Mateus 5

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA

Sair da comparação
NAA Nova Almeida Atualizada 2017
1 Yesuus yommuu namoota baayʼee argetti, tulluutti ol baʼee taaʼe. Barattoonni isaas gara isaa dhufan;
1 Ao ver as multidões, Jesus subiu ao monte. Ele se assentou e os seus discípulos se aproximaram dele.
2 innis isaan barsiisuu jalqabe. Akkanas jedhe:
2 Então ele passou a ensiná-los. Jesus disse:
3 “Warri hafuuraan hiyyeeyyii taʼan eebbifamoo dha;
3 — Bem-aventurados
4 Warri gaddan eebbifamoo dha;
4 — Bem-aventurados
5 Warri garraamiin eebbifamoo dha;
5 — Bem-aventurados os mansos,
6 Warri qajeelummaa beelaʼanii fi dheebotan eebbifamoo dha;
6 — Bem-aventurados
7 Araara qabeeyyiin eebbifamoo dha;
7 — Bem-aventurados
8 Warri garaan isaanii qulqulluu eebbifamoo dha;
8 — Bem-aventurados
9 Warri nagaa buusan eebbifamoo dha;
9 — Bem-aventurados
10 Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ariʼataman eebbifamoo dha;
10 — Bem-aventurados
11 “Yommuu namoonni sababii kootiif jedhanii isin arrabsan, yommuu isin ariʼatanii fi yommuu waan hamaa gosa hundaa sobaan isin irratti dubbatan isin eebbifamoo dha.
11 — Bem-aventurados são vocês quando, por minha causa, os insultarem e os perseguirem, e, mentindo, disserem todo mal contra vocês.
12 Sababii gatiin keessan samii keessatti guddaa taʼeef ililchaa; gammadaas; isaan raajota isin dura turanis haaluma kanaan ariʼataniiruutii.
12 Alegrem-se e exultem, porque é grande a sua recompensa nos céus; pois assim perseguiram os profetas que viveram antes de vocês.
13 “Isin soogidda lafaa ti. Garuu soogiddi yoo miʼaa isaa dhabe, miʼaan isaa akkamiin deebifamuu dandaʼa? Gad gatamee miillaan dhidhiitama malee siʼachi waan tokko illee hin fayyadu.
13 — Vocês são o sal da terra; ora, se o sal vier a ser insípido, como lhe restaurar o sabor? Para nada mais presta senão para, lançado fora, ser pisado pelos homens.
14 “Isin ifa addunyaa ti. Magaalaan gaara gubbaa jiru tokko dhokachuu hin dandaʼu.
14 — Vocês são a luz do mundo. Não se pode esconder uma cidade situada no alto de um monte.
15 Yookaan namoonni ibsaa qabsiisanii gombisaa jala hin kaaʼan. Qooda kanaa baattuu isaa irra kaaʼu; ibsaan sunis namoota mana keessa jiran hundaaf ifa kenna.
15 Nem se acende uma lamparina para colocá-la debaixo de um cesto, mas num lugar adequado onde ilumina bem todos os que estão na casa.
16 Akka namoonni hojii keessan isa gaarii arganii abbaa keessan kan samii irraatiif ulfina kennaniif ifni keessanis akkasuma fuula namootaa duratti haa ifu.
16 Assim brilhe também a luz de vocês diante dos outros, para que vejam as boas obras que vocês fazem e glorifiquem o Pai de vocês, que está nos céus.
17 “Isin waan ani Seera yookaan Raajota diiguu dhufe hin seʼinaa; ani isaan raawwachuuf malee diiguuf hin dhufne.
17 — Não pensem que vim revogar a Lei ou os Profetas; não vim para revogar, mas para cumprir.
18 Ani dhuguman isinitti hima; hamma samii fi lafti darbanitti, Seerri guutummaatti raawwatama malee seericha keessaa qubeen tokko iyyuu, tuqaan xinnoon ishee iyyuu gonkumaa hin baddu.
18 Porque em verdade lhes digo: até que o céu e a terra passem, nem um i ou um til jamais passará da Lei, até que tudo se cumpra.
19 Kanaafuu namni ajajawwan kanneen keessaa xinnaa isaa illee diigu, kan akka warri kaanis diiganiif barsiisu kam iyyuu mootummaa samii keessatti xinnaa jedhama; namni ajajawwan kanneen eeguu fi kan warra kaanis barsiisu kam iyyuu garuu mootummaa samii keessatti guddaa jedhama.
19 Aquele, pois, que desrespeitar um destes mandamentos, ainda que dos menores, e ensinar os outros a fazer o mesmo, será considerado mínimo no Reino dos Céus; aquele, porém, que os observar e ensinar, esse será considerado grande no Reino dos Céus.
20 Ani isinittin hima; qajeelummaan keessan qajeelummaa Fariisotaatii fi qajeelummaa barsiistota seeraa yoo caaluu baate isin dhugumaan mootummaa samiitti hin galtan.
20 Porque eu afirmo que, se a justiça de vocês não exceder em muito a dos escribas e fariseus, jamais entrarão no Reino dos Céus.
21 “Isin akka bara dheeraan dura namootaan, ‘Hin ajjeesin; nama ajjeese kamitti iyyuu ni muramaa’jedhame dhageessaniirtu.
21 — Vocês ouviram o que foi dito aos antigos: “Não mate.” E ainda: “Quem matar estará sujeito a julgamento.”
22 Ani garuu isinittin hima; nama obboleessa isaatti dheekkamu hundumaa murtiitu eeggata. Namni obboleessa isaatiin \+tl ‘Raatuu’\+tl* jedhu hundis murtii waldaatti dhiʼaata. Nama obboleessa isaatiin ‘Doofaa nana!’ jedhu immoo ibidda gahaannamtu isa eeggata.
22 Eu, porém, lhes digo que todo aquele que se irar contra o seu irmão estará sujeito a julgamento; e quem insultar o seu irmão estará sujeito a julgamento do tribunal; e quem o chamar de tolo estará sujeito ao inferno de fogo.
23 “Kanaafuu ati yeroo kennaa kee iddoo aarsaatti dhiʼeessitutti yoo akka obboleessi kee komii sirraa qabu yaadatte,
23 Portanto, se você estiver trazendo a sua oferta ao altar e lá se lembrar que o seu irmão tem alguma coisa contra você,
24 kennaa kee achuma iddoo aarsaa duratti dhiisii dhaqiitii duraan dursii obboleessa keetti araarami; ergasii kottuutii kennaa kee dhiʼeessi.
24 deixe diante do altar a sua oferta e vá primeiro reconciliar-se com o seu irmão; e então volte e faça a sua oferta.
25 “Amajaajii kee isa mana murtiitti si geessaa jiru wajjin dafii walii gali. Kanas utuma isa wajjin karaa jirtuu godhi; yoo kanaa achii amajaajiin kee dabarsee abbaa seeraatti si kenna; abbaan seeraa immoo poolisiitti si kenna; atis mana hidhaatti darbatamta.
25 — Entre em acordo sem demora com o seu adversário, enquanto você está com ele a caminho, para que o adversário não entregue você ao juiz, o juiz entregue você ao oficial de justiça, e você seja jogado na prisão.
26 Ani dhuguman sitti hima; ati hamma saantima ishee dhumaa baaftutti achii hin baatu.
26 Em verdade lhe digo que você não sairá dali enquanto não pagar o último centavo.
27 “Isin akka, ‘Hin ejjin’jedhame dhageessaniirtu.
27 — Vocês ouviram o que foi dito: “Não cometa adultério.”
28 Ani garuu isinittin hima; namni hawwiidhaan dubartii ilaalu hundinuu yaada isaatti ishee wajjin ejjeera.
28 Eu, porém, lhes digo: todo o que olhar para uma mulher com intenção impura, já cometeu adultério com ela no seu coração.
29 Yoo iji kee mirgaa si gufachiise, of keessaa baasii gati. Dhagni kee guutuun gahaannamitti darbatamuu irra, kutaa dhagna keetii keessaa tokko dhabuu siif wayyaatii.
29 — Se o seu olho direito leva você a tropeçar, arranque-o e jogue-o fora. Pois é preferível você perder uma parte do seu corpo do que ter o corpo inteiro lançado no inferno.
30 Yoo harki kee mirgaa si gufachiise of irraa murii gati. Dhagni kee guutuun gahaannamitti galuu irra, kutaa dhagna keetii keessaa tokko dhabuu siif wayya.
30 E, se a sua mão direita leva você a tropeçar, corte-a e jogue-a fora. Pois é preferível você perder uma parte do seu corpo do que o corpo inteiro ir para o inferno.
31 “Namni niitii isaa hiiku kam iyyuu, ‘Waraqaa ragaa hiikkaa haa kennuuf’jedhameera.
31 — Também foi dito: “Aquele que repudiar a sua mulher deve dar-lhe uma carta de divórcio.”
32 Ani garuu isinittin hima; namni utuu isheen halalummaa hin hojjetin niitii isaa hiiku kam iyyuu akka isheen ejjitu ishee taasisa; namni dubartii hiikamte fuudhu kam iyyuus ni ejja.
32 Eu, porém, lhes digo: quem repudiar a sua mulher, exceto em caso de relações sexuais ilícitas, a expõe a se tornar adúltera; e aquele que casar com a repudiada comete adultério.
33 “Ammas akka warra duriitiin, ‘Waan kakatte Gooftaadhaaf guuti malee sobaan hin kakatin’jedhame dhageessaniirtu.
33 — Vocês também ouviram o que foi dito aos antigos: “Não faça juramento falso, mas cumpra rigorosamente para com o Senhor o que você jurou.”
34 Ani garuu isinittin hima; gonkumaa hin kakatinaa: samiidhaan hin kakatinaa; inni teessoo Waaqaatii;
34 Eu, porém, lhes digo: não jurem de modo nenhum; nem pelo céu, por ser o trono de Deus;
35 yookaan lafaan hin kakatinaa; isheen ejjeta miilla isaatii; yookaan Yerusaalemiin hin kakatinaa; isheen magaalaa Mooticha Guddaatii.
35 nem pela terra, por ser estrado de seus pés; nem por Jerusalém, por ser a cidade do grande Rei.
36 Mataa keetiinis hin kakatin; ati rifeensa tokko illee addeessuu yookaan gurraachesuu hin dandeessuutii.
36 Não jure pela sua cabeça, porque você não pode fazer com que um só cabelo fique branco ou preto.
37 Wanni isin jechuu qabdan, ‘Eeyyee’ yookaan ‘Waawuu’ haa taʼu; wanni kanaa achii kam iyyuu isa hamaa sana irraa dhufa.
37 Que a palavra de vocês seja: Sim, sim; não, não. O que passar disto vem do Maligno.
38 “ ‘Qooda ijaa, ija; qooda ilkaanii immoo ilkaan’akka jedhame dhageessaniirtu.
38 — Vocês ouviram o que foi dito: “Olho por olho, dente por dente.”
39 Ani garuu isinittin hima. Nama hamaadhaan hin morkatinaa. Yoo namni tokko maddii kee mirgaa si kabale, kaanis itti qabi.
39 Eu, porém, lhes digo: Não resistam ao perverso. Se alguém lhe der um tapa na face direita, ofereça-lhe também a face esquerda.
40 Yoo namni tokko si himatee kittaa kee sirraa fudhate, kootii kees kenniif.
40 Se alguém quer processar você e tirar-lhe a túnica, deixe que leve também a capa.
41 Yoo namni tokko akka ati gara kiiloo meetira tokkoo fi walakkaa isa wajjin deemtu si dirqisiise, ati immoo gara kiiloo meetira sadii isa wajjin deemi.
41 Se alguém obrigar você a andar uma milha, vá com ele duas.
42 Nama si kadhatuuf kenni; nama sirraa liqeeffachuu barbaaduttis dugda hin garagalchin.
42 Dê a quem lhe pede e não volte as costas ao que quer lhe pedir emprestado.
43 “ ‘Ollaa kee jaalladhu;diina kee jibbi’ akka jedhame dhageessaniirtu.
43 — Vocês ouviram o que foi dito: “Ame o seu próximo e odeie o seu inimigo.”
44 Ani garuu isinittin hima; diinota keessan jaalladhaa; warra isin ariʼataniifis kadhadhaa;
44 Eu, porém, lhes digo: amem os seus inimigos e orem pelos que perseguem vocês,
45 kanaanis abbaa keessan kan samii irraatiif ijoollee ni taatu. Inni warra hamoo fi warra gaggaariidhaaf aduu isaa ni baasa; qajeeltotaa fi jalʼootaafis bokkaa ni roobsa.
45 para demonstrarem que são filhos do Pai de vocês, que está nos céus. Porque ele faz o seu sol nascer sobre maus e bons e vir chuvas sobre justos e injustos.
46 Isin warra isin jaallatan qofa yoo jaallattan gatii maalii argattu? Kana immoo qaraxxoonni iyyuu ni godhu mitii?
46 Porque, se vocês amam aqueles que os amam, que recompensa terão? Os publicanos também não fazem o mesmo?
47 Isin yoo obboloota keessan qofa nagaa gaafattan warra kaan caalaa maal hojjechuutti jirtu? Kana immoo ormoonni iyyuu ni godhu mitii?
47 E, se saudarem somente os seus irmãos, o que é que estão fazendo de mais? Os gentios também não fazem o mesmo?
48 Akkuma abbaan keessan inni samii irraa mudaa hin qabne sana, isinis warra mudaa hin qabne taʼaa.
48 Portanto, sejam perfeitos como é perfeito o Pai de vocês, que está no céu.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Mateus 5, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.