Marcos 12
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA
1 Yesuusis akkana jedhee fakkeenyaan isaanitti dubbachuu jalqabe; “Namichi tokko iddoo dhaabaa wayinii irra wayinii dhaabbate. Innis naannoo isaatti dallaa ijaaree, boolla itti wayinii cuunfan qotee qooxii eegumsaa ijaare. Ergasiis iddoo dhaabaa wayinii sana qonnaan bultootatti kiraa kennatee biyya fagoo dhaqe.
1 Depois Jesus começou a falar-lhes por parábola:
2 Innis yeroo midhaan walitti qabamutti akka inni ija iddoo dhaabaa wayinii irraa waa fiduufiif garbicha tokko qottuuwwan sanatti ergate.
2 No tempo da colheita, mandou um servo para que recebesse dos lavradores a sua parte dos frutos da vinha.
3 Isaan garuu qabanii, tumanii harka duwwaa of irraa isa deebisan.
3 Mas os lavradores o agarraram, espancaram e o despacharam de mãos vazias.
4 Ammas garbicha biraa isaanitti ergate; isaanis mataa isaa buruqsanii isa qaanessan.
4 De novo, enviou-lhes outro servo, e eles bateram na cabeça dele e o insultaram.
5 Amma illee garbicha biraa ergate; isas ni ajjeesan. Garboota biraa baayʼees ergate; isaanis gartokko ni tuman; kaan immoo ni ajjeesan.
5 Mandou ainda outro servo, e a este mataram. Muitos outros lhes enviou, dos quais espancaram uns e mataram outros.
6 “Amma iyyuu inni nama ergu tokko qaba ture; innis ilma isaa jaallatamaa dha. Namichis, ‘Ilma koo ni kabaju’ jedhee dhuma irratti isa ergate.
6 — Restava-lhe ainda um: o seu filho amado. Por fim, mandou o filho, pensando: “O meu filho eles respeitarão.”
7 “Qottoonni sun garuu, ‘Dhaaltuun isa kana. Kottaa isa ajjeefnaa; dhaalli sun keenya taʼaatii’ waliin jedhan.
7 Mas os tais lavradores disseram entre si: “Este é o herdeiro; venham, vamos matá-lo, e a herança será nossa.”
8 Kanaafuu isaan fuudhanii isa ajjeesan; iddoo dhaabaa wayinii keessaas gad baasanii isa gatan.
8 E, agarrando o filho, mataram-no e o lançaram fora da vinha.
9 “Egaa abbaan iddoo dhaabaa wayinii sanaa maal godhinna laata? Inni dhufee qottuuwwan sana ni ajjeesa; iddoo dhaabaa wayinii sanas namoota biraatti kennata.
9 — Que fará, pois, o dono da vinha? Virá, exterminará aqueles lavradores e entregará a vinha a outros.
10 Isin Katabbii Qulqulluu hin dubbifnee? Innis akkana jedha:
10 Vocês ainda não leram este trecho da Escritura:
11 kanas Gooftaatu godhe;
11 Isto procede do Senhor
12 Isaanis akka inni isaaniin mormuudhaan fakkeenya sana dubbate waan beekaniif isa qabuu barbaadan. Garuu namoota sana sodaatan; kanaafuu isa dhiisanii qajeelan.
12 E procuravam prender Jesus, porque entenderam que ele havia contado essa parábola contra eles; mas temiam o povo. Então eles o deixaram e foram embora.
13 Ergasii waan inni dubbatuun isa qabuuf jedhanii Fariisotaa fi garee Heroodis keessaa jara tokko Yesuusitti ergan.
13 E enviaram a Jesus alguns dos fariseus e dos herodianos, para que o apanhassem em alguma palavra.
14 Isaanis gara isaa dhufanii akkana jedhaniin; “Yaa barsiisaa, akka ati nama dhugaa taate beekna. Ati waan fuula namaa hin ilaalleef namni kam iyyuu karaa irraa si hin jalʼisuutii; garuu ati dhugaadhaan karaa Waaqaa barsiifta. Qeesaariif gibira baasuun eeyyamameera moo hin eeyyamamne?
14 Chegando, disseram-lhe: — Mestre, sabemos que o senhor é verdadeiro e não se importa com a opinião dos outros, porque não olha a aparência das pessoas, mas, segundo a verdade, ensina o caminho de Deus; é lícito pagar imposto a César ou não? Devemos ou não devemos pagar?
15 Haa baasnu moo haa dhiifnuu?”
15 Mas Jesus, percebendo a hipocrisia deles, respondeu:
16 Isaanis diinaarii tokko isatti fidan; innis, “Fakkiin kun kan eenyuu ti? Katabbiin kunis kan eenyuu ti?” jedhee isaan gaafate.
16 Eles trouxeram. E Jesus lhes perguntou: Eles responderam: — De César.
17 Kana irratti Yesuus, “Kan Qeesaar Qeesaariif, kan Waaqaa immoo Waaqaaf kennaa” jedheen.
17 Então Jesus disse: E muito se admiraram dele.
18 Ergasii Saduuqonni, duʼaa kaʼuun hin jiru jedhan gara Yesuus dhufanii akkana jedhanii gaaffii tokko isa gaafatan;
18 Então alguns saduceus, que dizem não haver ressurreição, aproximaram-se de Jesus e lhe perguntaram:
19 “Yaa barsiisaa yoo obboleessi nama tokkoo niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin niitii isaa irraa duʼe, obboleessi isaa niitii sana dhaalee obboleessa isaatiif sanyii haa dhaabuu jedhee Museen nuu barreesseera.
19 — Mestre, Moisés nos deixou escrito que, se um homem morrer e deixar mulher sem filhos, o irmão desse homem deve casar com a viúva e gerar descendentes para o falecido.
20 Kunoo obboloota torbatu ture. Inni jalqabaa niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin duʼe.
20 Havia sete irmãos. O primeiro casou e morreu sem deixar filhos;
21 Inni lammaffaanis ishee fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin duʼe. Inni sadaffaanis akkasuma taʼe.
21 o segundo casou com a viúva e morreu, também sem deixar descendência; e o terceiro, da mesma forma.
22 Torban isaanii iyyuu ijoollee hin dhalchine. Dhuma irratti dubartittiinis ni duute.
22 E, assim, os sete não deixaram descendência. Por fim, depois de todos, morreu também a mulher.
23 Guyyaa duʼaa kaʼuutti isheen niitii isa kamii taati? Torban isaanii iyyuu ishee fuudhaniiruutii.”
23 Na ressurreição, quando eles ressuscitarem, de qual deles ela será a esposa? Porque os sete casaram com ela.
24 Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Isin waan Katabbiiwwan Qulqulluu yookaan humna Waaqaa hin beekneef dogoggortu mitii?
24 Jesus respondeu:
25 Warri duʼan yommuu duʼaa kaʼanitti akka ergamoota samii taʼu malee hin fuudhan; hin heerumanis.
25 Pois, quando ressuscitarem dentre os mortos, nem casarão, nem se darão em casamento, mas serão como os anjos nos céus.
26 Waaʼee warri duʼan duʼaa kaʼuu garuu akka Waaqni Kitaaba Musee keessatti, daggala bobaʼu biratti, ‘Ani Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob’jedhee isatti dubbate isin hin dubbifnee?
26 Quanto aos mortos, que eles de fato ressuscitam, vocês nunca leram no Livro de Moisés, no trecho referente à sarça, como Deus lhe falou: “Eu sou o Deus de Abraão, o Deus de Isaque e o Deus de Jacó”?
27 Inni Waaqa warra jiraataniiti malee Waaqa warra duʼanii miti. Isin akka malee dogoggortaniirtu!”
27 Ele não é Deus de mortos, e sim de vivos. Vocês estão completamente enganados.
28 Barsiistota seeraa keessaa inni tokko dhufee wal falmuu isaanii dhagaʼe. Innis akka Yesuus deebii gaarii isaaniif kenne hubatee, “Ajajni ajajawwan hunda caalu isa kami?” jedhee isa gaafate.
28 Chegando um dos escribas, que ouviu a discussão entre eles e viu que Jesus tinha dado uma boa resposta, perguntou-lhe: — Qual é o principal de todos os mandamentos?
29 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ajajni ajajawwan hunda caalu isa kana; ‘Yaa Israaʼel dhagaʼi! Waaqayyo Gooftaan keenya Gooftaa tokkicha.
29 Jesus respondeu:
30 Waaqa kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan jaalladhu.’
30 Ame o Senhor, seu Deus, de todo o seu coração, de toda a sua alma, de todo o seu entendimento e com toda a sua força.”
31 Inni lammaffaan immoo, isa kana; ‘Ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu.’Ajajni ajajawwan kanneen caalu tokko iyyuu hin jiru.”
31 O segundo é: “Ame o seu próximo como você ama a si mesmo.” Não há outro mandamento maior do que estes.
32 Barsiisaan seeraa sunis akkana jedhee deebise; “Yaa barsiisaa, ati dhugaa jette; Waaqa tokkicha malee Waaqni biraa hin jiruutii.
32 Então o escriba disse: — Muito bem, Mestre! E com verdade o senhor disse que ele é o único, e não há outro além dele,
33 Garaa kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan isa jaallachuun, ollaa kees akkuma ofii keetiitti jaallachuun, qalma gubamuu fi aarsaa hunda caala.”
33 e que amar a Deus de todo o coração e de todo o entendimento e com todas as forças e amar o próximo como a si mesmo é mais do que todos os holocaustos e sacrifícios.
34 Yesuusis yommuu akka inni hubannaadhaan deebise argetti, “Ati mootummaa Waaqaa irraa fagoo hin jirtu” jedheen. Ergasii namni tokko iyyuu deebiʼee gaaffii isa gaafachuuf ija hin jabaanne.
34 Vendo Jesus que o escriba havia respondido sabiamente, declarou-lhe: E ninguém mais ousava fazer perguntas a Jesus.
35 Yesuus utuu mana qulqullummaa keessatti barsiisaa jiruu akkana jedhee gaafate; “Barsiistonni seeraa maaliif Kiristoos ilma Daawit jedhu?
35 Jesus, ensinando no templo, perguntou:
36 Daawit mataan isaa iyyuu Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamee akkana jedhe:
36 O próprio Davi falou, pelo Espírito Santo:
37 Daawit mataan isaa iyyuu ‘Gooftaa’ jedhee isa waama. Yoos inni akkamitti ilma isaa taʼuu dandaʼa ree?”
37 — O próprio Davi chama o Cristo de Senhor; então como ele pode ser filho de Davi? E a grande multidão o ouvia com prazer.
38 Yesuusis utuu barsiisuu akkana jedhe; “Barsiistota seeraa irraa of eeggadhaa. Isaan uffata dhedheeraa uffatanii nanaannaʼuu fi gabaa keessattis nagaa gaafatamuu jaallatu;
38 E, ao ensinar, Jesus dizia:
39 manneen sagadaa keessatti taaʼumsa ulfinaa, lafa cidhaatti immoo iddoo ulfinaa jaallatu.
39 buscam as primeiras cadeiras nas sinagogas e os primeiros lugares nos banquetes;
40 Isaanis mana haadha hiyyeessaa saamanii onsu; of argisiisuuf jedhaniis kadhannaa dheeressu. Namoonni kunneen adaba guddaa adabamu.”
40 devoram as casas das viúvas e, para o justificar, fazem longas orações. Estes sofrerão juízo muito mais severo.
41 Yesuusis fuullee iddoo kennaan kaaʼamuu taaʼee namoota maallaqa isaanii miʼa buusii keessa buusan ilaala ture. Sooreyyiin baayʼeenis maallaqa baayʼee miʼa sana keessa buusaa turan.
41 Sentado diante da caixa de ofertas, Jesus observava como o povo lançava ali o dinheiro. Ora, muitos ricos depositavam grandes quantias.
42 Haati hiyyeessaa hiyyeettiin tokko dhuftee saantima sibiila diimaa xixinnoo lama kan gatiin isaa gara saantima tokkoo taʼe miʼa sana keessa buufte.
42 Vindo, porém, uma viúva pobre, lançou duas pequenas moedas correspondentes a um quadrante.
43 Yesuusis barattoota isaa ofitti waamee akkana jedhe; “Ani dhuguman isinitti hima; haati hiyyeessaa hiyyeettiin kun warra miʼa buusii kana keessa kennaa buusan hunda caalaa buufteerti.
43 E, chamando os seus discípulos, Jesus disse:
44 Isaan hundi qabeenya isaanii irraa kennan; isheen garuu hiyyuma ishee keessaa waan hunda, waan ittiin jiraattu hunda kennite.”
44 Porque todos eles deram daquilo que lhes sobrava; ela, porém, da sua pobreza deu tudo o que possuía, todo o seu sustento.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Marcos 12, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.