Marcos 15

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARIB

Sair da comparação
ARIB Almeida Revisada Imprensa Bíblica
1 Ganama barii luboonni hangafoonni, maanguddoota, barsiistota seeraatii fi guutummaa yaaʼii Yihuudootaa wajjin mariʼatanii Yesuusin hidhanii, geessanii Phiilaaxoositti dabarsanii kennan.
1 Logo de manhã tiveram conselho os principais sacerdotes com os anciãos, os escribas e todo o sinédrio; e maniatando a Jesus, o levaram e o entregaram a Pilatos.
2 Phiilaaxoosis, “Ati mootii Yihuudootaatii?” jedhee isa gaafate.
2 Pilatos lhe perguntou: És tu o rei dos judeus? Respondeu-lhe Jesus: É como dizes.
3 Luboonni hangafoonni waan baayʼeedhaan isa himatan.
3 e os principais dos sacerdotes o acusavam de muitas coisas.
4 Phiilaaxoos amma illee, “Ati deebii hin kennituu? Isaan waan meeqaan akka si himatan mee ilaali” jedhee isa gaafate.
4 Tornou Pilatos a interrogá-lo, dizendo: Não respondes nada? Vê quantas acusações te fazem.
5 Yesuus garuu amma illee deebii tokko iyyuu hin kennine; Phiilaaxoosis ni dinqisiifate.
5 Mas Jesus nada mais respondeu, de maneira que Pilatos se admirava.
6 Innis nama hidhame kan sabni gaafate tokko Guyyaa Ayyaanaa hunda gad dhiisa ture.
6 Ora, por ocasião da festa costumava soltar-lhes um preso qualquer que eles pedissem.
7 Namichi Barabbaas jedhamu tokko finciltoota goolii kaasanii nama ajjeesan wajjin mana hidhaa keessa ture.
7 E havia um, chamado Barrabás, preso com outros sediciosos, os quais num motim haviam cometido um homicídio.
8 Uummanni sunis Phiilaaxoos bira dhaqee akka inni waan duraan gochaafii ture sana isaanii godhu isa kadhate.
8 E a multidão subiu e começou a pedir o que lhe costumava fazer.
9 Phiilaaxoos garuu, “Akka ani mootii Yihuudootaa gad isinii dhiisu barbaadduu?” jedhee gaafate;
9 Ao que Pilatos lhes perguntou: Quereis que vos solte o rei dos judeus?
10 inni akka luboonni hangafoonni hinaaffaadhaan Yesuusin dabarsanii isatti kennan ni beeka tureetii.
10 Pois ele sabia que por inveja os principais sacerdotes lho haviam entregado.
11 Luboonni hangafoonni garuu akka Phiilaaxoos qooda Yesuus Barabbaasin gad dhiisu akka isa kadhataniif namoota kakaasan.
11 Mas os principais sacerdotes incitaram a multidão a pedir que lhes soltasse antes a Barrabás.
12 Phiilaaxoosis, “Yoos namicha isin mootii Yihuudootaa jettaniin kana maal godhu ree?” jedhee amma illee isaan gaafate.
12 E Pilatos, tornando a falar, perguntou-lhes: Que farei então daquele a quem chamais reis dos judeus?
13 Isaan amma illee, “Isa fannisi!” jedhanii iyyan.
13 Novamente clamaram eles: Crucifica-o!
14 Phiilaaxoos immoo, “Maaliif? Inni yakka maalii hojjete?” jedhee gaafate.
14 Disse-lhes Pilatos: Mas que mal fez ele? Ao que eles clamaram ainda mais: Crucifica-o!
15 Kanaafuu Phiilaaxoos namoota gammachiisuuf jedhee Barabbaasin gad isaaniif dhiise. Yesuusin garuu garafsiisee akka inni fannifamuuf dabarsee kenne.
15 Então Pilatos, querendo satisfazer a multidão, soltou-lhe Barrabás; e tendo mandado açoitar a Jesus, o entregou para ser crucificado.
16 Ergasii loltoonni Yesuusin mana bulchaatti, jechuunis Piraayitooriyoonitti ol galchan; raayyaa loltootaa hundas walitti waaman.
16 Os soldados, pois, levaram-no para dentro, ao pátio, que é o pretório, e convocaram toda a corte;
17 Uffata dhiilgee itti uffisan; gonfoo qoraattiis micciiranii dhaʼanii isa irra kaaʼan.
17 vestiram-no de púrpura e puseram-lhe na cabeça uma coroa de espinhos que haviam tecido;
18 Isaanis, “Akkam ree, yaa mootii Yihuudootaa!” jedhanii nagaa isa gaafachuu jalqaban.
18 e começaram a saudá-lo: Salve, rei dos judeus!
19 Uleedhaanis mataa isaa rukutan; isattis tufan. Jilbeenfataniis sagadaniif.
19 Davam-lhe com uma cana na cabeça, cuspiam nele e, postos de joelhos, o adoravam.
20 Erga itti qoosanii booddee uffata diimaa dhiilgee sana irraa baasanii wayyaa isaa deebisanii isatti uffisan. Fannisuufis isa fuudhanii deeman.
20 Depois de o terem assim escarnecido, despiram-lhe a púrpura, e lhe puseram as vestes. Então o levaram para fora, a fim de o crucificarem.
21 Isaanis namicha Qareenaa kan Simoon jedhamu tokko utuu inni baadiyyaadhaa dhufee achiin darbaa jiruu arganii akka inni fannoo Yesuus baatuuf isa dirqisiisan. Namichi kunis abbaa Iskindiroosii fi Ruufoosii ti.
21 E obrigaram certo Simão, cireneu, pai de Alexandre e de Rufo, que por ali passava, vindo do campo, a carregar-lhe a cruz.
22 Isaanis iddoo Golgootaa jedhamutti Yesuusin geessan; Golgootaa jechuun “Iddoo buqqee mataa” jechuu dha.
22 Levaram-no, pois, ao lugar do Gólgota, que quer dizer, lugar da Caveira.
23 Jarris akka inni daadhii wayinii kan qumbiin walitti makame dhuguuf kennaniif; inni garuu fudhachuu dide.
23 E ofereciam-lhe vinho misturado com mirra; mas ele não o tomou.
24 Isaanis isa fannisan. Uffata isaas gargar qoodatanii tokkoon tokkoon namaa maal akka argatu murteessuuf ixaa buufatan.
24 Então o crucificaram, e repartiram entre si as vestes dele, lançando sortes sobre elas para ver o que cada um levaria.
25 Yeroon isaan itti isa fannisanis ganama saʼaatii sadii ture.
25 E era a hora terceira quando o crucificaram.
26 Katabbiin waan inni ittiin himatamee kan,
26 Por cima dele estava escrito o título da sua acusação: O REI DOS JUDEUS.
27 Hattoota lamas, isa tokko mirga isaatiin, kaan immoo bitaa isaatiin isa wajjin fannisan. [
27 Também, com ele, crucificaram dois salteadores, um à sua direita, e outro à esquerda.
28 Kanaanis dubbiin kitaabni, “Inni akka seera cabsitootaatti lakkaaʼame” jedhu sun ni raawwatame.]
28 {E cumpriu-se a escritura que diz: E com os malfeitores foi contado.}
29 Warri achiin darbanis isa arrabsan; mataa isaaniis raasanii, “Muu! Ati kan mana qulqullummaa diigdee guyyaa sadiitti ijaartu,
29 E os que iam passando blasfemavam dele, meneando a cabeça e dizendo: Ah! tu que destróis o santuário e em três dias o reedificas.
30 mee fannoo irraa gad buʼiitii of oolchi!” jedhan.
30 salva-te a ti mesmo, descendo da cruz.
31 Akkasumas luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa wajjin itti qoosan. Akkanas jedhan; “Inni warra kaan oolcheera; ofii isaa garuu oolchuu hin dandaʼu!
31 De igual modo também os principais sacerdotes, com os escribas, escarnecendo-o, diziam entre si: A outros salvou; a si mesmo não pode salvar;
32 Akka nu arginee amannuuf Kiristoos mootichi Israaʼel kun mee amma fannoo irraa gad haa buʼu.” Warri isa wajjin fannifamanis isa arrabsan.
32 desça agora da cruz o Cristo, o rei de Israel, para que vejamos e creiamos, Também os que com ele foram crucificados o injuriavam.
33 Saʼaatii jaʼaa jalqabee, hamma saʼaatii sagaliitti dukkanni lafa hunda irra buʼe.
33 E, chegada a hora sexta, houve trevas sobre a terra, até a hora nona.
34 Saʼaatii sagalittis Yesuus sagalee guddaadhaan, \+wj “Eloohee! Eloohee!\+wj*\+wj Laamaa Sabaqtaanii?”\+wj* jedhee iyye. Hiikkaan isaas, “Yaa Waaqa ko! Yaa Waaqa ko! Ati maaliif na dhiifte?” jechuu dha.
34 E, à hora nona, bradou Jesus em alta voz: Eloí, Eloí, lamá, sabactani? que, traduzido, é: Deus meu, Deus meu, por que me desamparaste?
35 Warra achi dhadhaabatan keessaa tokko tokko yommuu waan kana dhagaʼanitti, “Ilaa, inni Eeliyaasin waamaa” jedhan.
35 Alguns dos que ali estavam, ouvindo isso, diziam: Eis que chama por Elias.
36 Namichi tokkos fiigee, ispoonjii dhangaggaaʼaadhaan guutee, uleetti kaaʼe; akka inni dhuguufis Yesuusiif kennee, “Mee isa dhiisaa. Akka Eeliyaas dhufee gad isa buusu arginaatii” jedhe.
36 Correu um deles, ensopou uma esponja em vinagre e, pondo-a numa cana, dava-lhe de beber, dizendo: Deixai, vejamos se Elias virá tirá-lo.
37 Yesuusis sagalee guddaadhaan iyyee hafuura dhumaa baafate.
37 Mas Jesus, dando um grande brado, expirou.
38 Golgaan mana qulqullummaas olii hamma gadiitti iddoo lamatti tarsaʼe.
38 Então o véu do santuário se rasgou em dois, de alto a baixo.
39 Ajajaan dhibbaa kan fuula Yesuus dura dhaabachaa tures yommuu iyyuu Yesuus dhagaʼee akka inni itti hafuura dhumaa baafate argetti, “Dhugumaanuu namichi kun Ilma Waaqaa ture!” jedhe.
39 Ora, o centurião, que estava defronte dele, vendo-o assim expirar, disse: Verdadeiramente este homem era filho de Deus.
40 Dubartoonni tokko tokkos fagoodhaa ilaalaa turan. Isaan keessaas Maariyaam ishee Magdalaa, Maariyaam haadha Yaaqoob isa quxisuutii fi Yoosaa akkasumas Saloomee turan.
40 Também ali estavam algumas mulheres olhando de longe, entre elas Maria Madalena, Maria, mãe de Tiago o Menor e de José, e Salomé;
41 Isaanis yeroo inni Galiilaa turetti isa duukaa buʼanii isa tajaajilaa turan. Dubartoonni isa wajjin Yerusaalemitti ol baʼan baayʼeen kaanis achi turan.
41 as quais o seguiam e o serviam quando ele estava na Galiléia; e muitas outras que tinham subido com ele a Jerusalém.
42 Guyyaan sun Guyyaa Qophii jechuunis guyyaa Sanbataan duraa ture. Yommuu galgalaaʼettis,
42 Ao cair da tarde, como era o dia da preparação, isto é, a véspera do sábado,
43 Yoosef namni Armaatiyaa, miseensi yaaʼii beekamaan kan mataan isaa mootummaa Waaqaa eeggachaa ture tokko ija jabinaan gara Phiilaaxoos dhaqee reeffa Yesuus kadhate.
43 José de Arimatéia, ilustre membro do sinédrio, que também esperava o reino de Deus, cobrando ânimo foi Pilatos e pediu o corpo de Jesus.
44 Phiilaaxoosis yommuu akka inni duʼe dhagaʼetti ni dinqifate. Ajajaa dhibbaa sanas ofitti waamee Yesuus erga duʼee turuu fi turuu baachuu isaa gaafate.
44 Admirou-se Pilatos de que já tivesse morrido; e chamando o centurião, perguntou-lhe se, de fato, havia morrido.
45 Akka inni duʼes ajajaa dhibbaa sana irraa erga mirkaneeffatee booddee reeffa sana Yoosefiif kenne.
45 E, depois que o soube do centurião, cedeu o cadáver a José;
46 Yoosefis huccuu quncee talbaa irraa hojjetame bitee, reeffa sana gad buusee, huccuu sanaan kafanee awwaala garaa kattaa keessatti qotate keessa kaaʼe. Dhagaa tokkos balbala awwaala sanaatti gangalchee cufe.
46 o qual, tendo comprado um pano de linho, tirou da cruz o corpo, envolveu-o no pano e o depositou num sepulcro aberto em rocha; e rolou uma pedra para a porta do sepulcro.
47 Maariyaam isheen Magdalaatii fi Maariyaam haati Yoosaa lafa inni kaaʼame ni argan.
47 E Maria Madalena e Maria, mãe de José, observavam onde fora posto.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Marcos 15, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.