Malaquias 3

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 “Kunoo ani ergamaa koo isa fuula koo duraan karaa naaf qopheessu nan erga. Ergasii Gooftaan isin eeggattan akkuma tasaa gara mana qulqullummaa isaa ni dhufa; ergamaan kakuu kan isin hawwitan sun ni dhufa” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
1 Vou mandar o meu mensageiro para preparar o meu caminho. E imediatamente virá ao seu templo o Senhor que buscais, o anjo da aliança que desejais. Ei-lo que vem - diz o Senhor dos exércitos.
2 Garuu eenyutu guyyaa dhufaatii isaa sana obsuu dandaʼa? Yeroo inni mulʼatuttis eenyutu isa dura dhaabachuu dandaʼa? Inni akka ibidda nama sibiila baqsee qulqulleessuu yookaan akka saamunaa nama wayyaa miicuu ti.
2 Quem estará seguro no dia de sua vinda? Quem poderá resistir quando ele aparecer? Porque ele é como o fogo do fundidor, como a lixívia dos lavadeiros.
3 Inni akkuma nama meetii baqsee qulqulleessuu ni taʼa; Lewwotas calalee akka warqeettii fi meetiitti qulqulleessa. Ergasiis Waaqayyo namoota qajeelummaadhaan aarsaa isaaf fidan ni qabaata;
3 Sentar-se-á para fundir e purificar a prata; purificará os filhos de Levi e os refinará, como se refinam o ouro e a prata; então eles serão para o Senhor aqueles que apresentarão as ofertas como convêm.
4 akkuma bara darbee, akkuma waggoota duraa aarsaan Yihuudaatii fi Yerusaalem Waaqayyoon ni gammachiisa.
4 E a oblação de Judá e de Jerusalém será agradável ao Senhor, como nos dias antigos, como nos anos de outrora.
5 “Kanaafuu ani murtiif gara keessan nan dhufa. Ani falfaltootatti, sagaagaltootatti, warra sobaan kakatanitti, warra mindaa hojjettootaa dhowwatanitti, warra haadhota hiyyeessaa fi ijoollee abbaa hin qabne hacuucanitti, warra alagoota murtii qajeelaa dhowwatanii fi na hin sodaannetti dhugaa baʼuuf nan ariifadha” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
5 Virei ter convosco para julgar vossas questões e serei uma testemunha pronta contra os mágicos, os adúlteros, os perjuros, contra os que retêm o salário do operário, que oprimem a viúva e o órfão, que maltratam o estrangeiro e não me temem - diz o Senhor.
6 “Ani Waaqayyo hin geeddaramu. Kanaafuu yaa ilmaan Yaaqoob isin hin barbadoofne.
6 Porque eu sou o Senhor e não mudo; e vós, ó filhos de Jacó, não sois ainda um povo extinto.
7 Isin bara abbootii keessaniitii jalqabdanii sirna koo irraa jalʼattaniirtu; hin eegnes. Gara kootti deebiʼaa; anis gara keessanitti nan deebiʼaa” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
7 Desde os dias de vossos pais vos apartastes de meus mandamentos e não os guardastes. Voltai a mim, e eu me voltarei para vós - diz o Senhor dos exércitos. Vós, porém, dizeis: Mas voltar como?
8 “Namni Waaqa ni saamaa?” Taʼus isin na saamtan.
8 Pode o homem enganar o seu Deus? Por que procurais enganar-me? E ainda perguntais: Em que vos temos enganado? No pagamento dos dízimos e nas ofertas.
9 Isin guutummaan saba keessanii sababii na saamtaniif abaarsa jala jirtu.
9 Fostes atingidos pela maldição, e vós, nação inteira, procurais enganar-me.
10 Akka mana koo keessa nyaanni jiraatuuf, kudhan keessa tokko guutummaatti gombisaatti galchaa. Kanaan na qoraatii akka ani karra burqaa samii banee hamma isin iddoo itti kuufattan dhabdanitti eebba guddaa isiniif hin roobsine ilaalaa” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
10 Pagai integralmente os dízimos ao tesouro do templo, para que haja alimento em minha casa. Fazei a experiência - diz o Senhor dos exércitos - e vereis se não vos abro os reservatórios do céu e se não derramo a minha bênção sobre vós muito além do necessário.
11 “Ani akka daanaʼoon midhaan keessan hin balleessineef nan ifadha; mukni wayinii lafa qotiisa keessaniis ija hin harcaafatu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
11 Para vos beneficiar afugentarei o gafanhoto, que não destruirá mais os frutos de vossa terra e não haverá nos campos vinha improdutiva - diz o Senhor dos exércitos.
12 “Ergasii isin biyya gammaddu waan taataniif, saboonni hundinuu eebbifamtoota isiniin jedhu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
12 Todas as nações vos felicitarão, porque sereis terra de delícias - diz o Senhor dos exércitos.
13 “Isin of tuulummaadhaan natti dubbattan” jedha Waaqayyo.
13 Tendes proferido palavras violentas contra mim - diz o Senhor. E perguntais: O que é que dissemos contra vós?
14 “Isin akkana dubbattan; ‘Waaqa tajaajiluun faayidaa hin qabu. Nu fedhii isaa duukaa buunee akkuma nama booʼuu, fuula Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu dura jooruudhaan maal arganne?
14 Dissestes: É trabalho perdido servir a Deus. Que ganhamos com a obediência às suas ordens e com as procissões de luto diante do Senhor dos exércitos?
15 Amma garuu of tuultotaan eebbifamtoota jenna. Dhugumaan warri hamaa hojjetan ni eebbifamu; warri Waaqa qoranis ni miliqu.’ ”
15 Agora, temos por ditosos os arrogantes e prosperam os que cometem a iniqüidade; ousam, até, tentar a Deus e escapam ao castigo.
16 Warri Waaqayyoon sodaatan walitti dubbatan; Waaqayyos isaan dhaggeeffate; ni dhagaʼes. Warra Waaqayyoon sodaatanii fi maqaa isaa kabajaniifis kitaabni maramaan yaadannoodhaaf fuula isaa duratti barreeffame.
16 Assim falavam os que temem o Senhor. Mas o Senhor ouviu atento: diante dele foi escrito o livro que conserva a memória daqueles que temem o Senhor e respeitam o seu nome.
17 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; “Guyyaa ani hojjedhutti isaan handhuuraa koo addaa ni taʼu. Akkuma namni tokko ilma isaa kan isa tajaajilu baraaru sana ani isa nan baraara.
17 Eles serão para mim um bem particular - diz o Senhor dos exércitos - no dia em que eu agir; tratá-los-ei benignamente como um pai trata com indulgência o filho que o serve.
18 Isin ammas garaa garummaa nama qajeelaatii fi nama hamaa, garaa garummaa warra Waaqa tajaajilaniitii fi warra hin tajaajillee ni argitu.
18 E vereis de novo que há uma diferença entre justo e ímpio, entre quem serve a Deus e quem não o serve.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Malaquias 3, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.