Mateus 8

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA

Sair da comparação
NAA Nova Almeida Atualizada 2017
1 Yeroo Yesuus gaara irraa buʼetti, tuuta namoota baayʼeetu isa duukaa buʼe.
1 Quando Jesus desceu do monte, grandes multidões o seguiram.
2 Kunoo namichi lamxaaʼaan tokkos dhufee, fuula isaa duratti jilbeenfatee, “Yaa Gooftaa, yoo fedhii kee taʼe, ati na qulqulleessuu ni dandeessa” jedheen.
2 E eis que um leproso aproximou-se e o adorou, dizendo: — Senhor, se quiser, pode me purificar.
3 Yesuusis harka isaa hiixatee namicha qaqqabee, “Fedhii koo ti; qulqullaaʼi!” jedheen. Lamxiin isaas yeruma sana qulqullaaʼe.
3 E Jesus, estendendo a mão, tocou nele, dizendo: E, no mesmo instante, ele ficou limpo da sua lepra.
4 Ergasiis Yesuus, “Nama tokkotti illee akka hin himne beekkadhu. Garuu dhaqiitii akka isaaniif ragaa taʼuuf lubatti of argisiisi; kennaa Museen ajaje sana illee dhiʼeessi” jedheen.
4 Então Jesus lhe disse:
5 Yeroo Yesuus Qifirnaahom seenetti, ajajaan dhibbaa tokko gara isaa dhufee akkana jedhee isa kadhate;
5 Tendo Jesus entrado em Cafarnaum, um centurião se aproximou dele, implorando:
6 “Yaa Gooftaa, tajaajilaan koo dhagni irratti duʼee mana ciisa; akka malees dhiphachaa jira.”
6 — Senhor, o meu servo está na minha casa, de cama, paralítico, sofrendo horrivelmente.
7 Yesuusis, “Ani dhufeen isa fayyisa” jedheen.
7 Jesus lhe disse:
8 Ajajaan dhibbaa sun immoo akkana jedhee deebiseef; “Yaa Gooftaa, ati bantii mana kootii jala seenuun naaf hin malu. Garuu dubbicha qofa dubbadhu; tajaajilaan koo ni fayyaatii.
8 Mas o centurião respondeu: — Senhor, não sou digno de recebê-lo em minha casa. Mas apenas mande com uma palavra, e o meu servo será curado.
9 Ani mataan koo iyyuu nama taayitaa jala jiruu dha; loltootas of jalaa qaba. Isa tokkoon, ‘Deemi’ nan jedha; innis ni deema; isa kaaniin immoo, ‘Kottu’ nan jedha; innis ni dhufa. Tajaajilaa kootiinis, ‘Waan kana hojjedhu’ nan jedha; innis ni hojjeta.”
9 Porque também eu sou homem sujeito à autoridade, tenho soldados às minhas ordens e digo a este: “Vá”, e ele vai; e a outro: “Venha”, e ele vem; e ao meu servo: “Faça isto”, e ele o faz.
10 Yesuus yommuu waan kana dhagaʼetti dinqifatee warra isa duukaa buʼaa turaniin akkana jedhe; “Ani dhuguma isinittin hima; ani Israaʼel keessatti nama amantii guddaa akkanaa qabu tokko illee hin arganne.
10 Ao ouvir isso, Jesus ficou admirado e disse aos que o acompanhavam:
11 Ani isinittin hima; namoonni hedduun baʼa biiftuutii fi lixa biiftuutii ni dhufu; isaanis Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoob wajjin mootummaa samii keessatti maaddiitti ni dhiʼaatu.
11 Digo a vocês que muitos virão do Oriente e do Ocidente e tomarão lugar à mesa com Abraão, Isaque e Jacó no Reino dos Céus.
12 Ijoolleen mootummaa garuu dukkana alaatti gad darbatamu; achitti booʼuu fi ilkaan qaruutu taʼa.”
12 Mas os filhos do Reino serão lançados para fora, nas trevas; ali haverá choro e ranger de dentes.
13 Yesuusis deebisee ajajaa dhibbaa sanaan, “Akkuma amantii keetii siif haa taʼu; deemi!” jedhe. Tajaajilaan isaas yeruma sana fayye.
13 Então Jesus disse ao centurião: E, naquela mesma hora, o servo do centurião foi curado.
14 Yesuus yommuu mana Phexros seenetti, haati niitii Phexros dhukkuba dhagna gubaadhaan qabamtee ciiftee arge.
14 Tendo Jesus chegado à casa de Pedro, viu a sogra deste acamada, com febre.
15 Innis harka ishee tuqe; dhagna gubaan sunis ishee dhiise; isheenis kaatee isa tajaajiluu jalqabde.
15 Mas Jesus tomou-a pela mão, e a febre a deixou. Ela se levantou e passou a servi-lo.
16 Galgala sanas namoota hafuurota hamoon qabaman hedduu gara isaa fidan; innis jecha tokkoon hafuurota sana baase; dhukkubsattoota hundumaa ni fayyise.
16 Ao cair da tarde, trouxeram a Jesus muitos endemoniados. E apenas com a palavra expulsou os espíritos e curou todos os que estavam doentes,
17 Kunis akka dubbiin karaa Isaayyaas raajichaatiin,
17 para se cumprir o que foi dito por meio do profeta Isaías: “Ele mesmo tomou as nossas enfermidades e carregou as nossas doenças.”
18 Yesuus yommuu tuuta namoota baayʼee naannoo isaatti argetti akka gama ceʼaniif ajaje.
18 Vendo Jesus muita gente ao seu redor, ordenou que passassem para a outra margem.
19 Barsiisaan seeraa tokkos gara isaa dhufee, “Yaa barsiisaa, ani iddoo ati dhaqxu hundatti si duukaa nan buʼa” jedhe.
19 Então, aproximando-se dele um escriba, disse a Jesus: — Mestre, vou segui-lo para onde quer que o senhor for.
20 Yesuusis deebisee, “Waangoonni boolla qabu; simbirroonnis manʼee qabu; Ilmi Namaa garuu iddoo itti mataa isaa irkifatu illee hin qabu” jedhe.
20 Mas Jesus lhe respondeu:
21 Barattoota isaa keessaas inni tokko, “Yaa Gooftaa, dura akka ani dhaqee abbaa koo awwaalladhu naa eeyyami!” jedheen.
21 E outro dos discípulos lhe disse: — Senhor, deixe-me ir primeiro sepultar o meu pai.
22 Yesuus garuu, “Warri duʼan duʼaa isaanii haa awwaallatan; ati immoo na duukaa buʼi” jedheen.
22 Mas Jesus respondeu:
23 Yommuu inni bidiruu yaabbatettis, barattoonni isaa isa duukaa buʼan.
23 Jesus entrou no barco e os seus discípulos o seguiram.
24 Akkuma tasaa bubbeen hamaan tokko galaana irratti kaʼe; dambaliinis bidiruu sana irra gara gale. Yesuus garuu rafaa ture.
24 E eis que levantou-se no mar uma grande tempestade, de modo que as ondas cobriam o barco. Jesus, porém, estava dormindo.
25 Barattoonni isaa gara isaa dhufanii, “Yaa Gooftaa, nu oolchi! Nu dhumuufii!” jedhanii isa dammaqsan.
25 Mas os discípulos foram acordá-lo, dizendo: — Senhor, salve-nos! Estamos perecendo!
26 Innis deebisee, “Isin warra amantii xinnoo nana; maaliif akkana sodaattu?” jedheen. Kaʼees bubbee sanaa fi galaana sana ifate; tasgabbiin guddaanis ni taʼe.
26 Então Jesus perguntou: E, levantando-se, repreendeu os ventos e o mar; e tudo ficou bem calmo.
27 Namoonnis dinqifatanii, “Namni bubbee fi galaanni ajajamaniif kun nama akkamii ti?” jedhan.
27 E aqueles homens ficaram admirados, dizendo: — Quem é este que até os ventos e o mar lhe obedecem?
28 Yommuu Yesuus gama ceʼee biyya Gadareen gaʼetti, namoonni hafuura hamaan qabaman lama iddoo awwaalaatii baʼanii itti dhufan. Isaanis waan akka malee hamoo turaniif namni tokko iyyuu karaa sana irra darbuu hin dandaʼu ture.
28 Quando Jesus chegou à outra margem, à terra dos gadarenos, dois endemoniados foram ao seu encontro, saindo dentre os túmulos. Eles eram tão furiosos, que ninguém podia passar por aquele caminho.
29 Isaanis, “Yaa Ilma Waaqaa, ati maal nurraa barbaadda? Utuu yeroon sun hin gaʼin nu dhiphisuu dhufte moo?” jedhanii iyyan.
29 E eis que gritaram: — O que você quer conosco, Filho de Deus? Você veio aqui nos atormentar antes do tempo?
30 Hoomaan booyyee guddaan isaas xinnoo isaan irraa fagaatee dheedaa ture.
30 Ora, uma grande manada de porcos estava pastando não longe deles.
31 Hafuuronni hamoon sunis, “Yoo nu baafte, gara hoomaa booyyee sanaatti nu ergi” jedhanii Yesuusin kadhatan.
31 Então os demônios pediram a Jesus com insistência: — Se você vai nos expulsar, mande-nos para a manada de porcos.
32 Innis, “Dhaqaa!” jedheen. Isaanis namicha keessaa baʼanii hoomaa booyyee sanatti galan; hoomaan sun guutuunis ededa hallayyaa irraa gad gugatee galaanatti namʼee bishaan keessatti dhume.
32 Jesus disse: E eles, saindo, entraram nos porcos; e eis que toda a manada se precipitou, despenhadeiro abaixo, para dentro do mar, e morreram nas águas.
33 Warri booyyeewwan tiksan sunis baqatanii magaalaa seenan; isaanis waan hunda, waan namoota hafuurota hamoon qabamanii turan irra gaʼes ni odeessan.
33 Os que tratavam dos porcos fugiram e, chegando à cidade, anunciaram todas estas coisas e o que tinha acontecido com os endemoniados.
34 Magaalaan sun guutuunis Yesuusin arguuf baʼe. Yommuu isa argettis akka inni biyya isaanii keessaa baʼuuf isa kadhate.
34 Então a cidade toda saiu para encontrar-se com Jesus. E, ao vê-lo, pediram-lhe com insistência que se retirasse da terra deles.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Mateus 8, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.