Mateus 19

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA

Sair da comparação
NAA Nova Almeida Atualizada 2017
1 Yesuus erga dubbii kana dubbatee fixatee booddee, Galiilaadhaa kaʼee gama Yordaanos gara biyya Yihuudaa dhaqe.
1 Quando Jesus acabou de proferir estas palavras, deixou a Galileia e foi para o território da Judeia, além do Jordão.
2 Namoonni baayʼeenis isa duukaa buʼan; innis achitti isaan fayyise.
2 Grandes multidões o seguiram, e ele as curou ali.
3 Fariisonni tokko tokkos isa qoruuf gara isaa dhufanii, “Namni tokko waanuma argeen niitii isaa hiikuun ni eeyyamamaa?” jedhanii gaafatan.
3 Alguns fariseus se aproximaram de Jesus e, testando-o, perguntaram: — É lícito ao homem repudiar a sua mulher por qualquer motivo?
4 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Isin akka inni jalqabatti isaan uume sun, ‘dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume’hin dubbifnee?
4 Jesus respondeu:
5 Inni akkana jedhe; ‘Sababii kanaaf namni abbaa fi haadha isaa dhiisee niitii isaatti maxxana; lamaan isaanii iyyuu foon tokko taʼu.’
5 e que disse: “Por isso o homem deixará o seu pai e a sua mãe e se unirá à sua mulher, tornando-se os dois uma só carne”?
6 Egaa isaan siʼachi foon tokko malee lama miti. Kanaafuu waan Waaqni tokko taasise namni gargar hin baasin.”
6 De modo que já não são mais dois, porém uma só carne. Portanto, que ninguém separe o que Deus ajuntou.
7 Isaanis, “Yoos Museen maaliif akka namni tokko waraqaa ragaa hiikkaa kenneefii niitii isaa of irraa geggeessu ajaje ree?” jedhanii isa gaafatan.
7 Os fariseus perguntaram: — Então por que Moisés ordenou dar uma carta de divórcio e repudiar a mulher?
8 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Museen sababii mata jabina keessaniitiif jedhee akka isin niitota keessan hiiktan isiniif eeyyame. Jalqabatti garuu akkana hin turre.
8 Jesus respondeu:
9 Ani isinittin hima; namni utuu isheen halalummaa hin hojjetin niitii isaa hiikee dubartii biraa fuudhu kam iyyuu ejja raawwata.”
9 Eu, porém, lhes digo: quem repudiar a sua mulher, não sendo por causa de relações sexuais ilícitas, e casar com outra comete adultério.
10 Barattoonni isaas, “Haalli dhirsaa fi niitii akkana taanaan fuudhuu dhiisuu wayya” jedhaniin.
10 Os discípulos de Jesus disseram: — Se essa é a situação do homem em relação à sua mulher, não convém casar.
11 Yesuusis akkana jedheen; “Waan kana warra isaaniif kenname qofa malee namni hundi fudhachuu hin dandaʼu.
11 Jesus, porém, lhes respondeu:
12 Warri xuʼaashii taʼanii gadameessa haadha isaaniitii dhalatan jiruutii; warri harka namaatiin xuʼaashii taʼanis jiru; kanneen mootummaa samiitiif jedhanii xuʼaashii of taasisanis jiru; namni kana fudhachuu dandaʼu haa fudhatu.”
12 Porque há eunucos de nascença; há outros a quem os homens fizeram tais; e há outros que se fizeram eunucos, por causa do Reino dos Céus. Quem é apto para aceitar isto, que aceite.
13 Ergasii akka inni harka isaan irra kaaʼee isaaniif kadhatuuf ijoollee xixinnoo Yesuusitti fidan. Barattoonni garuu isaan ifatan.
13 Então trouxeram algumas crianças a Jesus para que ele lhes impusesse as mãos e orasse, mas os discípulos os repreendiam.
14 Yesuusis, “Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan samii kan warra akkanaatii” jedhe.
14 Jesus, porém, disse:
15 Innis erga harka isaa isaan irra kaaʼee booddee achii deeme.
15 E, tendo-lhes imposto as mãos, retirou-se dali.
16 Kunoo namichi tokko gara Yesuus dhufee, “Yaa barsiisaa, jireenya bara baraa argachuuf wanni gaariin ani gochuu qabu maali?” jedhee gaafate.
16 E eis que alguém, aproximando-se de Jesus, lhe perguntou: — Mestre, que farei de bom para alcançar a vida eterna?
17 Yesuus immoo, “Ati maaliif waaʼee waan gaarii na gaafatta? Gaariin Isa Tokkicha qofatu jira. Ati yoo jireenyatti galuu barbaadde ajajawwan eegi” jedhee deebise.
17 Jesus respondeu:
18 Namichis, “Ajajawwan kami?” jedhee gaafate.
18 E ele lhe perguntou: — Quais? Jesus respondeu:
19 abbaa keetii fi haadha kee kabaji;ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu.’”
19 honre o seu pai e a sua mãe e ame o seu próximo como você ama a si mesmo.”
20 Dargaggeessi sunis, “Ani ajajawwan kanneen hunda eegeera. Yoos maaltu amma iyyuu na duraa hirʼata ree?” jedheen.
20 O jovem disse: — Tudo isso tenho observado. O que me falta ainda?
21 Yesuusis, “Ati yoo nama hirʼina hin qabne taʼuu barbaadde, dhaqiitii waan qabdu gurgurii hiyyeeyyiif kenni; samii keessatti badhaadhummaa ni qabaattaa. Ergasii kottuu na duukaa buʼi” jedhee deebiseef.
21 Jesus respondeu:
22 Dargaggeessi sunis yommuu waan kana dhagaʼetti gaddee achii deeme; inni qabeenya guddaa qaba tureetii.
22 Mas o jovem, ouvindo esta palavra, retirou-se triste, porque era dono de muitas propriedades.
23 Yesuusis barattoota isaatiin akkana jedhe; “Ani dhuguma isinittin hima; mootummaa samiitti galuun nama sooressaaf rakkisaa dha.
23 Então Jesus disse aos seus discípulos:
24 Ammas isinittin hima; namni sooressi mootummaa Waaqaatti galuu irra qaawwa lilmoo keessa baʼuutu gaalaaf salphata.”
24 E ainda lhes digo que é mais fácil um camelo passar pelo fundo de uma agulha do que um rico entrar no Reino de Deus.
25 Barattoonni yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee raajeffatanii, “Yoos eenyutu fayyuu dandaʼa ree?” jedhanii gaafatan.
25 Ouvindo isto, os discípulos ficaram muito admirados e perguntaram: — Sendo assim, quem pode ser salvo?
26 Yesuusis isaan ilaalee, “Kun namaaf hin dandaʼamu; Waaqaaf garuu wanni hundinuu ni dandaʼama” jedhe.
26 Jesus, olhando para eles, disse:
27 Kana irratti Phexros, “Kunoo, nu waan hunda dhiifnee si duukaa buuneerra! Egaa maal arganna ree?” jedhee deebise.
27 Então Pedro, tomando a palavra, disse: — Eis que nós deixamos tudo e seguimos o senhor; que será, pois, de nós?
28 Yesuus immoo akkana isaaniin jedhe; “Ani dhuguma isinittin hima; addunyaa haaraa keessatti, yeroo Ilmi Namaa teessoo isaa ulfina qabeessa sana irra taaʼutti, isin warri na duukaa buutanis akkasuma teessoowwan kudha lama irra teessanii gosoota Israaʼel kudha lamaanitti murtu.
28 Jesus lhes respondeu:
29 Namni maqaa kootiif jedhee manneen yookaan obboloota yookaan obboleettota yookaan abbaa yookaan haadha yookaan niitii yookaan ijoollee yookaan lafa qotiisaa dhiise hundi dachaa dhibba ni argata; jireenya bara baraas ni dhaala.
29 E todo aquele que tiver deixado casas, irmãos, irmãs, pai, mãe, filhos ou campos, por causa do meu nome, receberá muitas vezes mais e herdará a vida eterna.
30 Garuu warri jalqabaa hedduun warra dhumaa ni taʼu; warri dhumaa hedduun immoo warra jalqabaa ni taʼu.
30 Porém muitos primeiros serão últimos; e os últimos serão primeiros.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Mateus 19, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.