Levítico 2

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 “ ‘Namni tokko yommuu kennaa midhaanii Waaqayyoof dhiʼeessutti, kennaan isaa daakuu bullaaʼaa haa taʼu. Innis zayitii itti haa naqu; ixaanas itti dabalee,
1 "Quando alguém apresentar ao Senhor uma oblação como oferta, a sua oblação será de flor de farinha; derramará sobre ela azeite, ajuntando também incenso.
2 ilmaan Aroon luboota sanatti haa fidu. Lubichis daakuu bullaaʼaa zayitiin itti naqame sana irraa konyee tokko ixaana hunda wajjin haa fuudhu; kanas kutaa yaadannoo aarsaa gubamu kan ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti toluu godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu.
2 E levá-la-á ao sacerdote, filho de Aarão, o qual tomará um punhado de flor de farinha com azeite, e todo o incenso, e a queimará no altar como um memorial. Este é um sacrifício consumido pelo fogo, de agradável odor ao Senhor.
3 Kennaan midhaanii hafe immoo kan Aroonii fi ilmaan isaa ti; kunis kutaa aarsaawwan hunda caalaa qulqulluu kan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha.
3 O que sobrar da oblação será para Aarão e seus filhos; isto é, o que há de mais santo entre os sacrifícios feitos pelo fogo ao Senhor.
4 “ ‘Yeroo ati kennaa midhaanii barbadaa ibiddaa irratti tolfamee dhiʼeessitutti, kennaan sun daakuu bullaaʼaa jechuunis maxinoo zayitiin itti makame yookaan bixxillee raacitii malee tolfamee zayitiin irra dibame haa taʼu.
4 Quando ofereceres uma oblação de coisa cozida no forno, farás bolos de flor de farinha sem fermento, amassados com azeite, e bolachas sem fermento, untadas com azeite.
5 Kennaan kee kennaa midhaanii kan eelee irratti qopheeffame taanaan kennaan sun daakuu bullaaʼaa hin bukaaʼin kan zayitiin itti makame irraa haa taʼu.
5 Se a oblação que ofereces for algo cozido na frigideira, que seja flor de farinha amassada com azeite, sem fermento.
6 Isa caccabsiitii gubbaa isaatti zayitii naqi; inni kennaa midhaanii ti.
6 Cortá-la-ás em pedaços e derramarás azeite por cima: isto é uma oblação.
7 Kennaan midhaan keetii yoo eelee irratti qopheeffame, kennaan sun daakuu bullaaʼaa fi zayitii irraa haa qopheeffamu.
7 Se a oblação que ofereces for cozida na grelha, deverá ser flor de farinha com azeite.
8 Kennaa midhaanii kan wantoota kanneen irraa qopheeffame Waaqayyoof fidi; kanas luba iddoo aarsaatti geessutti kenni.
8 Trarás ao Senhor a oblação assim preparada, e a entregarás ao sacerdote, que a colocará no altar.
9 Innis Kennaa midhaanii sana irraa kutaa yaadannoo fuudhee kennaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu.
9 Ele separará da oblação o que deverá ser oferecido como memorial, e o queimará no altar. Este é um sacrifício consumido pelo fogo, de agradável odor ao Senhor.
10 Kennaan midhaanii hafe immoo kan Aroonii fi ilmaan isaa ti; kunis kutaa aarsaawwan hunda caalaa qulqulluu kan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha.
10 O que sobrar da oblação será para Aarão e seus filhos; isto é o que há de mais santo entre os sacrifícios feitos pelo fogo ao Senhor.
11 “ ‘Kennaan midhaanii kan isin Waaqayyoof dhiʼeessitan hundinuu utuu raacitiin itti hin makamin qopheeffamuu qaba; isin kennaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu tokko keessatti raacitii yookaan damma tokko illee gubuu hin qabdaniitii.
11 Toda oblação que oferecerdes ao Senhor deverá ser preparada sem fermento: não queimareis nada que contenha fermento ou mel em sacrifício feito pelo fogo ao Senhor.
12 Kennaa kanas akka mataa midhaaniitti Waaqayyoof dhiʼeessu dandeessu; garuu akka kennaa urgaaʼaa tokkootti iddoo aarsaa irratti dhiʼaachuu hin qabu.
12 Podereis oferecê-lo ao Senhor como oferta de primícias, mas não será colocado no altar como oferta de agradável odor.
13 Kennaa midhaan keetii hunda soogiddaan miʼeessi; soogidda kakuu Waaqa keetii kennaa midhaan keetii keessaa hin hambisin; kennaa kee hundatti soogidda dabali.
13 Salgarás todas as tuas oblações; não deixarás faltar à tua oferta o sal da aliança de teu Deus. Porás, pois, sal em todas as tuas ofertas.
14 “ ‘Ati yoo mataa midhaanii keessaa kennaa midhaanii Waaqayyoof fidde, mataa midhaan asheetee ibiddaan waadamee sukkuumamee dhiʼeessi.
14 Se fizeres ao Senhor uma oferta de primícias, oferecerás espigas tostadas ao fogo, grão tenro moído como oblação de tuas primícias.
15 Zayitii itti naqiitii ixaanas itti dabali; kun kennaa midhaanii ti.
15 Derramarás azeite por cima, ajuntando também o incenso; esta é uma oblação.
16 Lubni sunis kutaa yaadannoo midhaan sukkuumamee sanaatii fi zayitii sana ixaana hunda wajjin kennaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu godhee haa gubu.
16 O sacerdote queimará como memorial uma parte do grão moído e do azeite com todo o incenso. Este é um sacrifício feito pelo fogo ao Senhor."

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Levítico 2, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.