Marcos 13

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH

Sair da comparação
NTLH Nova Tradução na Linguagem de Hoje 2000
1 Utuu Yesuus mana qulqullummaatii baʼaa jiruu barattoota isaa keessaa inni tokko, “Yaa Barsiisaa! Dhagaawwan gurguddaa kanneenii fi gamoowwan babbareedoo kanneen mee ilaali!” jedheen.
1 Quando Jesus estava saindo do pátio do Templo, um discípulo disse: — Mestre, veja que pedras e edifícios impressionantes!
2 Yesuusis, “Gamoowwan gurguddaa kanneen argitaa? Ni diigama malee asitti dhagaan dhagaa irratti hin hafu” jedheen.
2 Jesus respondeu:
3 Utuu Yesuus Tulluu Ejersaa irra fuullee mana qulqullummaa taaʼee jiruu Phexros, Yaaqoob, Yohannisii fi Indiriiyaas akkana jedhanii kophaatti isa gaafatan;
3 Jesus estava sentado no monte das Oliveiras, olhando para o Templo, quando Pedro, Tiago, João e André lhe perguntaram em particular:
4 “Mee nutti himi; wantoonni kunneen yoom taʼu? Mallattoon yeroo wantoonni kunneen hundi itti raawwatamanii maali?”
4 — Conte para nós quando é que isso vai acontecer. Que sinal haverá para mostrar quando é que todas essas coisas vão começar?
5 Yesuusis akkana isaaniin jechuu jalqabe; “Akka namni tokko iyyuu isin hin gowwoomsineef of eeggadhaa.
5 Então Jesus começou a ensiná-los. Ele disse:
6 Namoonni hedduun, ‘Ani isa’ jechaa maqaa kootiin ni dhufu; nama hedduus ni gowwoomsu.
6 Porque muitos vão aparecer fingindo ser eu e dizendo: “Eu sou o
7 Isin yommuu waaʼee waraanaatii fi oduu waraanaa dhageessanitti hin rifatinaa. Wanni akkanaa taʼuu qabaatii; dhumni garuu amma iyyuu hin geenye.
7 Não tenham medo quando ouvirem o barulho de batalhas ou notícias de guerras. Tudo isso vai acontecer, mas ainda não será o fim.
8 Sabni sabatti, mootummaanis mootummaatti ni kaʼa. Sochiin lafaa iddoo garaa garaatti ni taʼa; beellis ni buʼa. Kunis jalqaba ciniinsuu daʼumsaa ti.
8 Uma nação vai guerrear contra outra, e um país atacará outro. Em vários lugares haverá tremores de terra e falta de alimentos. Essas coisas serão como as primeiras dores de parto.
9 “Isin of eeggachuu qabdu. Isin dabarfamtanii yaaʼiitti ni kennamtu; manneen sagadaa keessattis ni garafamtu. Isinis akka isaanitti dhuga baatota taataniif anaaf jettanii fuula bulchitootaatii fi moototaa dura ni dhaabattu.
9 — Vocês precisam ter cuidado porque serão presos e levados aos tribunais e serão chicoteados nas
10 Duraan dursee wangeelli saba hundatti lallabamuu qaba.
10 Pois, antes de chegar o fim, o evangelho precisa ser anunciado a todos os povos.
11 Yommuu qabamtanii qorumsaaf dhiʼeeffamtanitti waaʼee waan dubbattanii duraan dursitanii hin yaaddaʼinaa. Waanuma yeroo sana isinii kennamu dubbadhaa; kan dubbatu Hafuura Qulqulluudha malee isin miti.
11 Quando prenderem e entregarem vocês às autoridades, não fiquem preocupados, antes da hora, com o que irão dizer. Quando chegar o momento, digam o que Deus lhes der para dizer. Porque as palavras que disserem não serão de vocês mesmos, mas virão do Espírito Santo.
12 “Obboleessi dabarsee obboleessa duʼatti kenna; abbaan dabarsee ijoollee isaa duʼatti kenna. Ijoolleenis warra isaaniitti kaʼanii isaan ajjeesu.
12 Muitos entregarão os seus próprios irmãos para serem mortos, e os pais entregarão os filhos. E os filhos ficarão contra os pais e os matarão.
13 Namni hundinuu sababii maqaa kootiif isin jibba; kan hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu ni fayya.
13 Todos odiarão vocês por serem meus seguidores, mas quem ficar firme até o fim será salvo.
14 “ ‘Isin yommuu wanni jibbisiisaan badiisa fidu’sun iddoo isaaf hin malle dhaabatee argitanitti, namni dubbisu haa hubatu; yommus warri Yihuudaa keessa jiran tulluuwwanitti haa baqatan.
14 E Jesus continuou:
15 Namni bantii manaa irra jiru tokko iyyuu waan tokko illee fudhachuuf gad hin buʼin yookaan mana hin seenin.
15 Quem estiver em cima da sua casa, no terraço, que fuja logo e não entre para pegar nada.
16 Namni lafa qotiisaa jiru tokko iyyuu uffata isaa fudhachuuf duubatti hin deebiʼin.
16 E quem estiver no campo, que não volte para casa a fim de buscar as suas roupas.
17 Bara sana keessa dubartoota ulfaatii fi haadhota hoosisaniif wayyoo!
17 Ai das mulheres grávidas e das mães com criancinhas naqueles dias!
18 Kunis akka gannakeessa hin taaneef kadhadhaa.
18 Orem a Deus para que isso não aconteça no inverno.
19 Guyyoota sana keessa dhiphinni jalqaba uumama Waaqni uumee kaasee hamma ammaatti hin dhufin, kan gara fuula duraattis hin dhufne ni dhufaatii.
19 Porque naqueles dias haverá um sofrimento tão grande como nunca houve desde que Deus criou o mundo; e nunca mais acontecerá uma coisa igual.
20 “Utuu Gooftaan guyyoota sana gabaabsuu baatee silaa namni tokko iyyuu hin hafu ture. Garuu inni sababii filatamtoota filateetiif jedhee guyyoota sana gabaabseera.
20 Porém o Senhor diminuiu esse tempo de sofrimento. Se não fosse assim, ninguém seria salvo. Mas, por causa do povo que Deus escolheu para salvar, esse tempo já foi diminuído.
21 Yeroo sana yoo namni kam iyyuu, ‘Ilaa Kiristoos as jira!’ yookaan ‘Ilaa, inni achi jira!’ isiniin jedhe hin amaninaa.
21 — Portanto, se alguém disser para vocês: “Vejam! O
22 Kiristoosonni sobaatii fi raajonni sobaa ni kaʼuutii; isaanis yoo dandaʼameef, filatamtoota illee gowwoomsuuf jedhanii mallattoo fi dinqii ni hojjetu.
22 Porque aparecerão falsos
23 Isin garuu of eeggadhaa! Ani waan hunda duraan dursee isinitti himeera.
23 Prestem atenção! Eu estou lhes dizendo tudo isso, antes que aconteça.
24 “Bara sana keessa garuu dhiphina sana booddee,
24 Jesus disse:
25 urjiiwwan samii irraa ni harcaʼu;
25 As estrelas cairão do céu, e os poderes do espaço serão abalados.
26 “Yeroo sana namoonni utuu Ilmi Namaa humna guddaa fi ulfinaan duumessaan dhufuu ni argu.
26 Então o
27 Innis Ergamoota isaa ergee filatamtoota isaa kanneen handaarawwan lafaa irraa hamma handaarawwan samiiwwaniitti jiran bubbeewwan afran irraa walitti qaba.
27 Ele mandará os anjos aos quatro cantos da terra e reunirá os escolhidos de Deus de um lado do mundo até o outro.
28 “Fakkeenya kana muka harbuu irraa baradhaa; yommuu dameen isaa latee baala baafatutti akka bonni dhiʼaate ni beektu.
28 Jesus disse ainda:
29 Akkasuma isinis yommuu wanni kun raawwatamuu isaa argitanitti akka inni dhiʼaate, akka balbala irras gaʼe ni beektu.
29 Assim também, quando virem acontecer essas coisas, fiquem sabendo que o tempo está perto, pronto para começar.
30 Ani dhuguma isinittin hima; hamma wanni kun hundi taʼutti dhaloonni kun hin darbu.
30 Eu afirmo a vocês que isto é verdade: essas coisas vão acontecer antes de morrerem todos os que agora estão vivos.
31 Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.
31 O céu e a terra desaparecerão, mas as minhas palavras ficarão para sempre.
32 “Waaʼee guyyaa sanaa yookaan waaʼee saʼaatii sanaa garuu Abbaa qofatu beeka malee namni tokko iyyuu hin beeku; ergamoonni samii irraa iyyuu hin beekan; yookaan ilmi iyyuu hin beeku.
32 E Jesus terminou, dizendo:
33 Of eeggadhaa! Dammaqaas! Yeroon sun yoom akka taʼe hin beektaniitii.
33 Vigiem e fiquem alertas, pois vocês não sabem quando chegará a hora.
34 Innis nama garboota isaatti taayitaa kennee, tokkoo tokkoo isaaniittis hojii isaa kennee, akka garbichi karra eegu immoo dammaqee eegu ajajee, mana isaa dhiisee karaa dheeraa deeme tokko fakkaata.
34 Será como um homem que sai de casa e viaja para longe; mas, antes de ir, dá ordens, distribui o trabalho entre os empregados e manda o porteiro ficar de vigia.
35 “Kanaafuu isin dammaqaa; yeroo itti abbaan mana sanaa deebiʼu, jechuunis galgala yookaan halkan walakkaa yookaan iyya indaanqoo yookaan barii obboroo taʼuu isaa hin beektaniitii.
35 Então vigiem, pois vocês não sabem quando o dono da casa vai voltar; se será à tarde, ou à meia-noite, ou de madrugada, ou de manhã.
36 Kunis akka inni akkuma tasaa dhufee utuu raftanuus isin hin arganneef.
36 Se ele chegar de repente, que não encontre vocês dormindo!
37 Ani waanan isiniin jedhu nama hundumaan nan jedha; ‘dammaqaa!’ ”
37 O que eu lhes digo digo a todos: fiquem vigiando!

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Marcos 13, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.