Levítico 26
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC
1 “ ‘Waaqota tolfamoo hin tolfatinaa; fakkii yookaan dhagaa waaqeffannaa hin dhaabbatinaa; fuula isaanii duratti sagaduuf jettaniis biyya keessan keessatti dhagaa soofame hin dhaabinaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
1 "Não fareis ídolos. Não levantareis estátuas nem estelas, e não poreis em vossa terra pedra alguma adornada de figuras, para vos prostrardes diante dela, porque eu sou o Senhor, vosso Deus.
2 “ ‘Sanbatoota koo eegaa; iddoo qulqulluu koos kabajaa. Ani Waaqayyo.
2 Guardareis os meus sábados e reverenciareis o meu santuário. Eu sou o Senhor.
3 “ ‘Yoo isin sirna koo duukaa buutanii ajajawwan koos eegdanii hojii irra oolchitan,
3 Se seguirdes minhas leis e guardardes os meus preceitos e os praticardes, eu vos darei as chuvas nos seus tempos.
4 ani yeroo isaatti bokkaa isiniifan kenna; lafti midhaan ishee, mukkeen dirrees ija isaanii ni kennu.
4 A terra dará o seu produto e as árvores da terra se carregarão de frutos.
5 Midhaan dhaʼachuun keessan hamma yeroo ija wayinii cirattaniitti itti fufa; ija wayinii cirachuun keessan hamma yeroo facaasaatti ittuma fufa; isinis nyaata keessan hamma quuftanitti nyaattanii lafa keessan irra nagaadhaan jiraattu.
5 A debulha do trigo prolongar-se-á até a vindima, e a vindima até a sementeira; comereis o vosso pão à saciedade, e habitareis em segurança na vossa terra.
6 “ ‘Ani biyyattii keessa nagaa nan buusa; isin ni raftu; wanni tokko iyyuu isin hin sodaachisu. Biyyattii keessaa bineensota hamoo nan baasa; goraadeenis biyya keessan keessa hin darbu.
6 Darei paz à vossa terra, e vosso sono não será perturbado. Afastarei da terra os animais nocivos, e a espada não passará pela vossa terra.
7 Isin diinota keessan ni ariitu; isaan immoo goraadeedhaan fuula keessan duratti dhumu.
7 Quando perseguirdes os vossos inimigos, cairão sob vossa espada.
8 Isin nama shan taatanii nama dhibba tokko ariitu; dhibba tokko taatanii immoo kuma kudhan ariitu; diinonni keessan goraadeedhaan fuula keessan duratti dhumu.
8 Cinco dentre vós perseguirão um cento, e cem dos vossos perseguirão dez mil, e os vossos inimigos cairão sob vossa espada.
9 “ ‘Ani fuula tolaadhaan gara keessan ilaalee akka isin hortanii baayʼattan nan godha; kakuu isin wajjin qabus nan jabeessa.
9 Eu me voltarei para vós, e vos farei crescer; multiplicar-vos-ei e ratificarei a minha aliança convosco.
10 Isin midhaan bara darbee nyaachaa utuu inni gombisaa keessaa hin dhumin, midhaan haaraadhaaf iddoo qopheessuuf jettanii midhaan bara darbee sana gad baaftu.
10 Comereis as colheitas antigas, bem conservadas, e lançareis fora as velhas, para dar lugar às novas.
11 Iddoo jireenya kootii isin gidduu nan godhadha; lubbuun koos isin hin balfitu.
11 Porei o meu tabernáculo no meio de vós, e a minha alma não vos rejeitará.
12 Ani isin gidduu jiraadhee Waaqa keessan nan taʼa; isinis saba koo ni taatu.
12 Andarei entre vós: serei o vosso Deus e vós sereis o meu povo.
13 Ani Waaqayyo Waaqa keessan kan akka isin lammata garboota warra Gibxi hin taaneef biyya Gibxii baasee isin fidee dha; ani hidhaa waanjoo keessanii kutee akka isin mataa ol qabattanii deemtan godheera.
13 Eu sou o Senhor, vosso Deus, que vos tirei do Egito para livrar-vos da escravidão. Quebrei as cadeias de vosso jugo, e vos fiz andar com a cabeça erguida.
14 “ ‘Garuu yoo na dhagaʼuu diddanii ajajawwan kanneen hunda eeguu baattan,
14 Mas se não me escutardes e não guardardes os meus mandamentos,
15 yoo sirna koo tuffattanii seera koo balfitan, yoo ajajawwan kanneen hunda eeguu baattanii kakuu koo cabsitan,
15 se desprezardes os meus preceitos e vossa alma aborrecer as minhas leis, de sorte que não pratiqueis todos os meus mandamentos e violeis minha aliança, eis como vos hei de tratar:
16 ani wantoota kanneen isinittin fida: Isaanis naasuu, dhukkuba nama huqqisu, dhukkuba dhagna nama gubu kan agartuu namaa balleessee jireenya namaa gogsu isinitti nan fida. Isin akkasumaan midhaan facaafattu; diinota keessantu nyaataatii.
16 enviarei terríveis flagelos sobre vós: a tísica e a febre que empanarão vosso olhar e vos farão desfalecer. Debalde semeareis a vossa semente, porque vossos inimigos a comerão.
17 Akka isin diinota keessaniin moʼamtaniif ani fuula isinittan hammaadha; warri isin jibban isin bulchu; isin utuu eenyu iyyuu isin hin ariʼin ni baqattu.
17 Voltarei minha face contra vós e sereis vencidos pelos vossos inimigos: eles vos dominarão, e fugireis sem que ninguém vos persiga.
18 “ ‘Yoo isin wantoota kanneen hunda booddee naa ajajamuu diddan ani cubbuu keessaniif dachaa torba isin adaba.
18 Se nem ainda assim me ouvirdes, castigar-vos-ei sete vezes mais pelos vossos pecados.
19 Of tuulummaa humna keessanii nan cabsa; samii keessan akka sibiilaa, lafa keessan immoo akka naasii nan godha.
19 Quebrarei o orgulho de vosso poder, tornarei o vosso céu como ferro e a vossa terra como bronze.
20 Humni keessan akkasumaan bada; lafti keessan midhaan isaa, mukkeenis ija isaanii hin kennaniitii.
20 Inutilmente se gastará a vossa força, pois vossa terra não dará os seus produtos, e as árvores da terra não produzirão os seus frutos.
21 “ ‘Yoo isin naan mormitanii na dhagaʼuu diddan, ani akkuma cubbuu keessaniitti dhaʼicha dachaa torba isinitti nan fida.
21 Se me puserdes obstáculos e não quiserdes ouvir-me, ferir-vos-ei sete vezes mais, conforme os vossos pecados.
22 Anis bineensota bosonaa isinittan erga; isaanis ijoollee keessan isin jalaa ni butatu; horii keessan ni barbadeessu; baayʼinni keessan ni xinnaata; daandiiwwan keessanis duwwaa hafu.
22 Mandarei contra vós as feras do campo, que devorarão vossos filhos, matarão vossos animais e vos reduzirão a um pequeno número, de modo que os vossos caminhos se tornarão desertos.
23 “ ‘Yoo isin waan kanneeniin deebiʼuu diddanii naan mormuu keessan itti fuftan garuu,
23 Se apesar desses castigos não vos quiserdes corrigir, e vos obstinardes em resistir-me,
24 ani mataan koo isiniinan morma; sababii cubbuu keessaniitiifis dachaa torba isin nan miidha.
24 eu vos resistirei por minha vez e vos ferirei sete vezes mais, por causa dos vossos pecados.
25 Kakuu cabsuu keessaniifis goraadee isinitti fidee haaloo isin nan baafadha. Yommuu isin gara magaalaawwan keessaniitti baqattanitti ani gidduu keessanitti dhaʼicha nan erga; isinis dabarfamtanii harka diinotaatti kennamtu.
25 Farei cair sobre vós a espada para vingar a minha aliança. Se vos ajuntardes em vossas cidades, lançarei a peste no meio de vós e sereis entregues nas mãos de vossos inimigos.
26 Yommuu ani madda buddeena keessanii gogsutti, dubartoonni kudhan eelee tokkotti buddeena tolchu, isaanis buddeena sana madaalanii isinii kennu; isin ni nyaattu; garuu hin quuftan.
26 Tirar-vos-ei o pão, vosso sustentáculo, de tal sorte que dez mulheres o cozerão em um só forno e vo-lo entregarão por peso; comereis e não ficareis saciados.
27 “ ‘Yoo isin waan kanaanis na dhagaʼuu diddanii garuu naan mormuutti fuftan,
27 Se, apesar disso, não me ouvirdes, e me resistirdes ainda,
28 anis aaree isiniin nan morma; ani mataan koo sababii cubbuu keessaniitiif dachaa torba isiniinan adaba.
28 marcharei contra vós em meu furor e vos castigarei sete vezes mais, por causa dos vossos pecados.
29 Isin foon ilmaan keessaniitii fi foon intallan keessanii ni nyaattu.
29 Comereis a carne de vossos filhos e de vossas filhas.
30 Iddoowwan sagadaa keessan barbadeessee iddoowwan aarsaa ixaanaa keessan nan caccabsa; reeffa keessanis waaqota keessan warra lubbuu hin qabne sana irra nan tuula; isinis nan balfa.
30 Destruirei vossos lugares altos e quebrarei vossas estelas solares; amontoarei vossos cadáveres sobre os de vossos ídolos, e minha alma vos abominará.
31 Magaalaawwan keessan nan diiga; iddoowwan qulqulluu keessan nan onsa; urgaa keessan gammachiisaas hin urgeeffadhu.
31 Reduzirei a deserto as vossas cidades, devastarei vossos santuários e não aspirarei mais o suave odor de vossos perfumes.
32 Ani akka diinonni keessan kanneen achi jiraatan rifataniif biyyattii nan onsa;
32 Desolarei vossa terra e vossos inimigos ficarão estupefatos com ela quando a habitarem.
33 ani saboota gidduu isin nan bittinneessa; goraadee koo luqqifadhees isin nan ariʼa. Biyyi keessan ni ona; magaalaawwan keessan immoo ni diigamu.
33 Eu vos dispersarei entre as nações, e desembainharei a espada atrás de vós; vossa terra será devastada e vossas cidades se tornarão desertas.
34 Biyyattiinis yeroo ontee isin biyya diinota keessanii keessa jiraattanitti sanbata isheetti ni gammaddi; laftis boqottee sanbata isheetti gammaddi.
34 Então gozará a terra os seus sábados enquanto durar a sua solidão, quando estiverdes na terra de vossos inimigos; então a terra gozará os seus sábados e repousará.
35 Biyyattiin yeroo onte kana hunda boqonnaa sanbatootaa kan yeroo isin ishee irra jiraattanitti hin argatin ni argatti.
35 Nos dias em que for devastada, ela terá o repouso que não gozou nos sábados do tempo em que a habitáveis.
36 “ ‘Warra isin keessaa hafan, ani utuma isaan biyya diinota isaanii jiranuu garaa isaaniitti naasuu nan buusa. Sagaleen baala qilleensi raasuu isaan ariʼa; utuma namni isaan ariʼu tokko illee hin jiraatin isaan akkuma waan goraadee jalaa baqataniitti fiigu; ni kukkufus.
36 Naqueles dentre vós que sobreviverem, porei tal espanto em seus corações na terra de seus inimigos, que o ruído de uma folha agitada pelo vento os porá em fuga: fugirão como se foge diante da espada e cairão sem que ninguém os persiga.
37 Namni isaan ariʼu jiraachuu baatu illee isaan akkuma waan goraadee jalaa baqataniitti wal gufachiisu. Isin fuula diinota keessanii dura dhaabachuu hin dandeessan.
37 Sem que ninguém os persiga, tropeçarão uns sobre os outros, como diante da espada. Não podereis resistir aos vossos inimigos.
38 Isin saboota ormaa gidduutti dhumtu; lafti diinota keessaniis isin liqimsiti.
38 Perecereis entre as nações e a terra inimiga vos consumirá.
39 Warri isin keessaa hafan immoo sababii cubbuu isaaniitiif lafa diinota isaanii keessatti badu; sababii cubbuu abbootii isaaniitiinis ni badu.
39 Os que sobreviverem consumir-se-ão por causa de suas iniqüidades na terra de seus inimigos, e serão também consumidos por causa das iniqüidades de seus pais, que levarão sobre si.
40 “ ‘Garuu yoo isaan cubbuu isaaniitii fi cubbuu abbootii isaanii jechuunis gantummaa fi daba isaan natti hojjetan
40 Eles confessarão, então, as suas iniqüidades e as de seus pais, as transgressões cometidas contra mim, porque me resistiram;
41 kan akka ani isaaniin mormuu fi akka ani biyya diinota isaaniitti isaan ergu himatan, yoo garaan isaanii kan dhagna hin qabatin sun gad of deebisee isaan gatii cubbuu isaaniitiif malu baasan,
41 e, por isso, eu também lhes resisti e os levei para a terra de seus inimigos. Se, então, humilharem o seu coração incircunciso e sofrerem a pena de sua iniqüidade,
42 ani kakuu koo kanan Yaaqoob wajjin gale, kakuu koo kanan Yisihaaq wajjin gale, kakuu koo kanan Abrahaam wajjin gale sana nan yaadadha; biyyattiis nan yaadadha.
42 eu me lembrarei de minha aliança com Jacó, de minha aliança com Isaac e com Abraão, e lembrar-me-ei dessa terra.
43 Lafti isaan malee hafti; yeroo isaan malee haftuttis sanbatoota isheetti ni gammaddi. Isaan sababii seera koo tuffatanii ajaja koos balfaniif gatii cubbuu isaanii ni baasu.
43 E, depois que eles a tiverem deixado, esta terra gozará os seus sábados enquanto for devastada longe deles; eles sofrerão a pena de suas iniqüidades, porque desprezaram os meus mandamentos e a sua alma feriu as minhas leis.
44 Taʼus utuu isaan biyya diinota isaanii keessa jiranuu ani kakuu koo kanan isaan wajjin gale sana cabsee guutumaan guutuutti isaan balleessuuf jedhee isaan hin tuffadhu yookaan isaan hin balfu. Ani Waaqayyo Waaqa isaanii ti.
44 Apesar de tudo isso, quando estiverem na terra de seus inimigos, não os rejeitarei, nem os abominarei a ponto de exterminá-los e de romper minha aliança com eles; porque eu sou o Senhor, seu Deus.
45 Garuu ani isaaniif jedhee kakuu ani abbootii isaanii warra ani Waaqa isaanii taʼuuf utuu saboonni arganuu biyya Gibxiitii baasee fide sana wajjin gale nan yaadadha. Ani Waaqayyo.’ ”
45 Lembrar-me-ei de minha aliança com seus pais, quando os tirei do Egito à vista das nações, para ser o seu Deus. Eu sou o Senhor."
46 Kunneen labsiiwwan, seerawwanii fi qajeelcha Waaqayyo Gaara Siinaa irratti harka Museetiin ofii isaatii fi Israaʼeloota gidduutti baasee dha.
46 Tais são as ordenações, os mandamentos e as leis que o Senhor estabeleceu entre ele e os israelitas, por intermédio de Moisés, no monte Sinai.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Levítico 26, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.