Lucas 7

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH

Sair da comparação
NTLH Nova Tradução na Linguagem de Hoje 2000
1 Yesuus yeroo waan kana hundumaa namoota isa dhaggeeffachaa turanitti himee fixatetti, Qifirnaahom seene.
1 Quando Jesus acabou de dizer essas coisas ao povo, foi para a cidade de Cafarnaum.
2 Achis tajaajilaan ajajaa dhibbaa kan gooftaan isaa akka malee isa jaallatu tokko dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture.
2 Havia ali um oficial romano que tinha um empregado a quem estimava muito. O empregado estava gravemente doente, quase morto.
3 Ajajaan dhibbaa sunis waaʼee Yesuus dhagaʼee akka inni dhufee garbicha isaa fayyisuuf maanguddoota Yihuudootaa isatti ergee kadhate.
3 Quando o oficial ouviu falar de Jesus, enviou alguns líderes judeus para pedirem a ele que viesse curar o seu empregado.
4 Isaanis yommuu gara Yesuus dhufanitti akkana jedhanii jabeessanii isa kadhatan; “Ati waan kana isaaf gochuun namicha kanaaf ni mala;
4 Eles foram falar com Jesus e lhe pediram com insistência: — Esse homem merece, de fato, a sua ajuda,
5 inni saba keenya ni jaallataatii; mana sagadaas nuuf ijaareera.”
5 pois estima muito o nosso povo e até construiu uma sinagoga para nós.
6 Kanaafuu Yesuus isaan wajjin deeme.
6 Então Jesus foi com eles. Porém, quando já estava perto da casa, o oficial romano mandou alguns amigos dizerem a Jesus: — Senhor, não se incomode, pois eu não mereço que entre na minha casa.
7 Sababiin ani ofii koo akka nama gara kee dhufuun maluufitti hin ilaaliniif iyyuu kanuma. Garuu dubbicha qofa dubbadhu; tajaajilaan koo ni fayyaatii.
7 E acho também que não mereço a honra de falar pessoalmente com o senhor. Dê somente uma ordem, e o meu empregado ficará bom.
8 Ani mataan koo iyyuu nama taayitaa jala jiruu dha; loltootas of jalaa qaba. Isa tokkoon, ‘Deemi’ nan jedha; innis ni deema; isa kaaniin immoo, ‘Kottu’ nan jedha; innis ni dhufa. Tajaajilaa kootiinis, ‘Waan kana hojjedhu’ nan jedha; innis ni hojjeta.”
8 Eu também estou debaixo da autoridade de oficiais superiores e tenho soldados que obedecem às minhas ordens. Digo para um: “Vá lá”, e ele vai. Digo para outro: “Venha cá”, e ele vem. E digo também para o meu empregado: “Faça isto”, e ele faz.
9 Yesuus yommuu waan kana dhagaʼetti isa dinqifate; namoota isa duukaa buʼaa turanittis garagalee, “Ani isinittin hima; ani amantii guddaa akkanaa Israaʼel keessatti iyyuu hin arganne” jedhe.
9 Jesus ficou muito admirado quando ouviu isso. Então virou-se e disse para a multidão que o seguia:
10 Yommuu namoonni ergamanii turan manatti deebiʼanitti garbichi sun fayyee isaan eege.
10 Aí os amigos do oficial voltaram para a casa dele e encontraram o empregado curado.
11 Yesuus ergasii magaalaa Naayin jedhamtu tokko dhaqe; barattoonni isaatii fi namoonni baayʼeenis isa wajjin dhaqan.
11 Pouco tempo depois Jesus foi para uma cidade chamada Naim. Os seus discípulos e uma grande multidão foram com ele.
12 Yommuu inni karra magaalattiitti dhiʼaatetti jarri tokko nama duʼe tokko baatanii isatti dhufan; namichi duʼe sunis haadha isaatiif ilma tokkicha ture; haati isaas haadha hiyyeessaa turte. Namoonni magaalattii baayʼeenis ishee wajjin turan.
12 Quando ele estava chegando perto do portão da cidade, ia saindo um enterro. O defunto era filho único de uma viúva, e muita gente da cidade ia com ela.
13 Gooftaanis yommuu ishee argetti naʼeefii, “Hin booʼin” jedheen.
13 Quando o Senhor a viu, ficou com muita pena dela e disse:
14 Innis itti dhiʼaatee wasaasaa reeffa sanaa tuqe; warri reeffa baatanis ni dhaabatan. Innis, “Gurbayyoo, ani siin nan jedhaa, kaʼi!” jedheen.
14 Então ele chegou mais perto e tocou no caixão. E os que o estavam carregando pararam. Então Jesus disse:
15 Gurbaan duʼe sunis kaʼee taaʼee dubbachuu jalqabe; Yesuusis deebisee haadha isaatti isa kenne.
15 O moço sentou-se no caixão e começou a falar, e Jesus o entregou à mãe.
16 Hundi isaanii ni sodaatan; “Raajiin guddaan nu keessaa argameera. Waaqnis saba isaa gargaaruuf dhufeera” jedhanii Waaqaaf ulfina kennan.
16 Todos ficaram com muito medo e louvavam a Deus, dizendo: — Que grande
17 Oduun waaʼee Yesuus kunis Yihuudaa guutuu fi biyya naannoo sana jiru hundumaa keessa faffacaʼe.
17 Essas notícias a respeito de Jesus se espalharam por todo o país e pelas regiões vizinhas.
18 Barattoonni Yohannis waaʼee waan kana hundaa isatti himan. Yohannisis isaan keessaa nama lama ofitti waamee,
18 Os discípulos de João Batista contaram tudo isso a ele. Aí João chamou dois deles
19 “Inni dhufuuf jiru siʼi moo yookaan kan biraa eegganna?” jedhee gaafachuudhaaf Gooftaatti isaan erge.
19 e os enviou ao Senhor Jesus para perguntarem: “O senhor é aquele que ia chegar ou devemos esperar outro?”
20 Namoonni sunis yommuu gara Yesuus dhufanitti, “Yohannis cuuphaan, ‘Inni dhufuuf jiru sun siʼi moo yookaan kan biraa eegganna?’ jedhee gaafachuudhaaf sitti nu ergeera” jedhaniin.
20 Então eles foram até o lugar onde Jesus estava e disseram: — João Batista nos mandou perguntar o seguinte: o senhor é aquele que ia chegar ou devemos esperar outro?
21 Yesuusis yeruma sana namoota dhibee, dhukkubaa fi hafuura hamaa qaban hedduu fayyise; warra jaamaa turan baayʼeedhaafis agartuu deebise.
21 Naquele momento Jesus curou muitas pessoas das suas doenças e dos seus sofrimentos, expulsou espíritos maus e também curou muitos cegos.
22 Innis akkana jedhee ergamoota sanaaf deebii kenne; “Deebiʼaatii waan argitanii fi waan dhageessan Yohannisitti himaa; jaamonni ni argu; warri naafatan ni deemu; warri lamxaaʼan ni qulqullaaʼu; warri duudan ni dhagaʼu; warri duʼan ni kaʼu; hiyyeeyyiifis wangeelli ni lallabama.
22 Depois respondeu aos discípulos de João:
23 Namni natti hin gufanne kam iyyuu eebbifamaa dha.”
23 E felizes são as pessoas que não duvidam de mim!
24 Erga ergamoonni Yohannis baʼanii qajeelanii booddee Yesuus akkana jedhee waaʼee Yohannis namootatti himuu jalqabe; “Isin maal arguuf gammoojjiitti gad baatan? Shambaqqoo qilleensi raasu moo?
24 Quando os discípulos de João foram embora, Jesus começou a dizer ao povo o seguinte a respeito de João:
25 Yoos maal arguu baatan ree? Nama uffata miidhagaa uffate moo? Lakki, warri uffata miidhagaa uffatanii qananiidhaan jiraatan masaraawwan keessa jiru.
25 O que foram ver? Um homem bem-vestido? Ora, os que se vestem bem e vivem no luxo moram nos palácios!
26 Garuu isin maal arguu baatan? Raajii moo? Eeyyee; ani isinittin hima; kan raajii iyyuu caalu.
26 Então me digam: o que foram ver? Um
27 Kunis isa waaʼeen isaa akkana jedhamee barreeffamee dha:
27 Porque João é aquele a respeito de quem as
28 Ani isinittin hima; namoota dubartoota irraa dhalatan keessaa namni Yohannis cuuphaa caalu tokko iyyuu hin jiru; namni mootummaa Waaqaa keessatti nama hundumaa gad taʼe garuu isa ni caala.”
28 — Eu digo a vocês que de todos os homens que já nasceram João é o maior. Porém quem é o menor no
29 Namoonni hundi, qaraxxoonni iyyuu waan harka Yohannisitti cuuphamanii turaniif yommuu dubbii Yesuus dhagaʼanitti, karaan Waaqaa qajeelaa taʼuu isaa mirkaneessan.
29 Os cobradores de impostos e todo o povo ouviram isso. Eles eram aqueles que haviam obedecido às ordens justas de Deus e tinham sido batizados por João.
30 Fariisonnii fi beektonni seeraa garuu sababii harka Yohannisitti hin cuuphaminiif kaayyoo Waaqni isaaniif qabu fudhachuu didan.
30 Mas os fariseus e os mestres da Lei não quiseram ser batizados por João e assim rejeitaram o plano de Deus para eles.
31 Yesuus itti fufee akkana jedhe; “Yoos ani namoota dhaloota kanaa maaliinan wal fakkeessuu dandaʼa ree? Isaan maal fakkaatu?
31 E Jesus terminou, dizendo:
32 Isaan akkuma ijoollee iddoo gabaa taaʼanii wal waamanii akkana jedhanii ti:
32 Elas são como crianças sentadas na praça. Um grupo grita para o outro:
33 Yohannis cuuphaan yeroo dhufetti buddeena hin nyaatu, daadhii wayiniis hin dhugu tureetii; isin immoo, ‘Inni hafuura hamaa qaba’ jettu.
33 João Batista jejua e não bebe vinho, e vocês dizem: “Ele está dominado por um demônio.”
34 Ilmi Namaa nyaachaa, dhugaas dhufe; isin immoo, ‘Kunoo albaadhessaa fi machaaʼaa, michuu qaraxxootaatii fi cubbamootaa’ jettu.
34 O
35 Ogummaan garuu ijoollee ishee hundumaan mirkaneeffamti.”
35 Mas aqueles que aceitam a sabedoria de Deus mostram que ela é verdadeira.
36 Fariisota keessaa namichi tokko akka inni isa wajjin nyaatuuf Yesuusin affeere; innis mana Fariisichaa dhaqee maaddiitti dhiʼaate.
36 Um fariseu convidou Jesus para jantar. Jesus foi até a casa dele e sentou-se para comer.
37 Dubartiin cubbamtuun magaalaa sanaa tokkos yommuu akka Yesuus mana Fariisichaatti waa nyaachaa jiru bartetti bilqaaxxii albaasxiroositti shittoo qabattee dhufte.
37 Naquela cidade morava uma mulher de má fama. Ela soube que Jesus estava jantando na casa do fariseu. Então pegou um frasco feito de alabastro , cheio de perfume,
38 Isheenis booʼaa dugda isaa duubaan miilla isaa bira dhaabattee imimmaan isheetiin miilla isaa jiisuu jalqabde. Rifeensa mataa isheetiinis miilla isaa haqxee, dhungattees miilla isaa shittoo dibde.
38 e ficou aos pés de Jesus, por trás. Ela chorava e as suas lágrimas molhavam os pés dele. Então ela os enxugou com os seus próprios cabelos. Ela beijava os pés de Jesus e derramava o perfume neles.
39 Fariisichi isa affeere sunis waan kana argee, “Namichi kun utuu raajii taʼee, dubartiin isa tuqxu kun eenyu akka taate, nama akkamiis akka taate ni beeka ture; isheen cubbamtuudhaatii” jedhee garaa isaa keessatti yaade.
39 Quando o fariseu viu isso, pensou assim: “Se este homem fosse, de fato, um profeta , saberia quem é esta mulher que está tocando nele e a vida de pecado que ela leva.”
40 Yesuus immoo, “Yaa Simoon, ani waanan sitti himu tokko qaba” jedheen.
40 Jesus então disse ao fariseu: — Fale, Mestre! — respondeu Simão.
41 Yesuusis akkana jedheen; “Namoonni lama nama maallaqa liqeessu tokko irraa maallaqa liqeeffatan. Inni tokko diinaarii dhibba shan liqeeffate; kaan immoo diinaarii shantama liqeeffate.
41 Jesus disse:
42 Jarri lachuu waan isaaf kaffalan dhabnaan dhiiseef. Egaa jara lamaan keessaa kamtu caalaa isa jaallata?”
42 mas nenhum dos dois podia pagar ao homem que havia emprestado. Então ele perdoou a dívida de cada um. Qual deles vai estimá-lo mais?
43 Simoonis deebisee, “Isa liqiin guddaan dhiifameef sana natti fakkaata” jedheen.
43 — Eu acho que é aquele que foi mais perdoado! — respondeu Simão.
44 Innis gara dubartittiitti garagalee Simooniin akkana jedhe; “Dubartii kana argitaa? Ani mana kee nan dhufe. Ati bishaan miillaa illee naaf hin kennine; isheen garuu imimmaan isheetiin miilla koo dhiqxee rifeensa mataa isheetiin haqxe.
44 Então virou-se para a mulher e disse a Simão:
45 Ati na hin dhunganne; dubartiin kun garuu yeroo ani ol seenee jalqabdee miilla koo dhungachuu hin dhiifne.
45 Você não me beijou quando cheguei; ela, porém, não para de beijar os meus pés desde que entrei.
46 Ati Zayitii iyyuu mataa koo hin dibne; isheen garuu miilla koo shittoo dibde.
46 Você não pôs azeite perfumado na minha cabeça , porém ela derramou perfume nos meus pés.
47 Kanaafuu ani sittin hima; sababii jaalalli ishee guddaa taʼeef cubbuun ishee baayʼeen sun isheef dhiifameera. Kan xinnoon dhiifameef garuu jaalalli isaa xinnoo dha.”
47 Eu afirmo a você, então, que o grande amor que ela mostrou prova que os seus muitos pecados já foram perdoados. Mas onde pouco é perdoado, pouco amor é mostrado.
48 Yesuusis dubartittiidhaan, “Cubbuun kee siif dhiifameera” jedhe.
48 Então Jesus disse à mulher:
49 Warri isa wajjin maaddiitti dhiʼaatanii turanis, “Namni cubbuu iyyuu namaa dhiisu kun eenyu?” jedhanii garaa isaaniitti yaaduu jalqaban.
49 Os que estavam sentados à mesa começaram a perguntar: — Que homem é esse que até perdoa pecados?
50 Yesuusis dubartittiidhaan, “Amantiin kee si fayyiseera; nagaan deemi” jedhe.
50 Mas Jesus disse à mulher:

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Lucas 7, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.