Mateus 22
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARA
1 Yesuus ammas akkana jedhee fakkeenyaan deebii kenneef:
1 De novo, entrou Jesus a falar por parábolas, dizendo-lhes:
2 “Mootummaan samii mootii ilma isaatiif cidha fuudhaa qopheesse tokko fakkaata.
2 O reino dos céus é semelhante a um rei que celebrou as bodas de seu filho.
3 Innis akka isaan warra cidha sanatti affeeraman waamaniif garboota isaa erge; warri waamaman sun garuu dhufuu hin barbaanne.
3 Então, enviou os seus servos a chamar os convidados para as bodas; mas estes não quiseram vir.
4 “Ammas akkana jedhee garboota biraa erge; ‘Kunoo ani irbaata koo qopheesseera: Sangoonni koo, horiin koo coccoomoonis qalamanii wanni hundinuu qopheeffameera. Gara cidha fuudhaa fi heerumaa kottaa jedhaatii warra affeeraman sanatti himaa.’
4 Enviou ainda outros servos, com esta ordem: Dizei aos convidados: Eis que já preparei o meu banquete; os meus bois e cevados já foram abatidos, e tudo está pronto; vinde para as bodas.
5 “Isaan garuu tuffatanii, inni tokko gara lafa qotiisaa isaa, kaan immoo gara daldala isaa dhaqe.
5 Eles, porém, não se importaram e se foram, um para o seu campo, outro para o seu negócio;
6 Warri hafan immoo garboota isaa qabanii salphisan; ni ajjeesanis.
6 e os outros, agarrando os servos, os maltrataram e mataram.
7 Mootichis ni aare. Loltoota isaas ergee warra garboota isaa ajjeesan sana balleesse; magaalaa isaaniis ni gube.
7 O rei ficou irado e, enviando as suas tropas, exterminou aqueles assassinos e lhes incendiou a cidade.
8 “Ergasii inni garboota isaatiin akkana jedhe; ‘Dhangaan cidha fuudhaa qopheeffameera; warri affeeraman garuu cidha kanaaf hin malle.
8 Então, disse aos seus servos: Está pronta a festa, mas os convidados não eram dignos.
9 Kanaafuu gara qaxxaamura karaatti baʼaatii nama argitan hunda gara cidhaatti affeeraa.’
9 Ide, pois, para as encruzilhadas dos caminhos e convidai para as bodas a quantos encontrardes.
10 Garboonni sunis karaatti baʼanii nama argan hunda, hamaas gaariis walitti qaban; galmi cidhaa sunis keessummootaan guutame.
10 E, saindo aqueles servos pelas estradas, reuniram todos os que encontraram, maus e bons; e a sala do banquete ficou repleta de convidados.
11 “Mootichi yommuu keessummoota ilaaluuf ol seenetti, nama uffata cidhaa hin uffatin tokko achitti arge.
11 Entrando, porém, o rei para ver os que estavam à mesa, notou ali um homem que não trazia veste nupcial
12 Innis, ‘Yaa michuu ko, ati akkamitti utuu uffata cidhaa hin uffatin as seente?’ jedhee isa gaafate. Namichi garuu waan dubbatu dhabe.
12 e perguntou-lhe: Amigo, como entraste aqui sem veste nupcial? E ele emudeceu.
13 “Mootichis tajaajiltoota isaatiin, ‘Namicha kana harkaa fi miilla hidhaatii dukkana alaatti gad darbadhaa; achittis booʼuu fi ilkaan qaruutu taʼa’ jedhe.
13 Então, ordenou o rei aos serventes: Amarrai-o de pés e mãos e lançai-o para fora, nas trevas; ali haverá choro e ranger de dentes.
14 “Warri affeeraman baayʼeedhaatii; warri filataman garuu muraasa.”
14 Porque muitos são chamados, mas poucos, escolhidos.
15 Ergasiis Fariisonni waanuma inni dubbatuun isa qabuuf gad baʼanii Yesuusitti mariʼatan.
15 Então, retirando-se os fariseus, consultaram entre si como o surpreenderiam em alguma palavra.
16 Isaanis barattoota isaanii garee Heroodis wajjin isatti ergan. Akkanas jedhan; “Yaa barsiisaa, akka ati nama dhugaa taate, akka ati dhugaadhaan karaa Waaqaa barsiiftu beekna. Ati nama wal hin caalchiftu; fuula namaas hin ilaaltu.
16 E enviaram-lhe discípulos, juntamente com os herodianos, para dizer-lhe: Mestre, sabemos que és verdadeiro e que ensinas o caminho de Deus, de acordo com a verdade, sem te importares com quem quer que seja, porque não olhas a aparência dos homens.
17 Egaa mee nutti himi; yaadni kee maali? Qeesaariif gibira kaffaluun eeyyamameera moo hin eeyyamamne?”
17 Dize-nos, pois: que te parece? É lícito pagar tributo a César ou não?
18 Yesuus garuu hammina isaanii beekee akkana jedhe; “Yaa fakkeessitoota nana, isin maaliif na qortu?
18 Jesus, porém, conhecendo-lhes a malícia, respondeu: Por que me experimentais, hipócritas?
19 Mee maallaqa gibira kaffaltan natti argisiisaa.” Isaanis diinaarii tokko isatti fidan;
19 Mostrai-me a moeda do tributo. Trouxeram-lhe um denário.
20 inni immoo, “Fakkiin kun kan eenyuu ti? Katabbiin kunis kan eenyuu ti?” jedhee isaan gaafate.
20 E ele lhes perguntou: De quem é esta efígie e inscrição?
21 Isaanis, “Kan Qeesaari” jedhanii deebisan.
21 Responderam: De César. Então, lhes disse: Dai, pois, a César o que é de César e a Deus o que é de Deus.
22 Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti ni dinqifatan. Kanaaf isa dhiisanii qajeelan.
22 Ouvindo isto, se admiraram e, deixando-o, foram-se.
23 Guyyuma sana Saduuqonni warri duʼaa kaʼuun hin jiru jedhan tokko tokko gara isaa dhufanii gaaffii isa gaafatan.
23 Naquele dia, aproximaram-se dele alguns saduceus, que dizem não haver ressurreição, e lhe perguntaram:
24 Akkanas jedhan; “Yaa barsiisaa, Museen, ‘Namni tokko niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin yoo duʼe obboleessi isaa niitii sana dhaalee obboleessa isaatiif sanyii haa dhaabu’ jedhee nutti himeera.
24 Mestre, Moisés disse: Se alguém morrer, não tendo filhos, seu irmão casará com a viúva e suscitará descendência ao falecido.
25 Kunoo obboloota torbatu nu bira ture. Inni jalqabaa niitii fuudhee utuu ijoollee hin qabaatin niitii isaa obboleessa isaatti dhiisee duʼe.
25 Ora, havia entre nós sete irmãos. O primeiro, tendo casado, morreu e, não tendo descendência, deixou sua mulher a seu irmão;
26 Obboleessa lammaffaa fi sadaffaa irratti, hamma isa torbaffaattis waanuma sanatu taʼe.
26 o mesmo sucedeu com o segundo, com o terceiro, até ao sétimo;
27 Dhuma irratti dubartittiinis ni duute.
27 depois de todos eles, morreu também a mulher.
28 Egaa guyyaa duʼaa kaʼuutti, torban isaanii keessaa isheen niitii isa kamii taati? Hundi isaanii iyyuu ishee fuudhaniiruutii.”
28 Portanto, na ressurreição, de qual dos sete será ela esposa? Porque todos a desposaram.
29 Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Isin waan Katabbiiwwan Qulqulluu yookaan humna Waaqaa hin beekneef dogoggortu.
29 Respondeu-lhes Jesus: Errais, não conhecendo as Escrituras nem o poder de Deus.
30 Guyyaa duʼaa kaʼuutti namoonni akka ergamoota samii taʼu malee hin fuudhan; hin heerumanis.
30 Porque, na ressurreição, nem casam, nem se dão em casamento; são, porém, como os anjos no céu.
31 Garuu isin waan Waaqni waaʼee duʼaa kaʼuu warra duʼanii isiniin jedhe hin dubbifnee? Innis akkana jedha;
31 E, quanto à ressurreição dos mortos, não tendes lido o que Deus vos declarou:
32 ‘Ani Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob.’Inni Waaqa warra jiraataniiti malee Waaqa warra duʼanii miti.”
32 Eu sou o Deus de Abraão, o Deus de Isaque e o Deus de Jacó?
33 Namoonni yommuu waan kana dhagaʼanitti, barsiisa isaa dinqifatan.
33 Ouvindo isto, as multidões se maravilhavam da sua doutrina.
34 Fariisonni yommuu akka Yesuus Saduuqota afaan qabachiise dhagaʼanitti walitti qabaman.
34 Entretanto, os fariseus, sabendo que ele fizera calar os saduceus, reuniram-se em conselho.
35 Isaan keessaas hayyuun seeraa tokko akkana jedhee gaaffii kanaan isa qore:
35 E um deles, intérprete da Lei, experimentando-o, lhe perguntou:
36 “Yaa barsiisaa, seera keessaa ajajni guddaan isa kami?”
36 Mestre, qual é o grande mandamento na Lei?
37 Yesuusis akkana jedheen; “Waaqa kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan jaalladhu.
37 Respondeu-lhe Jesus:
38 Kunis ajaja jalqabaatii fi guddicha.
38 Este é o grande e primeiro mandamento.
39 Ajajni lammaffaanis isuma fakkaata: ‘Ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu’jedha.
39 O segundo, semelhante a este, é:
40 Seerrii fi Raajonni hundinuu ajajawwan kanneen lamaan irratti hundeeffamu.”
40 Destes dois mandamentos dependem toda a Lei e os Profetas.
41 Utuu Fariisonni walitti qabamanii jiranuu Yesuus gaaffii tokko isaan gaafate;
41 Reunidos os fariseus, interrogou-os Jesus:
42 innis, “Isin waaʼee Kiristoos maal yaaddu? Inni ilma eenyuu ti?” jedhe.
42 Que pensais vós do Cristo? De quem é filho? Responderam-lhe eles: De Davi.
43 Innis akkana isaaniin jedhe; “Yoos Daawit akkamitti Hafuuraan geggeeffamee, ‘Gooftaa’ isaan jedha ree? Inni akkana jedhaatii:
43 Replicou-lhes Jesus: Como, pois, Davi, pelo Espírito, chama-lhe Senhor, dizendo:
44 “ ‘Gooftaan Gooftaa kootiin:
44 Disse o Senhor ao meu Senhor: Assenta-te à minha direita, até que eu ponha os teus inimigos debaixo dos teus pés?
45 Erga Daawit, ‘Gooftaa’ jedhee isa waame, yoos inni akkamitti ilma isaa taʼuu dandaʼa ree?”
45 Se Davi, pois, lhe chama Senhor, como é ele seu filho?
46 Namni tokko iyyuu waan tokko isaaf deebisuu hin dandeenye; gaafasii jalqabee namni tokko iyyuu deebiʼee gaaffii isa gaafachuuf ija hin jabaanne.
46 E ninguém lhe podia responder palavra, nem ousou alguém, a partir daquele dia, fazer-lhe perguntas.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Mateus 22, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.