Marcos 8

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH

Sair da comparação
NTLH Nova Tradução na Linguagem de Hoje 2000
1 Gidduu sana tuunni biraa guddaan isaa ammas walitti qabame. Yesuusis sababii tuunni sun waan nyaatu hin qabaatiniif barattoota isaa ofitti waamee akkana jedhe;
1 Pouco tempo depois, ajuntou-se outra vez uma grande multidão. Como eles não tinham nada para comer, Jesus chamou os discípulos e disse:
2 “Sababii isaan guyyaa sadii na bira turanii waan nyaatan tokko illee hin qabneef, ani namoota kanneeniif garaa nan laafa.
2 — Estou com pena dessa gente porque já faz três dias que eles estão comigo e não têm nada para comer.
3 Yoo ani agabuu isaanii gad isaan dhiise, isaan karaa irratti ni gaggabu; isaan keessaa tokko tokko fagoodhaa dhufaniitii.”
3 Se eu os mandar para casa com fome, eles vão cair de fraqueza pelo caminho, pois alguns vieram de longe.
4 Barattoonni isaas deebisanii, “Namni kam iyyuu gammoojjii kana keessatti buddeena isaan gaʼu eessaa argachuu dandaʼa?” jedhan.
4 Os discípulos perguntaram: — Como vamos encontrar, neste lugar deserto, comida que dê para toda essa gente?
5 Yesuus immoo, “Isin buddeena meeqa qabdu?” jedhee gaafate.
5 — Quantos pães vocês têm? — perguntou Jesus. — Sete! — responderam eles.
6 Innis akka namoonni sun lafa tataaʼan itti hime. Buddeena torban fuudhee erga galateeffatee booddee kukkutee akka isaan namootaaf dhiʼeessaniif barattoota isaatti kenne; isaanis namootaaf dhiʼeessan.
6 Aí Jesus mandou o povo sentar-se no chão. Depois pegou os sete pães e deu graças a Deus. Então os partiu e os entregou aos discípulos, e eles os distribuíram ao povo.
7 Akkasumas qurxummii xixinnoo muraasa qabu turan; qurxummii sanas eebbisee akka isaan namootaaf hiraniif barattoota isaatti hime.
7 Eles tinham também alguns peixinhos. Jesus deu graças a Deus por eles e mandou que os discípulos os distribuíssem.
8 Namoonnis nyaatanii quufan. Ergasiis barattoonni hambaa gundoo torba guutuu walitti qaban.
8 Todos comeram e ficaram satisfeitos; e os discípulos ainda encheram sete cestos com os pedaços que sobraram.
9 Isaanis gara nama kuma afurii turan. Innis erga of irraa isaan geggeessee booddee,
9 As pessoas que comeram eram mais ou menos quatro mil. Jesus mandou o povo embora,
10 barattoota isaa wajjin yommusuma bidiruu yaabbatee biyya Daalmaanutaa dhaqe.
10 e, logo depois, subiu no barco com os seus discípulos, e foi para a região de Dalmanuta.
11 Fariisonnis dhufanii Yesuusitti falmuu jalqaban; isa qoruuf jedhaniis mallattoo samii irraa isa irraa barbaadan.
11 Alguns fariseus chegaram e começaram a falar com Jesus. Eles queriam conseguir alguma prova contra ele e por isso pediram que ele fizesse um milagre para mostrar que o seu poder vinha mesmo de Deus.
12 Innis hafuura dheeraa baafatee, “Dhaloonni kun maaliif mallattoo barbaada? Ani dhuguma isinitti hima; mallattoon tokko iyyuu dhaloota kanaaf hin kennamu” jedheen.
12 Jesus deu um grande suspiro e disse:
13 Innis isaan dhiisee bidiruutti deebiʼee gama ceʼe.
13 Então Jesus foi embora. Ele subiu no barco e voltou para o lado leste do lago.
14 Barattoonnis buddeena tokkicha bidiruu keessaa of biraa qaban sana malee buddeena fudhachuu irraanfatanii turan.
14 Os discípulos haviam esquecido de levar pão e só tinham um pão no barco.
15 Yesuusis, “Beekkadhaa; raacitii Fariisotaatii fi raacitii Heroodis irraa of eeggadhaa” jedhee isaan akeekkachiise.
15 Jesus chamou a atenção deles, dizendo:
16 Isaanis, “Kun sababii nu buddeena hin qabneef” jedhanii walii wajjin haasaʼan.
16 Aí os discípulos começaram a dizer uns aos outros: — Ele está dizendo isso porque não temos pão.
17 Yesuusis waan isaan haasaʼan beekee akkana jedhee isaan gaafate; “Isin maaliif waaʼee buddeena dhabuu keessanii dudubbattu? Isin amma iyyuu hin argitanii? Yookaan hin hubattanii? Mataa jabaattanii?
17 Jesus ouviu o que eles estavam dizendo e perguntou:
18 Isin utuma ija qabdanuu hin argitanii? Utuma gurra qabdanuus hin dhageessanii? Hin yaadattanii?
18 Vocês têm olhos e não enxergam? Têm ouvidos e não escutam? Não lembram
19 Yeroo ani buddeena shanan sana nama kuma shaniif caccabsetti isin hurraaʼaa gundoo meeqa guutuu kaaftan?”
19 dos cinco pães que eu parti para cinco mil pessoas? Quantos cestos cheios de pedaços vocês recolheram? Eles responderam: — Doze.
20 Innis, “Yeroo ani buddeena torba nama kuma afuriif caccabsetti hambaa gundoo meeqa guutuu walitti qabdan?” jedhee gaafate.
20 Jesus perguntou outra vez: Eles responderam: — Sete.
21 Innis, “Isin amma iyyuu hin hubattanii?” jedheen.
21 Então Jesus perguntou:
22 Isaanis Beetisayidaa dhaqan; jarri tokkos namicha jaamaa tokko fidanii akka inni isa qaqqabuuf Yesuusin kadhatan.
22 Depois Jesus e os discípulos chegaram ao povoado de Betsaida. Algumas pessoas trouxeram um cego e pediram a Jesus que tocasse nele.
23 Innis namicha jaamaa sana harka qabee ganda sana keessaa baase. Ija isaattis tufee, harka isaas irra kaaʼee, “Waa arguu dandeessaa?” jedhee gaafate.
23 Ele pegou o cego pela mão e o levou para fora do povoado. Então cuspiu, passou a saliva nos olhos do homem, pôs a mão sobre ele e perguntou:
24 Namichis ol ilaalee, “Namoota nan arga; isaan muka deemu natti fakkaatu” jedhe.
24 O homem olhou e disse: — Vejo pessoas; elas parecem árvores, mas estão andando.
25 Yesuus amma illee harka isaa ija namichaa irra kaaʼe. Iji namichaas ni baname; agartuun isaa ni deebiʼeef; waan hundas sirriitti arge.
25 Jesus pôs outra vez as mãos sobre os olhos dele. Dessa vez o cego olhou firme e ficou curado; aí começou a ver tudo muito bem.
26 Yesuusis namichaan, “Gara ganda sanaa seentee waan kana nama tokkotti illee hin himin” jedhee gara mana isaatti isa erge.
26 Em seguida, Jesus mandou o homem para casa e ordenou:
27 Yesuusii fi barattoonni isaa gara gandoota naannoo Fiiliphoos Qiisaariyaa jiraniitti darban. Innis, “Namoonni anaan eenyu jedhu?” jedhee karaa irratti isaan gaafate.
27 Depois Jesus e os seus discípulos foram para os povoados que ficam perto de Cesareia de Filipe. No caminho, ele lhes perguntou:
28 Isaanis, “Namoonni tokko tokko, ‘Inni Yohannis Cuuphaa dha’ jedhu; warri kaan, ‘inni Eeliyaas’ jedhu; kaan immoo, ‘inni raajota keessaa isa tokkoo dha’ jedhu” jedhanii deebisan.
28 Os discípulos responderam: — Alguns dizem que o senhor é João Batista; outros, que é Elias; e outros, que é um dos
29 Innis, “Isin eenyu anaan jettu?” jedhee gaafate.
29 — E vocês? Quem vocês dizem que eu sou? — perguntou Jesus. — O senhor é o
30 Yesuusis akka isaan waaʼee isaa nama tokkotti illee hin himneef isaan akeekkachiise.
30 Então Jesus proibiu os discípulos de contarem isso a qualquer pessoa.
31 Yesuusis akka Ilmi Namaa waan hedduun dhiphachuu qabu, akka maanguddootaan, luboota hangafootaa fi barsiistota seeraatiin tuffatamuu qabuu fi akka ajjeefamuu qabu, guyyaa sadii booddee immoo akka duʼaa kaʼu isaan barsiisuu jalqabe.
31 Jesus começou a ensinar os discípulos, dizendo: — O
32 Innis waaʼee kanaa ifatti baasee dubbate; Phexrosis kophaatti baasee isa ifachuu jalqabe.
32 Jesus dizia isso com toda a clareza. Então Pedro o levou para um lado e começou a repreendê-lo.
33 Yesuus garuu of irra garagalee barattoota isaa ilaale; Phexrosiinis, “Seexana nana! Na duubatti deebiʼi! Ati kan namaa yaadda malee kan Waaqaa hin yaadduutii” jedhee ifate.
33 Jesus virou-se, olhou para os discípulos e repreendeu Pedro, dizendo:
34 Ergasii inni tuuta sanaa fi barattoota isaa ofitti waamee akkana jedhe; “Namni kam iyyuu yoo na faana dhufuu barbaade, inni of haa ganu; fannoo isaa baadhatees na duukaa haa buʼu.
34 Aí Jesus chamou a multidão e os discípulos e disse:
35 Namni lubbuu isaa oolfachuu barbaadu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhabaatii; garuu namni anaa fi wangeelaaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni oolfata.
35 Pois quem põe os seus próprios interesses em primeiro lugar nunca terá a vida verdadeira; mas quem esquece a si mesmo por minha causa e por causa do
36 Namni yoo addunyaa guutuu argatee lubbuu isaa immoo dhabe buʼaa maalii argata?
36 O que adianta alguém ganhar o mundo inteiro, mas perder a vida verdadeira?
37 Yookaan namni qooda lubbuu isaa maal kennuu dandaʼa?
37 Pois não há nada que poderá pagar para ter de volta essa vida.
38 Yoo namni kam iyyuu dhaloota ejjaa fi cubbamaa kana keessatti anaa fi dubbii kootti qaanaʼe, Ilmi Namaa yommuu ulfina Abbaa isaatiin ergamoota qulqulluu wajjin dhufutti isatti ni qaanaʼa.”
38 Portanto, se nesta época de incredulidade e maldade alguém tiver vergonha de mim e dos meus ensinamentos, então o Filho do Homem, quando vier na

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Marcos 8, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.