Levítico 7

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARA

Sair da comparação
ARA Almeida Revista e Atualizada 1993
1 “ ‘Seerri aarsaa yakkaa kan waan hunda caalaa qulqulluu taʼe sanaa kana:
1 Esta é a lei da oferta pela culpa; coisa santíssima é.
2 Aarsaan yakkaa iddoo aarsaan gubamu itti qalamutti haa qalamu; dhiigni isaa immoo gama hundaan iddoo aarsaatti facaafamuu qaba.
2 No lugar onde imolam o holocausto, imolarão a oferta pela culpa, e o seu sangue se aspergirá sobre o altar, em redor.
3 Moorri isaa hundinuus aarsaa taʼee dhiʼeeffamuu qaba; kunis duboo fi moora miʼa garaa haguugu,
3 Dela se oferecerá toda a gordura, a cauda e a gordura que cobre as entranhas;
4 kalee lamaanii fi moora isaan irra jiru kan mudhiitti dhiʼaatu, haguuggiin tiruu kan kaleewwan wajjin baʼu wal faana haa dhiʼaatu.
4 também ambos os rins e a gordura que neles há, junto aos lombos; e o redenho sobre o fígado com os rins se tirará.
5 Lubichis aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼaatu godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu; kun aarsaa yakkaa ti.
5 O sacerdote o queimará sobre o altar em oferta queimada ao Senhor ; é oferta pela culpa.
6 Dhiirri gosa lubootaa taʼe kam iyyuu foon kana nyaachuu dandaʼa; kun garuu iddoo qulqulluutti nyaatamuu qaba; aarsaan kun waan hunda caalaa qulqulluu dha.
6 Todo varão entre os sacerdotes a comerá; no lugar santo, se comerá; coisa santíssima é.
7 “ ‘Seerri aarsaan cubbuutii fi aarsaan yakkaa ittiin dhiʼeeffamu tokkuma; aarsaawwan kunneenis kan luba ittiin araara buusuu taʼu.
7 Como a oferta pelo pecado, assim será a oferta pela culpa; uma única lei haverá para elas: será do sacerdote que, com ela, fizer expiação.
8 Lubni namaaf jedhee aarsaa gubamu dhiʼeessu tokko gogaa aarsaa gubamu sanaa ofii isaatiif haa fudhatu.
8 O sacerdote que oferecer o holocausto de alguém terá o couro do holocausto que oferece,
9 Kennaan midhaanii kan barbadaa ibiddaa irratti yookaan eelee irratti yookaan beddee irratti bilchaate kam iyyuu luba isa dhiʼeessuuf haa kennamu;
9 como também toda oferta de manjares que se cozer no forno, com tudo que se preparar na frigideira e na assadeira, será do sacerdote que a oferece.
10 kennaan midhaanii kam iyyuu jechuunis kan zayitiin itti makame yookaan goggogaan ilmaan Aroon hundaaf wal qixxee haa kennamu.
10 Toda oferta de manjares amassada com azeite ou seca será de todos os filhos de Arão, tanto de um como do outro.
11 “ ‘Seerri aarsaa nagaa kan namni tokko ittiin Waaqayyoof dhiʼeessuu qabu kana.
11 Esta é a lei das ofertas pacíficas que alguém pode oferecer ao Senhor .
12 “ ‘Inni yoo galata galchuuf aarsaa dhiʼeeffate, aarsaa galataa kana wajjin maxinoo zayitiin itti makame, bixxillee raacitii malee tolfamee zayitiin irra dibamee fi maxinoo daakuu bullaaʼaa kan akka gaarii sukkuumamee zayitiin itti makame haa dhiʼeessu.
12 Se fizer por ação de graças, com a oferta de ação de graças trará bolos asmos amassados com azeite, obreias asmas untadas com azeite e bolos de flor de farinha bem amassados com azeite.
13 Aarsaa nagaa kan galataaf dhiʼeeffatu wajjinis kennaa maxinoo raacitii qabu haa dhiʼeessu.
13 Com os bolos trará, por sua oferta, pão levedado, com o sacrifício de sua oferta pacífica por ação de graças.
14 Aarsaa hunda keessaa tokko tokko fuudhee akka kennaa Waaqayyoof dhiʼeeffamu tokkootti haa fidu; kunis luba dhiiga aarsaa nagaa facaasu sanaaf haa kennamu.
14 E, de toda oferta, trará um bolo por oferta ao Senhor , que será do sacerdote que aspergir o sangue da oferta pacífica.
15 Foon aarsaa nagaa kan galataaf dhiʼeeffamu gaafuma dhiʼaate sana nyaatamee dhumuu qaba; wanni tokko iyyuu isa irraa hafee buluu hin qabu.
15 Mas a carne do sacrifício de ação de graças da sua oferta pacífica se comerá no dia do seu oferecimento; nada se deixará dela até à manhã.
16 “ ‘Yoo aarsaan isaa wareega guuttachuuf yookaan aarsaa fedhiidhaan dhiʼaatu taʼe, aarsaan sun guyyuma inni dhiʼeesse nyaatamuu qaba; kan hafe garuu guyyaa itti aanu nyaatamuu dandaʼa.
16 E, se o sacrifício da sua oferta for voto ou oferta voluntária, no dia em que oferecer o seu sacrifício, se comerá; e o que dele ficar também se comerá no dia seguinte.
17 Foon aarsaa sana irraa hamma guyyaa sadaffaatti hafe gubamuu qaba.
17 Porém o que ainda restar da carne do sacrifício, ao terceiro dia, será queimado.
18 Foon aarsaa nagaa sana irraa yoo wanni tokko iyyuu guyyaa sadaffaatti nyaatame aarsaan sun hin fudhatamu. Kun sababii xuraaʼaa taʼeef nama dhiʼeesse sanaaf fudhatama hin qabaatu. Namni foon sana irraa nyaatu itti gaafatama.
18 Se da carne do seu sacrifício pacífico se comer ao terceiro dia, aquele que a ofereceu não será aceito, nem lhe será atribuído o sacrifício; coisa abominável será, e a pessoa que dela comer levará a sua iniquidade.
19 “ ‘Foon waan akka seeraatti xuraaʼaa taʼe kam iyyuu tuqe hin nyaatamin; foon sun gubamuu qaba. Foon kaan garuu namni akka seeraatti qulqulluu taʼe kam iyyuu nyaachuu dandaʼa.
19 A carne que tocar alguma coisa imunda não se comerá; será queimada. Qualquer que estiver limpo comerá a carne do sacrifício.
20 Garuu namni xuraaʼaan yoo foon aarsaa nagaa kan Waaqayyoof dhiʼeeffame nyaate, inni saba ofii keessaa haa balleeffamu.
20 Porém, se alguma pessoa, tendo sobre si imundícia, comer a carne do sacrifício pacífico, que é do Senhor , será eliminada do seu povo.
21 Namni yoo waan xuraaʼaa jechuunis xuraaʼummaa namaa yookaan horii xuraaʼaa yookaan waan xuraaʼaa kam iyyuu, waan jibbisiisaa tuqee ergasii immoo foon aarsaa nagaa kan Waaqayyoof dhiʼaate keessaa nyaate namni sun saba ofii keessaa haa balleeffamu.’ ”
21 Se uma pessoa tocar alguma coisa imunda, como imundícia de homem, ou de gado imundo, ou de qualquer réptil imundo e da carne do sacrifício pacífico, que é do Senhor , ela comer, será eliminada do seu povo.
22 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
22 Disse mais o Senhor a Moisés:
23 “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Moora loonii yookaan kan hoolaa yookaan kan reʼee kamii iyyuu hin nyaatinaa.
23 Fala aos filhos de Israel, dizendo: Não comereis gordura de boi, nem de carneiro, nem de cabra.
24 Coomni horii duʼee argamee yookaan bineensi ajjeesee waan biraaf haa oolu; isin garuu isa nyaachuu hin qabdan.
24 A gordura do animal que morre por si mesmo e a do dilacerado por feras podem servir para qualquer outro uso, mas de maneira nenhuma as comereis;
25 Namni horii ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffame irraa cooma isaa nyaate kam iyyuu saba ofii isaa keessaa haa balleeffamu.
25 porque qualquer que comer a gordura do animal, do qual se trouxer ao Senhor oferta queimada, será eliminado do seu povo.
26 Isin lafa jiraattan hundatti dhiiga simbirroo yookaan horii gosa kamii iyyuu hin nyaatinaa.
26 Não comereis sangue em qualquer das vossas habitações, quer de aves, quer de gado.
27 Namni kam iyyuu yoo dhiiga nyaate saba ofii isaa keessaa haa balleeffamu.’ ”
27 Toda pessoa que comer algum sangue será eliminada do seu povo.
28 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
28 Disse mais o Senhor a Moisés:
29 “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Namni aarsaa nagaa Waaqayyoof dhiʼeessu kanuma irraa fuudhee aarsaa ofii isaa Waaqayyoof haa dhiʼeessu.
29 Fala aos filhos de Israel, dizendo: Quem oferecer ao Senhor o seu sacrifício pacífico trará a sua oferta ao Senhor ; do seu sacrifício pacífico
30 Aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamus harkuma isaatiin haa fidu; cooma sana handaraafa wajjin haa fidu; handaraafas aarsaa sochoofame godhee fuula Waaqayyoo duratti haa sochoosu.
30 trará com suas próprias mãos as ofertas queimadas do Senhor ; a gordura do peito com o peito trará para movê-lo por oferta movida perante o Senhor .
31 Lubichi cooma sana iddoo aarsaa irratti haa gubu. Handaraafni isaa garuu Aroonii fi ilmaan isaatiif haa kennamu.
31 O sacerdote queimará a gordura sobre o altar, porém o peito será de Arão e de seus filhos.
32 Tafa mirgaa kan aarsaa nagaa keessanii kennaa godhaatii lubaaf kennaa.
32 Também a coxa direita dareis ao sacerdote por oferta dos vossos sacrifícios pacíficos.
33 Ilmi Aroon kan dhiigaa fi cooma aarsaa nagaa dhiʼeessu sun tafa mirgaa qooda ofii isaa godhee haa fudhatu.
33 Aquele dos filhos de Arão que oferecer o sangue do sacrifício pacífico e a gordura, esse terá a coxa direita por sua porção;
34 Ani aarsaa nagaa kan Israaʼelootaa irraa handaraafa sochoofamee fi tafa dhiʼaate sana fudhadheera; kanas akka qooda isaan bara baraan Israaʼeloota irraa argataniitti Aroon lubichaa fi ilmaan isaatii kenneera.’ ”
34 porque o peito movido e a coxa da oferta tomei dos filhos de Israel, dos seus sacrifícios pacíficos, e os dei a Arão, o sacerdote, e a seus filhos, por direito perpétuo dos filhos de Israel.
35 Gaafa isaan lubummaadhaan Waaqayyoon tajaajiluuf dhiʼaatanitti aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼaate irraa qoodni Aroonii fi ilmaan isaatiif ramadame kana.
35 Esta é a porção de Arão e a porção de seus filhos, das ofertas queimadas do Senhor , no dia em que os apresentou para oficiarem como sacerdotes ao Senhor ;
36 Guyyaa isaan dibamanitti, akka Israaʼeloonni qooda isaanii godhanii bara baraan dhaloota dhufutti waan kana isaanii kennan Waaqayyo ajajeera.
36 a qual o Senhor ordenou que se lhes desse dentre os filhos de Israel no dia em que os ungiu; estatuto perpétuo é pelas suas gerações.
37 Egaa seerri dhiʼeessuu aarsaa gubamuu, kennaa midhaanii, aarsaa cubbuu, aarsaa yakkaa, seerri dibamuu lubummaatii fi aarsaa nagaa kanaa dha;
37 Esta é a lei do holocausto, da oferta de manjares, da oferta pelo pecado, da oferta pela culpa, da consagração e do sacrifício pacífico,
38 kunis ajaja Waaqayyo gaafa akka Israaʼeloonni Gammoojjii Siinaatti kennaa isaanii Waaqayyoof dhiʼeessan Gaara Siinaa irratti Museedhaaf kennee dha.
38 que o Senhor ordenou a Moisés no monte Sinai, no dia em que ordenou aos filhos de Israel que oferecessem as suas ofertas ao Senhor , no deserto do Sinai.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Levítico 7, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.