Levítico 4
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC
1 Waaqayyo akkana jedhee Museetti dubbate;
1 O Senhor disse a Moisés: "Fala aos israelitas. Dize-lhes:
2 “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Yoo namni utuu hin beekin waan Waaqayyo dhowwe cabsuudhaan cubbuu hojjete.
2 quando um homem tiver pecado involuntariamente contra uma prescrição do Senhor, fazendo uma das coisas que e proibiu;
3 “ ‘Lubichi dibame yoo cubbuu hojjetee akkasiin sabatti cubbuu fide, inni cubbuu hojjete sanaaf dibicha hirʼina hin qabne tokko aarsaa cubbuu godhee Waaqayyoof haa dhiʼeessu.
3 se aquele que tiver pecado for um sacerdote ungido, de maneira que o povo se torne culpado, oferecerá ao Senhor por sua transgressão um novilho sem defeito como sacrifício de expiação.
4 Innis dibicha sana balbala dunkaana wal gaʼii irratti fuula Waaqayyoo duratti haa dhiʼeessu. Mataa dibicha sanaa irras harka isaa kaaʼee fuula Waaqayyoo duratti haa qalu.
4 Levará o novilho diante do Senhor, à entrada da tenda de reunião, porá a mão sobre a cabeça do touro e o imolará diante do Senhor.
5 Lubni dibame sun dhiiga dibicha sanaa irraa fuudhee dunkaana wal gaʼiitti qabatee haa seenu.
5 O sacerdote ungido tomará o sangue do touro e o levará à tenda de reunião;
6 Lubni sunis quba isaa dhiiga keessa cuphee dhiiga sana irraa golgaa iddoo qulqulluu duratti yeroo torba fuula Waaqayyoo duratti haa facaasu.
6 mergulhará o seu dedo no sangue e fará sete aspersões diante do Senhor, diante do véu do santuário.
7 Ergasiis lubni sun dhiiga sana irraa gaanfawwan iddoo aarsaa ixaana urgaaʼu kan dunkaana wal gaʼii keessa fuula Waaqayyoo dura jiru sana irratti haa naqu. Dhiiga dibicha sanaa kan hafe hunda immoo balbala dunkaana wal gaʼii irratti miilla iddoo aarsaa gubamuu jalatti haa dhangalaasu.
7 Em seguida, porá o sangue nos cornos do altar dos perfumes aromáticos que está diante do Senhor na tenda de reunião; e derramará o resto do sangue do touro ao pé do altar dos holocaustos que está à entrada da tenda de reunião.
8 Innis dibicha aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffame sana irraa cooma hunda haa baasu; kunis moora miʼa garaa haguuguu fi kan itti maxxanu hunda,
8 Tirará a gordura do touro imolado pelo pecado, tanto a que envolve as entranhas como a que adere a elas,
9 kalee lamaanii fi moora isaan irra jiru kan mudhiitti dhiʼaatu, haguuggii tiruu kan inni kaleedhaan walitti qabee baasu faʼi;
9 os dois rins com a gordura que os envolve na região lombar, e a pele que recobre o fígado, a qual será desprendida de junto dos rins.
10 waan kanas akkuma loon aarsaa nagaatiif dhiʼeeffamu irraa moorri baafamu sanatti haa baasu. Lubnis iddoo aarsaa kan aarsaa gubamuu irratti haa gubu.
10 Fará como se faz com o touro do sacrifício pacífico, e queimará tudo isso no altar dos holocaustos.
11 Garuu gogaa dibicha sanaatii fi foon isaa hunda, mataa fi miilla isaa, miʼa garaatii fi cumaa isaa,
11 Mas o couro do touro, sua carne, com sua cabeça, suas pernas, suas entranhas e seus excrementos, enfim, todo o touro,
12 jechuunis waan dibicha sanaa kan hafe hunda qubata keessaa gad baasee gara iddoo seeraan qulqulluu taʼe kan daaraan itti gatamuutti haa geessu; daaraa tuulame irrattis ibidda qoraaniitiin haa gubu.
12 o levará para fora do acampamento, em lugar limpo, onde se jogam as cinzas, e o queimará sobre lenha: será queimado sobre um monte de cinzas.
13 “ ‘Yoo waldaan Israaʼel hundi utuu hin beekin cubbamee waan ajaja Waaqayyoo keessatti dhowwame hojjete waldaan sun waaʼee waan sanaa beekuu baatu illee yakka qabeessa taʼa.
13 Se foi toda a assembléia de Israel quem pecou involuntariamente, por inadvertência, cometendo alguma ação proibida pelos mandamentos do Senhor, tornando-se assim culpada,
14 Yommuu cubbuun isaan hojjetan beekamutti waldaan sun dibicha tokko aarsaa cubbuu godhee dunkaana wal gaʼii duratti fidee haa dhiʼeessu.
14 se o pecado cometido por ela vier a ser conhecido, a assembléia oferecerá em sacrifício de expiação um novilho, que se conduzirá diante da tenda de reunião.
15 Maanguddoonni waldaa fuula Waaqayyoo duratti mataa dibicha sanaa irra harka isaanii haa kaaʼan; dibichi sunis fuula Waaqayyoo duratti haa qalamu.
15 Os anciãos da assembléia porão suas mãos sobre a cabeça do touro, o qual será imolado diante do Senhor.
16 Lubni dibame sun dhiiga dibicha sanaa irraa fuudhee gara dunkaana wal gaʼiitti haa fidu.
16 O sacerdote ungido levará o sangue do touro à tenda de reunião:
17 Innis quba isaa dhiiga keessa cuuphee golgaa duratti yeroo torba fuula Waaqayyoo duratti haa facaasu.
17 mergulhará seu dedo no sangue e fará sete aspersões diante do Senhor, em frente do véu.
18 Lubni sunis dhiiga sana irraa gaanfawwan iddoo aarsaa kan dunkaana wal gaʼii keessa fuula Waaqayyoo dura jiru sana irratti haa naqu. Dhiiga dibicha sanaa kan hafe hunda immoo balbala dunkaana wal gaʼii irratti miilla iddoo aarsaa gubamuu jalatti haa dhangalaasu.
18 Porá o sangue nos cornos do altar que está diante do Senhor na tenda de reunião e derramará o resto do sangue ao pé do altar dos holocaustos que está à entrada da tenda de reunião.
19 Inni cooma hunda irraa baasee iddoo aarsaa irratti haa gubu;
19 Tirará toda a gordura do touro para queimá-la sobre o altar.
20 dibicha kanas akkuma dibicha aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffame sana godhe haa godhu; lubnis haaluma kanaan araara isaaniif buusa; isaanis dhiifama argatu.
20 Fará desse touro o que se fez com o novilho imolado pelo pecado. É assim que o sacerdote fará a expiação por eles, e serão perdoados.
21 Innis ergasii dibicha sana qubata keessaa gad baasee akkuma dibicha jalqabaa gube sana haa gubu; kunis aarsaa cubbuu waldaa ti.
21 Levará depois o touro para fora do acampamento e o queimará como o primeiro. Este é o sacrifício pelo pecado da assembléia.
22 “ ‘Bulchaan tokko yoo utuu hin beekin cubbuu hojjetee waan ajaja Waaqayyo Waaqa isaa keessatti dhowwame hojjete inni yakka qabeessa taʼa.
22 Se foi um chefe quem pecou, cometendo involuntariamente uma ação proibida por um mandamento do Senhor seu Deus, tornando-se assim culpado,
23 Inni yommuu cubbuu hojjete sana beeketti korma reʼee kan hirʼina hin qabne tokko aarsaa ofii isaatiif haa fidu.
23 trará para sua oferta um bode sem defeito, logo que tiver tomado consciência de seu pecado.
24 Mataa reʼee sanaa irra harka isaa kaaʼee iddoo aarsaan gubamu itti qalamutti fuula Waaqayyoo duratti haa qalu; kunis aarsaa cubbuu ti.
24 Porá a mão sobre a cabeça do bode e o imolará no lugar onde se imolam os holocaustos diante do Senhor; este é um sacrifício pelo pecado.
25 Lubni sunis ergasii dhiiga aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffame irraa quba isaatiin fuudhee gaanfa iddoo aarsaa kan aarsaan gubamu irratti dhiʼeeffamutti haa naqu; dhiiga hafe immoo miilla iddoo aarsaa jalatti haa dhangalaasu.
25 O sacerdote, com o dedo, tomará o sangue da vítima oferecida pelo pecado e o porá sobre os cornos do altar dos holocaustos, e derramará o resto do sangue ao pé desse altar.
26 Innis akkuma cooma aarsaa nagaatiif dhiʼeeffame gube sana moora hunda iddoo aarsaa irratti haa gubu; lubichi haala kanaan namichaaf araara cubbuu buusa; innis dhiifama argata.
26 Queimará, em seguida, sobre o altar toda a gordura, como a dos sacrifícios pacíficos. É assim que o sacerdote fará pelo chefe a expiação de seu pecado; e ele será perdoado.
27 “ ‘Saba keessaa namni tokko yoo utuu hin beekin waan ajaja Waaqayyoo keessatti dhowwame keessaa tokko illee cabsuudhaan cubbuu hojjete inni yakka qabeessa taʼa.
27 Se for alguém do povo quem pecou involuntariamente, cometendo uma ação proibida por um mandamento do Senhor, tornando-se assim culpado,
28 Inni yommuu akka cubbuu hojjete beeketti cubbuu hojjete sanaaf reʼee dhaltuu hirʼina hin qabne tokko aarsaa ofii isaatiif haa fidu.
28 trará para sua oferta uma cabra sem defeito, pela falta cometida, logo que tiver tomado consciência de seu pecado.
29 Mataa reʼee aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffamte sanaa irras harka isaa kaaʼee iddoo aarsaa gubamuutti haa qalu.
29 Porá a mão sobre a cabeça da vítima oferecida pelo pecado e a imolará no lugar onde se imolam os holocaustos.
30 Lubni sunis ergasii dhiiga sana irraa quba isaatiin fuudhee gaanfa iddoo aarsaa kan aarsaan gubamu irratti dhiʼeeffamutti haa naqu; dhiiga hafe hunda immoo miilla iddoo aarsaa jalatti haa dhangalaasu.
30 Em seguida, o sacerdote, com o dedo, tomará o sangue da vítima, e pô-lo-á sobre os cornos do altar dos holocaustos, derramando o resto ao pé do altar.
31 Akkuma moorri itti aarsaa nagaa irraa baafamutti inni moora hunda haa baasu; lubni immoo aarsaa urgaan isaa Waaqayyotti tolu godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu. Akkasiinis lubni araara buusaaf; innis dhiifama argata.
31 Tirará toda a gordura, como se fez no sacrifício pacífico, e a queimará no altar, como agradável odor ao Senhor. É assim que o sacerdote fará a expiação por esse homem, e ele será perdoado.
32 “ ‘Inni yoo hoolaa tokko aarsaa cubbuu ofii isaatiif fide, dhaltuu hirʼina hin qabne haa fidu.
32 Se for um cordeiro que oferecer em sacrifício pelo pecado, oferecerá uma fêmea sem defeito.
33 Mataa hoolaa sanaa irras harka isaa kaaʼee iddoo aarsaan gubamu itti qalamutti aarsaa cubbuutiif haa qalu.
33 Porá a mão sobre a cabeça da vítima oferecida pelo pecado e a imolará em sacrifício de expiação no lugar onde se imolam os holocaustos.
34 Lubni sunis ergasii dhiiga aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffame irraa quba isaatiin fuudhee gaanfa iddoo aarsaa kan aarsaa gubamuutti haa naqu; dhiiga hafe hunda immoo miilla iddoo aarsaa jalatti haa dhangalaasu.
34 Em seguida, com o dedo, tomará o sacerdote o sangue da vítima oferecida pelo pecado, e o porá sobre os cornos do altar dos holocaustos, derramando o resto do sangue ao pé do altar.
35 Akkuma moorri itti hoolaa aarsaa nagaatiif dhiʼeeffamu irraa baafamutti inni moora hunda haa baasu; lubni immoo aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu gubbaatti iddoo aarsaa irratti haa gubu. Lubnis akkasiin cubbuu namichi hojjeteef araara buusaaf; innis dhiifama argata.
35 Tirará toda a gordura como se tirou a do cordeiro do sacrifício pacífico, e a queimará no altar, entre os sacrifícios feitos pelo fogo ao Senhor. É assim que o sacerdote fará a expiação pelo pecado cometido por esse homem, e ele será perdoado.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Levítico 4, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.