Neemias 12
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ACF
1 Isaan kunneen lubootaa fi Lewwota warra Zarubaabel ilma Sheʼaltiiʼeelii fi Iyyaasuu wajjin deebiʼanii dha:
1 Estes são sacerdotes e levitas que subiram com Zorobabel, filho de Sealtiel, e com Jesuá: Seraías, Jeremias, Esdras,
2 Amariyaa, Maluuk, Haxuush,
2 Amarias, Maluque, Hatus,
3 Shekaaniyaa, Rehuum, Mereemooti,
3 Secanias, Reum, Meremote,
4 Iddoo, Ginetoon, Abiyaa,
4 Ido, Ginetoi, Abias,
5 Miyaamiin, Maʼaadiyaa, Bilgaa,
5 Miamim, Maadias, Bilga,
6 Shemaaʼiyaa, Yooyaariib, Yedaaʼiyaa,
6 Semaías, Joiaribe, Jedaías,
7 Saʼaaluu, Aamoq, Hilqiyaa fi Yedaaʼiyaa.
7 Salu, Amoque, Hilquias, Jedaías; estes foram os chefes dos sacerdotes e de seus irmãos, nos dias de Jesuá.
8 Lewwonni immoo Yeeshuuʼaa, Binuuyii, Qadmiiʼeel, Sheereebiyaa, Yihuudaa akkasumas Mataaniyaa isa obboloota isaa wajjin faarfannaa galataatti itti gaafatamaa ture sana turan.
8 E os levitas: Jesuá, Binui, Cadmiel, Serebias, Judá, Matanias; este e seus irmãos dirigiam os louvores.
9 Obboleeyyan isaanii Baqbuqiyaa fi Unniin yeroo tajaajilaatti fuullee isaanii dhadhaabachaa turan.
9 E Bacbuquias e Uni, seus irmãos, estavam defronte deles, nas guardas.
10 Iyyaasuun abbaa Yooyaaqiim;
10 E Jesuá gerou a Joiaquim, e Joiaquim gerou a Eliasibe, e Eliasibe gerou a Joiada,
11 Yooyaadaan abbaa Yoonaataan;
11 E Joiada gerou a Jônatas, e Jônatas gerou a Jadua.
12 Isaan kunneen bara Yooyaaqiim keessa abbootii maatiiwwan lubootaa turan:
12 E nos dias de Joiaquim foram sacerdotes, chefes dos pais: de Seraías, Meraías; de Jeremias, Hananias;
13 maatii Izraa keessaa Meshulaam;
13 De Esdras, Mesulão; de Amarias, Joanã;
14 maatii Maliikii keessaa Yoonaataan;
14 De Maluqui, Jônatas; de Sebanias, José;
15 maatii Haariim keessaa Adinaa;
15 De Harim, Adna; de Meraiote, Helcai;
16 maatii Iddoo keessaa Zakkaariyaas;
16 De Ido, Zacarias; de Ginetom, Mesulão.
17 maatii Abiyaa keessaa Zikrii;
17 De Abias, Zicri; de Miamim e de Moadias, Piltai;
18 maatii Bilgaa keessaa Shamuuʼaa;
18 De Bilga, Samua; de Semaías, Jônatas;
19 maatii Yooyaariib keessaa Matenaayi;
19 E de Joiaribe, Matenai; de Jedaías, Uzi;
20 maatii Sheelaay keessaa Qaalaayi;
20 De Salai, Calai; de Amoque, Éber;
21 maatii Hilqiyaa keessaa Hashabiyaa;
21 De Hilquias, Hasabias; de Jedaías, Natanael.
22 Abbootiin maatii Lewwotaa bara Eliyaashiib, Yooyaadaa, Yoohaanaanii fi bara Yaaduʼaa keessa akkasumas abbootiin maatii lubootaa bara mootummaa Daariyoos namicha Faares sanaa keessa galmeeffaman.
22 Dos levitas, nos dias de Eliasibe, foram inscritos como chefes de pais, Joiada, Joanã e Jadua; como também os sacerdotes, até ao reinado de Dario, o persa.
23 Lewwonni warri abbootii maatii turan hamma bara Yoohaanaan ilma Eliyaashiibitti kitaaba seenaa keessatti galmeeffaman.
23 Os filhos de Levi foram inscritos, como chefes de pais, no livro das crônicas, até aos dias de Joanã, filho de Eliasibe.
24 Hangafoonni Lewwotaas Hashabiyaa, Sheereebiyaa, Yeeshuʼaa ilma Qadmiiʼeel akkasumas obboloota isaanii warra akkuma Daawit namni Waaqaa sun ajajetti faarfannaa fi galata dhiʼeessuudhaaf fuullee isaanii dhaabatanii gareen tokko garee kaan jalaa qabu sana turan.
24 Foram, pois, os chefes dos levitas: Hasabias, Serabias, e Jesuá, filho de Cadmiel; e seus irmãos estavam defronte deles, para louvarem e darem graças, segundo o mandado de Davi, homem de Deus; guarda contra guarda.
25 Mataaniyaan, Baqbuqiyaan, Obaadiyaan, Meshulaam, Talmoonii fi Aquub mankuusaalee karrawwan bira jiran eegu turan.
25 Matanias, Bacbuquias, Obadias, Mesulão, Talmom e Acube, eram porteiros, que faziam a guarda às tesourarias das portas.
26 Isaanis bara Yooyaaqiim ilma Iyyaasuu, ilma Yoozaadaaq keessa, bara Nahimiyaa bulchaa biyyaatii fi bara Izraa lubicha barreessaa sanaa keessa tajaajilaa turan.
26 Estes viveram nos dias de Jeoiaquim, filho de Jesuá, o filho de Jozadaque; como também nos dias de Neemias, o governador, e do sacerdote Esdras, o escriba.
27 Yeroo eebba dallaa Yerusaalemitti Lewwonni akka faarfannaa galataatiin, kililleedhaan, baganaa fi kiraaraan ayyaana eebbaa sana gammachuun ayyaaneffataniif iddoo jiraatan hundaa barbaadamanii gara Yerusaalem fidaman.
27 E na dedicação dos muros de Jerusalém buscaram os levitas de todos os seus lugares, para trazê-los, a fim de fazerem a dedicação com alegria, com louvores e com canto, saltérios, címbalos e com harpas.
28 Faarfattoonnis biyya naannoo Yerusaalem jechuunis gandoota Netoofotaatii,
28 E assim ajuntaram os filhos dos cantores, tanto da campina dos arredores de Jerusalém, como das aldeias de Netofati;
29 Beet Gilgaalii, naannoo Gebaatii fi Azmaawetitti walitti fidaman; faarfattoonni naannoo Yerusaalemitti gandoota ofii isaanii ijaarratanii turaniitii.
29 Como também da casa de Gilgal, e dos campos de Geba, e Azmavete; porque os cantores edificaram para si aldeias nos arredores de Jerusalém.
30 Luboonnii fi Lewwonnis erga akka seeraatti of qulqulleessanii booddee saba, karrawwanii fi dallaa sana qulqulleessan.
30 E purificaram-se os sacerdotes e os levitas; e logo purificaram o povo, as portas e o muro.
31 Anis akka hooggantoonni Yihuudaa dallaatti ol baʼan nan godhe. Akkasumas akka isaan galata dhiʼeessaniif tuuta faarfattootaa lama nan ramade. Tuunni tokko karaa mirgaatiin dallaa irraan gara Karra Dikee dhaqe.
31 Então fiz subir os príncipes de Judá sobre o muro, e ordenei dois grandes coros em procissão, um à mão direita sobre o muro do lado da porta do monturo.
32 Hooshaʼiyaa fi hooggantoota Yihuudaa keessaa walakkaan,
32 E após ele ia Hosaías, e a metade dos príncipes de Judá.
33 Azaariyaa, Izraa, Meshulaam,
33 E Azarias, Esdras e Mesulão,
34 Yihuudaa, Beniyaam, Shemaaʼiyaa fi Ermiyaas wajjin isaan duukaa buʼan;
34 Judá, Benjamim, Semaías e Jeremias.
35 akkasumas luboonni malakata qabatan tokko tokkoo fi Zakkaariyaas ilmi Yoonaataan, ilmi Shemaaʼiyaa, ilmi Mataaniyaa, Miikaayaa, ilmi Zakuur, ilmi Asaaf isaan duukaa buʼan;
35 E dos filhos dos sacerdotes, com trombetas: Zacarias, filho de Jônatas, filho de Semaías, filho de Matanias, filho de Micaías, filho de Zacur, filho de Asafe.
36 amma illee obboloota isaa jechuunis Shemaaʼiyaan, Azariʼeel, Miilaalaayi, Gilaalayi, Maaʼayi, Naatnaaʼel, Yihuudaa fi Hanaaniim akkuma Daawit namni Waaqaa sun ajajetti meeshaa faarfannaa fudhatanii dhaqan. Izraan barreessaan sun immoo isaan hoogganaa ture.
36 E seus irmãos, Semaías, e Azareel, Milalai, Gilalai, Maai, Natanael, Judá e Hanani, com os instrumentos musicais de Davi, homem de Deus; e Esdras, o escriba, ia adiante deles.
37 Isaanis Karra Burqaa biraa kaʼanii gulantaawwan Magaalaa Daawit iddoo dallaan ittiin ol kaʼu sanaan mana Daawit irraan qajeelanii gara Karra Bishaanii kan gama baʼa biiftuutti ol baʼan.
37 Indo assim para a porta da fonte, defronte deles, subiram as escadas da cidade de Davi, onde começa a subida do muro, desde cima da casa de Davi, até à porta das águas, do lado do oriente.
38 Tuunni faarfattootaa lammaffaan immoo gara bitaatti qajeele. Anis gartokkee sabaa wajjin dallaa gubbaadhaan gara Gamoo ol dheeraa Iddoo Ibiddaatii fi Dallaa Balʼaatti isaan duukaa buʼe;
38 E o segundo coro ia em frente, e eu após ele; e a metade do povo ia sobre o muro, desde a torre dos fornos, até à muralha larga;
39 akkasumas ani Karra Efreem irraan, karaa Karra Moofaa, karaa Karra Qurxummii, karaa Gamoo ol dheeraa Hanaaniʼeelii fi Karaa Gamoo ol dheeraa Dhibbaatiin hamma Karra Hoolotaatti isaan duukaa nan buʼe. Isaanis Karra Eegdotaa bira gaʼanii dhaabatan.
39 E desde a porta de Efraim, passaram por cima da porta velha, e da porta do peixe, e pela torre de Hananeel e a torre de Meá, até à porta do gado; e pararam à porta da prisão.
40 Tuunni faarfattootaa kan galata dhiʼeesse sun lachuu mana Waaqaa keessatti iddoo isaa qabate; anis qondaaltota gartokko wajjin iddoo nan qabadhe;
40 Então ambos os coros pararam na casa de Deus; como também eu, e a metade dos magistrados comigo.
41 amma illee luboonni jechuunis Eliiyaaqiim, Maʼaseyaan, Miiniyaamiin, Miikaayaan, Eliiyooʼeenayin, Zakkaariyaasii fi Hanaaniyaan malakata isaanii qabatanii
41 E os sacerdotes Eliaquim, Maaséias, Miniamim, Micaías, Elioenai, Zacarias e Hananias, com trombetas.
42 Maʼaseyaan, Shemaaʼiyaan, Eleʼaazaar, Ooziin, Yehohaanaaniin, Malkiyaan, Eelaamii fi Eezer iddoo iddoo isaanii qabatan. Faarfattoonni immoo Yizrahiyaadhaan qajeelfamanii faarfatan.
42 Como também, Maaséias, Semaías, Eleazar, Uzi, Joanã, Malquias, Elão e Ezer; e faziam-se ouvir os cantores, juntamente com Jezraías, o seu superintendente.
43 Isaanis sababii Waaqni gammachuu guddaa isaaniif kenneef gaafas gammadaa aarsaa guddaa dhiʼeessan. Dubartoonnii fi ijoolleenis ni gammadan. Sagaleen gammachuu Yerusaalem keessaas fagootti dhagaʼame.
43 E ofereceram, no mesmo dia, grandes sacrifícios e se alegraram; porque Deus os alegrara com grande alegria; e até as mulheres e os meninos se alegraram, de modo que a alegria de Jerusalém se ouviu até de longe.
44 Yeroo sanatti namoonni mankuusaalee gumaachi, mataan midhaaniitii fi kennaan harka kudhan keessaa tokkoo itti galfamu irratti itti gaafatamtoota taʼanii muudaman. Isaanis lafa qotiisaa naannoo magaalaawwanitti argaman irraa qooda Seerri lubootaa fi Lewwotaaf ajaju sana fidanii mankuusaaleetti galchan; Yihuudaan lubootaa fi Lewwota tajaajilanitti gammadee tureetii.
44 Também no mesmo dia se nomearam homens sobre as câmaras, dos tesouros, das ofertas alçadas, das primícias, dos dízimos, para ajuntarem nelas, dos campos das cidades, as partes da lei para os sacerdotes e para os levitas; porque Judá estava alegre por causa dos sacerdotes e dos levitas que assistiam ali.
45 Isaanis tajaajila Waaqa isaaniitii fi tajaajila sirna qulqullessuu sana akkuma faarfattoonnii fi eegdonni karraa godhan sana akkuma Daawitii fi ilmi isaa Solomoon ajajanitti raawwatan.
45 E observava os preceitos do seu Deus, e os da purificação; como também os cantores e porteiros, conforme ao mandado de Davi e de seu filho Salomão.
46 Jabana durii bara Daawitii fi Asaaf keessa qajeelchitoota faarfattootaa, kan faarfannaa Waaqa leellisuutii fi kan Waaqa galateeffachuutu tureetii.
46 Porque já nos dias de Davi e Asafe, desde a antiguidade, havia chefes dos cantores, e dos cânticos de louvores e de ação de graças a Deus.
47 Kanaafuu bara Zarubaabelii fi bara Nahimiyaa keessa Israaʼeloonni hundi qooda guyyuma guyyaadhaan faarfattootaa fi karra eegdotaaf barbaachisu kennan. Akkasumas Lewwota kaaniif qooda isaanii kophaatti baasan; Lewwonnis qooda sanyiiwwan Aroon kophaatti baasan.
47 Por isso todo o Israel, já nos dias de Zorobabel e nos dias de Neemias, dava aos cantores e aos porteiros as porções de cada dia; e santificavam as porções aos levitas, e os levitas as santificavam aos filhos de Arão.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Neemias 12, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.