Levítico 18
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC
1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
1 O Senhor disse a Moisés:
2 “Akkana jedhii Israaʼelootatti himi; ‘Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
2 "Dize aos israelitas o seguinte: eu sou o Senhor, vosso Deus.
3 Isin waan isaan biyya Gibxi, biyya isin keessa jiraachaa turtan sana keessatti hojjetan hin hojjetinaa; waan biyya Kanaʼaan, biyya ani itti isin galchuuf jiru keessatti hojjetamus hin hojjetinaa. Seera isaanii duukaa hin buʼinaa.
3 Não procedereis conforme os costumes do Egito onde habitastes, ou de Canaã aonde vos conduzi: não seguireis seus costumes.
4 Isin seera kootiif ajajamaa; ajaja koos sirriitti eegaa; ani Waaqayyo Waaqa keessanii dha.
4 Praticareis meus preceitos e observareis minhas leis, e a elas obedecereis. Eu sou o Senhor, vosso Deus.
5 Ajaja koo fi seera koo eegaa; namni isaaniif ajajamu isaaniin jiraataatii; ani Waaqayyo.
5 Observareis meus preceitos e minhas leis: o homem que o observar viverá por eles. Eu sou o Senhor.
6 “ ‘Namni kam iyyuu fira dhiigaa kam iyyuu wajjin wal bira gaʼuuf itti hin dhiʼaatin; ani Waaqayyo.
6 Nenhum de vós se achegará àquela que lhe é próxima por sangue, para descobrir sua nudez. Eu sou o Senhor.
7 “ ‘Haadha kee wajjin wal bira gaʼuudhaan abbaa kee hin salphisin; isheen haadha kee ti; ishee wajjin wal bira hin gaʼin.
7 Não descobrirás a nudez de teu pai, nem a de tua mãe. Ela é tua mãe: não descobrirás a sua nudez.
8 “ ‘Niitii abbaa keetii wajjin wal bira hin gaʼin; wanni kun abbaa kee salphisa.
8 Não descobrirás a nudez da mulher de teu pai: é a nudez de teu pai.
9 “ ‘Isheen manuma keettis taʼu yookaan alatti dhalattu illee obboleettii kee, intala abbaa keetii yookaan haadha keetii wajjin wal bira hin gaʼin.
9 Nem a de tua irmã, filha de teu pai ou de tua mãe, nascida na casa ou fora dela.
10 “ ‘Intala ilma keetii yookaan intala intala keetii wajjin wal bira hin gaʼin; wanni kun si salphisa.
10 Não descobrirás a nudez da filha de teu filho ou da filha de tua filha, porque é tua nudez.
11 “ ‘Intala niitii abbaa keetii kan abbaa keetiif dhalatte wajjin wal bira hin gaʼin; isheen obboleettii kee ti.
11 Nem a da filha da mulher de teu pai, nascida de teu pai: é tua irmã.
12 “ ‘Obboleettii abbaa keetii wajjin wal bira hin gaʼin; isheen abbaa keetiif fira dhiigaa ti.
12 Não descobrirás a nudez da irmã de teu pai: ela é da mesma carne que teu pai.
13 “ ‘Obboleettii haadha keetii wajjin wal bira hin gaʼin; isheen haadha keetiif fira dhiigaa ti.
13 Nem a da irmã de tua mãe; porque ela é da mesma carne que tua mãe.
14 “ ‘Wal bira gaʼuuf jettee niitii obboleessa abbaa keetiitti dhiʼaattee isa hin salphisin; isheen niitii obboleessa abbaa keetii ti.
14 Não descobrirás a nudez do irmão de teu pai, aproximando-te de sua mulher: é tua tia.
15 “ ‘Niitii ilma keetii wajjin wal bira hin gaʼin. Isheen niitii ilma keetii ti; ishee wajjin wal bira hin gaʼin.
15 Não descobrirás a nudez de tua nora: é a mulher de teu filho. Não descobrirás, pois, a sua nudez.
16 “ ‘Niitii obboleessa keetii wajjin wal bira hin gaʼin; wanni sun obboleessa kee salphisa.
16 Nem a da mulher de teu irmão: é a nudez de teu irmão.
17 “ ‘Dubartii tokkoo fi intala ishee wajjin wal bira hin gaʼin. Intala ilma dubartii sanaa yookaan intala intala ishee wajjin wal bira hin gaʼin; isaan isheedhaaf fira dhiigaa ti; wanni kun jalʼina.
17 Não descobrirás a nudez de uma mulher e de sua filha, e não tomarás a filha de seu filho, nem a filha de sua filha, para descobrir a sua nudez: elas são tuas próximas parentas, e isso seria um crime.
18 “ ‘Utuu niitiin kee lubbuudhaan jirtuu obboleettii ishee masaanuu ishee gootee hin fuudhin; ishee wajjinis wal bira hin gaʼin.
18 Não tomarás a irmã de tua mulher, de modo que lhe seja um rival, descobrindo a sua nudez com a de tua mulher durante a sua vida.
19 “ ‘Yeroo dubartiin tokko xuraaʼummaa xurii jiʼaa of irraa qabdutti, bira gaʼuudhaaf jettee isheetti hin dhiʼaatin.
19 Não te achegarás a uma mulher durante a sua menstruação para descobrir a sua nudez.
20 “ ‘Niitii namaa wajjin wal bira geessee isheedhaan of hin xureessin.
20 Não terás comércio com a mulher de teu próximo: contaminar-te-ias com ela.
21 “ ‘Ijoollee kee keessaa tokko illee akka Moolekiif aarsaa taʼaniif hin kennin; ati maqaa Waaqa keetii hin xureessin. Ani Waaqayyo.
21 Não darás nenhum de teus filhos para ser sacrificado a Moloc; e não profanarás o nome de teu Deus. Eu sou o Senhor.
22 “ ‘Akka namni dubartii wajjin ciisu ati dhiira wajjin hin ciisin; wanni kun hojii jibbisiisaa dha.
22 Não te deitarás com um homem, como se fosse mulher: isso é uma abominação.
23 “ ‘Horii kam iyyuu wajjin wal bira geessee of hin xureessin; dubartiin horii wajjin wal bira gaʼuuf ofii ishee itti hin kennin; kun waan karaa irraa goree dha.
23 Não terás comércio com um animal, para te contaminares com ele. Uma mulher não se prostituirá a um animal: isso é uma abominação.
24 “ ‘Sababii namoonni ani ariʼee isin duraa baasuuf jiru kunneen haala kanaan xuraaʼaniif isin karaa kanneen keessaa kamiin iyyuu of hin xureessinaa.
24 Não vos contamineis com nenhuma dessas coisas, porque é assim que se contaminaram as nações que vou expulsar diante de vós.
25 Lafti iyyuu xuroofteerti; kanaafuu ani sababii cubbuu isheetiifan ishee adabe; laftis jiraattota ishee ni tufti.
25 A terra está contaminada; punirei suas iniqüidades e a terra vomitará seus habitantes.
26 Isin garuu ajaja koo fi seera koo eegaa. Dhalataan biyyaatii fi alagoonni isin gidduu jiraatanis waan jibbisiisaa kana keessaa kam iyyuu hin hojjetin.
26 Vós, porém, observareis minhas leis e minhas ordens, e não cometereis nenhuma dessas abominações, tanto o aborígine como o estrangeiro que habita no meio de vós,
27 Namoonni isiniin dura biyya sana keessa jiraatanis waan kana hunda hojjetanii akkasiin biyyattiin xuroofte.
27 porque todas essas abominações cometeram os habitantes da terra que vos precederam, e a terra está contaminada.
28 Isinis lafa kana yoo xureessitan, lafti akkuma saboota isin dura turan tufte sana isiniin illee ni tufti.
28 Desse modo a terra não vos vomitará por havê-la contaminado, como vomitou os povos que a habitaram antes de vós.
29 “ ‘Namni wantoota jibbisiisoo kanneen keessaa tokko illee hojjetu kam iyyuu saba isaa keessaa haa balleeffamu.
29 Todos aqueles, com efeito, que cometerem qualquer dessas abominações, serão cortados do meio de seu povo.
30 Ajaja koo eegaa; barteewwan jibbisiisoo isin dura hojjetamaa turan sana keessaa tokko illee duukaa buutanii ittiin of hin xureessinaa; ani Waaqayyo Waaqa keessan.’ ”
30 Guardareis, pois, os meus mandamentos, e não seguireis nenhum dos costumes abomináveis que se praticavam antes de vós, e não vos contaminareis por eles. Eu sou o Senhor, vosso Deus."
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Levítico 18, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.