Levítico 11

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH

Sair da comparação
NTLH Nova Tradução na Linguagem de Hoje 2000
1 Waaqayyos Musee fi Arooniin akkana jedhe;
1 O Senhor Deus deu a Moisés e a Arão
2 “Israaʼelootaan akkana jedhaa: ‘Bineensota lafa irra jiraatan hunda keessaa kanneen isin nyaachuu dandeessan isaan kanaa dha:
2 as seguintes leis para os israelitas: Vocês poderão comer a carne de qualquer animal
3 Bineensa kotteen isaa guutumaan guutuutti baqaqaa taʼe kan alala guuru kam iyyuu nyaachuu dandeessu.
3 que tem casco dividido e que rumina. Mas não poderão comer camelos, coelhos selvagens ou lebres, pois esses animais ruminam, mas não têm casco dividido. Para vocês esses animais são impuros .
4 “ ‘Kanneen alala qofa guuran yookaan kotteen isaanii qofti baqaqaa taʼe garuu nyaachuu hin qabdan. Gaalli yoo alala guure iyyuu kottee baqaqaa hin qabu; inni isiniif qulqulluu miti.
4 — ausente —
5 Osoleen yoo alala guurte iyyuu kottee baqaqaa hin qabdu; isheen isiniif qulqulluu miti.
5 — ausente —
6 Illeettiin yoo alala guurte iyyuu kottee baqaqaa hin qabdu; isheen isiniif qulqulluu miti.
6 — ausente —
7 Booyyeen yoo kottee baqaqaa qabaate iyyuu alala hin guuru; inni isiniif qulqulluu miti.
7 É proibido comer carne de porco. Para vocês o porco é impuro, pois tem o casco dividido, mas não rumina.
8 Isin foon isaanii nyaachuu yookaan raqa isaanii tuquu hin qabdan; isaan isiniif qulqulluu miti.
8 Não comam nenhum desses animais, nem mesmo toquem neles quando estiverem mortos. Todos eles são impuros.
9 “ ‘Uumamawwan bishaan galaanotaa fi bishaan lageenii keessa jiraatan hunda keessaa kanneen qoochoo fi qola qaban kam iyyuu nyaachuu dandeessu.
9 Vocês poderão comer qualquer peixe que tem barbatanas e escamas,
10 Garuu uumamawwan galaanotaa fi lageen keessa jiraatan kanneen qoochoo fi qola hin qabne hundi, uumamawwan bishaan keessa munyuuqan hundi yookaan kanneen bishaan keessa jiraatan hundi isiniif xuraaʼoo haa taʼan.
10 mas não poderão comer os animais que vivem na água e que não têm barbatanas nem escamas. Esses animais são impuros para vocês;
11 Isaan isin duratti xuraaʼoo waan taʼaniif foon isaanii hin nyaatinaa; raqni isaaniis xuraaʼaa haa taʼu.
11 não comam nenhum deles e, mesmo quando eles estiverem mortos, não toquem neles.
12 Wanni bishaan keessa jiraatu kan qoochoo fi qola hin qabne kam iyyuu isiniif xuraaʼaa haa taʼu.
12 Qualquer animal que vive na água e que não tem barbatanas nem escamas é impuro.
13 “ ‘Isaan kunneen simbirroota isin jibbuu qabdanii dha; hin nyaataman; isaan xuraaʼoo dha: risaa, rumicha, rumicha gurraacha,
13 Também são impuras as seguintes aves : águias, urubus, águias-marinhas,
14 culullee, culullee gurraacha gosa garaa garaa,
14 açores, falcões,
15 arraagessa gosa garaa garaa,
15 corvos,
16 guchii, urunguu, allaattii bishaanii, coroffee gosa garaa garaa,
16 avestruzes, corujas, gaivotas, gaviões,
17 urunguu xinnaa, daakiyyee, urunguu guddaa,
17 mochos, corvos-marinhos, íbis,
18 urunguu adii, urunguu gammoojjii, allaattii raqaa,
18 gralhas, pelicanos, abutres,
19 huummoo, huummoo gosa kamii iyyuu, haadha gaayyee, simbira halkanii.
19 cegonhas, garças e poupas; e também morcegos.
20 “ ‘Ilbiisonni barrisan kanneen miilla afraniinuu deeman hundi isiniif xuraaʼoo haa taʼani.
20 É impuro todo inseto que anda e que voa;
21 Taʼus ilbiisonni barrisan kanneen miilla afraniinuu deeman keessaa tokko tokko nyaachuu ni dandeessu; isaanis warra ittiin lafa irra utaaluuf miilla dadachaʼu qabanii dha.
21 mas vocês poderão comer os insetos que têm pernas e que saltam.
22 Isaan keessaas hawwaannisa gosa garaa garaa, hawwaannisa magariisa garaa garaa, farda waaqaa garaa garaa fi korophisa garaa garaa nyaachuu dandeessu.
22 Poderão comer toda espécie de gafanhotos e grilos.
23 Garuu ilbiisota barrisan kanneen miilla afur qaban biraa hundi isiniif xuraaʼoo haa taʼan.
23 Mas todos os outros insetos que andam e que voam são impuros.
24 “ ‘Isin wantoota kanneeniin of xureessitu; namni raqa isaanii tuqu kam iyyuu hamma galgalaatti xuraaʼaa dha.
24 — ausente —
25 Namni reeffa isaanii tokko illee lafaa fuudhu kam iyyuu uffata isaa miiccachuu qaba; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
25 — ausente —
26 “ ‘Bineensi kottee baqaqaa qabu kan kotteen isaa guutumaan guutuutti gargar hin qoodamin yookaan alala hin guurre kam iyyuu isiniif xuraaʼaa dha; namni raqa isaanii tuqu kam iyyuus xuraaʼaa taʼa.
26 — ausente —
27 Bineensota miilla afuriin deeman hunda keessaa kanneen faanaan ejjetan isiniif xuraaʼoo dha; namni raqa isaanii tuqu kam iyyuus hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
27 — ausente —
28 Namni raqa isaanii lafaa fuudhu kam iyyuu uffata isaa miiccachuu qaba; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. Isaanis isiniif xuraaʼoo dha.
28 — ausente —
29 “ ‘Uumamawwan lafa irra munyuuqan keessaa isaan kunneen isiniif xuraaʼoo dha; isaanis: tuqaa, hantuuta, loccuu gurguddaa gosa gosaa,
29 — ausente —
30 loccuu cirrachaa, naacha, qarcoo, qarcabboo fi gaararraa dha.
30 — ausente —
31 Uumamawwan lafa irra munyuuqan keessaa isaan kunneen isiniif xuraaʼoo dha; namni raqa isaanii tuqus hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
31 Ficará impuro até o pôr do sol quem tocar nesses animais depois de mortos.
32 Uumamawwan sana keessaa tokko yoo duʼee miʼa wayii irra buʼe, miʼi sun faayidaan isaa waan fedhe iyyuu taʼu, inni muka irraa, huccuu irraa, gogaa irraa yookaan keeshaa irraa hojjetamu illee miʼi sun xuraaʼaa taʼa; miʼa sana bishaan keessa buusaa. Innis hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼee ergasii immoo qulqulluu taʼa.
32 E, se o corpo de qualquer um desses animais cair em cima de alguma coisa, essa coisa ficará impura. Isso inclui qualquer objeto de madeira, tecido, couro ou saco, ou qualquer outra coisa. Para purificar esse objeto, será preciso colocá-lo na água, mas ele ficará impuro até o pôr do sol.
33 Isaan keessaa tokko okkotee keessa yoo buʼe, wanni okkotee sana keessa jiru hundi xuraaʼaa taʼa; isinis okkotee sana cabsuu qabdu.
33 E, se o corpo de um desses animais cair num pote de barro, tudo o que estiver dentro do pote se tornará impuro; será preciso quebrar o pote.
34 Nyaanni nyaatamuu dandaʼu kan garuu bishaan okkotee akkasii keessaa itti naqame kam iyyuu xuraaʼaa dha; dhugaatiin okkotee sana keessaa dhugamuu dandaʼu kam iyyuus xuraaʼaa dha.
34 E, se a água daquele pote cair em cima de qualquer comida, essa comida ficará impura. E qualquer líquido que estiver no pote ficará impuro também.
35 Wanni raqa uumamawwan kanaa keessaa tokko iyyuu irra buʼu kam iyyuu xuraaʼaa taʼa; eeleen yookaan okkoteen waa itti bilcheessan cabsamuu qaba. Isaan xuraaʼoo dha; isinis akka miʼa xuraaʼaatti isaan ilaalaa.
35 Se o corpo de um desses animais cair sobre alguma coisa, ela ficará impura. Se for um forno ou um fogão de barro, então ele se tornará impuro e deverá ser quebrado;
36 Burqaan yookaan boolli bishaan itti kuufamu immoo qulqulluu taʼee tura; garuu namni raqa kana keessaa tokko illee tuqu xuraaʼaa dha.
36 se for uma fonte ou uma caixa de água, a água ali dentro continuará pura, mas quem tocar no corpo ficará impuro.
37 Raqni tokko sanyii facaafamuuf jiru irra yoo buʼe sanyiin sun qulqulluu taʼee hafa.
37 Se o corpo de um desses animais cair em cima de sementes que vão ser plantadas, elas continuarão puras ;
38 Garuu sanyii sana irratti bishaan naqamee raqni wayii yoo irra buʼe sanyiin sun isiniif xuraaʼaa dha.
38 mas, se as sementes estiverem de molho na água, e o corpo cair na água, então elas se tornarão impuras.
39 “ ‘Horiin akka isin nyaattaniif isiniif eeyyamame tokko yoo duʼe, namni raqa isaa tuqe kam iyyuu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
39 Se um animal que se pode comer tiver morte natural, a pessoa que tocar no corpo ficará impura até o pôr do sol.
40 Namni raqa sana irraa waa nyaatu wayyaa isaa miiccachuu qaba; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. Namni raqa sana lafaa fuudhe wayyaa isaa miiccadhuu qaba; innis hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
40 E, se alguém comer a carne desse animal, deverá lavar a roupa que estiver vestindo e ficará impuro até o pôr do sol; e, se alguém carregar o corpo do animal, precisará lavar a roupa e ficará impuro até o pôr do sol.
41 “ ‘Uumamni lafa irra munyuuqu kam iyyuu xuraaʼaa dha; nyaatamuus hin qabu.
41 É proibido comer qualquer animal que se arrasta pelo chão; esses animais são impuros.
42 Uumama lafa irra looʼu kan garaadhaan lafa irra looʼu yookaan miilla afuriin yookaan miilla hedduun deemu kam iyyuu hin nyaatinaa; inni xuraaʼaa dha.
42 É proibido comer qualquer um deles, tanto aqueles que se arrastam como aqueles que andam com quatro patas ou mais.
43 Uumamawwan kanneen keessaa tokkoon iyyuu of hin xureessinaa. Isin akka xuraaʼoo hin taaneef isaaniin of hin xureessinaa.
43 Não fiquem impuros e nojentos por comerem qualquer um desses animais.
44 Ani Waaqayyo Waaqa keessanii dha; waan ani qulqulluu taʼeef isinis of qulqulleessaatii qulqulloota taʼaa. Uumama lafa irra munyuuqu kamiin iyyuu of hin xureessinaa.
44 Eu sou o Senhor . Dediquem-se a mim, o Deus de vocês, e sejam completamente fiéis a mim, pois eu sou santo. Não fiquem impuros por causa de qualquer animal que se arrasta pelo chão.
45 Ani Waaqayyo kan Waaqa keessan taʼuuf jedhee biyya Gibxiitii isin baasee dha; kanaafuu ani qulqulluudhaatii isinis qulqulluu taʼaa.
45 Eu sou o Senhor , que os trouxe do Egito a fim de ser o Deus de vocês. Portanto, sejam santos , pois eu sou santo.
46 “ ‘Seerri waaʼee horii, simbirroo, lubbuu qabeeyyii bishaan keessa munyuuqan hundaa fi uumama lafa irra munyuuqu hundaa kanaa dha.
46 São essas as leis a respeito dos animais e das aves, de todos os animais que vivem na água e de todos os animais que se arrastam pelo chão.
47 Isin waan xuraaʼaa fi waan qulqulluu, uumama nyaatamuu fi kan hin nyaatamne addaan baaftanii beekuu qabdu.’ ”
47 Elas mostram a diferença entre o que é puro e o que é impuro, entre os animais que podem ser comidos e os que não podem ser comidos.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Levítico 11, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.