Levítico 23
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARA
1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
1 Disse o Senhor a Moisés:
2 “Akkana jedhiitii Israaʼelootatti dubbadhu; ‘Kunneen ayyaanota koo murtaaʼoo, ayyaanota Waaqayyoo kanneen isin guyyoota wal gaʼii qulqulluu jettanii labsitanii dha.
2 Fala aos filhos de Israel e dize-lhes: As festas fixas do Senhor , que proclamareis, serão santas convocações; são estas as minhas festas.
3 “ ‘Guyyoonni isin hojii itti hojjettan jaʼatu jira; guyyaan torbaffaan garuu sanbata boqonnaa, guyyaa wal gaʼii qulqulluu ti. Isin hojii tokko illee hin hojjetinaa; iddoo isin jiraattan kamitti iyyuu kun sanbata Waaqayyoo ti.
3 Seis dias trabalhareis, mas o sétimo será o sábado do descanso solene, santa convocação; nenhuma obra fareis; é sábado do Senhor em todas as vossas moradas.
4 “ ‘Isaan kunneen ayyaanota Waaqayyoo murteeffamoo, waldaawwan qulqulluu isin yeroo isaaniitti labsitanii dha;
4 São estas as festas fixas do Senhor , as santas convocações, que proclamareis no seu tempo determinado:
5 Faasiikaan Waaqayyoo galgala bultii kudha afuraffaa jiʼa jalqabaatti jalqabama.
5 no mês primeiro, aos catorze do mês, no crepúsculo da tarde, é a Páscoa do Senhor .
6 Guyyaa kudha shanaffaa jiʼa jalqabaatti Ayyaana Waaqayyoo kan maxinootu jalqabama; isinis guyyaa torba buddeena raacitii hin qabne nyaadhaa.
6 E aos quinze dias deste mês é a Festa dos Pães Asmos do Senhor ; sete dias comereis pães asmos.
7 Guyyaa jalqabaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa.
7 No primeiro dia, tereis santa convocação; nenhuma obra servil fareis;
8 Bultii torba aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu dhiʼeessaa. Bultii torbaffaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa.’ ”
8 mas sete dias oferecereis oferta queimada ao Senhor ; ao sétimo dia, haverá santa convocação; nenhuma obra servil fareis.
9 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
9 Disse mais o Senhor a Moisés:
10 “Akkana jedhii Israaʼelootatti dubbadhu; ‘Yommuu biyya ani isiniif kennutti galtanii oomisha walitti qabdanitti bissii mataa midhaan walitti qabdan sanaa lubatti fidaa.
10 Fala aos filhos de Israel e dize-lhes: Quando entrardes na terra, que vos dou, e segardes a sua messe, então, trareis um molho das primícias da vossa messe ao sacerdote;
11 Innis akka bissiin sun fudhatama isiniif argatuuf fuula Waaqayyoo duratti haa sochoosu; lubichis guyyaa Sanbata booddee jirutti haa sochoosu.
11 este moverá o molho perante o Senhor , para que sejais aceitos;
12 Guyyaa bissii sana sochooftanitti, xobbaallaa hoolaa waggaa tokkoo kan hirʼina hin qabne aarsaa gubamu godhaatii Waaqayyoof dhiʼeessaa;
12 no dia imediato ao sábado, o sacerdote o moverá. No dia em que moverdes o molho, oferecereis um cordeiro sem defeito, de um ano, em holocausto ao Senhor .
13 kana wajjinis aarsaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumame iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka lama aarsaa urgaaʼaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu fi dhibaayyuu daadhii wayinii iinii tokko irraa harka afur keessaa harka tokko dhiʼeessaa.
13 A sua oferta de manjares serão duas dízimas de um efa de flor de farinha, amassada com azeite, para oferta queimada de aroma agradável ao Senhor , e a sua libação será de vinho, a quarta parte de um him.
14 Isin hamma gaafa kennaa kana Waaqayyoof dhiʼeessitanitti buddeena yookaan akaayii yookaan asheetii hin nyaatinaa. Kunis iddoo isin jiraattan hundatti dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu.
14 Não comereis pão, nem trigo torrado, nem espigas verdes, até ao dia em que trouxerdes a oferta ao vosso Deus; é estatuto perpétuo por vossas gerações, em todas as vossas moradas.
15 “ ‘Guyyaa Sanbata booddee jiru, gaafa bissii aarsaa sochoofamu fiddanii jalqabaatii torbanoota torba guutuu lakkaaʼaa.
15 Contareis para vós outros desde o dia imediato ao sábado, desde o dia em que trouxerdes o molho da oferta movida; sete semanas inteiras serão.
16 Hamma guyyaa Sanbata torbaffaa booddee jiruutti guyyaa shantama lakkaaʼaa; ergasii immoo aarsaa midhaan haaraa Waaqayyoof dhiʼeessaa.
16 Até ao dia imediato ao sétimo sábado, contareis cinquenta dias; então, trareis nova oferta de manjares ao Senhor .
17 Iddoo jiraattan hundatti buddeena lama kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harka lamaa kan raacitiin itti makamee tolfame kennaa hangafa kan sochoofamu godhaatii Waaqayyoof fidaa.
17 Das vossas moradas trareis dois pães para serem movidos; de duas dízimas de um efa de farinha serão; levedados se cozerão; são primícias ao Senhor .
18 Buddeena kana wajjinis xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen hirʼina hin qabnee fi kanneen waggaa tokko tokkoo, dibicha tokkoo fi korbeeyyii hoolaa lama dhiʼeessaa. Isaanis aarsaa midhaan isaaniitii fi aarsaa dhibaayyuu isaanii wajjin Waaqayyoof aarsaa gubamu taʼu; kunis aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti toluu dha.
18 Com o pão oferecereis sete cordeiros sem defeito de um ano, e um novilho, e dois carneiros; holocausto serão ao Senhor , com a sua oferta de manjares e as suas libações, por oferta queimada de aroma agradável ao Senhor .
19 Ergasiis aarsaa cubbuutiif korma reʼee tokko akkasumas xobbaallaa hoolaa lama kanneen waggaa tokko tokkoo aarsaa nagaatiif qalaa.
19 Também oferecereis um bode, para oferta pelo pecado, e dois cordeiros de um ano, por oferta pacífica.
20 Lubni immoo xobbaallaa hoolaa sana lamaan aarsaa sochoofamu godhee buddeena jalqabaa wajjin fuula Waaqayyoo duratti haa sochoosu. Isaan kunneenis kan Waaqayyoof qulqulleeffamanii dha; qooda lubootaatis.
20 Então, o sacerdote os moverá, com o pão das primícias, por oferta movida perante o Senhor , com os dois cordeiros; santos serão ao Senhor , para o uso do sacerdote.
21 Isin gaafuma sana wal gaʼii qulqulluu labsaa; hojii idilees hin hojjetinaa. Kunis iddoo isin jiraattan hundatti dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu.
21 No mesmo dia, se proclamará que tereis santa convocação; nenhuma obra servil fareis; é estatuto perpétuo em todas as vossas moradas, pelas vossas gerações.
22 “ ‘Yommuu oomisha lafa keessanii walitti qabdanitti hamma qarqaraatti hin haaminaa yookaan qarmii isaa hin funaaninaa; waan kana hiyyeeyyii fi alagootaaf hambisaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.’ ”
22 Quando segardes a messe da vossa terra, não rebuscareis os cantos do vosso campo, nem colhereis as espigas caídas da vossa sega; para o pobre e para o estrangeiro as deixareis. Eu sou o Senhor , vosso Deus.
23 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
23 Disse mais o Senhor a Moisés:
24 “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Isin guyyaa jalqaba jiʼa torbaffaatti sanbata boqonnaa qabaadhaa; yaaʼii qulqulluu sagalee malakataatiin ayyaaneffamus qabaadhaa.
24 Fala aos filhos de Israel, dizendo: No mês sétimo, ao primeiro do mês, tereis descanso solene, memorial, com sonidos de trombetas, santa convocação.
25 Aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu dhiʼeessaa malee hojii idilee hin hojjetinaa.’ ”
25 Nenhuma obra servil fareis, mas trareis oferta queimada ao Senhor .
26 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
26 Disse mais o Senhor a Moisés:
27 “Guyyaan kurnaffaan jiʼa torbaffaa guyyaa araarri buʼuu dha. Wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; gad ofi deebisaa; Waaqayyoofis aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu dhiʼeessaa.
27 Mas, aos dez deste mês sétimo, será o Dia da Expiação; tereis santa convocação e afligireis a vossa alma; trareis oferta queimada ao Senhor .
28 Sababii guyyaan sun Guyyaa Araarri Buʼu, yeroo itti fuula Waaqayyo Waaqa keessanii duratti araarri isiniif buʼu taʼeef hojii tokko illee hin hojjetinaa.
28 Nesse mesmo dia, nenhuma obra fareis, porque é o Dia da Expiação, para fazer expiação por vós perante o Senhor , vosso Deus.
29 Namni gaafuma sana gad of hin deebifne kam iyyuu saba isaa keessaa baafamee ni balleeffama.
29 Porque toda alma que, nesse dia, se não afligir será eliminada do seu povo.
30 Nama gaafa sana hojii tokko illee hojjetu kam iyyuus ani saba isaa gidduudhaa nan balleessa.
30 Quem, nesse dia, fizer alguma obra, a esse eu destruirei do meio do seu povo.
31 Isin hojii tokko iyyuu hin hojjetinaa. Kunis lafa isin jiraattan hundatti dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu.
31 Nenhuma obra fareis; é estatuto perpétuo pelas vossas gerações, em todas as vossas moradas.
32 Kun isiniif sanbata boqonnaa ti; isinis gad of deebisuu qabdu. Galgala bultii saglaffaa jiʼa sanaatii jalqabaatii hamma galgala itti aanutti sanbata keessan ayyaaneffadhaa.”
32 Sábado de descanso solene vos será; então, afligireis a vossa alma; aos nove do mês, de uma tarde a outra tarde, celebrareis o vosso sábado.
33 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
33 Disse mais o Senhor a Moisés:
34 “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Bultii kudha shanaffaa jiʼa torbaffaatti Ayyaana Dunkaana Qulqulluu Waaqayyootu jalqabama; kunis bultii torba tura.
34 Fala aos filhos de Israel, dizendo: Aos quinze dias deste mês sétimo, será a Festa dos Tabernáculos ao Senhor , por sete dias.
35 Guyyaan jalqabaa wal gaʼii qulqulluu dha; hojii idilees hin hojjetinaa.
35 Ao primeiro dia, haverá santa convocação; nenhuma obra servil fareis.
36 Guyyaa torba aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu dhiʼeessaa; guyyaa saddeettaffaatti immoo wal gaʼii qulqulluu godhadhaatii aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu dhiʼeessaa; kun guyyaa wal gaʼiin qulqulluun itti xumuramuu dha; hojii idilees hin hojjetinaa.
36 Sete dias oferecereis ofertas queimadas ao Senhor ; ao dia oitavo, tereis santa convocação e oferecereis ofertas queimadas ao Senhor ; é reunião solene, nenhuma obra servil fareis.
37 “ ‘Kunneen ayyaanota Waaqayyoo murtaaʼoo isin aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu, aarsaa gubamu, aarsaa midhaanii, qalmaa fi dhibaayyuu guyyaa kamiif iyyuu barbaachisu dhiʼeessuuf wal gaʼiiwwan qulqulluu itti labsitanii dha.
37 São estas as festas fixas do Senhor , que proclamareis para santas convocações, para oferecer ao Senhor oferta queimada, holocausto e oferta de manjares, sacrifício e libações, cada qual em seu dia próprio,
38 Aarsaawwan kunneen kennaawwan isin Sanbata Waaqayyootiif dhiʼeessitanii fi kennaawwan keessan, kennaawwan wareega keessanii fi kennaawwan isin fedhiidhaan kennitan hunda irratti dabaltanii Waaqayyoof fiddanii dha.
38 além dos sábados do Senhor , e das vossas dádivas, e de todos os vossos votos, e de todas as vossas ofertas voluntárias que dareis ao Senhor .
39 “ ‘Erga oomisha lafa keessanii walitti qabdanii booddee bultii kudha shanaffaa jiʼa torbaffaatii jalqabaatii bultii torba Waaqayyoof ayyaana ayyaaneffadhaa; guyyaan jalqabaa sanbata boqonnaa ti; guyyaan saddeettaffaanis akkasuma sanbata boqonnaa ti.
39 Porém, aos quinze dias do mês sétimo, quando tiverdes recolhido os produtos da terra, celebrareis a festa do Senhor , por sete dias; ao primeiro dia e também ao oitavo, haverá descanso solene.
40 Guyyaa jalqabaa ija muka gaarii, damee meexxii, damee muka baala qabuutii fi alaltuu qabadhaatii guyyaa torba fuula Waaqayyo Waaqa keessanii duratti gammadaa.
40 No primeiro dia, tomareis para vós outros frutos de árvores formosas, ramos de palmeiras, ramos de árvores frondosas e salgueiros de ribeiras; e, por sete dias, vos alegrareis perante o Senhor , vosso Deus.
41 Wagguma waggaan ayyaana Waaqayyoo guyyaa torba ayyaaneffadhaa. Kunis dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu; jiʼa torbaffaattis isa ayyaaneffadhaa.
41 Celebrareis esta como festa ao Senhor , por sete dias cada ano; é estatuto perpétuo pelas vossas gerações; no mês sétimo, a celebrareis.
42 Bultii torba daasii keessa turaa; dhalataan Israaʼel hundinuu daasii keessa haa turu;
42 Sete dias habitareis em tendas de ramos; todos os naturais de Israel habitarão em tendas,
43 ijoolleen keessanis akkasiin akka ani yeroo biyya Gibxiitii Israaʼeloota baasetti daasii keessa isaan turse ni beeku. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.’ ”
43 para que saibam as vossas gerações que eu fiz habitar os filhos de Israel em tendas, quando os tirei da terra do Egito. Eu sou o Senhor , vosso Deus.
44 Museenis ayyaanota Waaqayyoo murtaaʼoo Israaʼelootatti labse.
44 Assim, declarou Moisés as festas fixas do Senhor aos filhos de Israel.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Levítico 23, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.