Marcos 9

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA

Sair da comparação
NAA Nova Almeida Atualizada 2017
1 Innis, “Ani dhuguman isinitti hima; warra as dhadhaabachaa jiran keessaa namoonni tokko tokko hamma mootummaan Waaqaa humnaan dhufee arganitti duʼa hin dhandhaman” isaaniin jedhe.
1 Dizia-lhes ainda:
2 Yesuus guyyaa jaʼa booddee Phexrosin, Yaaqoobii fi Yohannisin fudhatee tulluu dheeraa tokkotti iddoo isaan hundi kophaa turuu dandaʼanitti ol isaan baase. Innis achitti fuula isaanii duratti geeddarame.
2 Seis dias depois, Jesus tomou consigo Pedro, Tiago e João e os levou, em particular, a sós, a um alto monte. E Jesus foi transfigurado diante deles.
3 Uffanni isaas uffata namni addunyaa kanaa kam iyyuu miicee addeessuu dandaʼu caalaa akka malee addaate.
3 As suas roupas se tornaram resplandecentes, de um branco muito intenso, como nenhum lavandeiro no mundo as poderia alvejar.
4 Eeliyaasii fi Museenis isaanitti mulʼatan; isaanis Yesuus wajjin haasaʼaa turan.
4 E lhes apareceu Elias com Moisés, e estavam falando com Jesus.
5 Phexrosis Yesuusiin, “Yaa Barsiisaa, as jiraachuun nuuf gaarii dha; daasii sadii, tokko siif, tokko Museef, tokko immoo Eeliyaasiif ni ijaarra” jedhe.
5 Então Pedro, tomando a palavra, disse a Jesus: — Mestre, bom é estarmos aqui. Façamos três tendas: uma para o senhor, outra para Moisés e outra para Elias.
6 Inni waan dubbatu hin beeku ture; isaan akka malee sodaatanii turaniitii.
6 Pois não sabia o que dizer, por estarem eles apavorados.
7 Duumessis dhufee isaan haguuge; sagaleen, “Kun Ilma koo isa ani jaalladhuu dha. Isinis isa dhagaʼaa!” jedhu tokko duumessicha keessaa dhufe.
7 A seguir, veio uma nuvem que os envolveu; e dela veio uma voz que dizia: — Este é o meu Filho amado; escutem o que ele diz!
8 Isaanis yommuu akkuma tasaa naannoo isaanii ilaalanitti Yesuusin malee nama tokko illee of biratti hin argine.
8 E, de repente, olhando ao redor, não viram mais ninguém com eles, a não ser Jesus.
9 Utuu tulluu sana irraa buʼuutti jiranuus Yesuus akka isaan hamma Ilmi Namaa warra duʼan keessaa kaʼutti waan argan sana nama tokkotti illee hin himne isaan ajaje.
9 Ao descerem do monte, Jesus lhes ordenou que não divulgassem as coisas que tinham visto, até o dia em que o Filho do Homem ressuscitasse dentre os mortos.
10 Isaanis “warra duʼan keessaa kaʼuun” maal akka taʼe wal gaggaafachaa dubbicha garaatti qabatan.
10 Eles guardaram a recomendação, perguntando uns aos outros o que seria esse ressuscitar dentre os mortos.
11 Isaanis, “Barsiistonni seeraa maaliif Eeliyaas akka duraan dursee dhufuu qabu dubbatu?” jedhanii isa gaafatan.
11 Então perguntaram a Jesus: — Por que os escribas dizem ser necessário que Elias venha primeiro?
12 Yesuus akkana jedhee deebise; “Dhugumaan Eeliyaas duraan dursee ni dhufa; waan hundas iddootti deebisa. Yoos maaliif Ilmi Namaa akka malee dhiphachuu fi tuffatamuu qaba jedhamee barreeffame ree?
12 Jesus respondeu:
13 Ani garuu isinittin hima; Eeliyaas dhufeera; isaanis akkuma waaʼee isaa barreeffame sanatti waanuma fedhan hunda isatti hojjetan.”
13 Eu, porém, lhes digo que Elias já veio, e fizeram com ele tudo o que quiseram, como está escrito a respeito dele.
14 Isaanis yommuu gara barattoota kaanii dhufanitti, namoonni hedduun isaanitti naannaʼanii, barsiistonni seeraa immoo utuu isaanitti falmanuu argan.
14 Quando eles se aproximaram dos outros discípulos, viram numerosa multidão ao redor deles e os escribas discutindo com eles.
15 Namoonni hundinuus akkuma Yesuusin arganiin akka malee dinqifatanii isa dubbisuudhaaf itti fiigan.
15 E logo toda a multidão, ao ver Jesus, ficou surpresa e, correndo até ele, o saudava.
16 Innis, “Isin maal isaanitti falmitu?” jedhee isaan gaafate.
16 Então Jesus perguntou:
17 Namoota sana keessaas namichi tokko akkana jedhee deebise; “Yaa barsiisaa, ani ilma koo kan hafuura arraba didaadhaan qabame sitti fideera.
17 E um, do meio da multidão, respondeu: — Mestre, eu trouxe até o senhor o meu filho, que está possuído de um espírito mudo;
18 Hafuurichi yeroo itti kaʼu kam iyyuu, darbatee lafaan isa dhaʼa. Gurbichis hoomacha afaaniin baasa; ilkaan qara; ni kokottaaʼas. Ani akka hafuura sana baasaniif barattoota kee nan gaafadhe; isaan garuu hin dandeenye.”
18 e este, sempre que se apossa dele, lança-o por terra, e ele espuma, range os dentes e vai definhando. Pedi aos seus discípulos que o expulsassem, mas eles não puderam.
19 Yesuusis deebisee, “Isin dhaloota hin amanne nana; ani hamma yoomiittin isin wajjin jiraadha? Hamma yoomiittis ani isinii obsa? Mee gurbicha natti fidaa” jedhe.
19 Então Jesus exclamou:
20 Isaanis gurbicha isatti fidan. Hafuurichis akkuma Yesuusin argeen gurbicha dhidhiitachiise; gurbichis lafa dhaʼee hoomacha afaaniin baasee gangalate.
20 E eles o trouxeram. Quando ele viu Jesus, o espírito imediatamente agitou o menino com violência, e, caindo ele por terra, revolvia-se espumando.
21 Yesuusis, “Wanni kun erga isa qabee hammam ture?” jedhee abbaa gurbichaa gaafate.
21 Jesus perguntou ao pai do menino: O pai respondeu: — Desde a infância;
22 Isa ajjeesuuf jedhees yeroo baayʼee ibidda keessa yookaan bishaan keessa isa buuseera. Ati garuu yoo waanuma tokko illee gochuu dandeesse garaa nuu laafiitii nu gargaari.”
22 e muitas vezes o tem lançado no fogo e na água, para o matar. Mas, se o senhor pode fazer alguma coisa, tenha compaixão de nós e ajude-nos.
23 Yesuusis, “ ‘Yoo dandeesse’ jettaa? Nama amanuuf wanni hundi ni dandaʼama” jedheen.
23 Ao que Jesus respondeu:
24 Yommusuma abbaan mucaa sanaa, “Ani nan amana; amantii dhabuu koo na gargaari” jedhee iyye.
24 E imediatamente o pai do menino exclamou: — Eu creio! Ajude-me na minha falta de fé!
25 Yesuusis yommuu namoota girrisanii dhufan argetti, “Yaa hafuura duudaa fi arrab-didaa nana, akka ati isa keessaa baatu, deebitees akka isatti hin galle sin ajaja” jedhee hafuura xuraaʼaa sana ifate.
25 Vendo Jesus que muita gente estava se reunindo, repreendeu o espírito imundo, dizendo-lhe:
26 Hafuurri sun iyyee, akka malees isa dhidhiitachiisee keessaa baʼe. Gurbichis akkuma reeffaa taʼe; namoonni baayʼeenis, “Inni duʼeera” jedhan.
26 E ele, gritando e agitando-o muito, saiu, deixando-o como se estivesse morto, a ponto de muitos dizerem: — Morreu.
27 Yesuus garuu harka qabee ol isa kaase; gurbaan sunis kaʼee dhaabate.
27 Mas Jesus, tomando-o pela mão, o ergueu, e ele se levantou.
28 Erga Yesuus manatti ol galee booddee barattoonni isaa, “Nu maaliif hafuura hamaa sana baasuu dadhabne?” jedhanii kophaatti isa gaafatan.
28 Quando Jesus entrou em casa, os seus discípulos lhe perguntaram em particular: — Por que nós não pudemos expulsá-lo?
29 Innis deebisee, “Inni akkanaa kun kadhannaa fi sooma qofaan baʼa malee waan biraatiin hin baʼu” jedheen.
29 Jesus respondeu:
30 Isaan achii kaʼanii Galiilaa keessa darban. Yesuusis akka namni tokko iyyuu kana beeku hin barbaanne;
30 E, tendo saído dali, passavam pela Galileia, e Jesus não queria que ninguém o soubesse,
31 sababiin isaas, “Ilmi Namaa dabarfamee harka namootaatti ni kennama. Isaanis isa ni ajjeesu; innis guyyaa sadii booddee duʼaa ni kaʼa” jedhee barattoota isaa barsiisaa ture.
31 porque ensinava os seus discípulos e lhes dizia:
32 Isaan garuu waan inni jedhe hin hubanne; isa gaafachuus ni sodaatan.
32 Eles, porém, não compreendiam isto e tinham medo de perguntar.
33 Isaanis Qifirnaahom dhaqan. Innis yeroo mana keessa turetti, “Isin karaatti maal walitti falmaa turtan?” jedhee isaan gaafate.
33 Chegaram, então, a Cafarnaum. Estando em casa, Jesus perguntou aos discípulos:
34 Isaan garuu eenyu akka nama hundumaa caalu karaatti waan walitti falmaa turaniif ni calʼisan.
34 Mas eles se calaram, porque, no caminho, tinham discutido entre si sobre quem era o maior.
35 Yesuusis taaʼee warra kudha lamaan waamee, “Namni nama jalqabaa taʼuu barbaadu kam iyyuu nama hundaa gadii fi tajaajilaa nama hundaa taʼuu qaba” jedheen.
35 E Jesus, assentando-se, chamou os doze e lhes disse:
36 Innis mucaa xinnaa tokko fidee isaan gidduu dhaabe. Hammatees akkana isaaniin jedhe;
36 Trazendo uma criança, colocou-a no meio deles e, tomando-a nos braços, disse-lhes:
37 “Namni ijoollee xixinnoo kanneen keessaa tokko maqaa kootiin simatu kam iyyuu na simata; namni na simatu kam iyyuus isa na erge sana simata malee na qofa hin simatu.”
37 — Quem receber uma criança, tal como esta, em meu nome, recebe a mim; e quem receber a mim, não é a mim que recebe, mas aquele que me enviou.
38 Yohannisis, “Yaa barsiisaa, nu utuu namni tokko maqaa keetiin hafuurota hamoo baasuu arginee waan inni nu duukaa hin buuneef isa dhowwine” jedhe.
38 João disse a Jesus: — Mestre, vimos um homem que expulsava demônios em seu nome, mas nós o proibimos de fazer isso, porque não nos seguia.
39 Yesuus garuu akkana jedhe; “Isa hin dhowwinaa; namni maqaa kootiin dinqii hojjetu kan ergasii immoo dafee waaʼee koo waan hamaa dubbachuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiruutii.
39 Mas Jesus respondeu:
40 Namni nuun hin mormine kam iyyuu kanuma keenyaatii.
40 Pois quem não é contra nós é a favor de nós.
41 Ani dhuguman isinitti hima; namni sababii isin kan Kiristoos taataniif jedhee bishaan budduuqsaa tokkoo isinii kennu kam iyyuu dhugumaan gatii isaa hin dhabu.
41 Pois aquele que lhes der de beber um copo de água, em meu nome, porque vocês são de Cristo, em verdade lhes digo que de modo nenhum perderá a sua recompensa.
42 “Namni kam iyyuu warra natti amanan xixinnaa kanneen keessaa tokko gufachiisuu irra, utuu dhagaan daakuu guddaan isaa morma isaatti hidhamee galaanatti darbatamee isaaf wayya ture.
42 — E, se alguém fizer tropeçar um destes pequeninos que creem em mim, seria melhor para esse que uma grande pedra de moinho fosse pendurada ao seu pescoço e fosse jogado no mar.
43 Yoo harki kee si gufachiise, of irraa muri. Harka lama qabaattee gahaannamitti, iddoo ibiddi isaa hin dhaamnetti galuu irra, harka dooluudhaan jireenyatti galuu siif wayya. [
43 E, se a sua mão leva você a tropeçar, corte-a; pois é melhor você entrar aleijado na vida do que, tendo as duas mãos, ir para o inferno, para o fogo que nunca se apaga
44 Gahaannamis iddoo,
44 [onde não lhes morre o verme, nem o fogo se apaga].
45 Yoo miilli kee si gufachiise of irraa muri. Miilla lama qabaattee gahaannamitti darbatamuu irra, laamshoftee jireenyatti galuu siif wayya. [
45 E, se o seu pé leva você a tropeçar, corte-o; pois é melhor você entrar na vida aleijado do que, tendo os dois pés, ser lançado no inferno
46 Gahaannamis iddoo,
46 [onde não lhes morre o verme, nem o fogo se apaga].
47 Yoo iji kee si gufachiise, of keessaa baasi. Ija lama qabaattee gahaannamiitti darbatamuu irra ija tokkoon mootummaa Waaqaatti galuu siif wayya.
47 E, se um dos seus olhos leva você a tropeçar, arranque-o; pois é melhor você entrar no Reino de Deus com um olho só do que, tendo os dois, ser lançado no inferno,
48 Gahaannamis iddoo,
48 onde não lhes morre o verme, nem o fogo se apaga.
49 Namni hundinuu ibiddaan miʼeeffama.
49 — Porque cada um será salgado com fogo.
50 “Soogiddi gaarii dha; garuu yoo miʼaa isaa dhabe, miʼaa isaa akkamiin deebisuufii dandeessu? Isinis soogidda of keessaa qabaadhaa; walii wajjinis nagaan jiraadhaa.”
50 O sal é bom; mas, se o sal vier a se tornar insípido, como lhe restaurar o sabor? Tenham sal em vocês mesmos e paz uns com os outros.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Marcos 9, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.