Levítico 25

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Waaqayyo Gaara Siinaa irratti Museedhaan akkana jedhe;
1 O Senhor disse a Moisés no monte Sinai: "Dize aos israelitas o seguinte:
2 “Akkana jedhii Israaʼelootatti himi: ‘Yommuu biyya ani isinii kennutti galtan, biyyattiin mataan ishee sanbata Waaqayyoo haa kabajju.
2 quando tiverdes entrado na terra que vos hei de dar, a terra repousará: este será um sábado em honra do Senhor.
3 Waggaa jaʼa lafa qotiisaa kee facaafadhu; waggaa jaʼa immoo wayinii kee irraa qori; ija isaas walitti qabadhu.
3 Durante seis anos semearás a tua terra, durante seis anos podarás a tua vinha e recolherás os seus frutos.
4 Waggaa torbaffaatti garuu lafti sanbata boqonnaa haa qabaatu; kunis sanbata Waaqayyoof kabajamuu dha. Lafa qotiisaa kee hin facaafatin yookaan wayinii kee irraa hin qorin.
4 Mas o sétimo ano será um sábado, um repouso para a terra, um sábado em honra do Senhor: não semearás o teu campo, nem podarás a tua vinha;
5 Waan ofiin biqile hin haammatin yookaan wayinii hin qoramin irraa ija walitti hin qabatin. Lafti boqonnaa waggaa tokkoo haa argattu.
5 não colherás o que nascer dos grãos caídos de tua ceifa, nem as uvas de tua vinha não podada, porque é um ano de repouso para a terra.
6 Wanni lafti waggaa sanbataatti kennitu nyaata kee haa taʼu jechuunis siʼi mataa keetiif, garboota kee dhiiraa fi dubartiidhaaf, warra qaxaramanii hojjetanii fi alagoota yeroodhaaf si wajjin jiraataniif nyaata haa taʼu;
6 Mas o que a terra der espontaneamente durante o seu sábado, vos servirá de alimento, a ti, ao teu servo e à tua serva, ao teu operário ou ao estrangeiro que mora contigo;
7 akkasumas horii keetii fi bineensa daggalaa kanneen biyya kee keessa jiraataniif nyaata haa taʼu. Wanni lafti baaftu kam iyyuu haa nyaatamu.
7 tudo o que nascer servirá de alimento também ao teu rebanho e aos animais que estão em tua terra.
8 “ ‘Waggoota sanbataa torba jechuunis waggoota torba yeroo torba lakkaaʼi; waggoonni sanbataa torban waggoota afurtamii sagal taʼu.
8 Contarás sete anos sabáticos, sete vezes sete anos, cuja duração fará um período de quarenta e nove anos.
9 Guyyaa kurnaffaa jiʼa torbaffaatti immoo guutummaa biyya keessanii keessatti malakata dhageessisi; Guyyaa Araarri Buʼuttis guutummaa biyyaa keessatti malakata dhageessisaa.
9 Tocarás então a trombeta no décimo dia do sétimo mês: tocareis a trombeta no dia das Expiações em toda a vossa terra.
10 Waggaa shantamaffaa qulqulleessaatii guutummaa biyyattii keessatti jiraattota hundaaf bilisummaa labsaa. Kunis iyyoobeeliyyuu isinii taʼa; tokkoon tokkoon namaa deebiʼee gara qabeenya isaattii fi gara maatii isaatti haa galu.
10 Santificareis o qüinquagésimo ano e publicareis a liberdade na terra para todos os seus habitantes. Será o vosso jubileu. Voltareis cada um para as suas terras e para a sua família.
11 Waggaan shantamaffaan iyyoobeeliyyuu isiniif haa taʼu; hin facaafatinaa; waan ofiin biqile hin haammatinaa; wayinii hin qoramin irraas ija isaa walitti hin qabatinaa.
11 O qüinquagésimo ano será para vós um jubileu: não semeareis, não ceifareis o que a terra produzir espontaneamente, e não vindimareis a vinha não podada,
12 Kun sababii iyyoobeeliyyuu taʼeef qulqulluu isiniif haa taʼu; waan lafa qotiisaa irraa galfamu nyaadhaa.
12 pois é o jubileu que vos será sagrado. Comereis o produto de vossos campos.
13 “ ‘Waggaa Iyyoobeeliyyuu kana keessa tokkoon tokkoon namaa gara qabeenya isaatti haa deebiʼu.
13 Nesse ano jubilar, voltareis cada um à sua possessão.
14 “ ‘Yoo nama saba kee taʼetti lafa gurgurte yookaan waan tokko isa irraa bitte, wal hin gowwoomsinaa.
14 Se venderdes ou comprardes alguma coisa de vosso próximo, ninguém dentre vós cause dano ao seu irmão.
15 Ati waggoota waggaa Iyyoobeeliyyuu booddee jiran irratti hundooftee nama saba keetii irraa bitadhu. Innis baayʼina waggoota galchaa midhaanii lakkaaʼee sitti haa gurguru.
15 Comprarás ao teu próximo segundo o número de anos decorridos desde o jubileu, e ele te venderá segundo o número de anos de colheita.
16 Yoo waggaan baayʼee taʼe gatii isaa dabaliif; yoo waggaan isaa gabaabaa taʼe immoo gatii isaa hirʼisi; sababiin isaa wanni inni sitti gurguru baayʼina midhaanii ti.
16 Aumentarás o preço em razão dos anos que restarem, e o abaixarás à medida que os anos diminuírem, porque é o número de colheitas que ele te vende.
17 Wal hin cunqursinaa; garuu Waaqa sodaadhaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
17 Ninguém prejudique o seu próximo. Teme o teu Deus. Eu sou o Senhor, vosso Deus.
18 “ ‘Ajaja koo duukaa buʼaa; seera koo illee eegaa; isinis biyyattii keessa nagaan ni jiraattu.
18 Obedecereis às minhas leis; guardareis os meus preceitos e os cumprireis, a fim de habitardes em segurança na terra.
19 Lafti ija ni kenniti; isinis hamma quuftanitti nyaattu; nagaadhaanis ni jiraattu.
19 A terra vos dará os seus frutos, comereis até vos saciardes e vivereis em segurança.
20 Isinis, “Nu yoo facaafachuu yookaan midhaan keenya walitti qabachuu baanne waggaa torbaffaatti maal nyaanna?” jettanii gaafattu taʼa.
20 Se disserdes: que comeremos nós no sétimo ano, se não semearmos, nem recolhermos os nossos frutos?
21 Akka lafti midhaan waggaa sadiif gaʼu isinii kennituuf ani waggaa jaʼaffaatti eebba koo isiniif nan erga.
21 Eu vos darei a minha bênção no sexto ano, e a terra produzirá uma colheita para três anos.
22 Yeroo waggaa saddeettaffaatti facaafattanittis waanuma duraan galfattan irraa nyaattu; hamma midhaan waggaa saglaffaa walitti qabattanitti midhaanuma kana nyaattu.
22 Semeareis no oitavo ano, e comereis da antiga colheita até o ano novo: comereis da antiga colheita até que venha a nova."
23 “ ‘Lafti sababii kanuma koo taateef bara baraan hin gurguramin; isin anaaf alagaa fi keessummoota.
23 "A terra não se venderá para sempre, porque a terra é minha, e vós estais em minha casa como estrangeiros ou hóspedes.
24 Biyya akka dhaalaatti qabattan guutuu keessatti waan ittiin lafa furtan baasaa.
24 Portanto, em todo o território de vossa propriedade, concedereis o direito de resgatar a terra.
25 “ ‘Obboleessi kee tokko hiyyoomee lafa isaa yoo gurgure, namni fira isaa kan dhiʼoo taʼe dhufee waan firri isaa gurgure sana haa furuuf.
25 Se teu irmão se tornar pobre e vender uma parte de seu bem, seu parente mais próximo que tiver o direito de resgate se apresentará e resgatará o que o seu irmão vendeu.
26 Garuu yoo namichi sun fira lafa isaa furuuf dhabee inni mataan isaa waan ittiin lafa isaa furatu argate,
26 Se um homem não tiver ninguém que tenha o direito de resgate, mas procurar ele mesmo os meios de fazer o seu resgate,
27 waggoota yeroo inni lafa isaa gurgure sanaa as jiran lakkaaʼee namicha itti gurgure sanaaf maallaqa isaa haa deebisu; innis gara lafa ofiitti haa deebiʼu.
27 contará os anos desde que fez a venda, restituirá o excedente ao comprador, e se reintegrará na sua propriedade.
28 Garuu yoo waan namicha sanaaf deebisu dhabee, wanni inni gurgure sun hamma waggaa iyyoobeeliyyuutti harkuma namicha bite sanaa haa turu. Waggaa Iyyoobeeliyyuu keessa ni deebiʼaaf; innis gara qabeenya isaatti ni deebiʼa.
28 Se não encontrar, porém, meios de indenizar, a terra vendida ficará nas mãos do comprador até o ano jubilar; sairá do poder deste no ano do jubileu, e voltará à posse do seu antigo dono.
29 “ ‘Namni yoo magaalaa dallaa qabdu keessatti mana jireenyaa gurgurate, gaafa gurguratee jalqabee waggaa tokko keessatti furachuu dandaʼa. Mirgi furachuu isaas hamma waggaa tokkootti tura.
29 Se um homem vender uma casa de habitação situada dentro de uma cidade murada, terá o direito de resgatá-la até o fim do ano que se segue à venda: seu direito de resgate será de um ano completo.
30 Yoo utuu waggaan tokko hin guutin furamuu baate manni magaalaa dallaa qabdu keessatti argamu sun qabeenya namicha biteetii fi kan sanyii isaa taʼee hafa. Waggaa Iyyoobeeliyyuuttis hin deebiʼu.
30 Se a casa situada na cidade murada não for resgatada antes do fim do ano completo, ela pertencerá sempre ao comprador e aos seus descendentes: não sairá de suas mãos no jubileu.
31 Manneen gandoota dallaan itti hin ijaaramin keessa jiran garuu waan akka lafa baadiyyaatti hedamaniif furamuu dandaʼu. Bara Iyyoobeeliyyuuttis ni deebifamu.
31 Entretanto, as casas das povoações que não têm muros serão consideradas como fazendo parte do fundo de terras; poderão ser resgatadas e serão livres no ano do jubileu.
32 “ ‘Lewwonni garuu manneen isaanii kanneen magaalaawwan isaanii keessatti argaman furachuuf yeroo kam iyyuu mirga qabu.
32 Quanto às cidades dos levitas e às casas que possuem, terão eles um direito de resgate perpétuo.
33 Qabeenyi Lewwotaa furamuu ni dandaʼa; manneen magaalaa isaan qabatan keessatti gurguraman bara Iyyoobeeliyyuutti ni deebifamu; manneen magaalaa Lewwotaa keessatti argaman Israaʼeloota gidduutti qabeenya Lewwotaatii.
33 Quem comprar dos levitas uma casa, sairá no jubileu da casa vendida e da cidade em que a possua, porque as casas das cidades dos levitas são sua propriedade no meio dos israelitas.
34 Lafti dheedaa kan naannoo magaalaa isaaniitti argamu garuu sababii qabeenya isaanii kan bara baraa taʼeef hin gurguramin.
34 Os campos dos arrabaldes das cidades dos levitas não serão vendidos, porque são sua propriedade perpétua."
35 “ ‘Yoo obboleessi kee tokko hiyyoomee isin gidduutti of gargaaruu dadhabe, akka inni isin gidduu jiraachuu dandaʼuuf akkuma alagaa yookaan keessummaa tokko gargaartutti isa gargaar.
35 "Se teu irmão se tornar pobre junto de ti, e as suas mãos se enfraquecerem, sustentá-lo-ás, mesmo que se trate de um estrangeiro ou de um hóspede, a fim de que ele viva contigo.
36 Akka namni sun si wajjin jiraachuu dandaʼuuf Waaqa kee sodaadhu malee dhala tokko iyyuu isa irraa hin fudhatin.
36 Não receberás dele juros nem ganho; mas temerás o teu Deus, para que o teu irmão viva contigo.
37 Maallaqa kee dhalaan hin liqeessiniif yookaan nyaata kee buʼaa itti herregattee hin kenniniif.
37 Não lhe emprestarás com juros o teu dinheiro, e não lhe darás os teus víveres por amor ao lucro.
38 Ani Waaqayyo Waaqa keessan kan biyya Kanaʼaan isiniif kennuu fi Waaqa keessan taʼuuf biyya Gibxii isin baasee dha.
38 Eu sou o Senhor vosso Deus que vos tirei do Egito, para vos dar a terra de Canaã e para ser o vosso Deus.
39 “ ‘Yoo obboleessi kee tokko hiyyoomee sitti of gurgure akka garbichaatti isa hin hojjechiifatin.
39 Se teu irmão se tornar pobre junto de ti e se se vender a ti, não exigirás dele um serviço de escravo.
40 Inni akka hojjetaa qaxaramaa yookaan nama yeroodhaaf isin wajjin jiraatuu haa taʼu; inni hamma Waggaa Iyyoobeeliyyuutti siif haa hojjetu.
40 Estará em tua casa como um operário, e como um hóspede estará a teu serviço até o ano jubilar.
41 Ergasii inni ijoollee isaa wajjin gad haa lakkifamu; inni gara maatii isaatii fi qabeenya abbootii isaatti haa deebiʼu.
41 E sairá então de tua casa, ele e seus filhos com ele; voltará para a sua família e para a herança de seus pais.
42 Israaʼeloonni sababii garboota koo warra ani biyya Gibxiitii baasee fide taʼaniif akka garbootaatti hin gurguramin.
42 Porque são meus servos que tirei do Egito, não devem ser vendidos como se vende um escravo.
43 Waaqa kee sodaadhu malee gara jabinaan isaan hin bulchin.
43 Não dominarás sobre ele com rigor, mas temerás o teu Deus.
44 “ ‘Garboonni kee dhiironnii fi dubartoonni saboota naannoo kee jiraatan gidduudhaa haa dhufan; isin isaan keessaa garboota bitachuu dandeessu.
44 Vossos escravos, homens ou mulheres, tomá-los-eis dentre as nações que vos cercam; delas comprareis os vossos escravos, homens ou mulheres.
45 Akkasumas keessummoota isin gidduu jiraatanii fi maatii isaanii warra biyya keessanitti dhalatan keessaa garboota bitachuu dandeessu; isaanis qabeenya keessan haa taʼan.
45 Podereis também comprá-los dentre os filhos dos estrangeiros que habitam no meio de vós, das suas famílias que moram convosco dentre os filhos que eles tiverem gerado em vossa terra: e serão vossa propriedade.
46 Akka qabeenya dhaalamuutti ijoollee keessanitti dabarsuu dandeessu; bara jireenya isaanii guutuus isaan garboomfachuu dandeessu; Israaʼeloota obboloota keessan taʼan garuu gara jabinaan hin bulchinaa.
46 Deixá-los-eis por herança a vossos filhos depois de vós, para que os possuam plenamente como escravos perpétuos. Mas, quanto a vossos irmãos, os israelitas, não dominareis com rigor uns sobre os outros.
47 “ ‘Yoo alagaan yookaan keessummaan si wajjin jiraatu tokko sooromee obboleessi kee immoo hiyyoomee alagaa si wajjin jiraatutti yookaan maatii alagaa sanaatti of gurgure,
47 Se se tornar rico o estrangeiro, estabelecido no meio de ti, e teu irmão, seu vizinho, se tornar pobre e se vender a esse estrangeiro que vive no meio de ti,
48 inni erga of gurguree booddee furamuuf mirga qaba. Firoota isaa keessaas namni tokko isa furuu dandaʼa.
48 haverá para aquele que se vende um direito de resgate: um de seus irmãos poderá resgatá-lo.
49 Obboleessi abbaa isaa yookaan ilmi obboleessa abbaa isaa yookaan aantee isaa keessaa firri dhiigaa isa furuu dandaʼa. Yookaan inni iyyuu yoo soorome of furuu dandaʼa.
49 Seu tio, o filho de seu tio, ou um de seus próximos parentes poderá também resgatá-lo. Ou então ele mesmo se resgatará, se conseguir os meios de fazê-lo.
50 Innii fi namichi isa bite sun waggaa inni itti of gurguree jalqabee hamma waggaa Iyyoobeeliyyuutti haa lakkaaʼan. Gatiin furii isaas baayʼina waggoota sanaa irratti hundaaʼa; yeroon inni namicha isa bitate sana bira ture immoo akka nama qacaramee hojjete tokkootti herregama.
50 Com aquele que o tiver comprado, fará a conta desde o ano em que se vendeu a ele até o ano jubilar, e o preço de venda se estimará segundo o número dos anos, avaliando seus dias de trabalho como os de um operário.
51 Yoo akka herrega isaaniitti waggoonni baayʼeen hafan inni gatii ittiin bitame sana keessaa harka baayʼee namicha sanaaf deebisuu qaba.
51 Se houver ainda muitos anos, pagará o seu resgate em razão desses anos, segundo o preço pelo qual foi comprado;
52 Yoo waggoonni hamma Waggaa Iyyoobeeliyyuutti hafan muraasa taʼan inni waggoota hafan sana herregatee gatii furama isaa haa kaffalu.
52 e se faltarem poucos anos até o ano jubilar, fará a conta disso, e pagará o seu resgate em proporção ao número desses anos.
53 Inni akkuma nama waggaa waggaatti qaxaramu tokkootti isa wajjin haa jiraatu; fuula kee durattis inni gara jabinaan isa hin bulchin.
53 Ele estará em sua casa como um operário que trabalha ano por ano, e o comprador não o tratará com rudeza à tua vista.
54 “ ‘Yoo inni karaa kanneeniin furamuu baates innii fi ijoolleen isaa Waggaa Iyyoobeeliyyuutti furamuu qabu;
54 Se ele não for resgatado de nenhuma dessas maneiras, sairá livre no ano jubilar, ele e seus filhos,
55 Israaʼeloonni garboota kootii. Isaan garboota koo kanneen ani biyya Gibxii baasee fidee dha. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
55 porque os filhos de Israel são meus servos; são meus servos que tirei da terra do Egito. Eu sou o Senhor, vosso Deus."

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Levítico 25, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.