Levítico 8
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC
1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
1 O Senhor disse a Moisés:
2 “Aroonii fi ilmaan isaa, uffata isaanii, zayitii ittiin diban, dibicha aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffamu, korbeeyyii hoolaa lamaa fi gundoo maxinoo baatu fidi;
2 "Toma a Aarão e seus filhos, as vestes, o óleo para a unção, o touro do sacrifício pelo pecado, os dois carneiros e a cesta de pães ázimos,
3 waldaa hundas balbala dunkaana wal gaʼii duratti walitti qabi.”
3 e convoca toda a assembléia à entrada da tenda de reunião".
4 Museenis akkuma Waaqayyo isa ajaje sana godhe; waldaan hundis balbala dunkaana wal gaʼii duratti walitti qabame.
4 Moisés fez o que lhe ordenou o Senhor, e a assembléia se reuniu à entrada da tenda de reunião.
5 Museenis waldaa sanaan, “Wanni Waaqayyo akka hojjetamu ajaje kana” jedhe.
5 Moisés disse então: "Eis o que o Senhor ordenou que se fizesse".
6 Ergasiis Museen Aroonii fi ilmaan isaa gara fuula duraatti fidee bishaaniin isaan dhiqe.
6 Fez aproximarem-se Aarão e seus filhos e os lavou com água.
7 Innis Aroonitti kittaa uffisee sabbataan hidheef; wandaboos itti uffisee isa irratti dirata dabaleef; dirata sanas sabbata ogummaadhaan hojjetameen hidheef.
7 Vestiu Aarão com a túnica, a cintura e o manto; pôs sobre ele o efod, e cingiu-o com a cintura do efod, atando-o.
8 Kiisii qomaa itti kaaʼee kiisii sana keessa immoo Uriimii fi Tumiimii kaaʼe.
8 Pôs-lhe em seguida o peitoral, ao qual fixou o urim e o tumim.
9 Museenis akkuma Waaqayyo isa ajajetti mataa Aroonitti marata mare; marata sana irrattis karaa fuula duraatiin faaya warqee kan gonfoo qulqulluu tolche.
9 Cobriu-lhe a cabeça com a tiara, diante da qual colocou a lâmina de ouro, o santo diadema, como o Senhor lhe tinha ordenado.
10 Ergasii Museen zayitii ittiin diban fuudhee dunkaana qulqulluu fi waan achi keessa jiru hunda dibee qulqulleesse.
10 Tomou, além disso, o óleo da unção, ungiu com ele o tabernáculo e tudo o que continha, e os consagrou.
11 Zayitii sana irraas fuudhee iddoo aarsaa irratti yeroo torba facaase; akka isaan qulqulleessuufis iddoo aarsaatii fi miʼa isaa hunda akkasumas gabatee itti dhiqatan miilla isaa wajjin zayitii dibe.
11 Aspergiu sete vezes o altar e ungiu-o com todos os seus utensílios, assim como a bacia e seu pedestal, para consagrá-los.
12 Zayitii ittiin diban irraas fuudhee mataa Aroon irratti dhangalaase; isa qulqulleessuufis isa dibe.
12 Derramou o óleo da unção na cabeça de Aarão para consagrá-lo.
13 Museenis akkuma Waaqayyo isa ajajetti ilmaan Aroon gara fuula duraatti baasee kittaa itti uffise; sabbata hidheefii gonfoo mataa isaaniitti kaaʼe.
13 Depois mandou que se aproximassem os filhos de Aarão, e os revestiu de túnicas e de cinturas, pondo-lhes também mitras nas cabeças, como o Senhor lhe tinha ordenado.
14 Ergasii immoo aarsaa cubbuutiif dibicha dhiʼeesse; Aroonii fi ilmaan isaas mataa dibicha sanaa irra harka isaanii kaaʼan.
14 Então mandou vir o touro do sacrifício pelo pecado, e Aarão e seus filhos puseram as mãos sobre a sua cabeça.
15 Museenis dibicha sana qalee dhiiga fuudhee iddoo aarsaa qulqulleessuuf quba isaatiin gaanfa iddoo aarsaa hunda dibe; dhiiga hafe immoo miilla iddoo aarsaa jalatti gad naqe. Araara isaaf buusuufis iddoo aarsaa sana qulqulleesse.
15 Moisés o imolou, tomou o sangue e, com o dedo, o pôs sobre os cornos do altar, purificando o altar; derramou o resto ao pé do altar e o consagrou, fazendo sobre ele a expiação.
16 Akkasumas moora naannoo miʼa garaa jiru, haguuggii tiruu, kalee lamaanii fi moora isaanii fuudhee iddoo aarsaa irratti gube.
16 Tomou, em seguida, toda a gordura que envolve as entranhas, a pele que recobre o fígado e os dois rins com sua gordura, e os queimou no altar.
17 Dibicha sana, gogaa isaa, foon isaatii fi cumaa isaa garuu akkuma Waaqayyo isa ajajetti qubata keessaa gad baasee gube.
17 Mas queimou fora do acampamento o touro, seu couro, sua carne e seus excrementos, como o Senhor lhe tinha ordenado.
18 Ergasii immoo aarsaa gubamuuf korbeessa hoolaa dhiʼeesse; Aroonii fi ilmaan isaas mataa hoolaa sanaa irra harka isaanii kaaʼan.
18 Mandou vir o carneiro do holocausto, sobre cuja cabeça Aarão e seus filhos impuseram as mãos.
19 Museen immoo korbeessa hoolaa sana qalee dhiiga isaa iddoo aarsaatti gama hundaan facaase.
19 Foi imolado, e Moisés derramou seu sangue em todo o redor do altar.
20 Korbeessa hoolaa sana gargar kukkutee mataa, buʼaa fi cooma isaa gube.
20 Foi, em seguida, cortado em pedaços, e Moisés queimou a cabeça aos pedaços a gordura.
21 Innis miʼa garaatii fi luka bishaaniin dhiqee korbeessa hoolaa sana guutuu iddoo aarsaa irratti gube. Kunis aarsaa gubamu, foolii namatti tolu, aarsaa nyaataa akkuma Waaqayyo Musee ajajetti Waaqayyoof dhiʼeeffamee dha.
21 Lavaram com água as entranhas e as patas, e Moisés queimou o carneiro todo sobre o altar: era um holocausto de agradável odor, um sacrifício consumido pelo fogo ao Senhor, como o Senhor o tinha ordenado a Moisés.
22 Innis ergasii korbeessa hoolaa kaan jechuunis hoolaa ittiin muudan sana dhiʼeesse; Aroonii fi ilmaan isaa immoo mataa hoolaa sanaa irra harka isaanii kaaʼan.
22 Mandou que se aproximasse o outro carneiro, o carneiro de empossamento, sobre cuja cabeça Aarão e seus filhos impuseram as mãos.
23 Museenis hoolaa sana qalee dhiiga isaa irraa fuudhee fiixee gurra Aroon mirgaa, quba abbuudduu harka isaa mirgaatii fi quba abbuudduu miilla isaa mirgaa dibe.
23 Moisés o imolou, tomou seu sangue e o pôs na ponta da orelha direita de Aarão e nos polegares de sua mão direita e do seu pé direito.
24 Ilmaan Aroonis gara fuula duraatti baasee dhiiga fuudhee fiixee gurra isaanii mirgaa, quba abbuudduu harka isaanii mirgaatii fi quba abbuudduu miilla isaanii mirgaa ittiin tuqe. Ergasiis dhiiga sana iddoo aarsaatti gama hundaan facaase.
24 E mandou então que se aproximassem os filhos de Aarão: pôs-lhes o sangue na ponta da orelha direita, no polegar da mão direita e no hálux do pé direito; e derramou o resto do sangue em todo o redor do altar.
25 Innis cooma, duboo, moora naannoo miʼa garaa jiru, haguuggii tiruu, kalee lamaanii fi moora isaanii, tafa mirgaa fuudhe.
25 Depois tomou a gordura, a cauda, toda a gordura que envolve as entranhas, a pele que recobre o fígado, os dois rins com sua gordura e a coxa direita.
26 Ergasiis gundoo maxinoo baatu kan fuula Waaqayyoo dura ture sana irraa maxinoo tokko, maxinoo zayitiidhaan tolfame tokkoo fi bixxillee tokko fuudhe; waan kanas cooma sanaa fi tafa mirgaa irra kaaʼe.
26 Tomou também da cesta de pães ázimos, colocada diante do Senhor, um bolo amassado sem fermento, um bolo amassado com óleo e uma bolacha, e os pôs sobre a gordura e a coxa direita.
27 Innis wantoota kanneen hunda harka Aroonii fi harka ilmaan isaa keessa kaaʼee aarsaa sochoofamu godhee fuula Waaqayyoo duratti sochoose.
27 Meteu tudo isso nas mãos de Aarão e de seus filhos para agitá-los como oferta diante do Senhor.
28 Museenis wantoota kanneen harka isaaniitii fuudhee aarsaa ittiin luba taʼan kan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu, foolii namatti tolu, aarsaa nyaataa godhee iddoo aarsaa irratti aarsaa gubamu gubbaatti gube.
28 Tomou-os em seguida Moisés nas suas próprias mãos e os queimou sobre o altar, por cima do holocausto; este foi o sacrifício de empossamento, de agradável odor, consumado pelo fogo ao Senhor.
29 Museenis handaraafa fuudhee aarsaa sochoofamu godhee fuula Waaqayyoo duratti sochoose; kunis akkuma Waaqayyo isa ajajetti qooda Museen korbeessa hoolaa ittiin luba taʼan irraa argatuu dha.
29 Tomou também o peito do carneiro de empossamento e o agitou como oferta diante do Senhor a sua porção, como o Senhor lhe tinha ordenado.
30 Ergasiis Museen zayitii ittiin dibanii fi dhiiga iddoo aarsaa irra jiru irraa fuudhee Aroonii fi uffata isaatti, ilmaan isaattii fi uffata isaaniitti facaase; akkasiinis Aroonii fi uffata isaa, ilmaan isaatii fi uffata isaanii qulqulleesse.
30 Tomou, finalmente, o óleo de unção e o sangue que estava sobre o altar e aspergiu sobre Aarão e suas vestes, seus filhos e suas vestes, e consagrou assim Aarão e seus filhos com suas vestes.
31 Museenis Aroonii fi ilmaan isaatiin akkana jedhe; “Foon sana balbala dunkaana wal gaʼii duratti affeellaa; akkuma ani ‘Aroonii fi ilmaan isaa haa nyaatan’ jedhee ajajetti foon sana buddeena gundoo aarsaan ittiin luboota taʼan keessa kaaʼamu sana keessa jiru wajjin achumatti nyaadhaa.
31 Depois Moisés disse-lhes: "Cozei a carne à entrada da tenda de reunião; ali a comereis com o pão que está na cesta de empossamento, como vos ordenei quando disse: Aarão e seus filhos a comerão.
32 Foonii fi buddeena hafu immoo ibiddaan gubaa.
32 O que sobrar da carne e do pão, queimá-lo-eis no fogo.
33 Sababii luba taʼuun keessan bultii torba fudhatuuf hamma yeroon luba taʼuu keessanii raawwatutti bultii torba balbala dunkaana wal gaʼii duraa hin deeminaa.
33 Não saireis da entrada da tenda de reunião durante sete dias, até se cumprirem os dias de vosso empossamento, o qual durará sete dias.
34 Waan harʼa hojjetame kana Waaqayyotu araara isinii buusuuf akka hojjetamu ajaje.
34 O que se fez hoje, prescreveu o Senhor que se faça novamente, em expiação por vós.
35 Isin akka hin duuneef bultii torba halkanii fi guyyaa balbala dunkaana wal gaʼii dura turaatii waan Waaqayyo isin irraa barbaadu hojjedhaa; wanni ani ajajame kanaatii.”
35 Ficareis, pois, sete dias à entrada da tenda de reunião, dia e noite, e observareis as ordens do Senhor, para que não morrais. Esta é a ordem que recebi".
36 Aroonii fi ilmaan isaa waan Waaqayyo karaa Museetiin ajaje hunda hojjetan.
36 Aarão e seus filhos fizeram tudo o que o Senhor lhes tinha ordenado por Moisés.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Levítico 8, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.