Marcos 5

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH

Sair da comparação
NTLH Nova Tradução na Linguagem de Hoje 2000
1 Isaanis galaanicha ceʼanii biyya Gergeesenoon dhaqan.
1 Jesus e os discípulos chegaram à região de Gerasa, no lado leste do lago da Galileia.
2 Yommuu Yesuus bidiruu irraa buʼetti, yommusuma namichi hafuura xuraaʼaadhaan qabame tokko iddoo awwaalaatii baʼee isatti dhufe.
2 Assim que Jesus saiu do barco, foi encontrar-se com ele um homem que estava dominado por um espírito mau.
3 Namichi kun iddoo awwaalaa jiraata ture; namni tokko iyyuu foncaan illee lammata isa hidhuu hin dandeenye.
3 O homem vinha do cemitério, onde estava morando. Ninguém conseguia prendê-lo, nem mesmo usando correntes.
4 Inni yeroo baayʼee funyoo sibiilaatii fi foncaadhaan hidhama ture; garuu foncaa sana kukkutee funyoo sibiilaa sanas caccabsa tureetii. Namni gad isa qabuu dandaʼu tokko iyyuu hin turre.
4 Muitas vezes já tinham amarrado as suas mãos e os seus pés com correntes de ferro, mas ele quebrava tudo, e ninguém conseguia dominá-lo.
5 Innis yeroo hundumaa, halkanii guyyaa iddoo awwaalaa keessattii fi gaarran gubbaatti iyyaa, dhagna isaas dhagaadhaan murmuraa ture.
5 Passava os dias e as noites nos montes e entre os túmulos, gritando e se ferindo de propósito com pedras.
6 Innis yommuu Yesuusin fagootti argetti itti fiigee, fuula isaa duratti jilbeenfate.
6 Ele viu Jesus de longe, correu, caiu de joelhos diante dele
7 Sagalee ol fudhatee iyyees, “Yaa Yesuus Ilma Waaqa Waan Hundaa Olii, ati maal narraa barbaadda? Maqaa Waaqaatiin sin kadhadhaatii maaloo na hin dhiphisin!” jedheen.
7 e gritou: — Jesus, Filho do Deus Altíssimo! O que o senhor quer de mim? Em nome de Deus eu peço: não me castigue!
8 Yesuusis, “Yaa hafuura xuraaʼaa, namicha kana keessaa baʼi!” jedheenii tureetii.
8 Ele disse isso porque Jesus havia mandado: “Espírito mau, saia desse homem!”
9 Yesuusis, “Maqaan kee eenyu?” jedhee isa gaafate.
9 Jesus perguntou: Ele respondeu: — O meu nome é Multidão, porque somos muitos.
10 Akka inni biyya sana keessaa isaan hin ariineefis guddisee Yesuusin kadhate.
10 E pedia com muita insistência a Jesus que não expulsasse os espíritos maus para fora daquela região.
11 Hoomaan booyyee guddaan isaas gaara bira dheedaa ture.
11 Acontece que num morro perto dali havia muitos porcos comendo.
12 Hafuuronni hamoon sunis, “Gara hoomaa booyyee sanaatti nu ergi; akka itti galluufis nuu eeyyami” jedhanii Yesuusin kadhatan.
12 Os espíritos pediram a Jesus com insistência: — Nos mande ficar naqueles porcos; nos deixe entrar neles!
13 Innis ni eeyyameef; hafuuronni xuraaʼoon sun baʼanii booyyee sanatti galan. Hoomaan gara booyyee kuma lamaa of keessaa qabu sunis ededa hallayyaa irraa gad furguggifamee galaanatti namʼee liqimfame.
13 Ele deixou, e os espíritos saíram do homem e entraram nos porcos. E estes, que eram quase dois mil, se atiraram morro abaixo, para dentro do lago, e se afogaram.
14 Warri booyyeewwan tiksan sunis baqatanii magaalaa fi baadiyyaatti waan kana odeessan; namoonnis waan taʼe sana ilaaluu yaaʼan.
14 Os homens que estavam tomando conta dos porcos fugiram e espalharam a notícia na cidade e nos campos. Muita gente foi ver o que havia acontecido.
15 Isaanis yommuu gara Yesuus dhufanitti namicha Leegewoonii hafuurota hamootiin qabamee ture sana wayyaa uffatee, qalbii isaattis deebiʼee achi taaʼee argan; ni sodaatanis.
15 Quando chegaram perto de Jesus, viram o homem que antes estava dominado por demônios; e ficaram espantados porque ele estava sentado, vestido e no seu perfeito juízo.
16 Warri waan kana arganii turanis waan namicha hafuurota hamoon qabamee ture sanaaf taʼee fi waaʼee hoomaa booyyees namootatti odeessan.
16 Os que tinham visto tudo aquilo lhes contaram o que havia acontecido com o homem e com os porcos.
17 Kana irratti jarri akka Yesuus biyya isaanii keessaa baʼuuf isa kadhachuu jalqaban.
17 Então começaram a pedir com insistência a Jesus que saísse da terra deles.
18 Utuu Yesuus bidiruu yaabbachaa jiruu namichi hafuura hamaan qabamee ture sun isa wajjin deemuuf isa kadhate.
18 Quando ele estava entrando no barco, o homem curado pediu com insistência: — Me deixe ir com o senhor!
19 Yesuus garuu, “Gara mana keetii, warra keetti galiitii waan guddaa Gooftaan siif godhee fi akkamitti akka inni si maares isaanitti odeessi!” jedheen malee hin eeyyamneef.
19 Mas Jesus não deixou e disse:
20 Kanaafuu namichi sun dhaqee waan Yesuus isaaf godhe Magaalaa Kurnan keessatti odeessuu jalqabe. Namoonni hundinuus ni dinqifatan.
20 Então ele foi embora e contava, na região das Dez Cidades , o que Jesus tinha feito por ele. E todos ficavam admirados.
21 Yommuu Yesuus bidiruudhaan ammas gara gama galaanaatti ceʼetti namoonni hedduun isa biratti walitti qabaman; innis qarqara galaanaa ture.
21 Jesus voltou para o lado oeste do lago, e muitas pessoas foram se encontrar com ele na praia.
22 Hooggantoota mana sagadaa keessaas namichi Yaaʼiiros jedhamu tokko dhufe; innis yommuu Yesuusin argetti, miilla isaa irratti kufee,
22 Um homem chamado Jairo, chefe da sinagoga , foi e se jogou aos pés de Jesus,
23 “Intalli koo xinnoon duʼuu geesseerti. Akka isheen fayyitee jiraattuuf, maaloo kottuutii harka kee ishee irra kaʼi” jedhee jabeessee isa kadhate.
23 pedindo com muita insistência: — A minha filha está morrendo! Venha comigo e ponha as mãos sobre ela para que sare e viva!
24 Kanaafuu Yesuus isa wajjin dhaqe.
24 E Jesus foi com ele. Uma grande multidão foi junto e o apertava de todos os lados.
25 Dubartiin dhiigni ishee waggaa kudha lama dhangalaʼaa ture tokkos achi turte.
25 Chegou ali uma mulher que fazia doze anos que estava com uma hemorragia.
26 Isheenis ogeeyyii fayyaa baayʼee biratti akka malee dhiphatte; waan qabdu hundumas of harkaa fixxe; garuu ittuma hammaachaa deeme malee itti hin wayyoofne.
26 Havia gastado tudo o que tinha, tratando-se com muitos médicos. Estes a fizeram sofrer muito; mas, em vez de melhorar, ela havia piorado cada vez mais.
27 Isheenis yommuu waaʼee Yesuus dhageessetti dugda isaa duubaan namoota gidduudhaan dhuftee uffata isaa tuqxe.
27 Ela havia escutado falar de Jesus; então entrou no meio da multidão e, chegando por trás dele, tocou na sua capa ,
28 Isheen, “Ani yoon uffatuma isaa illee tuqe nan fayya” jettee yaaddee turteetii.
28 pois pensava assim: “Se eu apenas tocar na capa dele, ficarei curada.”
29 Dhiigni ishees yommusuma cite; isheenis akka dhiphina ishee irraa fayyite dhagna ishee keessatti hubatte.
29 Logo o sangue parou de escorrer, e ela teve certeza de que estava curada.
30 Yesuusis yommusuma akka humni isa keessaa baʼe hubate. Innis namoota keessa garagalee, “Eenyutu uffata koo tuqe?” jedhee gaafate.
30 No mesmo instante Jesus sentiu que dele havia saído poder. Então virou-se no meio da multidão e perguntou:
31 Barattoonni isaas deebisanii, “Akka namoonni si dhiibaa jiran utuma argituu, ‘Eenyutu na tuqe?’ jettee gaafattaa?” jedhan.
31 Os discípulos responderam: — O senhor está vendo como esta gente o está apertando de todos os lados e ainda pergunta isso?
32 Yesuus garuu namni waan kana godhe eenyuu akka taʼe arguuf jedhee garagalee ilaale.
32 Mas Jesus ficou olhando em volta para ver quem tinha feito aquilo.
33 Dubartittiinis waan isheef godhame hubattee sodaadhaan hollachaa dhuftee miilla isaa irratti kufte; dhugaa hundumas isatti himte.
33 Então a mulher, sabendo o que lhe havia acontecido, atirou-se aos pés dele, tremendo de medo, e contou tudo.
34 Innis, “Yaa intalaa, amantiin kee si fayyiseera. Nagaan deemi; dhiphina kee irraas fayyi” jedheen.
34 E Jesus disse:
35 Utuu Yesuus dubbachaa jiruus namoonni tokko tokko mana Yaaʼiiroos bulchaa mana sagadaatii dhufanii, “Intalli kee duuteerti; ati siʼachi maaliif barsiisicha rakkifta?” jedhan.
35 Jesus ainda estava falando, quando chegaram alguns empregados da casa de Jairo e disseram: — Seu Jairo, a menina já morreu. Não aborreça mais o Mestre.
36 Yesuus garuu waan isaan jedhan jalaa qabuu didee bulchaa mana sagadaa sanaan, “Amani malee hin sodaatin!” jedhe.
36 Mas Jesus não se importou com a notícia e disse a Jairo:
37 Innis Phexros, Yaaqoobii fi Yohannis obboleessa Yaaqoob malee akka namni tokko iyyuu isa faana deemu hin eeyyamne.
37 Jesus deixou que fossem com ele Pedro e os irmãos Tiago e João, e ninguém mais.
38 Yommuu mana hoogganaa mana sagadaa sanaa bira gaʼanittis Yesuus uummata wacu, namoota booʼanii fi wawwaatan arge.
38 Quando entraram na casa de Jairo, Jesus encontrou ali uma confusão geral, com todos chorando alto e gritando.
39 Innis ol seenee, “Wacnii fi booʼichi kun hundi maali? Intalattiin ni rafti malee hin duune” jedheen.
39 Então ele disse:
40 Isaan garuu isatti kolfan.
40 Então eles começaram a caçoar dele. Mas Jesus mandou que todos saíssem e, junto com os três discípulos e os pais da menina, entrou no quarto onde ela estava.
41 Innis harka ishee qabee, \+wj “Xaaliitaa quumii!”\+wj* jedheen; kunis, “Yaa mucattii xinnoo, ani siin nan jedha, kaʼi!” jechuu dha.
41 Pegou-a pela mão e disse:
42 Mucattiinis yommusuma kaatee dhaabatte; asii fi achis deemuu jalqabde. Umuriin ishee waggaa kudha lama ture. Isaanis yommusuma akka malee dinqifatan.
42 No mesmo instante, a menina, que tinha doze anos, levantou-se e começou a andar. E todos ficaram muito admirados.
43 Innis akka namni tokko iyyuu waan kana hin beekneef ajaja cimaa kenne; akka isaan waan isheen nyaattu isheef kennan isaanitti hime.
43 Então Jesus ordenou que de jeito nenhum espalhassem a notícia dessa cura. E mandou que dessem comida à menina.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Marcos 5, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.