Neemias 2
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARA
1 Waggaa digdammaffaa bara Arxeksis Mootichaatti jiʼa Niisaan keessa yeroo daadhiin wayinii isaaf dhiʼeeffametti ani daadhii wayinii sana fuudhee mootichaaf nan kenne. Ani fuula isaa duratti gaddee hin beeku;
1 No mês de nisã, no ano vigésimo do rei Artaxerxes, uma vez posto o vinho diante dele, eu o tomei para oferecer e lho dei; ora, eu nunca antes estivera triste diante dele.
2 kanaafuu mootichi, “Ati utuu hin dhukkubsatin fuulli kee maaliif waan gadde fakkaata? Kun gadda garaa keessaati malee waan biraa miti” naan jedhe.
2 O rei me disse: Por que está triste o teu rosto, se não estás doente? Tem de ser tristeza do coração. Então, temi sobremaneira
3 mootichaanis, “Yaa mootii bara baraan jiraadhu! Utuu magaalaan abbootiin koo keessatti awwaalaman barbadooftee jirtuu, utuu karrawwan ishees ibiddaan barbadeeffamanii jiranuu fuulli koo maaliif hin gaddu?” nan jedhe.
3 e lhe respondi: viva o rei para sempre! Como não me estaria triste o rosto se a cidade, onde estão os sepulcros de meus pais, está assolada e tem as portas consumidas pelo fogo?
4 Mootichis, “Akka ani maal siif godhu barbaadda?” naan jedhe.
4 Disse-me o rei: Que me pedes agora? Então, orei ao Deus dos céus
5 akkana jedhee mootichaaf nan deebise; “Yoo wanni kun mooticha gammachiisee garbichi kee fuula kee duratti surraa argate, akka ani magaalattii deebisee ijaaruuf gara Yihuudaa, gara magaalaa abbootiin koo itti awwaalamanitti na ergi.”
5 e disse ao rei: se é do agrado do rei, e se o teu servo acha mercê em tua presença, peço-te que me envies a Judá, à cidade dos sepulcros de meus pais, para que eu a reedifique.
6 Kana irratti mootichi utuma mootittiin isa bira teessuu, “Karaan kee yeroo hammamii fudhata? Atis yoomi deebita?” jedhee na gaafate. Na erguun fedhii mootichaa taʼe; anis yeroo nan murteeffadhe.
6 Então, o rei, estando a rainha assentada junto dele, me disse: Quanto durará a tua ausência? Quando voltarás? Aprouve ao rei enviar-me, e marquei certo prazo.
7 Ammas ani akkanan isaan jedhe; “Yoo wanni kun mooticha gammachiise, akka isaan hamma ani Yihuudaa gaʼutti nagaadhaan na dabarsaniif bulchitoota Laga Efraaxiis Gamaatiif xalayaan anaaf haa kennamu.
7 E ainda disse ao rei: Se ao rei parece bem, deem-se-me cartas para os governadores dalém do Eufrates, para que me permitam passar e entrar em Judá,
8 Akkasumas akka inni laaxaa ani ittiin dareeraa karra daʼannoo mana qulqullummaa, dallaa magaalaa sanaa fi kan mana ani itti galuuf jiruu tolfadhu naaf kennuuf Aasaaf eegduu bosona mootichaaf xalayaan naaf haa barreeffamu.” Sababii harki Waaqa koo tolaan sun narra tureef mootichi waan ani kadhadhe naa kenne.
8 como também carta para Asafe, guarda das matas do rei, para que me dê madeira para as vigas das portas da cidadela do templo, para os muros da cidade e para a casa em que deverei alojar-me. E o rei mas deu, porque a boa mão do meu Deus era comigo.
9 Kanaafuu ani gara bulchitoota Gama Laga Efraaxiis dhaqee xalayoota mootichaa isaanitti nan kenne. Mootichi ajajjoota waraanaa fi abbootii fardeenii na wajjin ergee ture.
9 Então, fui aos governadores dalém do Eufrates e lhes entreguei as cartas do rei; ora, o rei tinha enviado comigo oficiais do exército e cavaleiros.
10 Sanbalaax Hooroonichii fi Xoobbiyaan qondaaltichi Amoon sun yeroo waan kana dhagaʼanitti sababii namni Israaʼeliif waan tolaa yaadu tokko dhufeef akka malee ni raafaman.
10 Disto ficaram sabendo Sambalate, o horonita, e Tobias, o servo amonita; e muito lhes desagradou que alguém viesse a procurar o bem dos filhos de Israel.
11 Ani ergan Yerusaalem dhaqee bultii sadii achi bubbulee booddee
11 Cheguei a Jerusalém, onde estive três dias.
12 halkaniin kaʼee namoota muraasa wajjin nan baʼe. Ani waan Waaqni koo akka ani Yerusaalemiif godhu garaa koo keessa kaaʼe nama tokkotti iyyuu hin himne. Horii tokkicha ani yaabbadhe sana malee horiin tokko illee na bira hin turre.
12 Então, à noite me levantei, e uns poucos homens, comigo; não declarei a ninguém o que o meu Deus me pusera no coração para eu fazer em Jerusalém. Não havia comigo animal algum, senão o que eu montava.
13 Ani halkaniin Karra Sululaatiin gad baʼee gara Boolla Bishaan Jawweetii fi gara Karra Dikee dhaqee dallaa Yerusaalem kan diigamee fi karrawwan ishee kanneen ibiddaan barbadeeffaman sana irra naannaʼeen ilaale.
13 De noite, saí pela Porta do Vale, para o lado da Fonte do Dragão e para a Porta do Monturo e contemplei os muros de Jerusalém, que estavam assolados, cujas portas tinham sido consumidas pelo fogo.
14 Ergasiis ani ittuma fufee gara Karra Burqaa fi gara Haroo mootichaa nan dhaqe; garuu karaan horii ani yaabbadhe dabarsu tokko illee hin turre;
14 Passei à Porta da Fonte e ao açude do rei; mas não havia lugar por onde passasse o animal que eu montava.
15 kanaafuu ani halkaniin karaa sululaatiin ol baʼee dallaa sana nan ilaale. Dhuma irrattis dugda duubatti deebiʼee Karra Sululaatiin ol nan seene.
15 Subi à noite pelo ribeiro e contemplei ainda os muros; voltei, entrei pela Porta do Vale e tornei para casa.
16 Sababii ani hamma gaafasitti Yihuudootatti yookaan lubootatti yookaan namoota bebeekamootti yookaan qondaaltotatti yookaan namoota hojii sana hojjechuuf jiran biraa kamitti iyyuu homaa hin himiniif qondaaltonni sun gara ani dhaqe yookaan waan ani hojjechaa ture hin beekne.
16 Não sabiam os magistrados aonde eu fora nem o que fazia, pois até aqui não havia eu declarado coisa alguma, nem aos judeus, nem aos sacerdotes, nem aos nobres, nem aos magistrados, nem aos mais que faziam a obra.
17 Anis akkana isaaniin nan jedhe; “Isin rakkoo nu keessa jirru ni argitu; Yerusaalem diigamteerti; karrawwan ishees ibiddaan gubamaniiru. Kottaa nu akka siʼachi nama kolfaa hin taaneef dallaa Yerusaalem deebifnee ni ijaarraa.”
17 Então, lhes disse: Estais vendo a miséria em que estamos, Jerusalém assolada, e as suas portas, queimadas; vinde, pois, reedifiquemos os muros de Jerusalém e deixemos de ser opróbrio.
18 Ani waaʼee harka Waaqa koo kan narra jiru tolaa sanaa fi waan mootichi naan jedhe illee isaanitti nan hime.
18 E lhes declarei como a boa mão do meu Deus estivera comigo e também as palavras que o rei me falara. Então, disseram: Disponhamo-nos e edifiquemos. E fortaleceram as mãos para a boa obra.
19 Garuu Sanbalaaxi Hooroonichi, Xoobbiyaan qondaaltichi Amoonii fi Gesheem namni Arabaa sun waan kana dhageenyaan nutti qoosanii nutti kolfan. Isaanis, “Wanni isin hojjettan kun maali? Isin mootichatti fincilaa jirtu moo?” jedhanii gaafatan.
19 Porém Sambalate, o horonita, e Tobias, o servo amonita, e Gesém, o arábio, quando o souberam, zombaram de nós, e nos desprezaram, e disseram: Que é isso que fazeis? Quereis rebelar-vos contra o rei?
20 Ani immoo akkana jedheen deebii kenneef; “Waaqni samii fiixaan nuuf baasa. Nu garboonni isaa immoo kaanee ni ijaarra; isin garuu Yerusaalem keessaa qooda yookaan mirga yookaan yaadannoo tokko illee hin qabdan.”
20 Então, lhes respondi: o Deus dos céus é quem nos dará bom êxito; nós, seus servos, nos disporemos e reedificaremos; vós, todavia, não tendes parte, nem direito, nem memorial em Jerusalém.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Neemias 2, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.