Mateus 16
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA
1 Fariisonnii fi Saduuqonni gara Yesuus dhufanii akka inni samii irraa mallattoo isaan argisiisu gaafachuudhaan isa qoran.
1 Os fariseus e os saduceus se aproximaram de Jesus e, tentando-o, pediram-lhe que lhes mostrasse um sinal vindo do céu.
2 Innis akkana jedhee deebise; “Isin yeroo galgalaaʼutti, ‘Samiin diimateera; caama taʼa’ jettu;
2 Mas Jesus respondeu:
3 ganama immoo, ‘Samiin diimatee duumessaaʼeeraatii harʼa bokkaan jabaan ni rooba’ jettu. Isin bifa samii addaan baasuu ni beektu; garuu mallattoo baraa addaan baasuu hin dandeessan.
3 E, pela manhã, vocês dizem: “Hoje teremos tempestade, porque o céu está de um vermelho sombrio.” Na verdade, vocês sabem interpretar a aparência do céu. Então como não são capazes de interpretar os sinais dos tempos?
4 Dhaloonni hamaa fi ejjaan mallattoo barbaada; garuu mallattoo Yoonaas malee mallattoon hin kennamuuf.” Yesuusis isaan dhiisee deeme.
4 Uma geração perversa e adúltera pede um sinal, mas nenhum sinal lhe será dado, senão o de Jonas. E, deixando-os, Jesus se retirou.
5 Barattoonni yommuu galaanicha ceʼanitti buddeena fudhachuu irraanfatan.
5 Ora, tendo os discípulos passado para a outra margem do lago, esqueceram-se de levar pão.
6 Yesuusis, “Beekkadhaa; raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa” isaaniin jedhe.
6 E Jesus lhes disse:
7 Isaanis, “Kun sababii nu buddeena hin fidatiniif” jedhanii waan kana walii wajjin haasaʼan.
7 Eles, porém, começaram a discutir entre si, dizendo: — Ele diz isso porque não trouxemos pão.
8 Yesuusis waan isaan haasaʼan beekee akkana jedhee gaafate; “Yaa warra amantii xinnoo nana, isin maaliif waaʼee buddeena dhabuu keessanii walii wajjin dudubbattu?
8 Jesus percebeu isso e perguntou:
9 Isin amma iyyuu hin hubattanii? Buddeenni shan nama kuma shaniif dhiʼeeffamee gundoo hammam guutuu akka walitti qabdan hin yaadattanii?
9 Vocês ainda não percebem, nem se lembram dos cinco pães para cinco mil homens e de quantos cestos vocês recolheram?
10 Yookaan buddeenni torba nama kuma afuriif dhiʼeeffamee hambaa gundoo hammam guutuu akka walitti qabdan hin yaadattanii?
10 Nem dos sete pães para os quatro mil e de quantos cestos vocês recolheram?
11 Akka ani waaʼee buddeenaa isinitti dubbachaa hin turin isin akkamitti hin hubanne? Garuu raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa.”
11 Como não compreendem que eu não estava falando com vocês a respeito de pães? Tenham cuidado com o fermento dos fariseus e dos saduceus.
12 Isaanis ergasii akka inni akka isaan raacitii buddeenaa irraa of eeggataniif utuu hin taʼin akka barsiisa Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggataniif isaanitti himaa ture hubatan.
12 Então entenderam que Jesus lhes tinha dito que tivessem cuidado não com o fermento usado no pão, mas com a doutrina dos fariseus e saduceus.
13 Yesuus yeroo gara biyya Fiiliphoos Qiisaariyaa dhufetti, “Namoonni Ilma Namaatiin eenyu jedhu?” jedhee barattoota isaa gaafate.
13 Indo Jesus para a região de Cesareia de Filipe, perguntou a seus discípulos:
14 Isaanis, “Namoonni tokko tokko inni Yohannis Cuuphaa dha jedhu; warri kaan inni Eeliyaas jedhu; kaan immoo inni Ermiyaas yookaan raajota keessaa isa tokko dha jedhu” jedhanii deebisan.
14 E eles responderam: — Uns dizem que é João Batista; outros dizem que é Elias; e outros dizem que é Jeremias ou um dos profetas.
15 Innis, “Isin hoo? Eenyu anaan jettu?” jedhee gaafate.
15 Ao que Jesus perguntou:
16 Simoon Phexrosis, “Ati Kiristoos, Ilma Waaqa jiraataa ti” jedhee deebise.
16 Respondendo, Simão Pedro disse: — O senhor é o Cristo, o Filho do Deus vivo.
17 Yesuus immoo akkana jedhee deebiseef; “Yaa Simoon ilma Yoonaa, ati eebbifamaa dha; kana abbaa koo isa samii irraatu siif ibse malee nama miti.
17 Então Jesus lhe afirmou:
18 Ani sittin hima; ati Phexrosii dha; kattaa kana irratti waldaa kiristaanaa koo nan ijaara; karri gahaannamis ishee hin moʼatu.
18 Também eu lhe digo que você é Pedro, e sobre esta pedra edificarei a minha igreja, e as portas do inferno não prevalecerão contra ela.
19 Ani furtuu mootummaa samii siifin kenna; wanni ati lafa irratti hiitu kam iyyuu samii irratti ni hidhama; wanni ati lafa irratti hiiktu kam iyyuu samii irrattis ni hiikama.”
19 Eu lhe darei as chaves do Reino dos Céus; o que você ligar na terra terá sido ligado nos céus; e o que você desligar na terra terá sido desligado nos céus.
20 Ergasiis akka isaan akka inni Kiristoos taʼe nama tokkotti illee hin himneef barattoota isaa akeekkachiise.
20 Então Jesus ordenou aos discípulos que não dissessem a ninguém que ele era o Cristo.
21 Yesuus yeroo sanaa jalqabee akka Yerusaalem dhaqee harka maanguddootaatti, harka luboota hangafootaattii fi harka barsiistota seeraatti waan hedduun dhiphachuu qabu, akka ajjeefamuu qabuu fi akka guyyaa sadaffaatti immoo duʼaa kaafamu barattoota isaatiif ibsuu jalqabe.
21 Desde esse tempo, Jesus começou a mostrar aos seus discípulos que era necessário que ele fosse para Jerusalém, sofresse muitas coisas nas mãos dos anciãos, dos principais sacerdotes e dos escribas, fosse morto e, no terceiro dia, ressuscitasse.
22 Phexrosis kophaatti baasee, “Yaa Gooftaa, kun gonkumaa hin taʼin! Kun sirraa haa fagaatu!” jedhee isa ifachuu jalqabe.
22 Então Pedro, chamando-o à parte, começou a repreendê-lo, dizendo: — Que Deus não permita, Senhor! Isso de modo nenhum irá lhe acontecer.
23 Yesuus garuu of irra garagalee Phexrosiin, “Yaa Seexana nana! Na duubatti deebiʼi! Ati gufuu natti taateerta; ati kan namaa yaadda malee kan Waaqaa hin yaadduutii” jedhe.
23 Mas Jesus, voltando-se, disse a Pedro:
24 Ergasii Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe; “Namni kam iyyuu yoo na faana dhufuu barbaade, inni of haa ganu. Fannoo ofii isaa baadhatees na duukaa haa buʼu.
24 Então Jesus disse aos seus discípulos:
25 Namni lubbuu isaa oolfachuu barbaadu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhabaatii; garuu namni naaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni argata.
25 Pois quem quiser salvar a sua vida a perderá; e quem perder a vida por minha causa, esse a achará.
26 Namni yoo addunyaa guutuu argatee lubbuu isaa immoo dhabe, buʼaan isaa maali? Yookaan namni qooda lubbuu isaa maal kennuu dandaʼa?
26 De que adiantará uma pessoa ganhar o mundo inteiro e perder a sua alma? Ou que dará uma pessoa em troca de sua alma?
27 Ilmi Namaa ulfina Abbaa isaatiin ergamoota isaa wajjin dhufuuf jiraatii; innis yeroo sana tokkoo tokkoo namaatiif akkuma hojii isaatti gatii isaa ni kenna.
27 Porque o Filho do Homem há de vir na glória de seu Pai, com os seus anjos, e então retribuirá a cada um conforme as suas obras.
28 “Ani dhuguman isinitti hima; warra as dhadhaabachaa jiran keessaa namoonni tokko tokko hamma utuu Ilmi Namaa mootummaa isaatiin dhufuu arganitti duʼa hin dhandhaman.”
28 Em verdade lhes digo que, dos que aqui se encontram, existem alguns que não passarão pela morte até que vejam o Filho do Homem vir no seu Reino.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Mateus 16, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.