Mateus 20
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARC
1 “Mootummaan samiis abbaa lafaa kan iddoo dhaabaa wayinii isaatti hojjettoota qacarachuuf jedhee barii obboroo manaa baʼe tokko fakkaata.
1 Porque o Reino dos céus é semelhante a um homem, pai de família, que saiu de madrugada a assalariar trabalhadores para a sua vinha.
2 Innis guyyaatti diinaariitokko tokko isaanii kaffaluuf hojjettoota sanaan walii galee gara iddoo dhaabaa wayinii isaatti isaan erge.
2 E, ajustando com os trabalhadores a um dinheiro por dia, mandou-os para a sua vinha.
3 “Namichi sunis gara saʼaatii sadiitti gad baʼee namoota hojii malee iddoo gabaa dhadhaabatan kanneen biraa arge.
3 E, saindo perto da hora terceira, viu outros que estavam ociosos na praça.
4 ‘Isinis dhaqaatii iddoo dhaabaa wayinii kootii keessa hojjedhaa; anis waan isiniif malu isiniifin kaffalaa’ jedheen.
4 E disse-lhes: Ide vós também para a vinha, e dar-vos-ei o que for justo. E eles foram.
5 Isaanis ni dhaqan.
5 Saindo outra vez, perto da hora sexta e nona, fez o mesmo.
6 Naannoo saʼaatii kudha tokkoottis gad baʼee namoota hojii malee dhadhaabatan biraa argee, ‘Isin maaliif guyyaa guutuu hojii malee as dhadhaabattu?’ jedhee isaan gaafate.
6 E, saindo perto da hora undécima, encontrou outros que estavam ociosos e perguntou-lhes: Por que estais ociosos todo o dia?
7 “Isaanis, ‘Sababii namni tokko illee nu hin qacaratiniif’ jedhanii deebisan.
7 Disseram-lhe eles: Porque ninguém nos assalariou. Diz-lhes ele: Ide vós também para a vinha e recebereis o que for justo.
8 “Yommuu galgalaaʼetti abbaan iddoo dhaabaa wayinii sanaa hoogganaa hojii isaatiin, ‘Hojjettoota waami; warra gara dhumaatti qacaramanii jalqabii hamma warra dura qacaramaniitti mindaa isaanii kaffaliif’ jedheen.
8 E, aproximando-se a noite, diz o senhor da vinha ao seu mordomo: Chama os trabalhadores, e paga-lhes o salário, começando pelos derradeiros até aos primeiros.
9 “Warri gara saʼaatii kudha tokkootti qacaraman sunis dhufanii tokkoon tokkoon isaanii diinaarii tokko tokko fudhatan.
9 E, chegando os que
10 Warri jalqabatti qacaraman yommuu dhufanitti waan warra kaan caalaa argatan seʼan. Garuu tokkoon tokkoon isaanii diinaarii tokko tokko fudhatan.
10 vindo, porém, os primeiros, cuidaram que haviam de receber mais; mas, do mesmo modo, receberam um dinheiro cada um.
11 Isaan yommuu diinaarii sana fudhatanitti abbaa lafaa sanatti guunguman.
11 E, recebendo-
12 Isaanis, ‘Warri gara dhumaatti qacaraman kunneen saʼaatii tokko qofa hojjetan; ati garuu nu warra dadhabbii hojichaatii fi hoʼa guyyaa obsine isaaniin wal qixxeessite’ jedhaniin.
12 dizendo: Estes derradeiros trabalharam
13 “Inni garuu hojjettoota sana keessaa isa tokkoon, ‘Yaa michuu ko, ani waan tokkoon illee si hin miine. Ati diinaarii tokkoon naan walii hin gallee?
13 Mas ele, respondendo, disse a um deles: Amigo, não te faço injustiça; não ajustaste tu comigo um dinheiro?
14 Qooda kee fudhadhuu deemi; ani namicha isa gara dhumaa kanaafis hammuma siif kenne sana kennuufii nan barbaada.
14 Toma o
15 Ani qarshii kootiin waan barbaade gochuuf mirga hin qabuu? Yookaan sababii ani arjaa taʼeef hinaaftaa?’ jedhe.
15 Ou não me é lícito fazer o que quiser do Ou é mau o teu olho porque eu sou bom?
16 “Akkasuma warri dhumaa warra jalqabaa ni taʼu; warri jalqabaa immoo warra dhumaa ni taʼu.”
16 Assim, os derradeiros serão primeiros, e os primeiros, derradeiros, porque muitos são chamados, mas poucos, escolhidos.
17 Yesuus utuu Yerusaalemitti ol baʼaa jiruu barattoota kudha lamaan kophaatti baasee akkana jedheen:
17 E, subindo Jesus a Jerusalém, chamou à parte os seus doze discípulos e, no caminho, disse-lhes:
18 “Kunoo nu Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; Ilmi Namaas dabarfamee luboota hangafootattii fi barsiistota seeraatti ni kennama. Isaanis duʼa itti muru;
18 Eis que vamos para Jerusalém, e o Filho do Homem será entregue aos príncipes dos sacerdotes e aos escribas, e condená-lo-ão à morte.
19 akka isaan itti qoosaniif, isa garafanii fi isa fannisaniifis dabarsanii Namoota Ormaatti isa kennu. Innis guyyaa sadaffaatti duʼaa ni kaafama!”
19 E o entregarão aos gentios para que
20 Ergasiis haati ilmaan Zabdewoos ilmaan ishee wajjin gara Yesuus dhuftee jilbeenfattee waa isa kadhatte.
20 Então, se aproximou dele a mãe dos filhos de Zebedeu, com seus filhos, adorando- o e fazendo-lhe um pedido.
21 Yesuusis, “Ati maal barbaadda?” jedheen.
21 E ele diz-lhe: Que queres? Ela respondeu: Dize que estes meus dois filhos se assentem um à tua direita e outro à tua esquerda, no teu Reino.
22 Yesuus immoo, “Isin waan kadhattan hin beektan; xoofoo ani dhuguuf jiru dhuguu ni dandeessuu?” jedheen.
22 Jesus, porém, respondendo, disse: Não sabeis o que pedis; podeis vós beber o cálice que eu hei de beber e ser batizados com o batismo com que eu sou batizado? Dizem-lhe eles: Podemos.
23 Yesuusis, “Dhugumaan xoofoo koo irraa illee ni dhugdu; garuu mirga kootii fi bitaa kootiin taaʼuu kan kennu ana miti. Iddoon kun kan warra Abbaan koo isaaniif qopheesse sanaa ti” jedheen.
23 E diz-lhes ele: Na verdade bebereis o meu cálice, mas o assentar-se à minha direita ou à minha esquerda não me pertence dá-lo, mas é para aqueles para quem meu Pai o tem preparado.
24 Warri kurnan yommuu waan kana dhagaʼanitti obboloota lamaanitti aaran.
24 E, quando os dez ouviram isso, indignaram-se contra os dois irmãos.
25 Yesuusis walitti isaan waamee akkana jedhe; “Isin akka bulchitoonni Namoota Ormaa isaan irratti gooftummaa mulʼisan, gurguddoonni isaaniis akka isaan irratti taayitaa argisiisan ni beektu.
25 Então, Jesus, chamando-os para junto de si, disse: Bem sabeis que pelos príncipes dos gentios são estes dominados e que os grandes exercem autoridade sobre eles.
26 Isin biratti akkas miti. Qooda kanaa namni isin keessaa nama guddaa taʼuu barbaadu kam iyyuu tajaajilaa keessan taʼuu qaba;
26 Não será assim entre vós; mas todo aquele que quiser, entre vós, fazer-se grande, que seja vosso serviçal;
27 namni nama jalqabaa taʼuu barbaadu kam iyyuu garbicha keessan taʼuu qaba;
27 e qualquer que, entre vós, quiser ser o primeiro, que seja vosso servo,
28 Ilmi Namaa iyyuu tajaajiluu fi lubbuu isaa immoo namoota baayʼeedhaaf furii godhee kennuuf dhufe malee tajaajilamuuf hin dhufneetii.”
28 bem como o Filho do Homem não veio para ser servido, mas para servir e para dar a sua vida
29 Utuu Yesuusii fi barattoonni isaa Yerikoodhaa baʼaa jiranuu, tuunni namootaa guddaan isa duukaa buʼe.
29 E, saindo eles de Jericó, seguiu-o grande multidão.
30 Kunoo, jaamonni lama qarqara karaa tataaʼaa turan; isaanis yommuu akka Yesuus achiin darbaa jiru dhagaʼanitti iyyanii, “Gooftaa, yaa Ilma Daawit nu maari!” jedhan.
30 E eis que dois cegos, assentados junto do caminho, ouvindo que Jesus passava, clamaram, dizendo: Senhor, Filho de Davi, tem misericórdia de nós.
31 Tuunni sunis akka isaan calʼisaniif isaan ifate; isaan garuu, “Yaa Gooftaa, yaa Ilma Daawit nu maari!” jedhanii ittuma caalchisanii iyyan.
31 E a multidão os repreendia, para que se calassem; eles, porém, cada vez clamavam mais, dizendo: Senhor, Filho de Davi, tem misericórdia de nós.
32 Yesuusis dhaabatee isaan waamee, “Akka ani maal isinii godhu barbaaddu?” jedhee isaan gaafate.
32 E Jesus, parando, chamou-os e disse: Que quereis que vos faça?
33 Isaan immoo, “Yaa Gooftaa, akka iji keenya nuuf banamu barbaanna” jedhanii deebisan.
33 Disseram-lhe eles: Senhor, que os nossos olhos sejam abertos.
34 Yesuusis garaa laafeefii ija isaanii qaqqabe. Isaanis yeruma sana arganii isa duukaa buʼan.
34 Então, Jesus, movido de íntima compaixão, tocou-lhes nos olhos, e logo viram; e eles o seguiram.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Mateus 20, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.