Mateus 24

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH

Sair da comparação
NTLH Nova Tradução na Linguagem de Hoje 2000
1 Utuu Yesuus mana qulqullummaatii baʼee deemaa jiruu barattoonni isaa gamoowwan mana qulqullummaa isatti argisiisuuf gara isaa dhufan.
1 Jesus saiu do pátio do Templo, e, quando já estava indo embora, os seus discípulos chegaram perto dele e chamaram a sua atenção para os edifícios do Templo.
2 Innis, “Waan kana hunda argituu? Ani dhuguma isinittin hima; asitti dhagaan dhagaa irratti hafu tokko hin jiru; hundi isaa iyyuu ni diigama” jedhee deebiseef.
2 Então ele disse:
3 Utuu Yesuus Tulluu Ejersaa irra taaʼee jiruu, barattoonni isaa kophaa isaanii gara isaa dhufanii, “Mee nutti himi; wanni kun yoom taʼa? Mallattoon dhufa keetii fi mallattoon dhuma barichaa maali?” jedhan.
3 Jesus estava sentado no monte das Oliveiras. Então os discípulos chegaram perto dele e lhe perguntaram em particular: — Conte para nós quando é que isso vai acontecer. Que sinal haverá para mostrar que chegou o tempo de o senhor voltar e de tudo acabar?
4 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Akka namni tokko iyyuu isin hin gowwoomsineef of eeggadhaa.
4 Jesus respondeu:
5 Namoonni hedduun, ‘Ani Kiristoos’ jedhanii maqaa kootiin ni dhufuutii; nama hedduus ni gowwoomsu.
5 Porque muitos vão aparecer fingindo ser eu e dizendo: “Eu sou o
6 Isin waaʼee waraanaatii fi oduu waraanaa ni dhageessu; garuu akka hin rifanne of eeggadhaa. Wanni akkanaa taʼuu qabaatii; dhumni garuu amma iyyuu hin geenye.
6 Não tenham medo quando ouvirem o barulho de batalhas ou notícias de guerras. Tudo isso vai acontecer, mas ainda não será o fim.
7 Sabni sabatti, mootummaanis mootummaatti ni kaʼa. Beellii fi sochiin lafaa iddoo garaa garaatti ni taʼa.
7 Uma nação vai guerrear contra outra, e um país atacará outro. Em vários lugares haverá falta de alimentos e tremores de terra.
8 Garuu kun hundinuu jalqaba ciniinsuu daʼumsaa ti.
8 Essas coisas serão como as primeiras dores de parto.
9 “Isaan dabarsanii dhiphinatti isin kennu; isin ajjeesus; sababii maqaa kootiifis saba hundaan ni jibbamtu.
9 — Depois vocês serão presos e entregues para serem maltratados e vocês serão mortos. Todos os odiarão por serem meus seguidores.
10 Yeroo sanatti namoonni baayʼeen ni gufatu; dabarsanii wal kennu; wal jibbus;
10 Nessa época muitos vão abandonar a sua fé e vão trair e odiar uns aos outros.
11 raajonni sobaa hedduun ni dhufu; nama hedduus ni gowwoomsu.
11 Então muitos falsos
12 Sababii baayʼina hamminaatiif jaalalli namoota baayʼee ni qabbanaaʼa;
12 A maldade vai se espalhar tanto, que o amor de muitos esfriará;
13 namni hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu ni fayya.
13 mas quem ficar firme até o fim será salvo.
14 Wangeelli mootummaa kunis akka saba hundaaf dhuga baʼumsa taʼuuf addunyaa hunda keessatti ni lallabama; ergasiis dhumni sun ni dhufa.
14 E a boa notícia sobre o
15 “Kanaafuu, ‘Isin yommuu wanni jibbisiisaan badiisa fidu’kan Daaniʼel raajichi waaʼee isaa dubbate sun iddoo qulqulluu dhaabatee argitanitti, namni dubbisu haa hubatu;
15 E Jesus continuou:
16 yommus warri Yihuudaa keessa jiran tulluuwwanitti haa baqatan.
16 Então, os que estiverem na região da Judeia, que fujam para os montes.
17 Namni bantii manaa irra jiru tokko iyyuu waan tokko illee mana isaatii fudhachuuf gad hin buʼin.
17 Quem estiver em cima da sua casa, no terraço, que fuja logo e não entre para pegar as suas coisas.
18 Namni lafa qotiisaa keessa jiru tokko iyyuu uffata isaa fudhachuuf duubatti hin deebiʼin.
18 E quem estiver no campo, que não volte para casa a fim de buscar as suas roupas.
19 Bara sana keessa dubartoota ulfaatii fi haadhota hoosisaniif wayyoo!
19 Ai das mulheres grávidas e das mães com criancinhas naqueles dias!
20 Garuu akka baqachuun keessan ganna keessa yookaan Guyyaa Sanbataatiin hin taaneef kadhadhaa.
20 Orem a Deus para que vocês não tenham de fugir no inverno ou no sábado .
21 Yeroo sanatti dhiphinni guddaan isaa ni dhufaatii; dhiphinni akkasiis uumama addunyaatii jalqabee hamma ammaatti hin dhufne; siʼachis gonkumaa hin dhufu.
21 Porque naqueles dias haverá um sofrimento tão grande como nunca houve desde que Deus criou o mundo; e nunca mais acontecerá uma coisa igual.
22 “Utuu guyyoonni sun gabaabbachuu baatanii silaa namni tokko iyyuu hin hafu ture; garuu sababii filatamtootaatiif guyyoonni sun ni gabaabbatu.
22 Porém Deus diminuiu esse tempo de sofrimento. Se não fosse assim, ninguém seria salvo. Mas, por causa do povo que Deus escolheu para salvar, esse tempo será diminuído.
23 Yeroo sana yoo namni kam iyyuu, ‘Ilaa, Kiristoos as jira!’ yookaan ‘Achi jira!’ isiniin jedhe, hin amaninaa.
23 — Portanto, se alguém disser para vocês: “Vejam! O
24 Kiristoosonni sobaatii fi raajonni sobaa ni kaʼuutii; isaanis yoo dandaʼameef filatamtoota illee gowwoomsuuf jedhanii mallattoo gurguddaa fi dinqii ni hojjetu.
24 Porque aparecerão falsos profetas e falsos messias, que farão milagres e maravilhas para enganar, se possível, até o povo escolhido de Deus.
25 Kunoo ani duraan dursee isinitti himeera.
25 Prestem atenção! Eu estou lhes dizendo tudo isso, antes que aconteça.
26 “Kanaafuu yoo isaan, ‘Kuunnoo, inni gammoojjii keessa jira’ isiniin jedhan achi hin dhaqinaa; yookaan yoo isaan, ‘Kunoo, mana keessa gola jira’ isiniin jedhan hin amaninaa.
26 — E, se disserem: “Vejam! Ele está no deserto”, não vão lá. Ou ainda: “Vejam! Ele está escondido aqui”, não acreditem.
27 Akkuma bakakkaan baʼa biiftuutii buʼee hamma lixa biiftuutti mulʼatu sana dhufaatiin Ilma Namaas akkasuma taʼa.
27 Porque, assim como o relâmpago risca o céu, do nascente até o poente, assim será a vinda do
28 Iddoo raqni jiru kamitti iyyuu gogocorroowwan walitti qabamu.
28 — Onde estiver o corpo de um morto, aí se ajuntarão os urubus.
29 “Akkuma dhiphinni bara sanaa darbeen,
29 Jesus disse:
30 “Ergasii mallattoon Ilma Namaa samii irratti ni mulʼata; saboonni addunyaa hundinuus ni booʼu. Isaanis utuu Ilmi Namaa duumessa samiitiin humnaa fi ulfina guddaadhaan dhufuu ni argu.
30 Então o sinal do
31 Innis ergamoota isaa sagalee malakataa guddaa isaatiin erga; isaanis filatamtoota isaa kanneen handaara samiiwwanii tokko irraa hamma isa kaaniitti jiran bubbeewwan afran irraa walitti qabu.
31 A grande trombeta tocará, e ele mandará os seus anjos para os quatro cantos da terra. E os anjos reunirão os escolhidos de Deus de um lado do mundo até o outro.
32 “Fakkeenya kana muka harbuu irraa baradhaa; yommuu dameen isaa latee baala baafatutti akka bonni dhiʼaate ni beektu.
32 Jesus disse ainda:
33 Akkasuma isinis yommuu waan kana hunda argitanitti akka inni dhiʼaate, akka balbala irras gaʼe ni beektu.
33 Assim também, quando virem acontecer essas coisas, fiquem sabendo que o tempo está perto, pronto para começar.
34 Ani dhuguma isinittin hima; hamma wanni kun hundi taʼutti dhaloonni kun hin darbu.
34 Eu afirmo a vocês que isto é verdade: essas coisas vão acontecer antes de morrerem todos os que agora estão vivos.
35 Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.
35 O céu e a terra desaparecerão, mas as minhas palavras ficarão para sempre.
36 “Waaʼee guyyaa sanaa yookaan waaʼee saʼaatii sanaa garuu Abbaa qofatu beeka malee namni tokko iyyuu hin beeku; ergamoonni samii irraa iyyuu hin beekan; yookaan Ilmi iyyuu hin beeku.
36 Jesus continuou, dizendo:
37 Akkuma bara Nohi taʼe sana yeroo dhufaatii Ilma Namaattis akkasuma ni taʼa.
37 A vinda do
38 Bara bishaan badiisaatiin dura ture sana, hamma gaafa Nohi doonii seeneetti namoonni nyaachaa, dhugaa, fuudhaa, heerumaas turaniitii.
38 Pois, antes do dilúvio, o povo comia e bebia, e os homens e as mulheres casavam, até o dia em que Noé entrou na barca.
39 Isaanis hamma bishaan badiisaa dhufee hunda isaanii fudhatetti waan dhufuuf jiru hin beekne. Yeroo Ilmi Namaa dhufuttis akkasuma taʼa.
39 Porém não sabiam o que estava acontecendo, até que veio o dilúvio e levou todos. Assim também será a vinda do Filho do Homem.
40 Gaafas namoonni lama lafa qotiisaa keessa hojjetu; inni tokko ni fudhatama; kaan immoo ni hafa.
40 — Naquele dia dois homens estarão trabalhando na fazenda: um será levado, e o outro, deixado.
41 Dubartoonni lama dhagaa daakuutiin daaku; tokko ni fudhatamti; kaan immoo ni hafti.
41 Duas mulheres estarão no moinho moendo trigo: uma será levada, e a outra, deixada.
42 “Kanaafuu isin dammaqaa; Gooftaan keessan guyyaa kam akka dhufu hin beektaniitii.
42 Fiquem vigiando, pois vocês não sabem em que dia vai chegar o seu Senhor.
43 Garuu waan kana hubadhaa: Abbichi manaa utuu yeroo kamitti akka hattuun dhuftu beekee silaa dammaqee eeggata malee akka manni isaa cabsamee seenamu itti hin dhiisu ture.
43 Lembrem disto: se o dono da casa soubesse quando ia chegar o ladrão, ficaria vigiando e não deixaria que a sua casa fosse arrombada.
44 Kanaafuu isinis akkasuma qophaaʼuu qabdu; Ilmi Namaa saʼaatii isin hin eegnetti dhufaatii.
44 Por isso vocês também fiquem vigiando, pois o Filho do Homem chegará na hora em que vocês não estiverem esperando.
45 “Egaa garbichi amanamaa fi ogeessi kan gooftaan isaa akka inni nyaata isaanii yeroo malutti isaanii kennuuf jedhee garboota mana isaa jiraatan irratti isa muudu eenyu?
45 Jesus disse ainda:
46 Garbichi gooftaan isaa yommuu deebiʼutti utuu inni akkasuma hojjetuu isa argu sun eebbifamaa dha.
46 Feliz aquele empregado que estiver fazendo isso quando o patrão chegar!
47 Ani dhuguma isinitti nan hima; inni qabeenya isaa hunda irratti isa muuda.
47 Eu afirmo a vocês que isto é verdade: o patrão vai colocá-lo como encarregado de toda a sua propriedade.
48 Garbichi sun garuu yoo hamaa taʼe, ‘Gooftaan koo yeroo dheeraa tura’ ofiin jedhee
48 Mas, se o empregado for mau, pensará assim: “O meu patrão está demorando muito para voltar.”
49 garboota isa wajjin tajaajilan tumuu, machooftota wajjin immoo nyaachuu fi dhuguu jalqaba.
49 Então começará a bater nos seus companheiros, e a comer, e a beber com os bêbados.
50 Gooftaan garbicha sanaa guyyaa inni isa hin eegnee fi saʼaatii inni hin beeknetti ni dhufa.
50 E o patrão voltará no dia em que o empregado menos espera e na hora que ele não sabe.
51 Innis isa kukkuta; fakkeessitoota keessattis isa ramada; achittis booʼichaa fi ilkaan qaruutu taʼa.
51 Aí o patrão mandará cortar o empregado em pedaços e o condenará a ir para o lugar aonde os hipócritas vão. Ali ele vai chorar e ranger os dentes de desespero.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Mateus 24, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.