Levítico 19

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARA

Sair da comparação
ARA Almeida Revista e Atualizada 1993
1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
1 Disse o Senhor a Moisés:
2 “Akkana jedhii waldaa saba Israaʼel hundatti himi; ‘Ani Waaqayyo Waaqni keessan qulqulluudhaatii isinis qulqulloota taʼaa.
2 Fala a toda a congregação dos filhos de Israel e dize-lhes: Santos sereis, porque eu, o Senhor , vosso Deus, sou santo.
3 “ ‘Tokkoon tokkoon keessan haadha keessanii fi abbaa keessaniif ulfina kennaa; Sanbatoota koos eegaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
3 Cada um respeitará a sua mãe e o seu pai e guardará os meus sábados. Eu sou o Senhor , vosso Deus.
4 “ ‘Gara waaqota tolfamootti hin deebiʼinaa yookaan sibiila baqfame irraa ofii keessaniif waaqota hin tolfatinaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
4 Não vos virareis para os ídolos, nem vos fareis deuses de fundição. Eu sou o Senhor , vosso Deus.
5 “ ‘Yommuu aarsaa nagaa Waaqayyoof dhiʼeessitanitti akka aarsaan keessan fudhatama isiniif argatu godhaatii dhiʼeessaa.
5 Quando oferecerdes sacrifício pacífico ao Senhor , oferecê-lo-eis para que sejais aceitos.
6 Aarsaan isin dhiʼeessitanis guyyuma sana yookaan guyyaa itti aanu haa nyaatamu; garuu wanni hafee hamma guyyaa sadaffaatti ture haa gubamu.
6 No dia em que o oferecerdes e no dia seguinte, se comerá; mas o que sobejar, ao terceiro dia, será queimado.
7 Waan kana keessaa tokko iyyuu yoo guyyaa sadaffaatti nyaatame xuraaʼaa dha; fudhatamas hin argatu.
7 Se alguma coisa dele for comida ao terceiro dia, é abominação; não será aceita.
8 Namni waan sana nyaatu sababii waan Waaqayyoon qulqulleeffame xureesseef itti gaafatama; namichi sun saba isaa keessaa haa balleeffamu.
8 Qualquer que o comer levará a sua iniquidade, porquanto profanou coisa santa do Senhor ; por isso, será eliminado do seu povo.
9 “ ‘Yommuu oomisha lafa keessanii walitti qabattanitti hamma daariitti hin haaminaa; qarmii isaa illee hin funaannatinaa.
9 Quando também segares a messe da tua terra, o canto do teu campo não segarás totalmente, nem as espigas caídas colherás da tua messe.
10 Qarmii iddoo dhaabaa wayinii keetii hin funaanin yookaan ija wayinii keetii kan harcaʼe hin funaanin. Hiyyeeyyii fi alagootaaf dhiisaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
10 Não rebuscarás a tua vinha, nem colherás os bagos caídos da tua vinha; deixá-los-ás ao pobre e ao estrangeiro. Eu sou o Senhor , vosso Deus.
11 “ ‘Hin hatinaa.
11 Não furtareis, nem mentireis, nem usareis de falsidade cada um com o seu próximo;
12 “ ‘Sobaan maqaa kootiin hin kakatinaa; akkasiinis maqaa Waaqa keessanii hin xureessinaa. Ani Waaqayyo.
12 nem jurareis falso pelo meu nome, pois profanaríeis o nome do vosso Deus. Eu sou o Senhor .
13 “ ‘Ollaa kee gowwoomsitee waa irraa hin fudhatin yookaan hin saamin.
13 Não oprimirás o teu próximo, nem o roubarás; a paga do jornaleiro não ficará contigo até pela manhã.
14 “ ‘Nama gurra duudaa hin abaarin yookaan nama jaamaa dura gufuu hin kaaʼin; garuu Waaqa kee sodaadhu. Ani Waaqayyo.
14 Não amaldiçoarás o surdo, nem porás tropeço diante do cego; mas temerás o teu Deus. Eu sou o Senhor .
15 “ ‘Murtii hin jalʼisinaa; nama wal caalchisuudhaan gara hiyyeessaa hin gorinaa; nama guddaafis hin looginaa; ollaa keetiif garuu murtii qajeelaa kenni.
15 Não farás injustiça no juízo, nem favorecendo o pobre, nem comprazendo ao grande; com justiça julgarás o teu próximo.
16 “ ‘Saba kee gidduutti hamii hin facaasin.
16 Não andarás como mexeriqueiro entre o teu povo; não atentarás contra a vida do teu próximo. Eu sou o Senhor .
17 “ ‘Garaa keetti obboleessa kee hin jibbin; akka cubbuu isaa keessatti qooda hin qabaanneef ollaa kee ifaan ifatti itti dheekkami.
17 Não aborrecerás teu irmão no teu íntimo; mas repreenderás o teu próximo e, por causa dele, não levarás sobre ti pecado.
18 “ ‘Saba kee keessaa nama tokkotti iyyuu haaloo hin baʼin yookaan haaloo itti hin qabatin; ollaa kee garuu akkuma ofii keetiitti jaalladhu. Ani Waaqayyo.
18 Não te vingarás, nem guardarás ira contra os filhos do teu povo; mas amarás o teu próximo como a ti mesmo. Eu sou o Senhor .
19 “ ‘Sirna koo eegaa.
19 Guardarás os meus estatutos; não permitirás que os teus animais se ajuntem com os de espécie diversa; no teu campo, não semearás semente de duas espécies; nem usarás roupa de dois estofos misturados.
20 “ ‘Namni garbittii nama biraaf kaadhimamte kan hin furamin yookaan bilisummaan ishee hin kennaminiif wajjin yoo wal bira gaʼe isaan adabamuu qabu; taʼus waan dubartiin sun hin bilisoominiif isaan hin ajjeefamin.
20 Se alguém se deitar com uma mulher, se for escrava desposada com outro homem e não for resgatada, nem se lhe houver dado liberdade, então, serão açoitados; não serão mortos, pois não foi libertada.
21 Namichi sun garuu korbeessa hoolaa tokko aarsaa yakkaatiif gara balbala dunkaana wal gaʼiitti Waaqayyoof haa fidu.
21 O homem, como oferta pela sua culpa, trará um carneiro ao Senhor , à porta da tenda da congregação.
22 Lubichis korbeessa hoolaa aarsaa yakkaa sanaan cubbuu namichi hojjete sanaaf fuula Waaqayyoo duratti araara haa buusu; cubbuun namichaas ni dhiifamaaf.
22 Com o carneiro da oferta pela culpa, o sacerdote fará expiação, por ele, perante o Senhor , pelo pecado que cometeu, e ser-lhe-á perdoado o pecado que cometeu.
23 “ ‘Isin yommuu biyyattiitti galtanii muka ija kennu kan gosa hundaa dhaabdanitti, akka waan iji isaa dhowwameetti fudhadhaa. Isin akka waan iji sun hamma waggaa sadiitti dhowwameetti ilaalaa; iji sun hin nyaatamin.
23 Quando entrardes na terra e plantardes toda sorte de árvore de comer, ser-vos-á vedado o seu fruto; três anos vos será vedado; dele não se comerá.
24 Waggaa afuraffaatti immoo iji isaa hundinuu ni qulqullaaʼa; Waaqayyoofis aarsaa galataa taʼa.
24 Porém, no quarto ano, todo o seu fruto será santo, será oferta de louvores ao Senhor .
25 Waggaa shanaffaatti garuu ija isaa nyaachuu dandeessu. Haala kanaan oomishni keessan ni guddata. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
25 No quinto ano, comereis fruto dela para que vos faça aumentar a sua produção. Eu sou o Senhor , vosso Deus.
26 “ ‘Utuu dhiigni keessa jiruu foon kam iyyuu hin nyaatinaa.
26 Não comereis coisa alguma com sangue; não agourareis, nem adivinhareis.
27 “ ‘Rifeensa mataa keessanii naannessitanii hin haaddatinaa yookaan qarqara areeda keessaniis hin murmuratinaa.
27 Não cortareis o cabelo em redondo, nem danificareis as extremidades da barba.
28 “ ‘Nama duʼeef jettanii dhagna keessan hin mammadeessinaa yookaan mallattoo tumaa tokko illee of irratti hin tolfatinaa. Ani Waaqayyo.
28 Pelos mortos não ferireis a vossa carne; nem fareis marca nenhuma sobre vós. Eu sou o Senhor .
29 “ ‘Akka lafti halalummaatti deebitee hamminaan hin guutamneef intala kee akka isheen ejjitu gochuudhaan ishee hin salphisin.
29 Não contaminarás a tua filha, fazendo-a prostituir-se; para que a terra não se prostitua, nem se encha de maldade.
30 “ ‘Sanbatoota koo eegaa; iddoo qulqulluu koos kabajaa. Ani Waaqayyo.
30 Guardareis os meus sábados e reverenciareis o meu santuário. Eu sou o Senhor .
31 “ ‘Isin akka hin xuroofneef ilaaltota bira hin deeminaa yookaan warra ekeraa dubbisan hin barbaadinaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
31 Não vos voltareis para os necromantes, nem para os adivinhos; não os procureis para serdes contaminados por eles. Eu sou o Senhor , vosso Deus.
32 “ ‘Warra dulloomaniif kaʼi; jaarsaaf ulfina kenni; Waaqa kee sodaadhu. Ani Waaqayyo.
32 Diante das cãs te levantarás, e honrarás a presença do ancião, e temerás o teu Deus. Eu sou o Senhor .
33 “ ‘Yoo alagaan biyya keessan keessa isin wajjin jiraate isa hin cunqursinaa.
33 Se o estrangeiro peregrinar na vossa terra, não o oprimireis.
34 Alagaan isin gidduu jiraatu sun akka dhalataa biyya keessaniitti haa ilaalamu. Akka ofii keessaniitti isa jaalladhaa; isinis biyya Gibxitti alagoota turtaniitii. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
34 Como o natural, será entre vós o estrangeiro que peregrina convosco; amá-lo-eis como a vós mesmos, pois estrangeiros fostes na terra do Egito. Eu sou o Senhor , vosso Deus.
35 “ ‘Isin yommuu dheerina, ulfinaa fi baayʼina wayii safartanitti madaalii gowwoomsaatti hin fayyadaminaa.
35 Não cometereis injustiça no juízo, nem na vara, nem no peso, nem na medida.
36 Safartuu fi madaalii dhugaatti, iifii fi iinii dhugaatti fayyadamaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan kan biyya Gibxii baasee isin fidee dha.
36 Balanças justas, pesos justos, efa justo e justo him tereis. Eu sou o Senhor , vosso Deus, que vos tirei da terra do Egito.
37 “ ‘Ajajaa fi seera koo hunda eegaatii duukaa buʼaa. Ani Waaqayyo.’ ”
37 Guardareis todos os meus estatutos e todos os meus juízos e os cumprireis. Eu sou o Senhor .

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Levítico 19, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.