Mateus 17

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH

Sair da comparação
NTLH Nova Tradução na Linguagem de Hoje 2000
1 Yesuus guyyaa jaʼa booddee Phexrosin, Yaaqoobii fi Yohannis obboleessa Yaaqoob fudhatee kophaa isaanii tulluu dheeraa tokkotti ol baase.
1 Seis dias depois, Jesus foi para um monte alto, levando consigo somente Pedro e os irmãos Tiago e João.
2 Innis achitti fuula isaanii duratti geeddarame. Fuulli isaa akka aduu ife; uffanni isaas akkuma ifaa addaate.
2 Ali, eles viram a aparência de Jesus mudar: o seu rosto ficou brilhante como o sol, e as suas roupas ficaram brancas como a luz.
3 Kunoo Musee fi Eeliyaas utuu Yesuus wajjin haasaʼanuu isaanitti mulʼatan.
3 E os três discípulos viram Moisés e Elias conversando com Jesus.
4 Phexrosis Yesuusiin, “Yaa Gooftaa, as jiraachuun nuuf gaarii dha. Yoo fedhii kee taʼe, ani daasii sadii jechuunis tokko siif, tokko Museef, tokko immoo Eeliyaasiif asitti nan ijaara” jedhe.
4 Então Pedro disse a Jesus: — Como é bom estarmos aqui, Senhor! Se o senhor quiser, eu armarei três barracas neste lugar: uma para o senhor, outra para Moisés e outra para Elias.
5 Utuma inni dubbachaa jiruu kunoo, duumessi ifaan tokko isaan haguuge; duumessicha keessaas sagaleen tokko, “Kun Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; ani isatti baayʼee nan gammada. Isinis isa dhagaʼaa!” jedhe.
5 Enquanto Pedro estava falando, uma nuvem brilhante os cobriu, e dela veio uma voz, que disse: — Este é o meu Filho querido, que me dá muita alegria. Escutem o que ele diz!
6 Barattoonnis yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee sodaatanii adda isaaniitiin lafatti gombifaman.
6 Quando os discípulos ouviram a voz, ficaram com tanto medo, que se ajoelharam e encostaram o rosto no chão.
7 Yesuus garuu itti dhiʼaatee isaan tuqee, “Kaʼaa! Hin sodaatinaa” jedheen.
7 Jesus veio, tocou neles e disse:
8 Isaanis yommuu ol jedhanii ilaalanitti Yesuusin malee nama tokko illee hin argine.
8 Então eles olharam em volta e não viram ninguém, a não ser Jesus.
9 Utuu tulluu sana irraa buʼuutti jiranuus Yesuus, “Hamma Ilmi Namaa warra duʼan keessaa kaafamutti waan argitan sana nama tokkotti illee hin himinaa” jedhee isaan seerrate.
9 Quando estavam descendo do monte, ele lhes deu esta ordem:
10 Barattoonnis, “Yoos barsiistonni seeraa maaliif Eeliyaas akka duraan dursee dhufuu qabu dubbatu ree?” jedhanii isa gaafatan.
10 Então os discípulos perguntaram: — Por que os
11 Yesuus akkana jedhee deebise; “Dhugumaan, Eeliyaas waan hunda iddootti deebisuuf jedhee duraan dursee ni dhufa.
11 Ele respondeu:
12 Ani garuu isinittin hima; Eeliyaas amma iyyuu dhufeera; isaanis isa hin hubanne; garuu waanuma fedhan hunda isatti hojjetan. Ilmi Namaas akkasuma harka isaaniitti dhiphachuuf jira.”
12 porém eu afirmo a vocês que Elias já veio, e não o reconheceram, mas o maltrataram como quiseram. Assim também maltratarão o Filho do Homem.
13 Barattoonnis ergasii akka wanni inni isaanitti dubbachaa ture sun waaʼee Yohannis Cuuphaa taʼe hubatan.
13 Então os discípulos entenderam que Jesus estava falando a respeito de João Batista.
14 Yommuu isaan gara tuuta sanaa dhufanittis namichi tokko Yesuusitti dhiʼaatee fuula isaa duratti jilbeenfate;
14 Quando eles chegaram perto da multidão, um homem foi até perto de Jesus, ajoelhou-se diante dele
15 akkanas jedhe; “Yaa Gooftaa, ilmi koo gaggabdoodhaan qabamee akka malee rakkachaa jiraatii naaf maari. Yeroo hedduu ibidda keessatti yookaan bishaan keessatti kufa.
15 e disse: — Senhor, tenha pena do meu filho! Ele é epilético e tem ataques tão fortes, que muitas vezes cai no fogo ou na água.
16 Ani barattoota keetti isa nan fide; isaan garuu isa fayyisuu hin dandeenye.”
16 Eu o trouxe para os seus discípulos a fim de que eles o curassem, mas eles não conseguiram.
17 Yesuusis deebisee, “Isin dhaloota hin amannee fi jalʼaa nana; ani hamma yoomiittin isin wajjin jiraadha? Hamma yoomiittis ani isinii obsa? Mee gurbicha as natti fidaa!” jedhe.
17 Jesus respondeu:
18 Yesuusis hafuura hamaa sana ifate; hafuurri hamaan sunis gurbaa sana keessaa baʼe; gurbichis yommusuma fayye.
18 Então deu uma ordem, o demônio saiu, e no mesmo instante o menino ficou curado.
19 Ergasiis barattoonni kophaa isaanii gara Yesuus dhufanii, “Nu maaliif hafuura hamaa sana baasuu dadhabne?” jedhanii isa gaafatan.
19 Depois os discípulos chegaram perto de Jesus, em particular, e perguntaram: — Por que foi que nós não pudemos expulsar aquele demônio?
20 Innis akkana jedhee deebise; “Sababii amantiin keessan xinnaateefii dha. Ani dhuguman isinitti hima; isin utuu amantii xinnoo hamma sanyii sanaaficaa qabaattanii silaa tulluu kanaan, ‘Asii kaʼii achi darbi’ jechuu ni dandeessu; innis ni darba. Wanni isiniif hin dandaʼamne tokko iyyuu hin jiru. [
20 Jesus respondeu:
21 Hafuurri hamaan akkanaa garuu soomaa fi kadhannaadhaan malee hin baʼu.”]
21 [Mas esse tipo de demônio só pode ser expulso com oração e jejum.]
22 Yeroo isaan Galiilaatti walitti qabamanitti inni akkana isaaniin jedhe; “Ilmi Namaa dabarfamee harka namootaatti ni kennama.
22 Um dia os discípulos estavam se reunindo na Galileia, e Jesus disse a eles:
23 Isaanis isa ni ajjeesu; inni immoo guyyaa sadaffaatti ni kaafama.” Barattoonnis akka malee gaddan.
23 e eles vão matá-lo; mas três dias depois ele será ressuscitado. E os discípulos ficaram muito tristes.
24 Yommuu Yesuusii fi barattoonni isaa Qifirnaahom gaʼanitti qaraxxoonni gara Phexros dhufanii, “Barsiisaan keessan gibira hin kaffaluu?” jedhanii gaafatan.
24 Quando Jesus e os discípulos chegaram à cidade de Cafarnaum, os cobradores do imposto do Templo foram perguntar a Pedro: — O mestre de vocês não paga o imposto do Templo?
25 Innis deebisee, “Ni kaffala” jedheen.
25 — Paga, sim! — respondeu Pedro. Depois Pedro entrou em casa, mas, antes que falasse alguma coisa, Jesus disse:
26 Phexrosis deebisee, “Keessummoota irraa walitti qabu” jedhe.
26 — São os estrangeiros! — respondeu Pedro.
27 Garuu nu akka isaan hin mufachiifneef dhaqiitii okkoo galaanatti darbadhu. Qurxummii jalqabatti qabdus fuudhi; yommuu afaan isaa bantuttis maallaqa argatta. Maallaqa sanas geessiitii anaa fi ofii keetiif isaanitti kenni.”
27 Mas nós não queremos ofender essa gente. Por isso vá até o lago, jogue o anzol e puxe o primeiro peixe que você fisgar. Na boca dele você encontrará uma moeda. Então vá e pague com ela o meu imposto e o seu.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Mateus 17, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.