Mateus 26

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH

Sair da comparação
NTLH Nova Tradução na Linguagem de Hoje 2000
1 Yesuus erga waan kana hunda dubbatee raawwatee booddee barattoota isaatiin akkana jedhe;
1 Quando Jesus acabou de ensinar essas coisas, disse aos discípulos:
2 “Akkuma isin beektan Faasiikaaf guyyaa lamatu hafa; Ilmi Namaas fannifamuuf dabarfamee ni kennama.”
2 — Vocês sabem que daqui a dois dias vai ser comemorada a
3 Ergasii luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni uummataa dallaa luba ol aanaa isa Qayyaaffaa jedhamuu keessatti walitti qabaman.
3 Os chefes dos sacerdotes e os líderes judeus se reuniram no palácio de Caifás, o Grande Sacerdote ,
4 Isaanis haxxummaadhaan Yesuusin qabuu fi ajjeesuuf mariʼatan.
4 e fizeram um plano para prender Jesus em segredo e matá-lo.
5 Isaanis, “Garuu akka namoota gidduutti gooliin hin kaaneef yeroo ayyaanaatti hin taʼin” jedhan.
5 Eles diziam: — Não vamos fazer isso durante a festa, para não haver uma revolta no meio do povo.
6 Utuu Yesuus Biitaaniyaa keessa mana Simoon isa lamxaaʼaa sanaa jiruu,
6 — ausente —
7 dubartiin tokko shittoo gatiin isaa akka malee guddaa taʼe bilqaaxxii albaasxiroositti qabattee gara isaa dhufte; akkuma inni maaddiitti dhiʼaateenis shittoo sana mataa isaatti dhangalaafte.
7 — ausente —
8 Barattoonnis yommuu waan kana arganitti aaranii akkana jedhan; “Waan kana balleessuun maaliif?
8 Ao verem aquilo, os discípulos ficaram zangados e disseram: — Que desperdício!
9 Silaa shittoon kun gatii guddaatti gurguramee maallaqa isaa hiyyeeyyiif kennuun ni dandaʼama tureetii.”
9 Esse perfume poderia ter sido vendido por uma fortuna, e o dinheiro, dado aos pobres.
10 Yesuusis kana hubatee akkana isaaniin jedhe; “Isin maaliif dubartii kana rakkiftu? Isheen waan gaarii naaf gooteerti.
10 Mas Jesus, sabendo o que eles diziam, disse:
11 Hiyyeeyyii yeroo hunda of biraa qabdu; ana garuu yeroo hunda of biraa hin qabdan.
11 Pois os pobres estarão sempre com vocês, mas eu não.
12 Dubartiin kun yommuu shittoo kana dhagna koo irrati dhangalaaftetti awwaalaaf na qopheessuudhaaf waan kana goote.
12 O que ela fez foi perfumar o meu corpo para o meu sepultamento.
13 Ani dhuguma isinittin hima; addunyaa hunda irratti, iddoo wangeelli kun itti lallabamu kamitti iyyuu wanni isheen gootes yaadannoo isheetiif ni odeeffama.”
13 Eu afirmo a vocês que isto é verdade: em qualquer lugar do mundo onde o
14 Ergasiis warra Kudha Lamaan keessaa namichi Yihuudaa Keeriyotii jedhamu tokko gara luboota hangafootaa dhaqee,
14 Então um dos doze discípulos, chamado Judas Iscariotes, foi falar com os chefes dos sacerdotes.
15 “Yoo ani isa dabarsee isinitti kenne isin maal naaf kennitu?” jedhee gaafate. Isaanis meetii soddomaan walii galan.
15 Ele disse: — Quanto vocês me pagam para eu lhes entregar Jesus? E eles lhe pagaram trinta moedas de prata.
16 Yihuudaanis yeroo sanaa jalqabee Yesuusin dabarsee kennuuf haala mijaaʼaa eeggachaa ture.
16 E daí em diante Judas ficou procurando uma oportunidade para entregar Jesus.
17 Guyyaa jalqaba Ayyaana Maxinootti barattoonni gara Yesuus dhufanii, “Akka ati Faasiikaa nyaattuuf eessatti akka siif qopheessinu barbaadda?” jedhanii gaafatan.
17 No primeiro dia da Festa dos Pães sem Fermento , os discípulos chegaram perto de Jesus e perguntaram: — Onde é que o senhor quer que a gente prepare o jantar da
18 Innis deebisee akkana jedhe; “Magaalaa seenaatii nama wayiitiin, ‘Barsiisaan, yeroon koo gaʼeera; ani barattoota koo wajjin Ayyaana Faasiikaa mana keetti nan kabaja siin jedha’ jedhaa.”
18 Ele respondeu:
19 Barattoonnis akkuma Yesuus isaan ajaje sana godhan; Faasiikaas ni qopheessan.
19 Os discípulos fizeram como Jesus havia mandado e prepararam o jantar da Páscoa.
20 Yesuusis yommuu galgalaaʼetti warra Kudha Lamaan wajjin maaddiitti dhiʼaate.
20 Quando anoiteceu, Jesus e os doze discípulos sentaram para comer.
21 Innis utuma nyaachaa jiranuu, “Ani dhuguma isinitti nan hima; isin keessaa tokko dabarsee na kenna” jedhe.
21 Durante o jantar Jesus disse:
22 Isaanis akka malee gaddanii tokko tokkoon, “Yaa Gooftaa, na taʼinnaa laata?” jedhanii gaafachuu jalqaban.
22 Eles ficaram muito tristes e, um por um, começaram a perguntar: — O senhor não está achando que sou eu; está?
23 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Namichi na wajjin gabatee keessa harka kaaʼee cuuphate dabarsee na kenna.
23 Jesus respondeu:
24 Ilmi Namaa akkuma waaʼeen isaa barreeffame sanatti ni deema. Garuu namicha dabarsee Ilma Namaa kennu sanaaf wayyoo! Inni utuu dhalachuu baatee isaaf wayya ture.”
24 Pois o
25 Yihuudaan inni dabarsee isa kennuuf jiru sunis, “Yaa Barsiisaa, na taʼinnaa laata?” jedhe.
25 Então Judas, o traidor, perguntou: — Mestre, o senhor não está achando que sou eu; está? Jesus respondeu:
26 Utuu nyaachaa jiranuus Yesuus buddeena fuudhee eebbise; caccabsees, “Fudhadhaa nyaadhaa; kun foon koo ti” jedhee barattoota isaatiif kenne.
26 Enquanto estavam comendo, Jesus pegou o pão e deu graças a Deus. Depois partiu o pão e o deu aos discípulos, dizendo:
27 Xoofoos fuudhee galata galchee isaaniif kenne; akkanas jedhe; “Hundi keessan kana irraa dhugaa.
27 Em seguida, pegou o cálice de vinho e agradeceu a Deus. Depois passou o cálice aos discípulos, dizendo:
28 Kun dhiiga koo, dhiiga kakuu haaraa kan dhiifama cubbuu namoota baayʼeetiif dhangalaafamuu dha.
28 porque isto é o meu sangue, que é derramado em favor de muitos para o perdão dos pecados, o sangue que garante a
29 Ani isinitti nan hima; ani hamman guyyaa isin wajjin mootummaa Abbaa koo keessatti deebiʼee dhugutti ammaa jalqabee ija wayinii kana irraa hin dhugu.”
29 Eu afirmo a vocês que nunca mais beberei deste vinho até o dia em que beber com vocês um vinho novo no
30 Isaanis erga faarfannaa faarfatanii booddee Tulluu Ejersaatti qajeelan.
30 Então eles cantaram canções de louvor e foram para o monte das Oliveiras.
31 Ergasii Yesuus akkana isaaniin jedhe; “Hundi keessan edana sababii kootiif ni gufattu; akkana jedhamee barreeffameeraatii:
31 E Jesus disse aos discípulos:
32 Ani garuu ergan duʼaa kaʼee booddee isin dura Galiilaa nan dhaqa.”
32 Mas, depois que eu ressuscitar, irei adiante de vocês para a Galileia.
33 Phexros immoo deebisee, “Yoo namni hundinuu sababii keetiif gufate iyyuu ani gonkumaa hin gufadhu” jedheen.
33 Então Pedro disse a Jesus: — Eu nunca abandonarei o senhor, mesmo que todos o abandonem.
34 Yesuus immoo deebisee, “Ani dhuguma sitti nan hima; ati edana utuu indaanqoon hin iyyin yeroo sadii na ganta” jedheen.
34 Mas Jesus lhe disse:
35 Phexros garuu, “Ani yoon si wajjin duʼuu qabaadhe illee gonkumaa si hin ganu” jedheen. Barattoonni hundinuus akkasuma jedhan.
35 Pedro respondeu: — Eu nunca vou dizer que não o conheço, mesmo que eu tenha de morrer com o senhor! E todos os outros discípulos disseram a mesma coisa.
36 Ergasiis Yesuus barattoota isaa wajjin iddoo Geetesemaanee jedhamu tokko dhaqe; innis, “Hamma ani achi dhaqee kadhadhutti isin as taaʼaa” jedheen.
36 Jesus foi com os discípulos para um lugar chamado Getsêmani e lhes disse:
37 Innis Phexrosii fi ilmaan Zabdewoos lamaan of faana fudhatee deeme; gadduu fi yaaddaʼuus jalqabe.
37 Então Jesus foi, levando consigo Pedro e os dois filhos de Zebedeu. Aí ele começou a sentir uma grande tristeza e aflição
38 Ergasiis inni, “Lubbuun koo akka malee gadditee duʼuu geesseerti. Isin asuma turaatii na wajjin dammaqaa” jedheen.
38 e disse a eles:
39 Innis xinnoo achi hiiqee adda isaatiin lafatti gombifamee, “Yaa Abbaa ko, yoo dandaʼame xoofoon kun narra haa darbu. Garuu akka fedhii keetii malee akka fedhii kootii hin taʼin” jedhee kadhate.
39 Ele foi um pouco mais adiante, ajoelhou-se, encostou o rosto no chão e orou:
40 Innis gara barattoota isaatti deebiʼee utuu rafanuu isaan arge. Phexrosiinis akkana jedhe; “Jarana, isin saʼaatii tokkitti illee dammaqxanii na wajjin turuu hin dandeenyee?
40 Depois voltou e encontrou os três discípulos dormindo. Então disse a Pedro:
41 Isin akka qorumsatti hin galleef dammaqaa kadhadhaa. Hafuurri qophaaʼaa dha; foon garuu dadhabaa dha.”
41 Vigiem e orem para que não sejam tentados. É fácil querer resistir à tentação; o difícil mesmo é conseguir.
42 Ammas yeroo lammaffaa achi hiiqee, “Yaa Abbaa ko, xoofoon kun utuu ani hin dhugin yoo narra darbuu hin dandeenye akkuma fedhii keetii haa taʼu” jedhee kadhate.
42 Pela segunda vez Jesus foi e orou, dizendo:
43 Inni yommuu deebiʼee dhufetti, ammas utuu rafanuu isaan arge; iji isaanii itti ulfaatee tureetii.
43 Ele voltou de novo e encontrou os discípulos dormindo. Eles estavam com sono e não conseguiam ficar com os olhos abertos.
44 Ammas isaan dhiisee achi hiiqee waanuma kanaan dura kadhate sana irra deebiʼee yeroo sadaffaa kadhate.
44 Jesus tornou a sair de perto deles e orou pela terceira vez, dizendo as mesmas palavras.
45 Innis gara barattootaatti deebiʼee akkana jedheen; “Isin amma iyyuu raftanii boqochaa jirtuu? Kunoo, saʼaatiin sun gaʼeera; Ilmi Namaas dabarfamee harka cubbamootaatti ni kennama.
45 Então voltou até onde os discípulos estavam e perguntou:
46 Kaʼaa ni deemnaa! Kunoo, namichi dabarsee na kennu sun dhufaa jira.”
46 Levantem-se, e vamos embora. Vejam! Aí vem chegando o homem que está me traindo!
47 Utuma inni amma iyyuu dubbachaa jiruu, Yihuudaan namichi warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe sun dhufe. Tuunni luboota hangafootaa fi maanguddoota uummataa biraa ergame guddaanis goraadee fi bokkuu qabatee isa wajjin dhufe.
47 Jesus ainda estava falando, quando chegou Judas, um dos doze discípulos. Vinha com ele uma grande multidão armada com espadas e porretes, que tinha sido mandada pelos chefes dos sacerdotes e pelos líderes judeus.
48 Inni dabarsee Yesuusin kennu sunis, “Namichi ani dhungadhu isa; isinis isa qabaa” jedhee mallattoo kenneefii ture.
48 O traidor tinha combinado com eles um sinal. Ele tinha dito: “Prendam o homem que eu beijar, pois é ele.”
49 Yihuudaanis yommusuma Yesuusitti dhiʼaatee, “Nagumaa yaa barsiisaa!” jedhee isa dhungate.
49 Judas foi até perto de Jesus e disse: — Mestre, que a paz esteja com o senhor! E o beijou.
50 Yesuusis deebisee, “Yaa michuu ko, waan dhufteef sana raawwadhu kaa!” jedhe.
50 Jesus respondeu: Então eles chegaram, prenderam Jesus e o amarraram.
51 Kunoo, warra Yesuus wajjin turan keessaa inni tokko goraadee isaa luqqifatee garbicha luba ol aanaa dhaʼee gurra isaa irraa kute.
51 Mas um dos que estavam ali com Jesus tirou a espada, atacou um empregado do Grande Sacerdote e cortou uma orelha dele.
52 Yesuus immoo akkana jedheen; “Goraadee kee iddoo isaatti deebisi; warri goraadee luqqifatan hundinuu goraadeedhaan balleeffamuutii.
52 Aí Jesus disse:
53 Ati waan ani Abbaa kootti iyyachuu hin dandeenye, waan innis yeruma sana ergamoota Waaqaa LeegewooniiKudha Lamaa olii naa hin ergine seetaa?
53 Você não sabe que, se eu pedisse ajuda ao meu Pai, ele me mandaria agora mesmo doze exércitos de anjos?
54 Utuu akkas taʼee immoo wanni Katabbiiwwan Qulqulluun karaa kanaan taʼuu qaba jedhan sun silaa akkamitti raawwatama ree?”
54 Mas, nesse caso, como poderia se cumprir aquilo que as
55 Saʼaatii sanatti Yesuus tuuta sanaan akkana jedhe; “Isin goraadee fi bokkuu qabattanii akka nama hattuu qabuutti na qabuu dhuftanii? Ani guyyuma guyyaan mana qulqullummaa keessa taaʼee barsiisaan ture; isinis na hin qabne.
55 Depois Jesus disse para aquela gente:
56 Kun hundinuu garuu akka Katabbiiwwan raajotaa Qulqulluun raawwatamaniif taʼe.” Barattoonni hundinuus isa dhiisanii baqatan.
56 Mas tudo isso está acontecendo para se cumprir o que os Então todos os discípulos abandonaram Jesus e fugiram.
57 Warri Yesuusin qaban sunis gara mana luba ol aanaa isa Qayyaaffaa jedhamuu iddoo barsiistonni seeraatii fi maanguddoonni itti walitti qabamaniitti isa geessan.
57 Os homens que prenderam Jesus o levaram até a casa do Grande Sacerdote Caifás, onde estavam reunidos alguns mestres da Lei e alguns líderes judeus.
58 Phexros garuu hamma dallaa mana lubicha ol aanaatti fagootti isa duukaa buʼe. Innis waan taʼuuf jiru arguuf jedhee ol lixee waardiyyoota wajjin taaʼe.
58 Pedro seguiu Jesus de longe até o pátio da casa do Grande Sacerdote. Entrou e sentou-se com os guardas para ver como aquilo ia terminar.
59 Luboonni hangafoonnii fi yaaʼiin Yihuudootaa guutuun Yesuusin ajjeesuuf jedhanii ragaa sobaa isatti barbaadaa turan.
59 Os chefes dos sacerdotes e todo o Conselho Superior estavam procurando alguma acusação falsa contra Jesus a fim de o condenar à morte.
60 Isaan garuu yoo dhuga baatonni sobaa hedduun dhiʼaatan illee homaa hin arganne.
60 Mas não puderam encontrar nada contra ele, embora muitos se levantassem para dizer mentiras a respeito dele. Afinal dois homens se apresentaram
61 “Namichi kun, ‘Ani mana qulqullummaa Waaqaa diiguu, guyyaa sadii keessatti deebisee ijaaruu nan dandaʼa’ jedheera” jedhan.
61 e disseram: — Este homem afirmou: “Eu posso destruir o Templo de Deus e construí-lo de novo em três dias.”
62 Lubichi ol aanaanis kaʼee dhaabatee, “Ati deebii tokko illee hin kennituu? Wanni namoonni kunneen dhugaa sitti baʼan kun maali?” jedhee Yesuusin gaafate.
62 Aí o Grande Sacerdote se levantou e perguntou a Jesus: — Você não vai se defender desta acusação?
63 Yesuus garuu inuma calʼise.
63 Mas Jesus ficou calado. Então o Grande Sacerdote tornou a perguntar: — Em nome do Deus vivo, eu exijo que você diga para nós: você é o
64 Yesuusis deebisee, “Atuu jetteerta. Ani garuu isinitti nan hima; isin siʼachi utuu Ilmi Namaa mirga isa Humna qabeessa sanaatiin taaʼee, duumessa samiitiin dhufuu ni argitu” jedhe.
64 Jesus respondeu:
65 Kana irratti lubichi ol aanaan uffata isaa tarsaasee akkana jedhe; “Inni Waaqa arrabseera! Kana caalaa dhuga baatota maalii nu barbaachisa? Kunoo, Waaqa arrabsuu isaa isin iyyuu amma dhageessaniirtu.
65 Aí o Grande Sacerdote rasgou as suas próprias roupas e disse: — Ele
66 Maal isinitti fakkaata?”
66 Então, o que resolvem? Eles responderam: — Ele é culpado e deve morrer!
67 Ergasii isaan fuula isaatti tufan; abootteenis isa rukutan. Warri kaan immoo isa kabalanii,
67 Em seguida cuspiram no rosto de Jesus e deram bofetadas nele. E os que batiam nele
68 “Yaa Kiristoos! Eenyutu si rukute? Mee raajii nutti dubbadhu” jedhaniin.
68 diziam: — Ei, Messias, adivinhe para nós quem foi que bateu em você!
69 Phexrosis dallaa keessa ala taaʼaa ture; xomboreen tokko isatti dhiʼaattee, “Atis Yesuus namicha Galiilaa sana wajjin turte!” jetteen.
69 Pedro estava sentado lá fora no pátio, quando uma das empregadas chegou perto dele e disse: — Você também estava com Jesus da Galileia.
70 Inni garuu, “Ani waan ati dubbachuutti jirtu hin beeku” jedhee hunduma isaanii duratti gane.
70 Mas ele negou diante de todos, dizendo: — Eu não sei do que é que você está falando.
71 Utuu inni gara karra dallaa sanaatti deemaa jiruus xomboreen biraa tokko isa argitee, “Namichi kun Yesuus nama Naazreeti wajjin ture” jettee warra achi turanitti himte.
71 Depois foi para a entrada do pátio. Outra empregada o viu e disse às pessoas que estavam ali: — Ele estava com Jesus de Nazaré.
72 Innis kakatee, “Ani namicha kana hin beeku!” jedhee ammas gane.
72 Pedro negou outra vez, respondendo: — Juro que não conheço esse homem!
73 Yeroo xinnoo booddee warri achi dhadhaabachaa turan Phexrositti dhiʼaatanii, “Atis dhuguma iyyuu jara keessaa tokkoo dha; loqodni kee si saaxilaatii” jedhan.
73 Pouco depois, os que estavam ali chegaram perto de Pedro e disseram: — O seu modo de falar mostra que, de fato, você também é um deles.
74 Yommus inni, “Ani namicha kana hin beeku” jedhee of abaaruu fi kakachuu jalqabe.
74 Então Pedro disse: — Juro que não conheço esse homem! Que Deus me castigue se não estou dizendo a verdade! Naquele instante o galo cantou,
75 Phexrosis dubbii Yesuus, “Ati utuu indaanqoon hin iyyin yeroo sadii na ganta” jedhee ture sana yaadate. Gad baʼees hiqqifatee booʼe.
75 e Pedro lembrou que Jesus lhe tinha dito: “Antes que o galo cante, você dirá três vezes que não me conhece.” Então Pedro saiu dali e chorou amargamente.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Mateus 26, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.