselá, ao pé do jardim do rei, e até aos degraus que descem da cidade de Davi.
16 Isa duubaan Nahimiyaan ilmi Azbuuq bulchaan gartokkee aanaa Beet Zuuri sun hamma iddoo fuullee awwaala Daawititti, hamma haroo kuufamee fi hamma Mana Goototaatti haaromse.
16 Depois dele edificou Neemias, filho de Azbuque, líder da metade de Bete-Zur, até defronte dos sepulcros de Davi, até ao tanque artificial e até à casa dos valentes.
17 Isatti aanee Lewwonni Rehuum ilma Baaniitiin qajeelfaman ni haaromsan. Isatti aansee immoo Hashabiyaan bulchaan gartokkee aanaa Qeyiilaa sun aanaa ofii isaatiif haaromse.
17 Depois dele repararam os levitas, Reum, filho de Bani; ao seu lado reparou Hasabias, líder da metade de Queila, no seu distrito.
18 Isatti aansee namoonni biyya isaanii qajeelcha Bawaayi ilma Heenaadaad bulchaa gartokkee aanaa Qeyiilaa jala turan ni haaromsan.
18 Depois dele repararam seus irmãos, Bavai, filho de Henadade, líder da outra meia parte de Queila.
19 Isatti aansee Eezer ilmi Yeeshuʼaa bulchaan Miisphaa iddoo karaa mankuusa miʼa lolaatti geessu fuul duraa sana hamma roga isaatti kutaa biraa haaromse.
19 Ao seu lado reparou Ezer, filho de Jesuá, líder de Mizpá, outra porção, defronte da subida à casa das armas, à esquina.
20 Isatti aansees Baaruk ilmi Zabaayi roga sanaa jalqabee hamma balbala mana Eliyaashiib lubicha ol aanaatti kutaa biraa hinaaffaadhaan haaromse.
20 Depois dele reparou com grande ardor Baruque, filho de Zabai, outra medida, desde a esquina até à porta da casa de Eliasibe, o sumo sacerdote.
21 Isatti aansee Mereemooti ilmi Uuriyaa, ilmi Haqoosi balbala mana Eliyaashiibiitii jalqabee hamma dhuma isaatti kutaa biraa haaromse.
21 Depois dele reparou Meremote, filho de Urias, o filho de Coz, outra porção, desde a porta da casa de Eliasibe, até à extremidade da casa de Eliasibe.
22 Isatti aansee immoo luboota naannoo sana jiranittu haaromse.
22 E depois dele repararam os sacerdotes que habitavam na campina.
23 Isaaniin achittis Beniyaamii fi Hashuubittu fuula mana isaanii dura haaromse; isaanitti aansee immoo Azaariyaa ilma Maʼaseyaa ilma Anaaniyaatu mana isaa bira haaromse.
23 Depois reparou Benjamim e Hasube, defronte da sua casa; depois dele reparou Azarias, filho de Maaséias, o filho de Ananias, junto à sua casa.
24 Isatti aansee Binuuyiin ilmi Heenaadaad mana Azaariyaatii jalqabee hamma rogaa fi golee isaatti kutaa biraa haaromse;
24 Depois dele reparou Binui, filho de Henadade, outra porção, desde a casa de Azarias até à esquina, e até ao canto.
25 Phaalaal ilmi Uuzaay immoo golee sanaa fi gamoo masaraa mootummaa kan ol aanu gubbaatti ijaarame fuullee oobdii eegdotaa bira haaromse. Isatti aansees Phedaayaan ilmi Phaaroshii fi
25 Palal, filho de Uzai, reparou defronte da esquina, e a torre que sai da casa real superior, que está junto ao pátio da prisão; depois dele Pedaías, filho de Parós.
26 tajaajiltoonni mana qulqullummaa kanneen tulluu Oofeel irra jiraatan hamma iddoo Karra Bishaanii kan gama baʼaatii fi gamoo ol kaʼaa sana duraatti haaromsan.
26 E os servidores do templo que habitavam em Ofel, até defronte da porta das águas, para o oriente, e até à torre alta.
27 Isaanitti aansanii immoo namoonni Teqooʼaa gamoo ol kaʼaa guddichaa jalqabanii hamma dallaa Oofeelitti kutaa biraa haaromsan.
27 Depois repararam os tecoítas outra porção, defronte da torre grande e alta, e até ao muro de Ofel.
28 Karra Fardaatiin olitti tokkoon tokkoon lubootaa fuula mana ofii isaanii dura haaromsan.
28 Desde acima da porta dos cavalos repararam os sacerdotes, cada um defronte da sua casa.
29 Isaanitti aansee Zaadoq ilmi Imeer fuullee mana isaa haaromse. Isatti aansee Shemaaʼiyaan ilmi Shekaaniyaa eegduun Karra gama Baʼaa sun akkasuma ni haaromse.
29 Depois deles reparou Zadoque, filho de Imer, defronte da sua casa; e depois dele reparou Semaías, filho de Secanias, guarda da porta oriental.
30 Isatti aansaniis Hanaaniyaan ilmi Shelemiyaatii fi Haanuun ilmi Zaalaaf jaʼaffaan sun kutaa biraa haaromsan. Isaanitti aansee immoo Meshulaam ilmi Berekiyaa fuullee mana ofii isaa keessa jiraatuu haaromse.
30 Depois dele reparou Hananias, filho de Selemias, e Hanum, filho de Zalafe, o sexto, outra porção; depois dele reparou Mesulão, filho de Berequias, defronte da sua câmara.
31 Isatti aansee immoo tumtuu warqee keessaa Malkiyaan hamma mana tajaajiltoota mana qulqullummaatii fi daldaltootaa kan fuullee Karra Toʼannaatti, hamma kutaa manaa kan golee irraattis haaromse;
31 Depois dele reparou Malquias, filho de um ourives, até à casa dos servidores do templo e mercadores, defronte da porta de Mifcade, e até à câmara do canto.
32 tumtuun warqeetii fi daldaltoonni immoo kutaa manaa kan golee irraa sanaa fi Karra Hoolotaa gidduu jiru haaromsan.
32 E entre a câmara do canto e a porta do gado, repararam os ourives e os mercadores.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Neemias 3, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.