Marcos 1
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA
1 Jalqaba wangeela Yesuus Kiristoos Ilma Waaqaa.
1 Princípio do evangelho de Jesus Cristo, Filho de Deus.
2 Kitaaba Isaayyaas raajichaa keessatti akkana jedhamee barreeffameera:
2 Como está escrito na profecia de Isaías: “Eis que envio o meu mensageiro adiante de você, o qual preparará o seu caminho.
3 “Sagalee nama, ‘Gooftaaf karaa qopheessaa;
3 Voz do que clama no deserto: Preparem o caminho do Senhor, endireitem as suas veredas.”
4 Kanaafuu Yohannis gammoojjii keessatti nama cuuphaa, dhiifama cubbuutiif immoo cuuphaa qalbii jijjiirrannaa lallabaa dhufe.
4 E foi assim que João Batista apareceu no deserto, pregando batismo de arrependimento para remissão de pecados.
5 Biyyi Yihuudaa guutuunii fi namoonni Yerusaalem hundinuus gara isaa dhaqanii cubbuu isaanii himachaa, Laga Yordaanos keessatti isaan cuuphamaa turan.
5 E toda a região da Judeia e todos os moradores de Jerusalém iam até ele. E, confessando os seus pecados, eram batizados por ele no rio Jordão.
6 Yohannis uffata rifeensa gaalaa irraa hojjetame uffatee, mudhii isaas sabbata teephaatiin hidhata ture; inni hawwaannisaa fi damma bosonaa nyaata ture.
6 A roupa de João era feita de pelos de camelo. Ele usava um cinto de couro e se alimentava de gafanhotos e mel silvestre.
7 Innis akkana jedhee lallabaa ture; “Kan na caalaa jabaa taʼe, hidhaa kophee isaa illee gad jedhee hiikuun kan naaf hin malle tokko na duubaan ni dhufa.
7 E João pregava, dizendo: — Depois de mim vem aquele que é mais poderoso do que eu, do qual não sou digno de, curvando-me, desamarrar as correias das suas sandálias.
8 Ani bishaaniinan isin cuupha; inni garuu Hafuura Qulqulluudhaan isin cuupha.”
8 Eu batizei vocês com água; ele, porém, os batizará com o Espírito Santo.
9 Yeroo sana Yesuus Naazreeti ishee Galiilaatii dhufee Laga Yordaanos keessatti Yohannisiin cuuphame.
9 Naqueles dias, Jesus veio de Nazaré da Galileia e foi batizado por João no rio Jordão.
10 Yesuus utuma bishaan keessaa ol baʼaa jiruu, samiin banamee utuu Hafuurri akkuma gugeetti isa irratti gad buʼuu arge.
10 Logo ao sair da água, Jesus viu os céus se abrindo e o Espírito descendo como pomba sobre ele.
11 Sagaleen, “Ati Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; ani baayʼee sitti nan gammada” jedhu tokkos samii irraa dhufe.
11 Então veio uma voz dos céus, que dizia: — Você é o meu Filho amado; em você me agrado.
12 Yeruma sana Hafuurri gammoojjiitti isa baase;
12 E logo o Espírito conduziu Jesus ao deserto,
13 inni guyyaa afurtama Seexanaan qoramaa gammoojjii keessa ture. Inni bineensota wajjin ture; ergamoonnis isa tajaajilan.
13 onde ficou durante quarenta dias, sendo tentado por Satanás. Estava com as feras, e os anjos o serviam.
14 Erga Yohannis mana hidhaatti galfamee booddee, Yesuus wangeela Waaqaa lallabaa Galiilaa seene.
14 Depois de João ter sido preso, Jesus foi para a Galileia, pregando o evangelho de Deus.
15 Innis, “Barri sun gaʼeera; mootummaan Waaqaas dhiʼaateera; qalbii jijjiirradhaatii wangeelatti amanaa!” jedhe.
15 Ele dizia:
16 Yesuus utuu qarqara Galaana Galiilaa irra deemaa jiruu Simoonii fi obboleessa isaa Indiriiyaas utuu isaan kiyyoo galaanatti darbachaa jiranuu arge; isaan qurxummii qabdoota turaniitii.
16 Caminhando junto ao mar da Galileia, Jesus viu os irmãos Simão e André, que lançavam a rede ao mar, porque eram pescadores.
17 Yesuusis, “Kottaa, na duukaa buʼaa; anis akka isin qabduu namootaa taataniif isin nan erga” jedheen.
17 Jesus lhes disse:
18 Isaanis yommusuma kiyyoo isaanii dhiisanii isa duukaa buʼan.
18 Então eles deixaram imediatamente as redes e o seguiram.
19 Innis yommuu xinnoo achi hiiqetti Yaaqoob ilma Zabdewoosii fi obboleessa isaa Yohannis utuu isaan bidiruu keessatti kiyyoowwan isaanii qopheeffatanuu arge.
19 Pouco mais adiante, Jesus viu Tiago, filho de Zebedeu, e João, seu irmão, que estavam no barco consertando as redes,
20 Innis yommusuma isaan waame; isaanis abbaa isaanii Zabdewoosin hojjettoota qacaraman wajjin bidiruu sana keessatti dhiisanii isa duukaa buʼan.
20 e logo os chamou. E eles seguiram Jesus, deixando o seu pai Zebedeu no barco com os empregados.
21 Isaan gara Qifirnaahom dhaqan; innis yommusuma Sanbataan mana sagadaa seenee barsiise.
21 Depois, entraram em Cafarnaum, e, logo no sábado, Jesus foi ensinar na sinagoga.
22 Inni akka barsiistota seeraatti utuu hin taʼin akka nama taayitaa qabu tokkootti waan barsiisaa tureef namoonni barsiisa isaa ni dinqisiifatan.
22 E maravilhavam-se com a sua doutrina, porque os ensinava como alguém que tem autoridade e não como os escribas.
23 Yeruma sana namichi mana sagadaa isaanii keessaa kan hafuura xuraaʼaan qabame tokko iyyee
23 E logo apareceu na sinagoga um homem possuído de espírito imundo, o qual gritou:
24 akkana jedhe; “Yaa Yesuus nama Naazreeti, ati maal nurraa qabda? Nu balleessuu dhufte moo? Ati eenyu akka taate ani nan beeka, yaa Qulqullicha Waaqaa!”
24 — O que você quer conosco, Jesus Nazareno? Você veio para nos destruir? Sei muito bem quem você é: o Santo de Deus!
25 Yesuus immoo, “Calʼisii isa keessaa baʼi!” jedhee ifate.
25 Mas Jesus o repreendeu, dizendo:
26 Hafuurri xuraaʼaan sunis namicha dhidhiitachiisee, sagalee guddaadhaan iyyee keessaa baʼe.
26 Então o espírito imundo, agitando-o violentamente e gritando em alta voz, saiu dele.
27 Namoonni hundinuu baayʼee dinqifatanii, “Kun maalii? Inni taayitaadhaan barsiisa haaraa barsiisa! Hafuurota xuraaʼoo illee ni ajaja; isaanis ni ajajamuuf” waliin jedhan.
27 Todos se admiraram, a ponto de perguntarem entre si: — Que é isto? Uma nova doutrina! Com autoridade ele ordena aos espíritos imundos, e eles lhe obedecem!
28 Oduun waaʼee isaas dafee biyya Galiilaa guutuu keessa faffacaʼe.
28 E a fama de Jesus se espalhou depressa em todas as direções, por toda a região da Galileia.
29 Isaanis akkuma mana sagadaatii baʼaniin Yaaqoobii fi Yohannis wajjin mana Simoonii fi Indiriiyaas dhaqan.
29 E, saindo da sinagoga, foram, com Tiago e João, para a casa de Simão e André.
30 Haati niitii Simoonis dhukkuba dhagna gubaadhaan qabamtee ciifti turte; isaanis yommusuma waaʼee ishee Yesuusitti himan.
30 A sogra de Simão estava de cama, com febre; e logo deram essa notícia a Jesus.
31 Innis dhaqee harka qabee ishee kaase. Dhagna gubaan sunis ishee dhiise; isheenis isaan tajaajiluu jalqabde.
31 Então, aproximando-se, Jesus pegou na mão dela e fez com que ela se levantasse. A febre a deixou, e ela passou a servi-los.
32 Namoonnis galgala sana erga biiftuun lixxee booddee, dhukkubsattootaa fi warra hafuurota hamoon qabaman hunda Yesuusitti fidan.
32 À tarde, depois do pôr do sol, trouxeram a Jesus todos os enfermos e endemoniados.
33 Magaalaan sun guutuunis balbala duratti walitti qabame.
33 Toda a cidade estava reunida à porta da casa.
34 Yesuusis namoota dhibee garaa garaa qaban hedduu fayyise; hafuurota hamoo baayʼees ni baase; garuu inni sababii hafuuronni hamoon sun eenyummaa isaa beekaniif akka isaan dubbatan hin eeyyamneef.
34 E ele curou muitos que se achavam doentes de todo tipo de enfermidades. Também expulsou muitos demônios, não lhes permitindo que falassem, porque sabiam quem ele era.
35 Yesuus ganama barii dimimmisaan kaʼee manaa baʼee iddoo namni hin jirre tokko dhaqee achitti kadhate.
35 Tendo-se levantado de madrugada, quando ainda estava escuro, Jesus saiu e foi para um lugar deserto, e ali orava.
36 Simoonii fi warri isa wajjin turan isa barbaaduu deeman;
36 Simão e os que estavam com ele procuraram Jesus por toda parte.
37 isaanis yommuu isa argatanitti, “Namni hundinuu si barbaadaa jira!” jedhaniin.
37 Quando o encontraram, lhe disseram: — Todos estão à sua procura.
38 Yesuus immoo deebisee, “Akka ani achittis lallabuuf kottaa gara magaalaawwan dhiʼoo jiran kaanii dhaqnaa. Sababiin ani dhufeefis kanuma” jedhe.
38 Jesus, porém, lhes disse:
39 Kanaafuu inni manneen sagadaa isaanii keessatti lallabaa, hafuurota hamoos baasaa, Galiilaa guutuu keessa deeme.
39 Então ele foi por toda a Galileia, pregando nas sinagogas deles e expulsando os demônios.
40 Namichi lamxaaʼaan tokko gara isaa dhufee jilbeenfatee, “Yoo fedhii kee taʼe, ati na qulqulleessuu ni dandeessa” jedhee isa kadhate.
40 Um leproso se aproximou de Jesus e lhe pediu, de joelhos: — Se o senhor quiser, pode me purificar.
41 Yesuusis garaa laafeefii, harka isaa hiixatee namicha qaqqabee, “Fedhii koo ti; qulqullaaʼi!” jedheen.
41 E Jesus, profundamente compadecido, estendeu a mão, tocou nele e disse:
42 Yeruma sana lamxiin sun namicha irraa bade; namichis ni qulqullaaʼe.
42 No mesmo instante, a lepra desapareceu dele, e ele ficou limpo.
43 Yesuusis of eeggannoo jabaa kenneefii yommusuma gad isa dhiise.
43 E, advertindo-o severamente, logo o despediu.
44 Akkanas jedheen; “Ati waan kana nama tokkotti illee akka hin himne beekkadhu; garuu dhaqiitii akka isaaniif ragaa taʼuuf lubatti of argisiisi; qulqullaaʼuu keetiifis aarsaawwan Museen ajaje sana dhiʼeessi.”
44 E lhe disse:
45 Namichi garuu achii baʼee baayʼisee odeessuu jalqabe. Kanaafis Yesuus ergasii magaalaan ala, lafa namni hin jirre ture malee ifaan ifatti magaalattii seenuu hin dandeenye. Namoonni garuu iddoo hundatti isa bira dhufaa turan.
45 Mas, tendo ele saído, começou a proclamar muitas coisas e a divulgar a notícia, a ponto de Jesus não poder mais entrar publicamente em nenhuma cidade. Por isso, permanecia fora, em lugares desertos. E de toda parte vinham ao encontro dele.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Marcos 1, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.