Marcos 14
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARC
1 Egaa Faasiikaa fi Ayyaana Maxinootiif guyyaa lama qofatu hafe; luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa haxxummaadhaan Yesuusin qabanii ajjeesuuf mariʼachaa turan.
1 E, dali a dois dias, era a Páscoa e a Festa dos Pães Asmos; e os principais dos sacerdotes e os escribas buscavam como o prenderiam com dolo e o matariam.
2 Isaanis, “Garuu akka namoonni goolii hin kaafneef yeroo ayyaanaatti hin taʼin” jedhan.
2 Mas eles diziam: Não na festa, para que, porventura, se não faça alvoroço entre o povo.
3 Utuu inni Biitaaniyaa keessa mana Simoon isa lamxaaʼaa sanaatti maaddiitti dhiʼaatee jiruu, dubartiin tokko shittoo gatiin isaa guddaa taʼe kan naardoos qulqulluu irraa qopheeffame bilqaaxxii albaasxiroositti qabattee dhufte. Isheenis bilqaaxxicha cabsitee shittoo sana mataa isaatti dhangalaafte.
3 E, estando ele em Betânia assentado à mesa, em casa de Simão, o leproso, veio uma mulher que trazia um vaso de alabastro, com unguento de nardo puro, de muito preço, e, quebrando o vaso, lho derramou sobre a cabeça.
4 Namoota achi turan keessaa tokko tokko aaranii akkana waliin jedhan; “Shittoo kana balleessuun maaliif?
4 E alguns houve que em si mesmos se indignaram e disseram: Para que se fez este desperdício de unguento?
5 Silaa shittoon kun diinaarii dhibba sadii olitti gurguramee maallaqa isaa hiyyeeyyiif kennuun ni dandaʼama tureetii.” Isaanis isheetti dheekkaman.
5 Porque podia vender-se por mais de trezentos dinheiros e dá-lo aos pobres. E bramavam contra ela.
6 Yesuus garuu akkana jedhe; “Ishee dhiisaa. Maaliif ishee rakkiftu? Isheen waan gaarii naaf gooteerti.
6 Jesus, porém, disse: Deixai-a, para que a molestais? Ela fez-me boa obra.
7 Hiyyeeyyii yeroo hunda of biraa qabdu; isin yeroo feetan kamitti iyyuu isaan gargaaruu ni dandeessu. Ana garuu yeroo hunda of biraa hin qabdan.
7 Porque sempre tendes os pobres convosco e podeis fazer-lhes bem, quando quiserdes; mas a mim nem sempre me tendes.
8 Isheen waan dandeessu hojjette. Isheen duraan dursitee dhagna koo awwaalaaf dibde.
8 Esta fez o que podia; antecipou-se a ungir o meu corpo para a sepultura.
9 Ani dhuguma isinittin hima; addunyaa hunda irratti, iddoo wangeelli itti lallabamu kamitti iyyuu wanni isheen gootes yaadannoo isheetiif ni odeeffama.”
9 Em verdade vos digo que, em todas as partes do mundo onde este evangelho for pregado, também o que ela fez será contado para sua memória.
10 Ergasiis warra Kudha Lamaan keessaa tokko, Yihuudaa Keeriyotichi, Yesuusin dabarsee isaanitti kennuuf jedhee gara luboota hangafootaa dhaqe.
10 E Judas Iscariotes, um dos doze, foi ter com os principais dos sacerdotes para lho entregar.
11 Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti gammadanii, maallaqa isaaf kennuuf waadaa galan. Kanaafuu Yihuudaan dabarsee isa kennuuf haala mijaaʼaa eeggachaa ture.
11 E eles, ouvindo- o, alegraram-se e prometeram dar-lhe dinheiro; e buscava como o entregaria em ocasião oportuna.
12 Guyyaa jalqaba Ayyaana Maxinoo, yeroo itti hoolaan Faasiikaa qalamutti barattoonni Yesuus, “Akka ati Faasiikaa nyaattuuf nu eessa dhaqnee akka siif qopheessinu barbaadda?” jedhanii isa gaafatan.
12 E, no primeiro dia da Festa dos Pães Asmos, quando sacrificavam a Páscoa, disseram-lhe os discípulos: Aonde queres que vamos fazer os preparativos para comer a Páscoa?
13 Innis barattoota isaa keessaa nama lama erge; akkanas isaaniin jedhe; “Magaalaa seenaa; namichi okkotee bishaanii baatu tokko isinitti dhufa; isa duukaa buʼaa.
13 E enviou dois dos seus discípulos e disse-lhes: Ide à cidade, e um homem que leva um cântaro de água vos encontrará; segui-o.
14 Abbaa mana namichi sun seenuutiinis, ‘Barsiisaan, manni keessumaa ko, iddoon ani itti barattoota koo wajjin Faasiikaa nyaadhu eessa? jedhee gaafata’ jedhaa.
14 E, onde quer que entrar, dizei ao senhor da casa: O Mestre diz: Onde está o aposento em que hei de comer a Páscoa com os meus discípulos?
15 Abbaan manaa sunis darbii balʼaa miidhagfamee qopheeffame tokko isinitti argisiisa. Isinis achitti nuuf qopheessaa.”
15 E ele vos mostrará um grande cenáculo mobilado
16 Barattoonnis kaʼanii magaalaa sana seenanii akkuma Yesuus isaanitti hime sanatti argatan. Faasiikaas ni qopheessan.
16 E, saindo os seus discípulos, foram à cidade, e acharam como lhes tinha dito, e prepararam a Páscoa.
17 Yesuusis yommuu galgalaaʼetti warra Kudha Lamaan wajjin achi gaʼe.
17 E, chegada a tarde, foi com os doze.
18 Utuu isaan maaddiitti dhiʼaatanii jiranuu Yesuus, “Ani dhuguma isinitti nan hima; isin keessaa tokko, kan amma na wajjin nyaachuutti jiru dabarsee na kenna” jedheen.
18 E, quando estavam assentados a comer, disse Jesus: Em verdade vos digo que um de vós, que comigo come, há de trair-me.
19 Isaanis gaddanii, tokko tokkoon, “Na taʼinnaa laata?” jechuu jalqaban.
19 E eles começaram a entristecer-se e a dizer-lhe um após outro: Porventura, sou eu, Senhor? E outro: Porventura, sou eu, Senhor?
20 Innis akkana jedhee deebise; “Namichi sun warra kudha Lamaan keessaa tokkoo dha. Innis isa na wajjin gabatee keessaa cuuphatuu dha.
20 Mas ele, respondendo, disse-lhes: É um dos doze, que mete comigo a mão no prato.
21 Ilmi Namaa akkuma waaʼeen isaa barreeffame sanatti ni deema. Garuu namicha dabarsee Ilma Namaa kennu sanaaf wayyoo! Inni utuu dhalachuu baatee isaaf wayya ture.”
21 Na verdade o Filho do Homem vai, como dele está escrito, mas ai daquele homem por quem o Filho do Homem é traído! Bom seria para o tal homem não haver nascido.
22 Utuu nyaachaa jiranuus Yesuus buddeena fuudhee eebbise; caccabsees, “Fudhadhaa; kun foon koo ti” jedhee isaaniif kenne.
22 E, comendo eles, tomou Jesus pão, e, abençoando-o, o partiu, e deu-lh o, e disse: Tomai, comei, isto é o meu corpo.
23 Xoofoos fuudhee galata galchee isaaniif kenne; hundi isaaniis xoofoo sana irraa dhugan.
23 E, tomando o cálice e dando graças, deu-lh o; e todos beberam dele.
24 Innis akkana isaaniin jedhe; “Kun dhiiga ko, dhiiga kakuu haaraa kan namoota baayʼeef dhangalaafamuu dha.
24 E disse-lhes: Isto é o meu sangue, o
25 Ani dhuguma isinitti nan hima; ani hamman guyyaa sana mootummaa Waaqaa keessatti deebiʼee dhugutti ija wayinii kana irraa deebiʼee hin dhugu.”
25 Em verdade vos digo que não beberei mais do fruto da vide, até àquele Dia em que o beber novo, no Reino de Deus.
26 Isaanis erga faarfannaa faarfatanii booddee Tulluu Ejersaatti qajeelan.
26 E, tendo cantado o hino, saíram para o monte das Oliveiras.
27 Yesuus akkana isaaniin jedhe; “Hundi keessan ni gufattu; akkana jedhamee barreeffameeraatii:
27 E disse-lhes Jesus: Todos vós esta noite vos escandalizareis em mim, porque escrito está: Ferirei o pastor, e as ovelhas se dispersarão.
28 Ani garuu ergan duʼaa kaʼee booddee isin dura Galiilaa nan dhaqa.”
28 Mas, depois que eu houver ressuscitado, irei adiante de vós para a Galileia.
29 Phexros garuu, “Yoo namni hundinuu gufate iyyuu ani hin gufadhu” jedheen.
29 E disse-lhe Pedro: Ainda que todos se escandalizem, nunca, porém, eu.
30 Yesuus immoo deebisee, “Ani dhuguma sitti nan hima; ati harʼa, edanuma utuu indaanqoon yeroo lama hin iyyin, yeroo sadii na ganta” jedheen.
30 E disse-lhe Jesus: Em verdade te digo que hoje, nesta noite, antes que o galo cante duas vezes, três vezes me negarás.
31 Phexros garuu, “Ani yoon si wajjin duʼuu qabaadhe illee gonkumaa si hin ganu” jedhee jabeessee dubbate. Hundi isaaniis akkasuma jedhan.
31 Mas ele disse com mais veemência: Ainda que me seja necessário morrer contigo, de modo nenhum te negarei. E da mesma maneira diziam todos também.
32 Isaanis iddoo Geetesemaanee jedhamu tokko dhaqan; Yesuusis barattoota isaatiin, “Hamma ani kadhadhutti isin as taaʼaa” jedhe.
32 E foram a um lugar chamado Getsêmani, e disse aos seus discípulos: Assentai-vos aqui, enquanto eu oro.
33 Innis Phexrosin, Yaaqoobii fi Yohannisin of faana fudhatee, akka malee dhiphachuu fi yaaddaʼuus jalqabe.
33 E tomou consigo a Pedro, e a Tiago, e a João e começou a ter pavor e a angustiar-se.
34 Innis, “Lubbuun koo akka malee gadditee duʼuu geesseerti. Isin asuma turaatii dammaqaa” jedheen.
34 E disse-lhes: A minha alma está profundamente triste até a morte; ficai aqui e vigiai.
35 Innis xinnoo achi hiiqee lafatti gombifamee, yoo dandaʼame akka saʼaatiin sun isa irra darbituuf kadhate.
35 E, tendo ido um pouco mais adiante, prostrou-se em terra; e orou para que, se fosse possível, passasse dele aquela hora.
36 Innis, “\+tl Aabbaa,\+tl*yaa Abbaa, wanni hundinuu siif ni dandaʼama. Xoofoo kana narraa fuudhi. Garuu akka fedhii keetii malee akka fedhii kootii hin taʼin” jedhe.
36 E disse: Aba, Pai, todas
37 Innis gara barattoota isaatti deebiʼee utuu rafanuu isaan arge. Phexrosiinis akkana jedhe; “Simoon, ati amma illee inuma raftaa? Saʼaatii tokkittii illee dammaquu hin dandeenyee?
37 E, chegando, achou-os dormindo e disse a Pedro: Simão, dormes? Não podes vigiar uma hora?
38 Isin akka qorumsatti hin galleef dammaqaa kadhadhaa. Hafuurri qophaaʼaa dha; foon garuu dadhabaa dha.”
38 Vigiai e orai, para que não entreis em tentação; o espírito, na verdade,
39 Ammas achi hiiqee waanuma duraan kadhate sana kadhate.
39 E foi outra vez e orou, dizendo as mesmas palavras.
40 Inni yommuu deebiʼee dhufetti, ammas utuu rafanuu isaan arge; iji isaanii itti ulfaatee tureetii. Isaanis akka maal jedhanii deebisaniif hin beekne.
40 E, voltando, achou-os outra vez dormindo, porque os seus olhos estavam carregados, e não sabiam o que responder-lhe.
41 Yeroo sadaffaas deebiʼee akkana jedheen; “Isin amma iyyuu raftanii boqochaa jirtuu? Ni gaʼa! Saʼaatiin sun gaʼeera. Kunoo, Ilmi Namaa dabarfamee harka cubbamootaatti ni kennama.
41 E voltou terceira vez e disse-lhes: Dormi agora e descansai. Basta; é chegada a hora. Eis que o Filho do Homem vai ser entregue nas mãos dos pecadores.
42 Kaʼaa ni deemnaa! Kunoo, namichi dabarsee na kennu sun dhufaa jira.”
42 Levantai-vos, vamos; eis que está perto o que me trai.
43 Utuma inni dubbachaa jiruus, Yihuudaan namichi warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe sun dhufe. Tuunni luboota hangafoota, barsiistota seeraatii fi maanguddoota biraa ergames goraadee fi bokkuu qabatee isa wajjin dhufe.
43 E logo, falando ele ainda, veio Judas, que era um dos doze, da parte dos principais dos sacerdotes, e dos escribas, e dos anciãos, e, com ele, uma grande multidão com espadas e porretes.
44 Inni dabarsee Yesuusin kennu sunis, “Namichi ani dhungadhu isa; isinis isa qabaatii eegaa isa fuudhaa deemaa” jedhee mallattoo kenneefii ture.
44 Ora, o que o traía tinha-lhes dado um sinal, dizendo: Aquele que eu beijar, esse é; prendei-o e levai- o com segurança.
45 Yihuudaanis yommusuma Yesuusitti dhiʼaatee, “Yaa Barsiisaa!” jedhee isa dhungate.
45 E, logo que chegou, aproximou-se dele e disse-lhe: Rabi, Rabi. E beijou-o.
46 Namoonni sun Yesuusin qabanii hidhan.
46 E lançaram-lhe as mãos e o prenderam.
47 Warra achi dhadhaabachaa turan keessaa inni tokko garuu goraadee isaa luqqifatee garbicha luba ol aanaa dhaʼee gurra isaa irraa kute.
47 E um dos que ali estavam presentes, puxando da espada, feriu o servo do sumo sacerdote e cortou-lhe uma orelha.
48 Yesuusis akkana jedhe; “Isin goraadee fi bokkuu qabattanii akka nama hattuu qabuutti na qabuu dhuftanii?
48 E, respondendo Jesus, disse-lhes: Saístes com espadas e porretes a prender-me, como a um salteador?
49 Ani guyyuma guyyaan mana qulqullummaa keessatti barsiisaa isin wajjin ture; isinis na hin qabne. Garuu Katabbiiwwan Qulqulluun raawwatamuu qabu.”
49 Todos os dias estava convosco ensinando no templo, e não me prendestes; mas isto é para que as Escrituras se cumpram.
50 Isaan hundinuus isa dhiisanii baqatan.
50 Então, deixando-o, todos fugiram.
51 Dargaggeessi tokkos uffata quncee talbaa irraa hojjetame tokko qullaa isaa irra buufatee Yesuus faana deemaa ture. Yeroo isa qabanittis,
51 E um jovem o seguia, envolto em um lençol sobre o corpo nu. E lançaram-lhe as mãos,
52 dargaggeessi sun uffata isaa dhiisee, qullaa isaa harkaa baʼe.
52 mas ele, largando o lençol, fugiu nu.
53 Isaanis Yesuusin luba ol aanaatti geessan; luboonni hangafoonni, maanguddoonnii fi barsiistonni seeraa hundinuu walitti qabaman.
53 E levaram Jesus ao sumo sacerdote, e ajuntaram-se todos os principais dos sacerdotes, e os anciãos, e os escribas.
54 Phexrosis hamma dallaa luba ol aanaa keessaatti fagootti isa duukaa buʼe. Innis waardiyyoota wajjin ibidda bira taaʼee qaqqaammachaa ture.
54 E Pedro o seguiu de longe até dentro do pátio do sumo sacerdote e estava assentado com os servidores, aquentando-se ao lume.
55 Luboonni hangafoonnii fi yaaʼiin guutuun Yesuusin ajjeesuuf jedhanii ragaa isatti barbaadaa turan; isaan garuu homaa hin arganne.
55 E os principais dos sacerdotes e todo o concílio buscavam algum testemunho contra Jesus, para o matar, e não o achavam.
56 Namoonni baayʼeen sobaan isatti dhugaa baʼan; dhuga baʼumsi isaanii garuu tokko hin taane.
56 Porque muitos testificavam falsamente contra ele, mas os testemunhos não eram coerentes.
57 Tokko tokko immoo kaʼanii akkana jedhaanii sobaan isatti dhugaa baʼan:
57 E, levantando-se alguns, testificavam falsamente contra ele, dizendo:
58 “ ‘Mana qulqullummaa kan harka namaatiin ijaarame kana diigee kan biraa kan harka namaatiin hin ijaaramin guyyaa sadii keessatti deebisee nan ijaara’ jechuu isaa dhageenyeerra.”
58 Nós ouvimos-lhe dizer: Eu derribarei este templo, construído por mãos de homens, e em três dias edificarei outro, não feito por mãos de homens.
59 Haa taʼuu malee dhuga baʼumsi isaanii amma illee tokko hin taane.
59 E nem assim o testemunho deles era coerente.
60 Lubichi ol aanaanis kaʼee fuula isaanii dura dhaabatee, “Ati deebii tokko illee hin kennituu? Wanni namoonni kunneen dhugaa sitti baʼan kun maali?” jedhee Yesuusin gaafate.
60 E, levantando-se o sumo sacerdote no Sinédrio, perguntou a Jesus, dizendo: Nada respondes? Que testificam estes contra ti?
61 Yesuus garuu inuma calʼise malee deebii tokko illee hin kennine.
61 Mas ele calou-se e nada respondeu. O sumo sacerdote lhe tornou a perguntar e disse-lhe: És tu o Cristo, Filho do Deus Bendito?
62 Yesuusis, “Eeyyee ana; isin utuu Ilmi Namaa karaa mirga Humna Qabeessa sanaatiin taaʼee, duumessa samiitiin dhufuu ni argitu” jedhe.
62 E Jesus disse-lhe: Eu o sou, e vereis o Filho do Homem assentado à direita do Todo-Poderoso e vindo sobre as nuvens do céu.
63 Lubichi ol aanaan uffata isaa tarsaasee akkana jedhe; “Kana caalaa dhuga baatota maalii nu barbaachisa?
63 E o sumo sacerdote, rasgando as suas vestes, disse: Para que necessitamos de mais testemunhas?
64 Waaqa arrabsuu isaa isini iyyuu dhageessaniirtu. Maal isinitti fakkaata?”
64 Vós ouvistes a blasfêmia; que vos parece? E todos o consideraram culpado de morte.
65 Namoonni tokko tokko isatti tufuu jalqaban; fuula isaas haguuganii abootteen isa rukutanii, “Mee raajii dubbadhu!” jedhan. Eegdonnis fuudhanii isa kakkabalan.
65 E alguns começaram a cuspir nele, e a cobrir-lhe o rosto, e a dar-lhe punhadas, e a dizer-lhe: Profetiza. E os servidores davam-lhe bofetadas.
66 Utuu Phexros dallaa sana keessa gara gadii jiruu xomboreewwan luba ol aanaa keessaa tokko dhufte.
66 E, estando Pedro embaixo, no átrio, chegou uma das criadas do sumo sacerdote;
67 Isheen utuu Phexros ibidda qaqqaammatuu argite; hubattees isa ilaalte.
67 e, vendo a Pedro, que estava se aquentando, olhou para ele e disse: Tu também estavas com Jesus, o Nazareno.
68 Inni garuu, “Ani waan ati jettu hin beeku; naaf hin galus” jedhee gane. Karra dallaatiinis gad baʼe; indaanqoonis ni iyye.
68 Mas ele negou-o, dizendo: Não o conheço, nem sei o que dizes. E saiu fora ao alpendre, e o galo cantou.
69 Xomboreen sun ammas isa argitee warra achi dhadhaabataniin, “Namichi kun jara keessaa tokkoo dha” jette.
69 E a criada, vendo-o outra vez, começou a dizer aos que ali estavam: Este é um dos tais.
70 Inni garuu ammas ni gane.
70 Mas ele o negou outra vez. E, pouco depois, os que ali estavam disseram outra vez a Pedro: Verdadeiramente, tu és um deles, porque és também galileu.
71 Innis, “Ani namicha isin waaʼee isaa dubbattan kana hin beeku” jedhee of abaaruu fi kakachuu jalqabe.
71 E ele começou a imprecar e a jurar: Não conheço esse homem de quem falais.
72 Yommusuma indaanqoon lammata iyye. Phexrosis dubbii Yesuus, “Utuu indaanqoon yeroo lama hin iyyin, ati yeroo sadii na ganta” isaan jedhee ture sana yaadatee booʼe.
72 E o galo cantou segunda vez. E Pedro lembrou-se da palavra que Jesus lhe tinha dito: Antes que o galo cante duas vezes, três vezes me negarás tu. E, retirando-se dali, chorou.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Marcos 14, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.